سورة المزمل بالأورومية
Yaa mammarataa |
Xiqqo malee halkan guutuu dhaabbadhu |
Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi |
Yookiin isa irratti dabaliQuraanas suutaan dubbisi |
Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra |
إِنَّ نَاشِئَةَ اللَّيْلِ هِيَ أَشَدُّ وَطْئًا وَأَقْوَمُ قِيلًا(6) Dhugumatti, kaumsi halkanii (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha |
Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira |
Maqaa Gooftaa keetiis faarsi; gara isaattis citiinsa citi |
رَّبُّ الْمَشْرِقِ وَالْمَغْرِبِ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَاتَّخِذْهُ وَكِيلًا(9) (Inni) Gooftaa bahaafi dhihaatiIsa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu |
وَاصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَاهْجُرْهُمْ هَجْرًا جَمِيلًا(10) Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu |
وَذَرْنِي وَالْمُكَذِّبِينَ أُولِي النَّعْمَةِ وَمَهِّلْهُمْ قَلِيلًا(11) Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi |
Dhugumatti, Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira |
Akkasumas nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa taetu (jira) |
يَوْمَ تَرْجُفُ الْأَرْضُ وَالْجِبَالُ وَكَانَتِ الْجِبَالُ كَثِيبًا مَّهِيلًا(14) Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaauu tau keessa (sakkaalamu) |
Nuti akkuma gara Firawn Ergamaa erginee turre gara keessanittis Ergamaa ragaa isin irratti bau erginee jirra |
فَعَصَىٰ فِرْعَوْنُ الرَّسُولَ فَأَخَذْنَاهُ أَخْذًا وَبِيلًا(16) Firawnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne |
فَكَيْفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرْتُمْ يَوْمًا يَجْعَلُ الْوِلْدَانَ شِيبًا(17) Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu |
Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudhaBaallamni Isaa raawwatamaa tae |
إِنَّ هَٰذِهِ تَذْكِرَةٌ ۖ فَمَن شَاءَ اتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِ سَبِيلًا(19) Dhugumatti, isheen kun gorsaNama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata |
(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti akka atiifi warri sii wajjin taan irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan Gooftaan kee ni beekaRabbiin halkaniifi guyyaa ni shallagaAkka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebaleQuraana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qaraaaIsin irraa dhukkubsataan akka jiraatu, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise)Kanaafuu, isa (Quraana) irraa waan isiniif laafe qaraaatii salaata dhaabaa; zakaas kennaaLiqii bareedaas Rabbiif liqeessaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu taeeti isa argituRabbiin araarama kadhaa; dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha |
المزيد من السور باللغة الأورومية:
تحميل سورة المزمل بصوت أشهر القراء :
قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة المزمل كاملة بجودة عالية
أحمد العجمي
خالد الجليل
سعد الغامدي
سعود الشريم
عبد الباسط
عبد الله الجهني
علي الحذيفي
فارس عباد
ماهر المعيقلي
محمد جبريل
المنشاوي
الحصري
مشاري العفاسي
ناصر القطامي
ياسر الدوسري
Wednesday, February 12, 2025
لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب