سورة التكوير بالأورومية
Yeroo aduun maramte |
Yeroo urjiin harcaate |
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte |
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte) |
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte |
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti bobaan) |
Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte |
Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte |
Balleessa kamiif akka ajjeefamte |
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte |
Yeroo samiin buqqifamtee maramte |
Yeroo ibiddi qabsiifamte |
Yeroo jannanni dhiheeffamte |
Lubbuun waan dalagatte beekteetti |
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mulataniinin kakadha |
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha) |
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha) |
Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha) |
Dhugumatti, inni (Quraanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati |
(Ergamaa) abbaa humnaa tae, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu |
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan tae |
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti |
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira |
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti donaa miti (hin dhoksu) |
Innis (Quraanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti |
Mee eessuma deemtu |
Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti |
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa taa) |
وَمَا تَشَاءُونَ إِلَّا أَن يَشَاءَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ(29) Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu |
المزيد من السور باللغة الأورومية:
تحميل سورة التكوير بصوت أشهر القراء :
قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة التكوير كاملة بجودة عالية
أحمد العجمي
خالد الجليل
سعد الغامدي
سعود الشريم
عبد الباسط
عبد الله الجهني
علي الحذيفي
فارس عباد
ماهر المعيقلي
محمد جبريل
المنشاوي
الحصري
مشاري العفاسي
ناصر القطامي
ياسر الدوسري
Wednesday, February 12, 2025
لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب