سورة المطففين بالأورومية
Warra (safara) hir’isuuf badiin haa ta’u |
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan |
Yeroo namootaaf safaran yookiin madaalan immoo hir’isan |
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii |
Guyyaa guddaadhaaf |
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu |
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa taa |
Sijjiin" maal akka tae maaltu si beeksise |
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama) |
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e |
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif |
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru |
إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا قَالَ أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ(13) Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qaraamte"ogbarruu warra duriiti" jedha |
كَلَّا ۖ بَلْ ۜ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُوا يَكْسِبُونَ(14) Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge |
كَلَّا إِنَّهُمْ عَن رَّبِّهِمْ يَوْمَئِذٍ لَّمَحْجُوبُونَ(15) Dhagayaa! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha |
Ergasii isaan ibidda galtoota |
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama |
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessa taa |
Illiyyiin" maal akka tae maaltu si beeksise |
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame) |
Warra Rabbitti dhiheeffamantu itti hirmaata |
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananii keessa jiraatu |
Sireewwan irra (taaanii) ilaalu |
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta |
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu |
خِتَامُهُ مِسْكٌ ۚ وَفِي ذَٰلِكَ فَلْيَتَنَافَسِ الْمُتَنَافِسُونَ(26) Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman |
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi |
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha |
إِنَّ الَّذِينَ أَجْرَمُوا كَانُوا مِنَ الَّذِينَ آمَنُوا يَضْحَكُونَ(29) Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan |
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku |
وَإِذَا انقَلَبُوا إِلَىٰ أَهْلِهِمُ انقَلَبُوا فَكِهِينَ(31) Yeroo gara maatii isaanii deebianis gammadaa deebi’u |
Yeroo isaan arganis "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu |
Haala toattoota taanii isaan irratti hin ergaminiin |
فَالْيَوْمَ الَّذِينَ آمَنُوا مِنَ الْكُفَّارِ يَضْحَكُونَ(34) Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa |
Sireewwan irra (taanii) ilaalu |
Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu] |
المزيد من السور باللغة الأورومية:
تحميل سورة المطففين بصوت أشهر القراء :
قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة المطففين كاملة بجودة عالية
أحمد العجمي
خالد الجليل
سعد الغامدي
سعود الشريم
عبد الباسط
عبد الله الجهني
علي الحذيفي
فارس عباد
ماهر المعيقلي
محمد جبريل
المنشاوي
الحصري
مشاري العفاسي
ناصر القطامي
ياسر الدوسري
Wednesday, February 12, 2025
لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب