سورة الحجرات بالأورومية

  1. استمع للسورة
  2. سور أخرى
  3. ترجمة السورة
القرآن الكريم | ترجمة معاني القرآن | اللغة الأورومية | سورة الحجرات | Hujurat - عدد آياتها 18 - رقم السورة في المصحف: 49 - معنى السورة بالإنجليزية: The Private Apartments.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيِ اللَّهِ وَرَسُولِهِ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ(1)

 Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaaRabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَرْفَعُوا أَصْوَاتَكُمْ فَوْقَ صَوْتِ النَّبِيِّ وَلَا تَجْهَرُوا لَهُ بِالْقَوْلِ كَجَهْرِ بَعْضِكُمْ لِبَعْضٍ أَن تَحْبَطَ أَعْمَالُكُمْ وَأَنتُمْ لَا تَشْعُرُونَ(2)

 Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyichaa irra ol hin kaasinaaAkka dalagaawwan keessan odoo isin hin beekne hin banneef jecha, haasa’a akka gariin keessan garii irratti ol fuudhutti isa irratti ol hin fuudhinaa

إِنَّ الَّذِينَ يَغُضُّونَ أَصْوَاتَهُمْ عِندَ رَسُولِ اللَّهِ أُولَٰئِكَ الَّذِينَ امْتَحَنَ اللَّهُ قُلُوبَهُمْ لِلتَّقْوَىٰ ۚ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ عَظِيمٌ(3)

 Isaan sagaleewwan isaanii ergamaa Rabbii biratti gadi qabatan, isaan sun warra Rabbiin onnee isaanii sodaa Rabbiitif qopheesseIsaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira

إِنَّ الَّذِينَ يُنَادُونَكَ مِن وَرَاءِ الْحُجُرَاتِ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْقِلُونَ(4)

 Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatanu

وَلَوْ أَنَّهُمْ صَبَرُوا حَتَّىٰ تَخْرُجَ إِلَيْهِمْ لَكَانَ خَيْرًا لَّهُمْ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ(5)

 Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala tureRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن جَاءَكُمْ فَاسِقٌ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنُوا أَن تُصِيبُوا قَوْمًا بِجَهَالَةٍ فَتُصْبِحُوا عَلَىٰ مَا فَعَلْتُمْ نَادِمِينَ(6)

 Yaa warra amantan! Yoo fincilaan tokko oduun isinitti dhufe, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti hin gaabbineef dubbii adda baafadhaa

وَاعْلَمُوا أَنَّ فِيكُمْ رَسُولَ اللَّهِ ۚ لَوْ يُطِيعُكُمْ فِي كَثِيرٍ مِّنَ الْأَمْرِ لَعَنِتُّمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ حَبَّبَ إِلَيْكُمُ الْإِيمَانَ وَزَيَّنَهُ فِي قُلُوبِكُمْ وَكَرَّهَ إِلَيْكُمُ الْكُفْرَ وَالْفُسُوقَ وَالْعِصْيَانَ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الرَّاشِدُونَ(7)

 Isin keessa ergamaan Rabbii jiraachuu beekaaDhimmoota baay’ee keessatti odoo isin jala deemee rakkinni isin irra ga’a tureGaruu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiiseeti, onnee keessan keessattis isa miidhagsee, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godheIsaan sun isaanumatu qajeeloodha

فَضْلًا مِّنَ اللَّهِ وَنِعْمَةً ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ(8)

 Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe)Rabbiinis beekaa, ogeessa

وَإِن طَائِفَتَانِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ اقْتَتَلُوا فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا ۖ فَإِن بَغَتْ إِحْدَاهُمَا عَلَى الْأُخْرَىٰ فَقَاتِلُوا الَّتِي تَبْغِي حَتَّىٰ تَفِيءَ إِلَىٰ أَمْرِ اللَّهِ ۚ فَإِن فَاءَتْ فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا بِالْعَدْلِ وَأَقْسِطُوا ۖ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ(9)

 Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaaniitti araara buusaaYoo lamaan keessaa isheen tokko ishee lammataa irratti daangaa darbite, ishee daangaa darbite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaaYoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessasDhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata

إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ إِخْوَةٌ فَأَصْلِحُوا بَيْنَ أَخَوَيْكُمْ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ(10)

 Mu’uminoonni obboleeyyani; kanaafuu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaaAkka mararfatamtanuuf jecha Rabbiin sodaadhaa

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِّن قَوْمٍ عَسَىٰ أَن يَكُونُوا خَيْرًا مِّنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِّن نِّسَاءٍ عَسَىٰ أَن يَكُنَّ خَيْرًا مِّنْهُنَّ ۖ وَلَا تَلْمِزُوا أَنفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَن لَّمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ(11)

 Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatinIsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaDubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaTokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaaErga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اجْتَنِبُوا كَثِيرًا مِّنَ الظَّنِّ إِنَّ بَعْضَ الظَّنِّ إِثْمٌ ۖ وَلَا تَجَسَّسُوا وَلَا يَغْتَب بَّعْضُكُم بَعْضًا ۚ أَيُحِبُّ أَحَدُكُمْ أَن يَأْكُلَ لَحْمَ أَخِيهِ مَيْتًا فَكَرِهْتُمُوهُ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ تَوَّابٌ رَّحِيمٌ(12)

 Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidhaWalis hin basaasinaaGariin keessanis garii hin hamatinTokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? (Yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaaRabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha

يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ(13)

 Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti, akka wal beektaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifneRabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessaniRabbiin beekaa keessa hubataadha

۞ قَالَتِ الْأَعْرَابُ آمَنَّا ۖ قُل لَّمْ تُؤْمِنُوا وَلَٰكِن قُولُوا أَسْلَمْنَا وَلَمَّا يَدْخُلِ الْإِيمَانُ فِي قُلُوبِكُمْ ۖ وَإِن تُطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ لَا يَلِتْكُم مِّنْ أَعْمَالِكُمْ شَيْئًا ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ(14)

 Shanaanoon “nuti amanneerra” jedhu“Waan ammallee iimaanni onnee keessan keessa hin seeniniif jecha, isin hin amanne; garuu ‘islaamofne’ jedhaa.” Garuu yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, Inni hojiiwwan keessan irraa homaa hin hir’isuRabbiin araaramaa, mararfataadha

إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ثُمَّ لَمْ يَرْتَابُوا وَجَاهَدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الصَّادِقُونَ(15)

 Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii shakkii hin qabaatiniifi qabeenya isaanitiifi lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidhaIsaan isaanumatu warra dhugaati

قُلْ أَتُعَلِّمُونَ اللَّهَ بِدِينِكُمْ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ(16)

 Jedhi: “Waa’ee amantii keessanii Rabbiin barsiisuu feetuu? Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beekaRabbiin waan hunda beekaadha.”

يَمُنُّونَ عَلَيْكَ أَنْ أَسْلَمُوا ۖ قُل لَّا تَمُنُّوا عَلَيَّ إِسْلَامَكُم ۖ بَلِ اللَّهُ يَمُنُّ عَلَيْكُمْ أَنْ هَدَاكُمْ لِلْإِيمَانِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ(17)

 Islaamawuu isaaniitiin sirratti dhaaddatu“Islaamummaa keessaniin ana irratti hin dhaaddatinaaYoo warra dhugaa dubbatu taatan, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti dhaaddata” jedhiin

إِنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ غَيْبَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ(18)

 Rabbiin fagoo samiifi dachii keessaa ni beekaRabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.”


المزيد من السور باللغة الأورومية:

سورة البقرة آل عمران سورة النساء
سورة المائدة سورة يوسف سورة ابراهيم
سورة الحجر سورة الكهف سورة مريم
سورة السجدة سورة يس سورة الدخان
سورة النجم سورة الرحمن سورة الواقعة
سورة الحشر سورة الملك سورة الحاقة

تحميل سورة الحجرات بصوت أشهر القراء :

قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة الحجرات كاملة بجودة عالية
سورة الحجرات أحمد العجمي
أحمد العجمي
سورة الحجرات خالد الجليل
خالد الجليل
سورة الحجرات سعد الغامدي
سعد الغامدي
سورة الحجرات سعود الشريم
سعود الشريم
سورة الحجرات عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سورة الحجرات عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سورة الحجرات علي الحذيفي
علي الحذيفي
سورة الحجرات فارس عباد
فارس عباد
سورة الحجرات ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سورة الحجرات محمد جبريل
محمد جبريل
سورة الحجرات محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سورة الحجرات الحصري
الحصري
سورة الحجرات العفاسي
مشاري العفاسي
سورة الحجرات ناصر القطامي
ناصر القطامي
سورة الحجرات ياسر الدوسري
ياسر الدوسري



Wednesday, February 12, 2025

لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب