Surah Al-Mujadilah with Afaan Oromoo
Dhugumatti Rabbiin jecha ishee waaee abbaa manaa ishee keessatti siin wal –falmituufi gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu dhagaeeraRabbiinis falmii keessan lamaan ni dhagaaDhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha |
Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii mitiHaadholiin isaanii isaanuma isaan daan sana qofaDhugumatti, isaan jecha irraa isa fokkataafi soba tae dubbatuDhugumatti Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha |
Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhan keessa deebianus, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jiraKana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin tume)Rabbiinis waan isin hojjattan keessa beekaadha |
Namni hin argatinis, odoo wal hin tuqin dura jioota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jiraNamni (kanas) hin dandain, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qabaKun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifiAkkasumas, isheen kun daangaa RabbiitiKaafirootafis adabbii laaleessaa taetu jira |
Odoo Nuti dhugumaan ragaa ifaa buufnee jirruu warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiruKaafirootaafis adabbii xiqqeessaatu jira |
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu](Isaan) kan dagatan ta’anii Rabbiin beekee galmeesseraRabbiinis waan hunda irratti ragaadha |
Sila Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku tauu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti, Inni afraffaa isaanii tau malee hin argamu, giddu namoota shaniittis Inni jahaffaa isaanii tau malee, giddu namoota sanaa gadiis taee kan sanaa olii iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee (hin argamu)Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti beekaadha |
Sila gara warra iccitii (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamanii deebianii, akkasumas badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti wal mariatanuu hin ilaallee? Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatuLubbuu isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) "dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne?" jedhuJahannam isaaniif gaaadha; ishee seenuDeebichi (isaanii) waa fokkate |
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mariatinaatii toltuufi sodaa Rabbii irratti mariadhaaRabbii gara Isaatti oofamtanis sodaadhaa |
Dhugumatti, iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi(Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata)Eeyyama Rabbiitiin alas waan tokkollee isaan hin miidhuMu’uminoonnis Rabbiin qofa irratti haa hirkatan |
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumma keessa waliif babalisaa isiniin jedhame waliif babalisaa; Rabbiin isiniif balisaaYeroo kaaa jedhames kaaaRabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay’ee isaan ol kaasaRabbiinis waan isin hojjattan keessa Beekaadha |
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa heddu dursaa (kennaa)Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadhaYoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo, dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha |
Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaa dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheeraSalaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaaRabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha |
Sila gara Isaan namoota Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; odoo beekanuu kijiba irratti kakatu |
أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا ۖ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ(15) Rabbiin adabbii cimaa isaanif qopheessee jiraDhugumatti, isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate |
اتَّخَذُوا أَيْمَانَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ فَلَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ(16) Kakuu isaanii gaachena taasifatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuKanaafuu, isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira |
Qabeenyi isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa wama tokko isaan hin duroomsanuIsaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha |
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu sana akkuma isiniif kakataa turan Isaafis (Rabbiifis) kakatuWaan (haqa) wahii irra jiran of seuDhagayaa! dhugumatti, isaanumatu sobdoota |
Sheyxaanni isaan irratti mooee faaruu Rabbii isaan dagachiiseeraIsaan garee sheyxaanatiDhagaaa! Dhugumatti, gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha |
إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ أُولَٰئِكَ فِي الْأَذَلِّينَ(20) Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra gadi aanoo keessa ta’u |
كَتَبَ اللَّهُ لَأَغْلِبَنَّ أَنَا وَرُسُلِي ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ(21) Rabbiin "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni moanna" (jechuun) murteesseeraDhugumatti, Rabbiin Jabaa, Injifataadha |
Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii taanillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argituIsaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa taeenis isaan jabeesseeraJannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala taaniin isaan seensisaRabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruIsaan garee RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha |
More surahs in Afaan Oromoo:
Download surah Al-Mujadilah with the voice of the most famous Quran reciters :
surah Al-Mujadilah mp3 : choose the reciter to listen and download the chapter Al-Mujadilah Complete with high quality
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب