Перевод суры Ат-Таляк на Оромо язык
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, Iddaa isaaniitiin isaan hiikaaIddaass lakkaaaaRabbii Gooftaa keessan taes sodaadhaaYoo gocha fokkataa ifa taeen dhufan malee manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa; isaanis hin bainSun daangaawwan RabbiitiNamni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu ofii miidheeraYoo tasa Rabbiin san booda dhimma haaraa (walitti deebiuu gidduu keessanitti) uume hin beektu |
Yeroo beellama isaanii gaan haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda baaaIsin irraas warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa(Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaaNamni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu tae kanaan gorfamaNamni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha |
Bakka inni hin yaadin irraayis isa sooraNama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf gaaadhaDhugumatti, Rabbiin ajaja isaa bakkaan gaaadhaDhugumatti Rabbiin waan hundaafuu hanga sirraawaa taasiseera |
Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa abdii kutan yoo shakkitaniif iddaan isaanii jia sadi qofaIsaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma)Warri ulfa taan immoo baallamni isaanii ulfa isaanii dauudhaNama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha |
Kun ajaja Rabbii kan gara keessanitti isa buuseedhaNama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badii isaa isa irraa harcaasee mindaas isaaf guddisa |
Dandeettii keessan irraa bakka qubattanu isaan qubsiisaaIsaan irratti dhiphisuuf jechas isaan hin rakkisinaaYoo warra ulfaa taaniif hanga ulfa isaanii daanitti isaan qallabaaYoo isiniif hoosisan immoo mindaa isaanii isaaniif kennaaJidduu keessanitti haala gaariin mariadhaaYoo wal rakkiftaniif kan biraa isaaf haa hoosisu |
Abbaan dandeettii qabu dandeettii isaa irraa haa qallabuNamni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabuRabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisuRabbiin dhiphina booda balina godhuuf jira |
Magaalota irraa heddutu ajaja Rabbii isheefi ergamtoota isaa faallessitee qormaata cimaa ishee qormaannee adabbii fokkataas ishee adabne |
فَذَاقَتْ وَبَالَ أَمْرِهَا وَكَانَ عَاقِبَةُ أَمْرِهَا خُسْرًا(9) Sababa kanaan adabbii dalagaa ishee dhamdhamteBooddeen dubbii ishees hongoo tae |
Rabbiin adabbii cimaa isaaniif qopheesseYaa warri sammuu qabdan, warri amantan Rabbiin sodaadhaaDhugumatti Rabbiin gara keessanitti gorsa buuseera |
Warra amananii gaggaarii hojjatan dukkanoota keessaa gara ifaatti baasuuf jecha ergamaa keeyyattoota Rabbii ibsituu taate isin irratti dubbisu (ergine)Nama Rabbitti amanee gaariis dalage jannatoota jala ishee laggeen yaatu keessatti yeroo hundaaf hafoo taasisee isa seensisaDhugaatti Rabbiin isaaf soorata bareeche |
Rabbiin Isa samii torbaniifi dachii irraayis fakkiidhuma isaanii uumeedhaAjajni jidduu isaaniitti bua(Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti dandaaafi Rabbiin beekumsaan wantoota cufa marsuu isaa beektanuufi |
Больше сур в Оромо:
Скачать суру At-Talaq с голосом самых известных рекитаторов Корана:
Сура At-Talaq mp3: выберите рекитатора, чтобы прослушать и скачать главу At-Talaq полностью в высоком качестве
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
Помолитесь за нас хорошей молитвой