Перевод суры Ат-Тахрим на Оромо язык
Yaa Nabiyyichaa! Maaliif haadholee manaa kee jaalachiisuu barbaaddee waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha |
Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuu keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseeraRabbiin gargaaraa keessaniInni beekaa ogeessa |
Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara galeYeroo inni isheetti himus “eenyutu kana sitti hime” jette"Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen |
Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama)Onneen lamaan keessanii dhugumaan dabdeettiYoo isa irratti wal gargaartanis Rabbiin isatu gargaaraa isaatiJibriiliifi gaggaariin Muuminaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati |
Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa haadholee manaa kan isin irra caalan, Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, kan soomanu, kan gursummeeyyiifi durba taan bakka isaaf buusuun ni kajeelama |
Yaa warra amantan! Lubbuu keessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isii namootaafi dhagaa heddu tae, irraa eegaaIsheerra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo taantu jiruWaan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu; waan ajajamanis ni hojjatu |
Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin mindeeffamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu) |
Yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti deebiaaGuyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelamaHaala isaan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti dandaaa dha" jedhanuun ifti isaanii fuuldura isaaniitiifi mirga isaanii deema |
Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaaii isaan irrattis cimiTeessoon isaaniis ibidda JahannamiDeebichi akkaan fokkate |
Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godheGabroota keenya gaggaarii gidduu gabroota lama jala turanii isaan gananIsaan lamaanis (Nuuhifi Luux) adabbii Rabbii irraa isaan hin duroomsine"Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen |
Ammas Rabbiin isaan amananiif niitii Firawni fakkeenya godheYeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Firawniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette |
Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera)Ruuhii (uumaa) keenya irraa taes isa keessatti afuufneJechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsiteWarra Rabbiif ajajamu irraas taate |
Больше сур в Оромо:
Скачать суру At-Tahreem с голосом самых известных рекитаторов Корана:
Сура At-Tahreem mp3: выберите рекитатора, чтобы прослушать и скачать главу At-Tahreem полностью в высоком качестве
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
Помолитесь за нас хорошей молитвой