Перевод суры Аль-Инфитар на Оромо язык
Yeroo samiin dhodhoote |
Yeroo urjiiwwan harcaan |
Yeroo galaanonni walitti makaman |
Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte |
(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti |
يَا أَيُّهَا الْإِنسَانُ مَا غَرَّكَ بِرَبِّكَ الْكَرِيمِ(6) Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa taetti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse |
Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse |
Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse) |
Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu |
Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru |
Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an |
Waan isin dalagdan ni beeku |
Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu |
Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu |
Guyyaa murtii ishee seenu |
Isaan ishee irraa hin fagaatanu |
Sila guyyaan murtii maal akka tae maaltu si beeksise |
Ergasii guyyaan murtii maal akka tae maaltu si beeksise |
يَوْمَ لَا تَمْلِكُ نَفْسٌ لِّنَفْسٍ شَيْئًا ۖ وَالْأَمْرُ يَوْمَئِذٍ لِّلَّهِ(19) (Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti |
Больше сур в Оромо:
Скачать суру Al-Infitar с голосом самых известных рекитаторов Корана:
Сура Al-Infitar mp3: выберите рекитатора, чтобы прослушать и скачать главу Al-Infitar полностью в высоком качестве
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
Помолитесь за нас хорошей молитвой