سورة الحشر بالأورومية
سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ(1) Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis Injifataa Ogeessa |
Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedhaBahuu isaanii isin hin yaadne turtanIsaanis daannoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadaniRabbiinis bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onnee isaanii keessatti sodaa darbeManneen isaanii harka isaaniifi harka mu’uminootaatiin onsanYaa warra sammuu qabdan mee xiinxalaa |
Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) godaansa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adabbii tureIsaaniifis Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira |
Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifiNama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaadha |
Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini(wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi |
Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisaRabbiinis waan hunda irratti dandaaadha |
Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise akka jidduu dureeyyii isin irraa taaniitti kan naannau hin taaneef jecha Rabbi, ergamaa, fira dhihoo (ergamaa), yatiimotaa, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame)Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kennes qabadhaaWaan inni irraa isin dhowwes dhowwamaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha |
Hiyyeeyyii godaantotaa warra tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaa tumsuuf jecha manaafi qabeenya isaanii irraa baafamaniifis (ni kennama)Isaan sun isaanumatu warra dhugaati |
Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatuWaan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganuOdoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatuNamoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oodha |
Warri booda isaaniitii dhufanis "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami; akkasumas, onnee Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisinGooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha" jedhu |
Sila gara warra munaafiqa taanii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa taanii kafaraniin "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waaee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra" jedhuRabbiinis akka isaan kijibdoota taan ragaa baa |
Odoo isaan baafamaniis isaanii wajjiin hin baanu; odoo isaan lolamaniiyyuu isaan hin tumsanu; odoma isaan tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasiihis hin tumsamanu |
Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadhaKun waan isaan ummata hin hubanne taaniifi |
Yoo magaalota daannaan marfamte keessa taan yookiin dallaa duubaan tae malee waliin taanii isin hin waraananuDiinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadhaHaala onneen isaanii adda qoqqoodamee jiruun tokkummaa qaban isaan seetaKun waan isaan namoota hin xiinxalle taaniifi |
كَمَثَلِ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ قَرِيبًا ۖ ذَاقُوا وَبَالَ أَمْرِهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ(15) (Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii dalagaa isaanii dhandhamaniitiIsaaniifis adabbii laalessaatu jira |
Akka fakkii sheyxaanaa ilma namaatiin "(Rabbitti) kafari" jedhee erga inni kafaree booda immoo "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti |
فَكَانَ عَاقِبَتَهُمَا أَنَّهُمَا فِي النَّارِ خَالِدَيْنِ فِيهَا ۚ وَذَٰلِكَ جَزَاءُ الظَّالِمِينَ(17) Xumurri isaan lamaaniituu keessatti hafoo taanii ibidda keessa tauudhaKun immoo mindaa miidhaa raawwattootaati |
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaaLubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltuAmmas Rabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha |
وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ نَسُوا اللَّهَ فَأَنسَاهُمْ أَنفُسَهُمْ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الْفَاسِقُونَ(19) Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiisee hin tainaaIsaan isaanumatu finciltoota |
لَا يَسْتَوِي أَصْحَابُ النَّارِ وَأَصْحَابُ الْجَنَّةِ ۚ أَصْحَابُ الْجَنَّةِ هُمُ الْفَائِزُونَ(20) Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatanuWarri Jannataa isaanumatu milkaaoodha |
Odoo Quraana kana gaara irratti buufnee, silaa sodaa Rabbii irraa kaee kan inni xinnaatee dhodhooyu argita tureFakkeenyota kana akka isaan xiinxalaniif jecha namootaaf taasifna |
Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihootiInni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha |
Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hirina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol taaa), boonaadhaWaan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaae |
Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa taeedhaIsaaf maqoolee gaggaarii taantu jiraWantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa |
المزيد من السور باللغة الأورومية:
تحميل سورة الحشر بصوت أشهر القراء :
قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة الحشر كاملة بجودة عالية
أحمد العجمي
خالد الجليل
سعد الغامدي
سعود الشريم
عبد الباسط
عبد الله الجهني
علي الحذيفي
فارس عباد
ماهر المعيقلي
محمد جبريل
المنشاوي
الحصري
مشاري العفاسي
ناصر القطامي
ياسر الدوسري
Wednesday, February 12, 2025
لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب