سورة الفجر بالأورومية
وَالْفَجْرِ(1) Bariinin[] (kakadha) |
Halkan kurnaniini |
Cimdiifi qarattis |
Halkanittis; yeroo inni deeme |
Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira) |
Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee |
Iramiin warra dhedheerootti |
Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san |
Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan) |
Firawniinis abbaa shikaalaatti |
Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran |
Kan ishee keessatti badii baayisan |
Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse |
Dhugumatti, Gooftaan kee qeexaadha (beekaadha) |
Namni yeroo gooftaan isaa isa kabajuun qanansiisee isa qorate “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha |
وَأَمَّا إِذَا مَا ابْتَلَاهُ فَقَدَرَ عَلَيْهِ رِزْقَهُ فَيَقُولُ رَبِّي أَهَانَنِ(16) Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha |
Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan |
Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan |
Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu |
Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu |
Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte |
(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan] |
وَجِيءَ يَوْمَئِذٍ بِجَهَنَّمَ ۚ يَوْمَئِذٍ يَتَذَكَّرُ الْإِنسَانُ وَأَنَّىٰ لَهُ الذِّكْرَىٰ(23) Guyyaa san jahannamis ni fidamaGuyyaa san namni ni yaadataYaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree |
Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa |
Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu |
Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu |
“Yaa lubbuu tasgabbooftuu |
Jaallataa, jaallatamaa gara Gooftaa keetii deebii |
Gabroota kiyya keessas seeni |
Jannata kiyyas seeni” (jedhamti) |
المزيد من السور باللغة الأورومية:
تحميل سورة الفجر بصوت أشهر القراء :
قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة الفجر كاملة بجودة عالية
أحمد العجمي
خالد الجليل
سعد الغامدي
سعود الشريم
عبد الباسط
عبد الله الجهني
علي الحذيفي
فارس عباد
ماهر المعيقلي
محمد جبريل
المنشاوي
الحصري
مشاري العفاسي
ناصر القطامي
ياسر الدوسري
Wednesday, February 12, 2025
لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب