سوره ممتحنه به زبان اورومویی
Yaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalallee hin godhatinaaOdoo isaan dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii, sababa isin Rabbii Gooftaa keessan taetti amantaniif qofa Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftuYoo karaa Kiyya keessatti qabsaauufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa)Odoo ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan beekuu gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftuIsin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera |
Yoo isin arganiif diinota isiniif tauHarkaafi arraba isaaniis hamtuun gara keessanitti diriirsuKafaruu keessanis ni jaalatu |
Firoonni keessaniifi ilmaan keessanis homaa isin hin fayyadanu; Guyyaa Qiyaamaa (Rabbiin) addaan isin baasaRabbiinis waan isin hojjattan argaadha |
Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif taeeraYeroo (isaan) ummata isaaniitiin "nuti isiniifi waan isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha; isinitti kafarre; hanga Rabbii tokkichatti amantanutti gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa baeera" jedhan (hidhannoon gaariin isiniif jira)Garuu jechi Ibraahiim abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo waan tokko siif hin fayyadu" jedhe qoftii odoo hafuu"Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keettis deebine; deebiinis garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa) |
Gooftaa keenya! warra kafaraniif mokkoroo nu hin godhinGooftaa keenya! Nuuf araarami; Ati injifataa ogeessa |
Dhugumatti, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa kajeeluuf isaan keessa hidhannoo gaariitu isiniif jiraNamni (kanarraa) garagale (ofuma miidha)Dhugumatti Rabbiinis dureessa faarfamaadha |
Rabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelamaRabbiinis DandaaadhaAmmas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha |
Rabbiin isaan sababaa amantiitiin isin hin waraaniniifi manneen keessan irraa isin hin baasiniif tola ooluufi haqaan waliin jiraachuu isin hin dhorguDhugumatti, Rabbiin warra haqa dalagan ni jaalata |
Kan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran jaalalloo godhachuudhaNamni isaan jaalalloo godhate, isaan warra of miidhoodha |
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu taanii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaaIimaana isaanii Rabbitu akkaan beekaYoo mu’uminoota tauu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaaIsaan (dubartoonni) isaaniif eeyyamamoo miti; isaanis (dhiironni) isaaniif eeyyamamoo mitiIsaaniifis (dhirsota isaanii kan kaafiraatiifis) waan isaan baasan kennaaYeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiruWaadaa fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera)Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatanKun murtii Rabbiiti(Isatu) gidduu keessanitti murteessaRabbiin beekaa ogeessa |
Yoo tokkoon niitolee keessan irraa taate gara kaafirootaa isin jalaa baatee ergasii loltanii boojitan isaan niitoleen isaanii deemaniif fakkaataa waan isaan baasanii kennaafiiRabbii isa itti amantanis sodaadhaa |
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoonni mu’uminaa Rabbitti homaa qindeessuu dhiisuu, hatuu dhiisuu, Zinaa godhuu dhabuu, ijoollee isaaniis ajjeesuu dhiisuu, cubbuu harka isaaniitiifi miila isaanii gidduutti uumanii odeessuu dhabuufi akka waan gaarii keessatti ajaja kee hin faallessine waadaa sii galuuf gara kee dhufan, waadaa isaan irraa fuudhiRabbiinis araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha |
Yaa warra amantan! Ummata Rabbiin irratti dallane jaalallee hin godhatinaaAkkuma kaafiroonni warra qabrii irraa abdii muratan isaanis Aakhiraa irraa dhugumatti abdii murataniiru |
سورهای بیشتر به زبان اورومویی:
دانلود سوره ممتحنه با صدای معروفترین قراء:
انتخاب خواننده برای گوش دادن و دانلود کامل سوره ممتحنه با کیفیت بالا.
أحمد العجمي
ابراهيم الاخضر
بندر بليلة
خالد الجليل
حاتم فريد الواعر
خليفة الطنيجي
سعد الغامدي
سعود الشريم
الشاطري
صلاح بوخاطر
عبد الباسط
عبدالرحمن العوسي
عبد الرشيد صوفي
عبدالعزيز الزهراني
عبد الله بصفر
عبد الله الجهني
علي الحذيفي
علي جابر
غسان الشوربجي
فارس عباد
ماهر المعيقلي
محمد أيوب
محمد المحيسني
محمد جبريل
المنشاوي
الحصري
مشاري العفاسي
ناصر القطامي
وديع اليمني
ياسر الدوسري
به قرآن کریم چنگ بزنید