La sourate Al-Qiyamah en Oromo
Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha |
Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu) |
Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa |
Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti dandaoodha |
Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha |
Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata |
(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu |
(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u) |
Aduufi jiinis walitti qabamu |
Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha |
Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru |
Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti |
يُنَبَّأُ الْإِنسَانُ يَوْمَئِذٍ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ(13) Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama |
Dhugumatti, namni of irratti ragaadha |
Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu |
Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin |
Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira |
Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi |
Ergasii isa ibsuun Nurra jira |
Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu |
Aakhiraa ni dhiiftu |
Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha |
Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha |
Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha |
Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi |
Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun bauuf) kokkee bira geesse |
(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame |
(Namni duaa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda bauu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate |
(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte |
Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti |
Hin amanne; hin salaanne |
Garuu kijibsiisee irraa gara gale |
Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme |
Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin |
Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin |
Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa |
Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa taee hin turree |
Ergasii dhiiga ititaa taeeti (nama godhee) uumee guute |
Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise |
أَلَيْسَ ذَٰلِكَ بِقَادِرٍ عَلَىٰ أَن يُحْيِيَ الْمَوْتَىٰ(40) Sila (Rabbiin akkas godhe) sun duaa jiraachisuu irratti dandaaa mitii |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Qiyamah : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Qiyamah complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide