سورة السجدة بالأورومية

  1. استمع للسورة
  2. سور أخرى
  3. ترجمة السورة
القرآن الكريم | ترجمة معاني القرآن | اللغة الأورومية | سورة السجدة | Sajdah - عدد آياتها 30 - رقم السورة في المصحف: 32 - معنى السورة بالإنجليزية: The Prostration.

الم(1)

 Alif Laam Miim

تَنزِيلُ الْكِتَابِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ الْعَالَمِينَ(2)

 Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa tauun shakkiin isa keessa hinjiru

أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَاهُ ۚ بَلْ هُوَ الْحَقُّ مِن رَّبِّكَ لِتُنذِرَ قَوْمًا مَّا أَتَاهُم مِّن نَّذِيرٍ مِّن قَبْلِكَ لَعَلَّهُمْ يَهْتَدُونَ(3)

 Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhuu? Akkasii mitiDhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame)

اللَّهُ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَىٰ عَلَى الْعَرْشِ ۖ مَا لَكُم مِّن دُونِهِ مِن وَلِيٍّ وَلَا شَفِيعٍ ۚ أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ(4)

 Allaahn isa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran hunda guyyoota jaha keessatti uumee sana booda Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedhaIsaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiruSila hin gorfamtanuu

يُدَبِّرُ الْأَمْرَ مِنَ السَّمَاءِ إِلَى الْأَرْضِ ثُمَّ يَعْرُجُ إِلَيْهِ فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ أَلْفَ سَنَةٍ مِّمَّا تَعُدُّونَ(5)

 Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa)Sana booda guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti gara isaa ol koru

ذَٰلِكَ عَالِمُ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ(6)

 Inni sana hojjate beekaa fagoofi waan mul’atuu, kan injifataa, rahmata godhaa ta’eeti

الَّذِي أَحْسَنَ كُلَّ شَيْءٍ خَلَقَهُ ۖ وَبَدَأَ خَلْقَ الْإِنسَانِ مِن طِينٍ(7)

 (Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha

ثُمَّ جَعَلَ نَسْلَهُ مِن سُلَالَةٍ مِّن مَّاءٍ مَّهِينٍ(8)

 Sana booda sanyii isaa dhiiga ititaa bishaan laafaa irraa ta’e irraa godhe

ثُمَّ سَوَّاهُ وَنَفَخَ فِيهِ مِن رُّوحِهِ ۖ وَجَعَلَ لَكُمُ السَّمْعَ وَالْأَبْصَارَ وَالْأَفْئِدَةَ ۚ قَلِيلًا مَّا تَشْكُرُونَ(9)

 Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufeDhageettii, argaafi Onnees isiniif taasiseXiqquma galateeffattu

وَقَالُوا أَإِذَا ضَلَلْنَا فِي الْأَرْضِ أَإِنَّا لَفِي خَلْقٍ جَدِيدٍ ۚ بَلْ هُم بِلِقَاءِ رَبِّهِمْ كَافِرُونَ(10)

 “Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhanDhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha

۞ قُلْ يَتَوَفَّاكُم مَّلَكُ الْمَوْتِ الَّذِي وُكِّلَ بِكُمْ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمْ تُرْجَعُونَ(11)

 “Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesaSana booda gara gooftaa keessanii deebifamtu” jedhiin

وَلَوْ تَرَىٰ إِذِ الْمُجْرِمُونَ نَاكِسُو رُءُوسِهِمْ عِندَ رَبِّهِمْ رَبَّنَا أَبْصَرْنَا وَسَمِعْنَا فَارْجِعْنَا نَعْمَلْ صَالِحًا إِنَّا مُوقِنُونَ(12)

 Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataa isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee, nuti dhugoomsoodhaa, hojii gaarii hojjannaa (addunyaatti) nu deebisi” jedhan san odoo argitee [dubbii cimaa argita turte]

وَلَوْ شِئْنَا لَآتَيْنَا كُلَّ نَفْسٍ هُدَاهَا وَلَٰكِنْ حَقَّ الْقَوْلُ مِنِّي لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ الْجِنَّةِ وَالنَّاسِ أَجْمَعِينَ(13)

 Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turreGaruu jecha “jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta” jedhutu Ana irraa haqa ta’ee jira

فَذُوقُوا بِمَا نَسِيتُمْ لِقَاءَ يَوْمِكُمْ هَٰذَا إِنَّا نَسِينَاكُمْ ۖ وَذُوقُوا عَذَابَ الْخُلْدِ بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ(14)

 “Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaaNutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis adabbii yeroo hundaa dhandhamaa” (jedhamu)

إِنَّمَا يُؤْمِنُ بِآيَاتِنَا الَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُوا بِهَا خَرُّوا سُجَّدًا وَسَبَّحُوا بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَهُمْ لَا يَسْتَكْبِرُونَ ۩(15)

 Keeyyattoota keenyatti warra yeroo isheedhaan gorfaman kan hin boonne ta’anii sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii faarsan malee kan amanu hin jiru

تَتَجَافَىٰ جُنُوبُهُمْ عَنِ الْمَضَاجِعِ يَدْعُونَ رَبَّهُمْ خَوْفًا وَطَمَعًا وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنفِقُونَ(16)

 Cinaachi isaaniis ciisicha irraa ni fagaattiSodaataafi kajeelaa Goftaa isaanii ni kadhatuWaan isaaniif kennine irraas ni sadaqatu

فَلَا تَعْلَمُ نَفْسٌ مَّا أُخْفِيَ لَهُم مِّن قُرَّةِ أَعْيُنٍ جَزَاءً بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ(17)

 Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha, gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu

أَفَمَن كَانَ مُؤْمِنًا كَمَن كَانَ فَاسِقًا ۚ لَّا يَسْتَوُونَ(18)

 Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an

أَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَلَهُمْ جَنَّاتُ الْمَأْوَىٰ نُزُلًا بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ(19)

 Warri amananii gaggaarii hojjatan waan isaan hojjataa turaniif jecha, qophii ta’ee jannata qobsumaatu isaaniif jira

وَأَمَّا الَّذِينَ فَسَقُوا فَمَأْوَاهُمُ النَّارُ ۖ كُلَّمَا أَرَادُوا أَن يَخْرُجُوا مِنْهَا أُعِيدُوا فِيهَا وَقِيلَ لَهُمْ ذُوقُوا عَذَابَ النَّارِ الَّذِي كُنتُم بِهِ تُكَذِّبُونَ(20)

 Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibiddaDhawaatuma ishee irraa ba’uu fedhaniin ishee keessatti deebifamu“Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama

وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ الْعَذَابِ الْأَدْنَىٰ دُونَ الْعَذَابِ الْأَكْبَرِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ(21)

 Dhugumatti, Nuti akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha adabbii guddaa dura, adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna

وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِآيَاتِ رَبِّهِ ثُمَّ أَعْرَضَ عَنْهَا ۚ إِنَّا مِنَ الْمُجْرِمِينَ مُنتَقِمُونَ(22)

 Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa duubatti deebi’e caalaa namni miidhaa dalage hin jiruDhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha

وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ فَلَا تَكُن فِي مِرْيَةٍ مِّن لِّقَائِهِ ۖ وَجَعَلْنَاهُ هُدًى لِّبَنِي إِسْرَائِيلَ(23)

 Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerraIsaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’inIlmaan Israa’iiliifis qajeeluma isa taasifne

وَجَعَلْنَا مِنْهُمْ أَئِمَّةً يَهْدُونَ بِأَمْرِنَا لَمَّا صَبَرُوا ۖ وَكَانُوا بِآيَاتِنَا يُوقِنُونَ(24)

 Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsan, isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَفْصِلُ بَيْنَهُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ فِيمَا كَانُوا فِيهِ يَخْتَلِفُونَ(25)

 Dhugumatti, Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaaniitti murteessa

أَوَلَمْ يَهْدِ لَهُمْ كَمْ أَهْلَكْنَا مِن قَبْلِهِم مِّنَ الْقُرُونِ يَمْشُونَ فِي مَسَاكِنِهِمْ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ ۖ أَفَلَا يَسْمَعُونَ(26)

 Sila akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii ifa isaaniif hin taanee? Dhugumatti, sana keessa mallattooleetu jiraSila hin dhagahanuu

أَوَلَمْ يَرَوْا أَنَّا نَسُوقُ الْمَاءَ إِلَى الْأَرْضِ الْجُرُزِ فَنُخْرِجُ بِهِ زَرْعًا تَأْكُلُ مِنْهُ أَنْعَامُهُمْ وَأَنفُسُهُمْ ۖ أَفَلَا يُبْصِرُونَ(27)

 Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiin isaaniitiifi ofii isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا الْفَتْحُ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ(28)

 “Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif murtiin kun yoom ta’a?” jedhu

قُلْ يَوْمَ الْفَتْحِ لَا يَنفَعُ الَّذِينَ كَفَرُوا إِيمَانُهُمْ وَلَا هُمْ يُنظَرُونَ(29)

 Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyaduYeroonis isaaniif hin kennamu

فَأَعْرِضْ عَنْهُمْ وَانتَظِرْ إِنَّهُم مُّنتَظِرُونَ(30)

 Isaan irraa gara gali[Adabbii isaanitti bu’u] eegiDhugumatti, isaanis (baduu kee) eegoodha


المزيد من السور باللغة الأورومية:

سورة البقرة آل عمران سورة النساء
سورة المائدة سورة يوسف سورة ابراهيم
سورة الحجر سورة الكهف سورة مريم
سورة السجدة سورة يس سورة الدخان
سورة النجم سورة الرحمن سورة الواقعة
سورة الحشر سورة الملك سورة الحاقة

تحميل سورة السجدة بصوت أشهر القراء :

قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة السجدة كاملة بجودة عالية
سورة السجدة أحمد العجمي
أحمد العجمي
سورة السجدة خالد الجليل
خالد الجليل
سورة السجدة سعد الغامدي
سعد الغامدي
سورة السجدة سعود الشريم
سعود الشريم
سورة السجدة عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سورة السجدة عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سورة السجدة علي الحذيفي
علي الحذيفي
سورة السجدة فارس عباد
فارس عباد
سورة السجدة ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سورة السجدة محمد جبريل
محمد جبريل
سورة السجدة محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سورة السجدة الحصري
الحصري
سورة السجدة العفاسي
مشاري العفاسي
سورة السجدة ناصر القطامي
ناصر القطامي
سورة السجدة ياسر الدوسري
ياسر الدوسري



Wednesday, February 12, 2025

لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب