La sourate Al-Jumuah en Oromo
Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa Rabbii mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa tae qulqulleessa |
Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa tae, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qarau, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedhaIsaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa tae keessa turan |
وَآخَرِينَ مِنْهُمْ لَمَّا يَلْحَقُوا بِهِمْ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ(3) (Ummata) biroos kan isaan irraa taanii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge)Inni injifataa ogeessa |
ذَٰلِكَ فَضْلُ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ(4) Kun tola RabbiitiIsa abbaa fedheef kennaRabbiinis abbaa tola guddaati |
Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isa hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuutiFakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan fokkataa dha! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu |
Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif dua hawwaa" jedhiin |
وَلَا يَتَمَنَّوْنَهُ أَبَدًا بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالظَّالِمِينَ(7) Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha yoomuu isa hin hawwanuRabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha |
(Yaa Muhammad! ammas yahuudotaan): "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun isinuma argataErgasii gara beekaa fagoofi dhihoo taeetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima" jedhiin |
Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaaYoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala |
Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa facaaa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaaAkka milkooftaniif jechas baayinaan Rabbiin faarsaa |
Yeroo daldala yookiin tapha wahii argan dhaabiitti si dhiisanii gara isaaniitti faffacau; "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caalaRabbiinis Irra caalaa arjootaati" jedhiin |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Jumuah : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Jumuah complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide