La sourate At-Takwir en Oromo
| Yeroo aduun maramte |
| Yeroo urjiin harcaate |
| Yeroo gaarreen bakkaa oofamte |
| Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte) |
| Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte |
| Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti bobaan) |
| Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte |
| Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte |
| Balleessa kamiif akka ajjeefamte |
| Yeroo galmeen (hojii) raabsamte |
| Yeroo samiin buqqifamtee maramte |
| Yeroo ibiddi qabsiifamte |
| Yeroo jannanni dhiheeffamte |
| Lubbuun waan dalagatte beekteetti |
| (Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mulataniinin kakadha |
| (Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha) |
| Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha) |
| Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha) |
| Dhugumatti, inni (Quraanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati |
| (Ergamaa) abbaa humnaa tae, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu |
| Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan tae |
| Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti |
| Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira |
| Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti donaa miti (hin dhoksu) |
| Innis (Quraanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti |
| Mee eessuma deemtu |
| Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti |
| Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa taa) |
وَمَا تَشَاءُونَ إِلَّا أَن يَشَاءَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ(29) Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate At-Takwir : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate At-Takwir complète en haute qualité.
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
Donnez-nous une invitation valide




