La sourate Al-Inshiqaq en Oromo
Yeroo samiin dhodhoote |
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi |
Yeroo dachiinis diriirfamte |
Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaas taate |
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi |
يَا أَيُّهَا الْإِنسَانُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَىٰ رَبِّكَ كَدْحًا فَمُلَاقِيهِ(6) Yaa namootaa! Dhugumatti, ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin qabsaa’aadhaa, isa (hojii kee) qunnamaadhas |
Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname |
Qormaata salphaa qoramuuf jira |
Gammadaa gara maatii isaa deebi’a |
Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo |
Badii kadhachuuf jira |
Ibidda boba’aa seena |
Dhugumatti, inni maatii isaa keessatti gammadaa ture |
Dhugamatti, inni (gama Rabbii) deebi’uu dhabuu yaade |
Lakki! (ni deebi’a)Gooftaan isaa isa argaadha |
Haa dhorgamu! Diimina galgalaattin kakadha |
Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha) |
Jiattis yeroo inni guuteenin (kakadha) |
Dhugumatti, isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu |
Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne |
Yeroo Quraanni isaan irratti qaraamus sujuuda hin buan |
Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu |
Rabbiin irra beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti |
Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi |
إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ(25) Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan isaaniif mindaa hin cinnetu jira |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Inshiqaq : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Inshiqaq complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide