La sourate Al-Alaq en Oromo
Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi |
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume |
Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qarai |
Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani |
Nama, waan inni hin beekne barsiise |
Dhugumatti, namni daangaa dabra |
Sababa duroomuu of arguutiin |
Deebiin garuma Gooftaa keetiiti |
Sila isa dhorgu san argitee |
Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee) |
Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi |
Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo |
Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi |
Sila inni Rabbiin arguu hin beekuu |
Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna |
Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna) |
Garee isaa haa waammatu |
Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra |
Dhorgami! Isaan hin ajajaminSujuudis gara Rabbiittis dhihaadhu |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Alaq : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Alaq complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide