La sourate At-Taghabun en Oromo
Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessaMootummaan kan Isaa ti; faarunis kan IsaatiInni waan hunda irratti dandaaadha |
هُوَ الَّذِي خَلَقَكُمْ فَمِنكُمْ كَافِرٌ وَمِنكُم مُّؤْمِنٌ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ(2) Inni Isa isin uumeIsin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Muuminnis ni jiraRabbiin waan isin dalagdan argaadha |
Samiifi dachii dhugaan uumeIsinis bocee boca keessan gaaromseDeebiinis garuma isaati |
Wantoota samiifi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beekaRabbiin waan qoma keessaa beekaadha |
Sila oduun warra duraan kafaranii adabbii kufrii isaanii dhandhamanii isinitti hin dhufnee! Isaaniifis ibidda laalessaatu jira |
Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifiRabbiinis of gaeRabbiin dureessa faarfamaadha |
Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himamaSunis Rabbirratti laafaa dha" jedhiin |
فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَالنُّورِ الَّذِي أَنزَلْنَا ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ(8) Rabbiifi Ergamaa Isaatti, akkasumas ifa isa Nuti buufnetti amanaaRabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha |
Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]Sun guyyaa wal gowwoomsuutiNamni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) dilii isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishee laggeen yaatu keessa abaditti hafoo taanii isa seensisaSun milkii guddaadha |
Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, ishee keessatti hafoo taanii isaan warra ibiddaati(Isheen) deebii tauun waa fokkatte |
Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin ala nama hin tuquNama Rabbitti amanes qalbii isaa ni qajeelchaRabbiin waan hunda beekaadha |
Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaaYoo gara galtanis wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu qofa |
اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ(13) Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMuuminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu |
Yaa warra amantan! Dhugumatti, niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaaYoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha |
إِنَّمَا أَمْوَالُكُمْ وَأَوْلَادُكُمْ فِتْنَةٌ ۚ وَاللَّهُ عِندَهُ أَجْرٌ عَظِيمٌ(15) Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodhaRabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira |
Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuu keessaniif caalaa taaNamni donummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaaoodha |
Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramasRabbiin galateeffataa obsaadha |
(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate At-Taghabun : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate At-Taghabun complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide