La sourate Al-Mursalat en Oromo
(Maleykota) wal hordoftuu taanii ergamaniinin kakadha |
(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis |
(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis |
(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis |
(Malaykota) ergaa buuftotattis |
Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha) |
Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha |
Yeroo urjiiwwan ifti ishee haqamte |
Yeroo samiinis babbanamte |
Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte |
Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte |
Guyyaa kamiif beellamaman |
Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman) |
Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka tae maaltu si beeksise |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee |
Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna |
Yakkamtootas akkanuma goona |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee |
Bakka mijaaaa keessas isa goone |
Hanga yeroo beekamaatti |
Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee |
Jiraafi duaas (walitti qabdi) |
وَجَعَلْنَا فِيهَا رَوَاسِيَ شَامِخَاتٍ وَأَسْقَيْنَاكُم مَّاءً فُرَاتًا(27) Gaarreen raggaoo dhedheeraa ishee keessatti gooneBishaan miaawaas isin obaafne |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa |
Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa |
Gaaddiseessaa miti; bobaaa ibiddaa irraas hin duroomsu |
Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti |
Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha |
Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Kun guyyaa adda fooamiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne |
Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu |
Asheeta irraa waan fedhan (keessa taau) |
Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu) |
Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qananiaa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama) |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu |
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaae |
Isaan ala haasawa kamitti amanu ree |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Mursalat : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Mursalat complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide