La sourate Fussilat en Oromo
حم(1) Haa Miim |
(Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha |
كِتَابٌ فُصِّلَتْ آيَاتُهُ قُرْآنًا عَرَبِيًّا لِّقَوْمٍ يَعْلَمُونَ(3) Kitaaba keeyyattoonni isaa namoota beekaniif, dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, adda baafamteedha |
بَشِيرًا وَنَذِيرًا فَأَعْرَضَ أَكْثَرُهُمْ فَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ(4) Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galanSaniifuu isaan hin dhagayan |
Ni jedhan: “onneen keenya waan isin itti nu waamtan irraa haguuggaa keessa jiraGurra keenya keessas duudummaatu jiraGidduu keenyaafi gidduu keetis waan haguugutu jiraKanaaf ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagna |
Jedhi: “ani namuma akka keessaniiti; ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa gaafadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira’ jechuutu gara kiyyatti beeksisa godhama.” |
الَّذِينَ لَا يُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَهُم بِالْآخِرَةِ هُمْ كَافِرُونَ(7) Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhirattis kafaraniidha |
إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ(8) Dhugumatti, isaan amananii, toltuu hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira |
Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaa Isaaf gootuu? Sun Gooftaa aalama hundaati |
Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessattis barakaa godheIshee keessatti wantoota ittiin jiraatan guyyuma afur guutuu keessatti warra itti haajamaniif murteesse |
Ergasii haala isheen aara taatee jirtuun samii ol ta’e, isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedheIsaanis “jaalannee dhufne” jedhan |
Guyyaa lama keessatti samii torba godhee xumuree, samii hunda keessatti, dhimma ishee ilaalchisee beeksisa itti godheSamii addunyaas ifaadhaan (urjiin) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine)Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati |
فَإِنْ أَعْرَضُوا فَقُلْ أَنذَرْتُكُمْ صَاعِقَةً مِّثْلَ صَاعِقَةِ عَادٍ وَثَمُودَ(13) Yoo isaan gara galan “ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin isin sodaachiseera” jedhiin |
(adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; kanaaf nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise) |
Aad immoo dachii keessatti haqaan ala boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhanSila Rabbiin, Inni isaan uume sun dhugumatti, humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormitoota turan |
Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine(Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadhaIsaan hin tumsamanu |
Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; waan isaan hojjataa turaniif duuti adabbii salphisaa isaan qabatte |
Isaan amananii, Rabbiin kan sodaatan turan nagaya baafne |
وَيَوْمَ يُحْشَرُ أَعْدَاءُ اللَّهِ إِلَى النَّارِ فَهُمْ يُوزَعُونَ(19) Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii ittifaman san [yaadadhu] |
Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u |
Gogaa isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan[Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtantu nu dubbachiise.” |
Isinis dhageettiin keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitanu hin taaneHaa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan |
وَذَٰلِكُمْ ظَنُّكُمُ الَّذِي ظَنَنتُم بِرَبِّكُمْ أَرْدَاكُمْ فَأَصْبَحْتُم مِّنَ الْخَاسِرِينَ(23) Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidhaIsin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan |
فَإِن يَصْبِرُوا فَالنَّارُ مَثْوًى لَّهُمْ ۖ وَإِن يَسْتَعْتِبُوا فَمَا هُم مِّنَ الْمُعْتَبِينَ(24) Yoo obsanis, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefamu irraayii miti |
Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechanJechi (adabbiin) akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, isaan irrattis mirkanaa’eIsaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru |
Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; akka injifattaniif (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa” jedhan |
Isaan kafaran dhugumaan adabbii cimaa isaan dhandhamsiifnaDhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis isaan mindeessina |
Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefiIsaaniif ishee keessa mana yeroo hundaatu jiraWaan keeyyattoota keenya mormaniif isaaniif mindaa ta’a |
Isaan kafaran “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; akka warra jalaa keessa ta’aniif faana keenya jala isaan goona” jedhan |
Dhugumatti, isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa |
Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasumaIsiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuun keessan feetutu jiraIsiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira |
Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu) |
Nama gara Rabbiitti waameefi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu |
(Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’anIshee toltuu taateen deebisiYoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta) |
وَمَا يُلَقَّاهَا إِلَّا الَّذِينَ صَبَرُوا وَمَا يُلَقَّاهَا إِلَّا ذُو حَظٍّ عَظِيمٍ(35) Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatuAbbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu |
Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha |
Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis mallattoolee Isaa irraayyiYoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan Aduufis ta’ee baatiif hin salaatinaaRabbii isaan uume qofaaf sagadaa |
Yoo boonanis, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu |
Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa irraayiErgasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftisDhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadhaInni waan hunda irratti danda’aadha |
Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa dhokachuu hin danda’anuSila Guyyaa Qiyaamaa isa ibidda keessatti darbamu moo, isa nagaa ta’ee dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha |
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِالذِّكْرِ لَمَّا جَاءَهُمْ ۖ وَإِنَّهُ لَكِتَابٌ عَزِيزٌ(41) Dhugumatti, isaan erga inni itti dhufee booda yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran (mindaa ni argatu)Dhugumatti, inni kitaaba injifataadha |
لَّا يَأْتِيهِ الْبَاطِلُ مِن بَيْنِ يَدَيْهِ وَلَا مِنْ خَلْفِهِ ۖ تَنزِيلٌ مِّنْ حَكِيمٍ حَمِيدٍ(42) Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame |
Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiruDhugumatti, Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati |
Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin; ergamaan Arabaa, akkamitti afaan Ajamiin bu’e?” jedhu turan(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qorichaIsaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jiraInnis isaan irratti jaamummaadhaIsaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.” |
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama tureIsaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru |
Namni toltuu hojjate ofumaafiNamni hamtuu hojjates isheedhuma irrattiGooftaan kee gabroota kan miidhuu miti |
Beekumsi Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamaBeekumsa Rabbiitiin ala firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessusGuyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u dhabamuu si beeksifneerra.” |
وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا يَدْعُونَ مِن قَبْلُ ۖ وَظَنُّوا مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ(48) Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turanis isaan irraa badeKarri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu |
لَّا يَسْأَمُ الْإِنسَانُ مِن دُعَاءِ الْخَيْرِ وَإِن مَّسَّهُ الشَّرُّ فَيَئُوسٌ قَنُوطٌ(49) Namni qabeenya kadhachuu irraa hin hifatuYeroo hiyyummaan isa tuqe akkaan abdii murataa, rahmata Rabbii irraa garaa kutataa ta’a |
Odoo erga rakkoon isa tuqee booda rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifnee silaa “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira (carraa) gaariitu naaf jira” jedhaDhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjachaa turan isaanitti odeessinee, adabbii ulfaataas isaan dhandamsiisuuf jirra |
Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, inni gara galeeti (iimaana) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a |
Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru irra jallaan ni jiraa |
Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifnaInni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu |
أَلَا إِنَّهُمْ فِي مِرْيَةٍ مِّن لِّقَاءِ رَبِّهِمْ ۗ أَلَا إِنَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ مُّحِيطٌ(54) Mee dhagayaa! Dhugumatti, isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiruDhaga’aa! Dhugumatti, Inni waan hundaan marsee jira |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Fussilat : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Fussilat complète en haute qualité.
![surah Fussilat Ahmed El Agamy mp3 surah Fussilat Ahmed El Agamy](https://i.pinimg.com/564x/b1/9f/03/b19f03a9f2f09c46afbfd4f03727aee7.jpg)
![surah Fussilat Bandar Balila mp3 surah Fussilat Bandar Balila](https://i.pinimg.com/564x/3e/27/fa/3e27fa5bbbd4d19ee2f4b4975224913e.jpg)
![surah Fussilat Khalid Al Jalil mp3 surah Fussilat Khalid Al Jalil](https://i.pinimg.com/564x/9b/26/36/9b2636f5bbf7ef72abdb817018e96a4d.jpg)
![surah Fussilat Saad Al Ghamdi mp3 surah Fussilat Saad Al Ghamdi](https://i.pinimg.com/564x/85/27/cf/8527cf694f379425e43b9a4fe54b6cfb.jpg)
![surah Fussilat Saud Al Shuraim mp3 surah Fussilat Saud Al Shuraim](https://i.pinimg.com/564x/ad/79/67/ad79679d76062df7166c6e2f52d397d6.jpg)
![surah Fussilat Abdul Basit Abdul Samad mp3 surah Fussilat Abdul Basit Abdul Samad](https://i.pinimg.com/564x/52/95/ae/5295ae7c08e4ebdc7eda3ddb5c6c0a19.jpg)
![surah Fussilat Abdul Rashid Sufi mp3 surah Fussilat Abdul Rashid Sufi](https://i.pinimg.com/564x/80/56/ee/8056ee030160e5c7216811b7b209343c.jpg)
![surah Fussilat Abdullah Basfar mp3 surah Fussilat Abdullah Basfar](https://i.pinimg.com/236x/f5/7b/a1/f57ba14ba4844cee88cdf7cfb2b06510.jpg)
![surah Fussilat Abdullah Awwad Al Juhani mp3 surah Fussilat Abdullah Awwad Al Juhani](https://i.pinimg.com/564x/aa/4d/0b/aa4d0b16c5fbc41efcd692947a4d75ad.jpg)
![surah Fussilat Fares Abbad mp3 surah Fussilat Fares Abbad](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/2b/28/ae/2b28aef3f9678b7cd89315d5ffceba2f.jpg)
![surah Fussilat Maher Al Muaiqly mp3 surah Fussilat Maher Al Muaiqly](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/ab/cc/99/abcc9949d0419ef1f0963a54aef06397.jpg)
![surah Fussilat Al Minshawi mp3 surah Fussilat Muhammad Siddiq Al Minshawi](https://i.pinimg.com/564x/21/76/8d/21768d297bd3460f7339b7b755f53d03.jpg)
![surah Fussilat Mahmoud Khalil Al Hosary mp3 surah Fussilat Al Hosary](https://i.pinimg.com/564x/3f/da/7e/3fda7ed5056347e700cac64d07e164c3.jpg)
![surah Fussilat Mishari Al-afasi mp3 surah Fussilat Al-afasi](https://i.pinimg.com/564x/0a/40/9e/0a409ef09a55700877c20d7195fe9126.jpg)
![surah Fussilat Yasser Al Dosari mp3 surah Fussilat Yasser Al Dosari](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/32/3e/17/323e173f4833680898f51240bedd4973.jpg)
Donnez-nous une invitation valide