La sourate Al-Hujuraat en Oromo
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaaRabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha |
Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyichaa irra ol hin kaasinaaAkka dalagaawwan keessan odoo isin hin beekne hin banneef jecha, haasa’a akka gariin keessan garii irratti ol fuudhutti isa irratti ol hin fuudhinaa |
Isaan sagaleewwan isaanii ergamaa Rabbii biratti gadi qabatan, isaan sun warra Rabbiin onnee isaanii sodaa Rabbiitif qopheesseIsaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira |
إِنَّ الَّذِينَ يُنَادُونَكَ مِن وَرَاءِ الْحُجُرَاتِ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْقِلُونَ(4) Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatanu |
Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala tureRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha |
Yaa warra amantan! Yoo fincilaan tokko oduun isinitti dhufe, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti hin gaabbineef dubbii adda baafadhaa |
Isin keessa ergamaan Rabbii jiraachuu beekaaDhimmoota baay’ee keessatti odoo isin jala deemee rakkinni isin irra ga’a tureGaruu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiiseeti, onnee keessan keessattis isa miidhagsee, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godheIsaan sun isaanumatu qajeeloodha |
فَضْلًا مِّنَ اللَّهِ وَنِعْمَةً ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ(8) Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe)Rabbiinis beekaa, ogeessa |
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaaniitti araara buusaaYoo lamaan keessaa isheen tokko ishee lammataa irratti daangaa darbite, ishee daangaa darbite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaaYoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessasDhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata |
Mu’uminoonni obboleeyyani; kanaafuu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaaAkka mararfatamtanuuf jecha Rabbiin sodaadhaa |
Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatinIsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaDubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaTokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaaErga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota |
Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidhaWalis hin basaasinaaGariin keessanis garii hin hamatinTokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? (Yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaaRabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha |
Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti, akka wal beektaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifneRabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessaniRabbiin beekaa keessa hubataadha |
Shanaanoon “nuti amanneerra” jedhu“Waan ammallee iimaanni onnee keessan keessa hin seeniniif jecha, isin hin amanne; garuu ‘islaamofne’ jedhaa.” Garuu yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, Inni hojiiwwan keessan irraa homaa hin hir’isuRabbiin araaramaa, mararfataadha |
Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii shakkii hin qabaatiniifi qabeenya isaanitiifi lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidhaIsaan isaanumatu warra dhugaati |
Jedhi: “Waa’ee amantii keessanii Rabbiin barsiisuu feetuu? Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beekaRabbiin waan hunda beekaadha.” |
Islaamawuu isaaniitiin sirratti dhaaddatu“Islaamummaa keessaniin ana irratti hin dhaaddatinaaYoo warra dhugaa dubbatu taatan, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti dhaaddata” jedhiin |
إِنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ غَيْبَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ(18) Rabbiin fagoo samiifi dachii keessaa ni beekaRabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.” |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Hujuraat : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Hujuraat complète en haute qualité.
![surah Al-Hujuraat Ahmed El Agamy mp3 surah Al-Hujuraat Ahmed El Agamy](https://i.pinimg.com/564x/b1/9f/03/b19f03a9f2f09c46afbfd4f03727aee7.jpg)
![surah Al-Hujuraat Bandar Balila mp3 surah Al-Hujuraat Bandar Balila](https://i.pinimg.com/564x/3e/27/fa/3e27fa5bbbd4d19ee2f4b4975224913e.jpg)
![surah Al-Hujuraat Khalid Al Jalil mp3 surah Al-Hujuraat Khalid Al Jalil](https://i.pinimg.com/564x/9b/26/36/9b2636f5bbf7ef72abdb817018e96a4d.jpg)
![surah Al-Hujuraat Saad Al Ghamdi mp3 surah Al-Hujuraat Saad Al Ghamdi](https://i.pinimg.com/564x/85/27/cf/8527cf694f379425e43b9a4fe54b6cfb.jpg)
![surah Al-Hujuraat Saud Al Shuraim mp3 surah Al-Hujuraat Saud Al Shuraim](https://i.pinimg.com/564x/ad/79/67/ad79679d76062df7166c6e2f52d397d6.jpg)
![surah Al-Hujuraat Abdul Basit Abdul Samad mp3 surah Al-Hujuraat Abdul Basit Abdul Samad](https://i.pinimg.com/564x/52/95/ae/5295ae7c08e4ebdc7eda3ddb5c6c0a19.jpg)
![surah Al-Hujuraat Abdul Rashid Sufi mp3 surah Al-Hujuraat Abdul Rashid Sufi](https://i.pinimg.com/564x/80/56/ee/8056ee030160e5c7216811b7b209343c.jpg)
![surah Al-Hujuraat Abdullah Basfar mp3 surah Al-Hujuraat Abdullah Basfar](https://i.pinimg.com/236x/f5/7b/a1/f57ba14ba4844cee88cdf7cfb2b06510.jpg)
![surah Al-Hujuraat Abdullah Awwad Al Juhani mp3 surah Al-Hujuraat Abdullah Awwad Al Juhani](https://i.pinimg.com/564x/aa/4d/0b/aa4d0b16c5fbc41efcd692947a4d75ad.jpg)
![surah Al-Hujuraat Fares Abbad mp3 surah Al-Hujuraat Fares Abbad](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/2b/28/ae/2b28aef3f9678b7cd89315d5ffceba2f.jpg)
![surah Al-Hujuraat Maher Al Muaiqly mp3 surah Al-Hujuraat Maher Al Muaiqly](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/ab/cc/99/abcc9949d0419ef1f0963a54aef06397.jpg)
![surah Al-Hujuraat Al Minshawi mp3 surah Al-Hujuraat Muhammad Siddiq Al Minshawi](https://i.pinimg.com/564x/21/76/8d/21768d297bd3460f7339b7b755f53d03.jpg)
![surah Al-Hujuraat Mahmoud Khalil Al Hosary mp3 surah Al-Hujuraat Al Hosary](https://i.pinimg.com/564x/3f/da/7e/3fda7ed5056347e700cac64d07e164c3.jpg)
![surah Al-Hujuraat Mishari Al-afasi mp3 surah Al-Hujuraat Al-afasi](https://i.pinimg.com/564x/0a/40/9e/0a409ef09a55700877c20d7195fe9126.jpg)
![surah Al-Hujuraat Yasser Al Dosari mp3 surah Al-Hujuraat Yasser Al Dosari](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/32/3e/17/323e173f4833680898f51240bedd4973.jpg)
Donnez-nous une invitation valide