La sourate Nuh en Oromo
Nuti "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra |
(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha |
Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun |
Dilii keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaaeettis isin tursiisaBeellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamuOdoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu) |
(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame |
Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe |
Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurra isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan |
Ergasii lallabeen isaan waame |
ثُمَّ إِنِّي أَعْلَنتُ لَهُمْ وَأَسْرَرْتُ لَهُمْ إِسْرَارًا(9) Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase |
فَقُلْتُ اسْتَغْفِرُوا رَبَّكُمْ إِنَّهُ كَانَ غَفَّارًا(10) ‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; dhugumatti Inni Akkaan Araaramaadhan’ jedhe |
Rooba baayee deddeebiaa isin irratti erga |
وَيُمْدِدْكُم بِأَمْوَالٍ وَبَنِينَ وَيَجْعَل لَّكُمْ جَنَّاتٍ وَيَجْعَل لَّكُمْ أَنْهَارًا(12) Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabalaAshaakiltii isiniif godheeti laggeenis isiniif taasisa |
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne |
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera |
أَلَمْ تَرَوْا كَيْفَ خَلَقَ اللَّهُ سَبْعَ سَمَاوَاتٍ طِبَاقًا(15) Sila akka Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti uume hin arginee |
وَجَعَلَ الْقَمَرَ فِيهِنَّ نُورًا وَجَعَلَ الشَّمْسَ سِرَاجًا(16) Isaan keessattis jia ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi hoaa (siraaja) taasise |
Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche |
Ergasii ishee keessatti isin deebiseeti, baasuus isin baasa |
Rabbiinis dachii afata isiniif godhe |
Akka isin ishee irraa karaalee babalaa seentaniif |
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan |
Tooftaa gurguddaa baasan |
‘Gabbaramtoota keessaniis hin dhiisinaa; waddi, suwaai, yaghuus, yauuqiifi nasriinis hin dhiisinaa (waliin) jedhan |
وَقَدْ أَضَلُّوا كَثِيرًا ۖ وَلَا تَزِدِ الظَّالِمِينَ إِلَّا ضَلَالًا(24) Dhugumatti, (namoota) baayee jallisaniiruMiidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.” |
Diliiwwan isaanii irraa kan kae, bishaaniin nyaachifamanii ibidda seensifamanRabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne |
وَقَالَ نُوحٌ رَّبِّ لَا تَذَرْ عَلَى الْأَرْضِ مِنَ الْكَافِرِينَ دَيَّارًا(26) Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin |
إِنَّكَ إِن تَذَرْهُمْ يُضِلُّوا عِبَادَكَ وَلَا يَلِدُوا إِلَّا فَاجِرًا كَفَّارًا(27) Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira tae malees hin dhalan (hin horan) |
Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaafi haadha kiyyaaf, nama mu’umina taee mana kiyya seeneef, muuminootaafi muumintittiifis araaramiKaafirootaafis badii malee hin dabalin.” |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Nuh : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Nuh complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide