Перевод суры Аль-Хадид на Оромо язык

  1. Сура mp3
  2. Другие суры
  3. Оромо
Священный Коран | Перевод Корана | Язык Оромо | Сура Аль-Хадид | الحديد - получите точный и надежный Оромо текст сейчас - Количество аятов: 29 - Номер суры в мушафе: 57 - Значение названия суры на русском языке: The Iron.

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ(1)

 Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesseInni injifataa, Ogeessa

لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ(2)

 Mootummaan samiifi dachii kan IsaatiInni ni jiraachisa; ni ajjeesasInni waan hunda irratti danda’aadha

هُوَ الْأَوَّلُ وَالْآخِرُ وَالظَّاهِرُ وَالْبَاطِنُ ۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ(3)

 Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataas (argaa dha); Inni waan hunda beekaadha

هُوَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَىٰ عَلَى الْعَرْشِ ۚ يَعْلَمُ مَا يَلِجُ فِي الْأَرْضِ وَمَا يَخْرُجُ مِنْهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ السَّمَاءِ وَمَا يَعْرُجُ فِيهَا ۖ وَهُوَ مَعَكُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ(4)

 Inni Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii ‘Arshii’ irratti (ol ta’iinsa isaafmalu) ol ta’eedhaWaan dachii keessa gadi seenuufi waan ishee irraa ba’u, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beekaInni eessallee yoo jiraattan isin waliin jiraRabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga

لَّهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ(5)

 Mootummaan samiifi dachii kan IsaatiDhimmi hunduu gara Rabbiitti deebifamti

يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ ۚ وَهُوَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ(6)

 Halkan guyyaa keessa galcha; guyyaas halkan keessa galchaInni beekaa waan qoma keessa jiruuti

آمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَأَنفِقُوا مِمَّا جَعَلَكُم مُّسْتَخْلَفِينَ فِيهِ ۖ فَالَّذِينَ آمَنُوا مِنكُمْ وَأَنفَقُوا لَهُمْ أَجْرٌ كَبِيرٌ(7)

 Rabbiifi ergamaa Isaatti amanaa; waan Inni isa keessatti bakka bu’aa isin taasise irraas kennadhaaIsin irraa isaan amananii, arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira

وَمَا لَكُمْ لَا تُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ۙ وَالرَّسُولُ يَدْعُوكُمْ لِتُؤْمِنُوا بِرَبِّكُمْ وَقَدْ أَخَذَ مِيثَاقَكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ(8)

 Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taataniif, sila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan

هُوَ الَّذِي يُنَزِّلُ عَلَىٰ عَبْدِهِ آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ لِّيُخْرِجَكُم مِّنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۚ وَإِنَّ اللَّهَ بِكُمْ لَرَءُوفٌ رَّحِيمٌ(9)

 Inni Isa gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an dukkana irraa gara ifaatti isin baasuuf jecha buuseedhaAllaah’n isin mararfataa, rahmata godhaadha

وَمَا لَكُمْ أَلَّا تُنفِقُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَلِلَّهِ مِيرَاثُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا يَسْتَوِي مِنكُم مَّنْ أَنفَقَ مِن قَبْلِ الْفَتْحِ وَقَاتَلَ ۚ أُولَٰئِكَ أَعْظَمُ دَرَجَةً مِّنَ الَّذِينَ أَنفَقُوا مِن بَعْدُ وَقَاتَلُوا ۚ وَكُلًّا وَعَدَ اللَّهُ الْحُسْنَىٰ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ(10)

 Karaa Rabbii keessatti kan hin arjoomne maal taataniiti? Dhaalli samiifi dachiis kan Allaah qofaIsin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi qabsaa’e (isaan sana booda arjoomaniifi qabsaa’an wajjiin) wal hin qixxaa’anIsaan sun warra sana booda arjoomaniifi qabsaa’an irra sadarkaa guddaa qabuHundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jiraRabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha

مَّن ذَا الَّذِي يُقْرِضُ اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا فَيُضَاعِفَهُ لَهُ وَلَهُ أَجْرٌ كَرِيمٌ(11)

 Namni Rabbiif liqii gaarii liqeessee, Inni (Rabbiin) dachaa isaaf taasisuun mindaan gaariin isaaf ta’u eenyu laata

يَوْمَ تَرَى الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ يَسْعَىٰ نُورُهُم بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَبِأَيْمَانِهِم بُشْرَاكُمُ الْيَوْمَ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ(12)

 Guyyaa mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa kan ifaan isaanii fuuldura isaanitiifi mirga isaanii irra adeemu argitu “gammachuun keessan har’a, ishee keessatti hafaa taatanii oyruu jala ishee laggeen yaatuudha; Sanatu milkii guddaadha” (isaaniin jedhama)

يَوْمَ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالْمُنَافِقَاتُ لِلَّذِينَ آمَنُوا انظُرُونَا نَقْتَبِسْ مِن نُّورِكُمْ قِيلَ ارْجِعُوا وَرَاءَكُمْ فَالْتَمِسُوا نُورًا فَضُرِبَ بَيْنَهُم بِسُورٍ لَّهُ بَابٌ بَاطِنُهُ فِيهِ الرَّحْمَةُ وَظَاهِرُهُ مِن قِبَلِهِ الْعَذَابُ(13)

 Guyyaa munaafiqoonni dhiirotaafi dubartootaa isaan amananiin “nu eegaa! Ifaa keessan irraa qabsiifannaa!” jedhan, “Gara booda keessaniitti deebi’aa! Ifaa achii barbaadaa” jedhamaGidduu isaaniitti jogola (dahoo) balbala qabu kan keessa isaa rahmanni, ala isaa immoo adabbiin jirutu taasifama

يُنَادُونَهُمْ أَلَمْ نَكُن مَّعَكُمْ ۖ قَالُوا بَلَىٰ وَلَٰكِنَّكُمْ فَتَنتُمْ أَنفُسَكُمْ وَتَرَبَّصْتُمْ وَارْتَبْتُمْ وَغَرَّتْكُمُ الْأَمَانِيُّ حَتَّىٰ جَاءَ أَمْرُ اللَّهِ وَغَرَّكُم بِاللَّهِ الْغَرُورُ(14)

 (Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti isin waliin hin turree?” (jedhuun)“Eeyyeen! Garuu isin lubbuu keessan jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, amantiis shakkitanii, hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin sobaa isin gowwoomsitee, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse

فَالْيَوْمَ لَا يُؤْخَذُ مِنكُمْ فِدْيَةٌ وَلَا مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ مَأْوَاكُمُ النَّارُ ۖ هِيَ مَوْلَاكُمْ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ(15)

 Har’a isiniifi isaan kafaran irraas kafaltiin hin fuudhamuTeessoon keessan ibidda ta’aIsheen jaallalloo keessaniDeebiin waa fokkate

۞ أَلَمْ يَأْنِ لِلَّذِينَ آمَنُوا أَن تَخْشَعَ قُلُوبُهُمْ لِذِكْرِ اللَّهِ وَمَا نَزَلَ مِنَ الْحَقِّ وَلَا يَكُونُوا كَالَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِن قَبْلُ فَطَالَ عَلَيْهِمُ الْأَمَدُ فَقَسَتْ قُلُوبُهُمْ ۖ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَاسِقُونَ(16)

 Warra amananiif, yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitiifi dhugaa irraa waan bu’eef laaftu hin dhihaannee? Akka warra isaaniin dura kitaaba kennamanii, yeroon itti dheerattee, qalbiin isaanii goggogdee, baay’een isaanii shari’aa irraa bahanii tahuu dhabutti (hin dhihaannee)

اعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يُحْيِي الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ قَدْ بَيَّنَّا لَكُمُ الْآيَاتِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ(17)

 Beekaa! Dhugumatti, Rabbiin dachii erga isheen duutee booda jiraachisaDhugumatti, akka isin hubattaniif jecha keeyyattoota (keenya) isiniif addeessinee jirra

إِنَّ الْمُصَّدِّقِينَ وَالْمُصَّدِّقَاتِ وَأَقْرَضُوا اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا يُضَاعَفُ لَهُمْ وَلَهُمْ أَجْرٌ كَرِيمٌ(18)

 Dhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif ta’aMindaan gaarii ta’ees isaaniif jira

وَالَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ أُولَٰئِكَ هُمُ الصِّدِّيقُونَ ۖ وَالشُّهَدَاءُ عِندَ رَبِّهِمْ لَهُمْ أَجْرُهُمْ وَنُورُهُمْ ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ الْجَحِيمِ(19)

 Isaan Rabbiifi ergamoota Isaatti amanani, isaantu warra dhugaan amananiidhaWareegamtoonni Gooftaa isaanii biratti mindaa isaanitiifi ibsaa isaaniitu isaaniif jiraIsaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati

اعْلَمُوا أَنَّمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا لَعِبٌ وَلَهْوٌ وَزِينَةٌ وَتَفَاخُرٌ بَيْنَكُمْ وَتَكَاثُرٌ فِي الْأَمْوَالِ وَالْأَوْلَادِ ۖ كَمَثَلِ غَيْثٍ أَعْجَبَ الْكُفَّارَ نَبَاتُهُ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَاهُ مُصْفَرًّا ثُمَّ يَكُونُ حُطَامًا ۖ وَفِي الْآخِرَةِ عَذَابٌ شَدِيدٌ وَمَغْفِرَةٌ مِّنَ اللَّهِ وَرِضْوَانٌ ۚ وَمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا مَتَاعُ الْغُرُورِ(20)

 Jireenyi addunyaa tapha, gammachuu yeroo gabaabaa, miidhagina, dhaaddannoo gidduu keessaniitiifi qabeenyaafi ilmaan baay’ifatuu qofa akka ta’e beekaaAkka fakkeenya bokkaa, margi isaa qotee bulaa dinqisiisee, kan ergasii gogee daalachaa’aa ta’uu argitee, ergasii caccabaa ta’eetiAakhiratti adabbii cimaa, araaramaafi jaalala Rabbi irraa ta’etu jiraJireenyi addunyaa meeshaa daguuti malee waan biraatii miti

سَابِقُوا إِلَىٰ مَغْفِرَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ وَجَنَّةٍ عَرْضُهَا كَعَرْضِ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ أُعِدَّتْ لِلَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۚ ذَٰلِكَ فَضْلُ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ(21)

 Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samiifi dachii ta’eetti wal dorgomaaIsaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti amananiif qophoofteKun tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuudhaRabbiin abbaa tola guddaati

مَا أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي أَنفُسِكُمْ إِلَّا فِي كِتَابٍ مِّن قَبْلِ أَن نَّبْرَأَهَا ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ(22)

 Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti galmeessinu malee hin hafuDhugumatti, kun Rabbi irratti laafaadha

لِّكَيْلَا تَأْسَوْا عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا تَفْرَحُوا بِمَا آتَاكُمْ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ(23)

 Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe)Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu

الَّذِينَ يَبْخَلُونَ وَيَأْمُرُونَ النَّاسَ بِالْبُخْلِ ۗ وَمَن يَتَوَلَّ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ(24)

 Isaan warra doynoomanii, namallee doynummatti ajajaniidhaNamni (amantii irraa) garagales Rabbiin dureessa faarfamaadha

لَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلَنَا بِالْبَيِّنَاتِ وَأَنزَلْنَا مَعَهُمُ الْكِتَابَ وَالْمِيزَانَ لِيَقُومَ النَّاسُ بِالْقِسْطِ ۖ وَأَنزَلْنَا الْحَدِيدَ فِيهِ بَأْسٌ شَدِيدٌ وَمَنَافِعُ لِلنَّاسِ وَلِيَعْلَمَ اللَّهُ مَن يَنصُرُهُ وَرُسُلَهُ بِالْغَيْبِ ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ(25)

 Dhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi madaalas akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha isaan waliin buufnee jirraSibiilas kan isa keessa humna cimaafi namootaaf bu’aawwan jiru goonee buufneerraRabbiin nama Isaafi ergamtoota Isaa fagootti (ghaybiitti) tumsanu mul’isuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin jabaa, injifataadha

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا وَإِبْرَاهِيمَ وَجَعَلْنَا فِي ذُرِّيَّتِهِمَا النُّبُوَّةَ وَالْكِتَابَ ۖ فَمِنْهُم مُّهْتَدٍ ۖ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَاسِقُونَ(26)

 Dhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirraSanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba goonee jirraIsaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota

ثُمَّ قَفَّيْنَا عَلَىٰ آثَارِهِم بِرُسُلِنَا وَقَفَّيْنَا بِعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ وَآتَيْنَاهُ الْإِنجِيلَ وَجَعَلْنَا فِي قُلُوبِ الَّذِينَ اتَّبَعُوهُ رَأْفَةً وَرَحْمَةً وَرَهْبَانِيَّةً ابْتَدَعُوهَا مَا كَتَبْنَاهَا عَلَيْهِمْ إِلَّا ابْتِغَاءَ رِضْوَانِ اللَّهِ فَمَا رَعَوْهَا حَقَّ رِعَايَتِهَا ۖ فَآتَيْنَا الَّذِينَ آمَنُوا مِنْهُمْ أَجْرَهُمْ ۖ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَاسِقُونَ(27)

 Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifneIisaa ilma Maryamis hordofsiifnee, Injiiliin isaaf kenninee jirraOnnee isaan isa (Iisaa) hordofanii keessattis namaaf rifatuufi gara laafummaa gooneMoloksummaas ni eegalanJaalala Rabbii barbaaduuf (eegalan) malee Nuti isaan irratti hin barreessine(Garuu ) dhugaa eeggachuu ishee hin eegganneIsaan irraa warra amananiif mindaa kenninaBaay’een isaanii immoo finciltoota

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَآمِنُوا بِرَسُولِهِ يُؤْتِكُمْ كِفْلَيْنِ مِن رَّحْمَتِهِ وَيَجْعَل لَّكُمْ نُورًا تَمْشُونَ بِهِ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ(28)

 Yaa warra (Muusaafi Iisaatti) amantan! Rabbiin sodaadhaaErgamaa Isaattis (Muhammadittis SAW) amanaa! (Rabbiin) rahmata Isaa irraa dachaa isiniif kenna; ifaa ittiin deemtanis isiniif taasisa; isiniifis ni araaramaRabbiin araaramaa, mararfataadha

لِّئَلَّا يَعْلَمَ أَهْلُ الْكِتَابِ أَلَّا يَقْدِرُونَ عَلَىٰ شَيْءٍ مِّن فَضْلِ اللَّهِ ۙ وَأَنَّ الْفَضْلَ بِيَدِ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ(29)

 Abbootiin kitaabaa (Yahuudonniifi Kiristaanonni) qananii Rabbii irratti homaa murteessuu akka hin dandeenye, qananiin harka Rabbii akka jiruufi Inni nama fedheef akka kennu haa beekanuuf (kana ibse)Rabbiin abbaa tola guddaati


Больше сур в Оромо:


Аль-Бакара Аль-'Имран Ан-Ниса'
Аль-Маида Юсуф Ибрахим
Аль-Хиджр Аль-Кахф Марьям
Аль-Хадж Аль-Касас Аль-'Анкабут
Ас-Саджда Я-Син Ад-Духан
Аль-Фатх Аль-Худжурат Каф
Ан-Наджм Ар-Рахман Аль-Ваки'а
Аль-Хашр Аль-Мульк Аль-Хакка
Аль-Иншикак Аль-А'ла Аль-Гашия

Скачать суру Al-Hadid с голосом самых известных рекитаторов Корана:

Сура Al-Hadid mp3: выберите рекитатора, чтобы прослушать и скачать главу Al-Hadid полностью в высоком качестве
surah Al-Hadid Ahmed El Agamy
Ahmed Al Ajmy
surah Al-Hadid Bandar Balila
Bandar Balila
surah Al-Hadid Khalid Al Jalil
Khalid Al Jalil
surah Al-Hadid Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
surah Al-Hadid Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
surah Al-Hadid Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
surah Al-Hadid Abdul Rashid Sufi
Abdul Rashid Sufi
surah Al-Hadid Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
surah Al-Hadid Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
surah Al-Hadid Fares Abbad
Fares Abbad
surah Al-Hadid Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
surah Al-Hadid Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
surah Al-Hadid Al Hosary
Al Hosary
surah Al-Hadid Al-afasi
Mishari Al-afasi
surah Al-Hadid Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Wednesday, February 12, 2025

Помолитесь за нас хорошей молитвой