سوره قلم به زبان اورومویی

  1. گوش دادن به سوره
  2. سورهای دیگر
  3. ترجمه سوره
قرآن کریم | ترجمه معانی قرآن | زبان اورومویی | سوره قلم | القلم - تعداد آیات آن 52 - شماره سوره در مصحف: 68 - معنی سوره به انگلیسی: The Pen.

ن ۚ وَالْقَلَمِ وَمَا يَسْطُرُونَ(1)

 NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha

مَا أَنتَ بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِمَجْنُونٍ(2)

 Ati niimaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane

وَإِنَّ لَكَ لَأَجْرًا غَيْرَ مَمْنُونٍ(3)

 Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira

وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٍ(4)

 Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta

فَسَتُبْصِرُ وَيُبْصِرُونَ(5)

 Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru

بِأَييِّكُمُ الْمَفْتُونُ(6)

 Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu)

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ(7)

 Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka

فَلَا تُطِعِ الْمُكَذِّبِينَ(8)

 Kijibsiiftotaaf hin ajajamin

وَدُّوا لَوْ تُدْهِنُ فَيُدْهِنُونَ(9)

 Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu

وَلَا تُطِعْ كُلَّ حَلَّافٍ مَّهِينٍ(10)

 Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin

هَمَّازٍ مَّشَّاءٍ بِنَمِيمٍ(11)

 Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan taeef (hin ajajamin)

مَّنَّاعٍ لِّلْخَيْرِ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ(12)

 Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis

عُتُلٍّ بَعْدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ(13)

 Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan taeen (hin ajajamin)

أَن كَانَ ذَا مَالٍ وَبَنِينَ(14)

 Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii taeef (boonee kafare)

إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا قَالَ أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ(15)

 Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe

سَنَسِمُهُ عَلَى الْخُرْطُومِ(16)

 Funyaan irratti isa mallatteessina

إِنَّا بَلَوْنَاهُمْ كَمَا بَلَوْنَا أَصْحَابَ الْجَنَّةِ إِذْ أَقْسَمُوا لَيَصْرِمُنَّهَا مُصْبِحِينَ(17)

 Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra

وَلَا يَسْتَثْنُونَ(18)

 Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan)

فَطَافَ عَلَيْهَا طَائِفٌ مِّن رَّبِّكَ وَهُمْ نَائِمُونَ(19)

 Odoo isaan rafanuu, naannaaan (adabbiin) Rabbii kee biraa tae ishee irra naannae

فَأَصْبَحَتْ كَالصَّرِيمِ(20)

 Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte

فَتَنَادَوْا مُصْبِحِينَ(21)

 Bariidhaan walitti lallaban

أَنِ اغْدُوا عَلَىٰ حَرْثِكُمْ إِن كُنتُمْ صَارِمِينَ(22)

 Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan)

فَانطَلَقُوا وَهُمْ يَتَخَافَتُونَ(23)

 Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman

أَن لَّا يَدْخُلَنَّهَا الْيَوْمَ عَلَيْكُم مِّسْكِينٌ(24)

 Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan)

وَغَدَوْا عَلَىٰ حَرْدٍ قَادِرِينَ(25)

 (Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti dandaoo taanii bariisifatan

فَلَمَّا رَأَوْهَا قَالُوا إِنَّا لَضَالُّونَ(26)

 Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha

بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ(27)

 Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha

قَالَ أَوْسَطُهُمْ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ لَوْلَا تُسَبِّحُونَ(28)

 Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe

قَالُوا سُبْحَانَ رَبِّنَا إِنَّا كُنَّا ظَالِمِينَ(29)

 Gooftaan keenya qulqullaae; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan

فَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَلَاوَمُونَ(30)

 Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale

قَالُوا يَا وَيْلَنَا إِنَّا كُنَّا طَاغِينَ(31)

 Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota

عَسَىٰ رَبُّنَا أَن يُبْدِلَنَا خَيْرًا مِّنْهَا إِنَّا إِلَىٰ رَبِّنَا رَاغِبُونَ(32)

 Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan)

كَذَٰلِكَ الْعَذَابُ ۖ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَكْبَرُ ۚ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ(33)

 Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan)

إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّاتِ النَّعِيمِ(34)

 Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira

أَفَنَجْعَلُ الْمُسْلِمِينَ كَالْمُجْرِمِينَ(35)

 Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa

مَا لَكُمْ كَيْفَ تَحْكُمُونَ(36)

 Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu

أَمْ لَكُمْ كِتَابٌ فِيهِ تَدْرُسُونَ(37)

 Dhugumatti, kitaaba (samii bue) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa

إِنَّ لَكُمْ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ(38)

 Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)

أَمْ لَكُمْ أَيْمَانٌ عَلَيْنَا بَالِغَةٌ إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۙ إِنَّ لَكُمْ لَمَا تَحْكُمُونَ(39)

 Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka gaaa taetu isiniif jira moo

سَلْهُمْ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ(40)

 Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu

أَمْ لَهُمْ شُرَكَاءُ فَلْيَأْتُوا بِشُرَكَائِهِمْ إِن كَانُوا صَادِقِينَ(41)

 Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan taaniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu

يَوْمَ يُكْشَفُ عَن سَاقٍ وَيُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ(42)

 Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu]

خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۖ وَقَدْ كَانُوا يُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ وَهُمْ سَالِمُونَ(43)

 Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan

فَذَرْنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا الْحَدِيثِ ۖ سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ(44)

 Anaafi nama haasaa (Quraana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna

وَأُمْلِي لَهُمْ ۚ إِنَّ كَيْدِي مَتِينٌ(45)

 Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha

أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ(46)

 Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)

أَمْ عِندَهُمُ الْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ(47)

 Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo

فَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ الْحُوتِ إِذْ نَادَىٰ وَهُوَ مَكْظُومٌ(48)

 Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin tain

لَّوْلَا أَن تَدَارَكَهُ نِعْمَةٌ مِّن رَّبِّهِ لَنُبِذَ بِالْعَرَاءِ وَهُوَ مَذْمُومٌ(49)

 Odoo niimaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa taeeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture

فَاجْتَبَاهُ رَبُّهُ فَجَعَلَهُ مِنَ الصَّالِحِينَ(50)

 Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe

وَإِن يَكَادُ الَّذِينَ كَفَرُوا لَيُزْلِقُونَكَ بِأَبْصَارِهِمْ لَمَّا سَمِعُوا الذِّكْرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُ لَمَجْنُونٌ(51)

 Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhagaan ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu

وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَالَمِينَ(52)

 Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane


سورهای بیشتر به زبان اورومویی:

سوره البقره آل عمران سوره نساء
سوره مائده سوره يوسف سوره ابراهيم
سوره حجر سوره کهف سوره مریم
سوره حج سوره قصص سوره عنکبوت
سوره سجده سوره یس سوره دخان
سوره فتح سوره حجرات سوره ق
سوره نجم سوره رحمن سوره واقعه
سوره حشر سوره ملک سوره حاقه
سوره انشقاق سوره أعلى سوره غاشية

دانلود سوره قلم با صدای معروف‌ترین قراء:

انتخاب خواننده برای گوش دادن و دانلود کامل سوره قلم با کیفیت بالا.
سوره قلم را با صدای احمد العجمی
أحمد العجمي
سوره قلم را با صدای ابراهيم الاخضر
ابراهيم الاخضر
سوره قلم را با صدای بندر بليلة
بندر بليلة
سوره قلم را با صدای خالد الجليل
خالد الجليل
سوره قلم را با صدای حاتم فريد الواعر
حاتم فريد الواعر
سوره قلم را با صدای خليفة الطنيجي
خليفة الطنيجي
سوره قلم را با صدای سعد الغامدي
سعد الغامدي
سوره قلم را با صدای سعود الشريم
سعود الشريم
سوره قلم را با صدای الشاطري
الشاطري
سوره قلم را با صدای صلاح ابوخاطر
صلاح بوخاطر
سوره قلم را با صدای عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سوره قلم را با صدای عبد الرحمن العوسي
عبدالرحمن العوسي
سوره قلم را با صدای عبد الرشيد صوفي
عبد الرشيد صوفي
سوره قلم را با صدای عبد العزيز الزهراني
عبدالعزيز الزهراني
سوره قلم را با صدای عبد الله بصفر
عبد الله بصفر
سوره قلم را با صدای عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سوره قلم را با صدای علي الحذيفي
علي الحذيفي
سوره قلم را با صدای علي جابر
علي جابر
سوره قلم را با صدای غسان الشوربجي
غسان الشوربجي
سوره قلم را با صدای فارس عباد
فارس عباد
سوره قلم را با صدای ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سوره قلم را با صدای محمد أيوب
محمد أيوب
سوره قلم را با صدای محمد المحيسني
محمد المحيسني
سوره قلم را با صدای محمد جبريل
محمد جبريل
سوره قلم را با صدای محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سوره قلم را با صدای الحصري
الحصري
سوره قلم را با صدای العفاسي
مشاري العفاسي
سوره قلم را با صدای ناصر القطامي
ناصر القطامي
سوره قلم را با صدای وديع اليمني
وديع اليمني
سوره قلم را با صدای ياسر الدوسري
ياسر الدوسري


Wednesday, February 12, 2025

به قرآن کریم چنگ بزنید