La sourate Qaf en Oromo
QaafQur’aana guddaanin (kakadha) |
بَلْ عَجِبُوا أَن جَاءَهُم مُّنذِرٌ مِّنْهُمْ فَقَالَ الْكَافِرُونَ هَٰذَا شَيْءٌ عَجِيبٌ(2) Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatanKaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan |
أَإِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا ۖ ذَٰلِكَ رَجْعٌ بَعِيدٌ(3) “Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu) |
قَدْ عَلِمْنَا مَا تَنقُصُ الْأَرْضُ مِنْهُمْ ۖ وَعِندَنَا كِتَابٌ حَفِيظٌ(4) Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirraGalmee tiksaatu nu bira jira |
بَلْ كَذَّبُوا بِالْحَقِّ لَمَّا جَاءَهُمْ فَهُمْ فِي أَمْرٍ مَّرِيجٍ(5) Dhugumatti isaan dhugaa, yeroo inni isaanitti dhufu sobsiisanii jiruIsaan dubbii wal makataa keessa jiru |
Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu, kan uraa homaatuu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarreefi miidhagsine hin ilaallee |
وَالْأَرْضَ مَدَدْنَاهَا وَأَلْقَيْنَا فِيهَا رَوَاسِيَ وَأَنبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ بَهِيجٍ(7) Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine |
Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone) |
وَنَزَّلْنَا مِنَ السَّمَاءِ مَاءً مُّبَارَكًا فَأَنبَتْنَا بِهِ جَنَّاتٍ وَحَبَّ الْحَصِيدِ(9) Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine |
Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine) |
رِّزْقًا لِّلْعِبَادِ ۖ وَأَحْيَيْنَا بِهِ بَلْدَةً مَّيْتًا ۚ كَذَٰلِكَ الْخُرُوجُ(11) Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne)Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifneBaafamuunis akkasuma |
كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَأَصْحَابُ الرَّسِّ وَثَمُودُ(12) Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri eelaa (biirii)fi Samuudis ni sobsiifte |
Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis |
وَأَصْحَابُ الْأَيْكَةِ وَقَوْمُ تُبَّعٍ ۚ كُلٌّ كَذَّبَ الرُّسُلَ فَحَقَّ وَعِيدِ(14) Warri bosonaafi ummanni Tubba’isHunduu ergamtoota sobsiisanii, adabbiin kiyya isaanitti mirkanaa’e |
أَفَعَيِينَا بِالْخَلْقِ الْأَوَّلِ ۚ بَلْ هُمْ فِي لَبْسٍ مِّنْ خَلْقٍ جَدِيدٍ(15) Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru |
Nuti dhugumatti, nama uumneerraWaan lubbuun isaa itti hasaastus ni beeknaNuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (hamaa) irra gara isaatti dhihoodha |
إِذْ يَتَلَقَّى الْمُتَلَقِّيَانِ عَنِ الْيَمِينِ وَعَنِ الشِّمَالِ قَعِيدٌ(17) Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoo dha) |
مَّا يَلْفِظُ مِن قَوْلٍ إِلَّا لَدَيْهِ رَقِيبٌ عَتِيدٌ(18) Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee jecha tokkoyyuu hin dubbatu |
وَجَاءَتْ سَكْرَةُ الْمَوْتِ بِالْحَقِّ ۖ ذَٰلِكَ مَا كُنتَ مِنْهُ تَحِيدُ(19) Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti“Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan) |
Xurumbaa ni afuufama; sun guyyaa waadaati |
Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte |
لَّقَدْ كُنتَ فِي غَفْلَةٍ مِّنْ هَٰذَا فَكَشَفْنَا عَنكَ غِطَاءَكَ فَبَصَرُكَ الْيَوْمَ حَدِيدٌ(22) “Ati kana irraa daguu keessa turteNuti haguuggaa kee sirraa kaafneKanaafuu ijji kee har’a qara” (jedhamaan) |
Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira jiruudha.” |
Isin lamaanuu akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa |
(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa) |
الَّذِي جَعَلَ مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ فَأَلْقِيَاهُ فِي الْعَذَابِ الشَّدِيدِ(26) Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise adabbii cimaa keessa isa buusaa |
۞ قَالَ قَرِينُهُ رَبَّنَا مَا أَطْغَيْتُهُ وَلَٰكِن كَانَ فِي ضَلَالٍ بَعِيدٍ(27) Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani daangaa isa hin dabarsineGaruu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.” |
قَالَ لَا تَخْتَصِمُوا لَدَيَّ وَقَدْ قَدَّمْتُ إِلَيْكُم بِالْوَعِيدِ(28) Rabbiin ni jedha: “Ana biratti wal hin falminaa; Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera |
مَا يُبَدَّلُ الْقَوْلُ لَدَيَّ وَمَا أَنَا بِظَلَّامٍ لِّلْعَبِيدِ(29) Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Anis gabroota kiyya irratti miidhaa raawataa miti.” |
يَوْمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ امْتَلَأْتِ وَتَقُولُ هَلْ مِن مَّزِيدٍ(30) Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (hin jijjiiramu) |
Jannannis namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin dhiheeffamte |
Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiin “kun waan waadaa galamtaniidha” (jedhama) |
مَّنْ خَشِيَ الرَّحْمَٰنَ بِالْغَيْبِ وَجَاءَ بِقَلْبٍ مُّنِيبٍ(33) “Nama fagotti Rabbi sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi |
Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama) |
Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jiraNu bira daballis jira |
Isaan dura dhaloota humnaan isaan irra ciccimoo turan baay’ee balleessinee jirraBiyya keessa “iddoo baqaa argannaa?” jechaa fiigaa turan |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكْرَىٰ لِمَن كَانَ لَهُ قَلْبٌ أَوْ أَلْقَى السَّمْعَ وَهُوَ شَهِيدٌ(37) Dhugumatti, nama onnee qabuuf yookiin isa yeroo (gorsa) irratti hirmaatu gurra itti kennuuf, sana keessa yaadannootu jira |
Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne |
Waan isaan jedhanu irratti obsiFaaruu Rabbii keetiitiinis baha biiftuu duraafi lixa (ishee) dura salaati |
Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (sunnaalee sagadi) |
وَاسْتَمِعْ يَوْمَ يُنَادِ الْمُنَادِ مِن مَّكَانٍ قَرِيبٍ(41) Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabus dhaggeeffadhu |
يَوْمَ يَسْمَعُونَ الصَّيْحَةَ بِالْحَقِّ ۚ ذَٰلِكَ يَوْمُ الْخُرُوجِ(42) Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati |
Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya |
يَوْمَ تَشَقَّقُ الْأَرْضُ عَنْهُمْ سِرَاعًا ۚ ذَٰلِكَ حَشْرٌ عَلَيْنَا يَسِيرٌ(44) Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya)Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha |
Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniitiAtis isaan irratti moosifamaa hin taaneNama adabbii kiyya sodaatu Qur’aanaan gorsi |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Qaf : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Qaf complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide