La sourate Adh-Dhariyat en Oromo
(Qilleensa) bubbisuu bubbiftuunin kakadha |
(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis |
(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis |
(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis |
Wanti isin beellamamtan dhugaadha |
(Guyyaan) murtii dhugumatti argamaadha |
Ammas samii abbaa miidhaginaatiin kakadhe |
Dhugumatti, isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu |
Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha |
Sobdoonni abaaramaniiru |
Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha |
“Guyyaan mindaa yoomi?” (jechuun) gaafatu |
(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamaniidha |
ذُوقُوا فِتْنَتَكُمْ هَٰذَا الَّذِي كُنتُم بِهِ تَسْتَعْجِلُونَ(14) “Adaba keessan kan ariifataa turtan dhandhamaa” (isaaniin jedhama) |
Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu |
آخِذِينَ مَا آتَاهُمْ رَبُّهُمْ ۚ إِنَّهُمْ كَانُوا قَبْلَ ذَٰلِكَ مُحْسِنِينَ(16) Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu)Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan |
Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan |
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha |
Kan qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jiruudha |
Dachii keessas isaan dhugaan amananiif mallattooleetu jiru |
Lubbuu keessan keessas (akkasuma)Sila hin argitanuu |
Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis samii keessa jira |
فَوَرَبِّ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ إِنَّهُ لَحَقٌّ مِّثْلَ مَا أَنَّكُمْ تَنطِقُونَ(23) Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti |
Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa |
إِذْ دَخَلُوا عَلَيْهِ فَقَالُوا سَلَامًا ۖ قَالَ سَلَامٌ قَوْمٌ مُّنكَرُونَ(25) Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen |
Ergasii gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe |
Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe |
فَأَوْجَسَ مِنْهُمْ خِيفَةً ۖ قَالُوا لَا تَخَفْ ۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَامٍ عَلِيمٍ(28) Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan |
فَأَقْبَلَتِ امْرَأَتُهُ فِي صَرَّةٍ فَصَكَّتْ وَجْهَهَا وَقَالَتْ عَجُوزٌ عَقِيمٌ(29) Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette |
قَالُوا كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ ۖ إِنَّهُ هُوَ الْحَكِيمُ الْعَلِيمُ(30) (Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?” |
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?” |
[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne |
Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).” |
Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen |
Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne |
فَمَا وَجَدْنَا فِيهَا غَيْرَ بَيْتٍ مِّنَ الْمُسْلِمِينَ(36) Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine |
وَتَرَكْنَا فِيهَا آيَةً لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ الْعَذَابَ الْأَلِيمَ(37) Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra |
وَفِي مُوسَىٰ إِذْ أَرْسَلْنَاهُ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ(38) (Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra) |
Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe |
فَأَخَذْنَاهُ وَجُنُودَهُ فَنَبَذْنَاهُمْ فِي الْيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٌ(40) Isaafi waraana isaas haala komatamaa ta’een qabnee galaana keessatti isaan darbine |
وَفِي عَادٍ إِذْ أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمُ الرِّيحَ الْعَقِيمَ(41) (Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira) |
مَا تَذَرُ مِن شَيْءٍ أَتَتْ عَلَيْهِ إِلَّا جَعَلَتْهُ كَالرَّمِيمِ(42) Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu |
وَفِي ثَمُودَ إِذْ قِيلَ لَهُمْ تَمَتَّعُوا حَتَّىٰ حِينٍ(43) (Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira) |
فَعَتَوْا عَنْ أَمْرِ رَبِّهِمْ فَأَخَذَتْهُمُ الصَّاعِقَةُ وَهُمْ يَنظُرُونَ(44) Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonanOdoo isaan ilaalanuu iyyansi (dhumti) isaan qabatte |
فَمَا اسْتَطَاعُوا مِن قِيَامٍ وَمَا كَانُوا مُنتَصِرِينَ(45) Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane |
وَقَوْمَ نُوحٍ مِّن قَبْلُ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا قَوْمًا فَاسِقِينَ(46) Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra)Dhugumatti, isaan ummata finciltoota turan |
وَالسَّمَاءَ بَنَيْنَاهَا بِأَيْدٍ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ(47) Samiis humnaan ishee ijaarreDhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha |
Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle |
وَمِن كُلِّ شَيْءٍ خَلَقْنَا زَوْجَيْنِ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ(49) Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne |
فَفِرُّوا إِلَى اللَّهِ ۖ إِنِّي لَكُم مِّنْهُ نَذِيرٌ مُّبِينٌ(50) Gara Rabbii baqadhaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha |
وَلَا تَجْعَلُوا مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ ۖ إِنِّي لَكُم مِّنْهُ نَذِيرٌ مُّبِينٌ(51) Allaah wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisinaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha |
كَذَٰلِكَ مَا أَتَى الَّذِينَ مِن قَبْلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُوا سَاحِرٌ أَوْ مَجْنُونٌ(52) Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee |
Sila (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha |
Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti |
Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii |
Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne |
مَا أُرِيدُ مِنْهُم مِّن رِّزْقٍ وَمَا أُرِيدُ أَن يُطْعِمُونِ(57) Soorata homaatuu isaan irraa hin fedhuAkka Ana nyaachisanis hin fedhu |
إِنَّ اللَّهَ هُوَ الرَّزَّاقُ ذُو الْقُوَّةِ الْمَتِينُ(58) Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati |
فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُوا ذَنُوبًا مِّثْلَ ذَنُوبِ أَصْحَابِهِمْ فَلَا يَسْتَعْجِلُونِ(59) Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne |
فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا مِن يَوْمِهِمُ الَّذِي يُوعَدُونَ(60) Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Adh-Dhariyat : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Adh-Dhariyat complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide