سورة المعارج بالأورومية

  1. استمع للسورة
  2. سور أخرى
  3. ترجمة السورة
القرآن الكريم | ترجمة معاني القرآن | اللغة الأورومية | سورة المعارج | Maarij - عدد آياتها 44 - رقم السورة في المصحف: 70 - معنى السورة بالإنجليزية: The Ways of Ascent.

سَأَلَ سَائِلٌ بِعَذَابٍ وَاقِعٍ(1)

 Adaba (kaafiroota irratti) argamaa tae kadhataan wahii kadhate

لِّلْكَافِرِينَ لَيْسَ لَهُ دَافِعٌ(2)

 Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru

مِّنَ اللَّهِ ذِي الْمَعَارِجِ(3)

 Rabbii Abbaa kortoowwanii tae irraa (argama)

تَعْرُجُ الْمَلَائِكَةُ وَالرُّوحُ إِلَيْهِ فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ(4)

 Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama tae keessatti gara Isaa ol koru

فَاصْبِرْ صَبْرًا جَمِيلًا(5)

 Obsa gaarii obsi

إِنَّهُمْ يَرَوْنَهُ بَعِيدًا(6)

 Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu

وَنَرَاهُ قَرِيبًا(7)

 Nuti immoo dhihootti isa argina

يَوْمَ تَكُونُ السَّمَاءُ كَالْمُهْلِ(8)

 Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu

وَتَكُونُ الْجِبَالُ كَالْعِهْنِ(9)

 (Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu

وَلَا يَسْأَلُ حَمِيمٌ حَمِيمًا(10)

 (Guyyaa) firri fira hin gaafanne

يُبَصَّرُونَهُمْ ۚ يَوَدُّ الْمُجْرِمُ لَوْ يَفْتَدِي مِنْ عَذَابِ يَوْمِئِذٍ بِبَنِيهِ(11)

 Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa baee jaalata

وَصَاحِبَتِهِ وَأَخِيهِ(12)

 Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata)

وَفَصِيلَتِهِ الَّتِي تُؤْوِيهِ(13)

 Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis

وَمَن فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا ثُمَّ يُنجِيهِ(14)

 Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata)

كَلَّا ۖ إِنَّهَا لَظَىٰ(15)

 Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati

نَزَّاعَةً لِّلشَّوَىٰ(16)

 Buqqiftuu gogaa sammuuti

تَدْعُو مَنْ أَدْبَرَ وَتَوَلَّىٰ(17)

 Nama (amantii irraa) duubatti deebiee, gara gale ni waamti

وَجَمَعَ فَأَوْعَىٰ(18)

 (Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti)

۞ إِنَّ الْإِنسَانَ خُلِقَ هَلُوعًا(19)

 Dhugumatti, namni obsa dhabeessa taee uumame

إِذَا مَسَّهُ الشَّرُّ جَزُوعًا(20)

 Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba)

وَإِذَا مَسَّهُ الْخَيْرُ مَنُوعًا(21)

 Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha

إِلَّا الْمُصَلِّينَ(22)

 Warra sagadan malee

الَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ دَائِمُونَ(23)

 Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee)

وَالَّذِينَ فِي أَمْوَالِهِمْ حَقٌّ مَّعْلُومٌ(24)

 Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru

لِّلسَّائِلِ وَالْمَحْرُومِ(25)

 Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef

وَالَّذِينَ يُصَدِّقُونَ بِيَوْمِ الدِّينِ(26)

 Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan

وَالَّذِينَ هُم مِّنْ عَذَابِ رَبِّهِم مُّشْفِقُونَ(27)

 Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha)

إِنَّ عَذَابَ رَبِّهِمْ غَيْرُ مَأْمُونٍ(28)

 Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti

وَالَّذِينَ هُمْ لِفُرُوجِهِمْ حَافِظُونَ(29)

 Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan

إِلَّا عَلَىٰ أَزْوَاجِهِمْ أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُمْ فَإِنَّهُمْ غَيْرُ مَلُومِينَ(30)

 Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti

فَمَنِ ابْتَغَىٰ وَرَاءَ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْعَادُونَ(31)

 Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha

وَالَّذِينَ هُمْ لِأَمَانَاتِهِمْ وَعَهْدِهِمْ رَاعُونَ(32)

 Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan

وَالَّذِينَ هُم بِشَهَادَاتِهِمْ قَائِمُونَ(33)

 Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan

وَالَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ يُحَافِظُونَ(34)

 Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan

أُولَٰئِكَ فِي جَنَّاتٍ مُّكْرَمُونَ(35)

 Warri sun jannata keessatti kabajamoodha

فَمَالِ الَّذِينَ كَفَرُوا قِبَلَكَ مُهْطِعِينَ(36)

 Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu

عَنِ الْيَمِينِ وَعَنِ الشِّمَالِ عِزِينَ(37)

 Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii

أَيَطْمَعُ كُلُّ امْرِئٍ مِّنْهُمْ أَن يُدْخَلَ جَنَّةَ نَعِيمٍ(38)

 Sila namni isaan irraa tae hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa

كَلَّا ۖ إِنَّا خَلَقْنَاهُم مِّمَّا يَعْلَمُونَ(39)

 Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne

فَلَا أُقْسِمُ بِرَبِّ الْمَشَارِقِ وَالْمَغَارِبِ إِنَّا لَقَادِرُونَ(40)

 Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha

عَلَىٰ أَن نُّبَدِّلَ خَيْرًا مِّنْهُمْ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ(41)

 Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (dandaoo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane

فَذَرْهُمْ يَخُوضُوا وَيَلْعَبُوا حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي يُوعَدُونَ(42)

 Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi

يَوْمَ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ سِرَاعًا كَأَنَّهُمْ إِلَىٰ نُصُبٍ يُوفِضُونَ(43)

 Guyyaa qabrii irraa arifataa baan isaan waan gara taabotaa dhangalaan fakkaatu

خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۚ ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الَّذِي كَانُوا يُوعَدُونَ(44)

 Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha


المزيد من السور باللغة الأورومية:

سورة البقرة آل عمران سورة النساء
سورة المائدة سورة يوسف سورة ابراهيم
سورة الحجر سورة الكهف سورة مريم
سورة السجدة سورة يس سورة الدخان
سورة النجم سورة الرحمن سورة الواقعة
سورة الحشر سورة الملك سورة الحاقة

تحميل سورة المعارج بصوت أشهر القراء :

قم باختيار القارئ للاستماع و تحميل سورة المعارج كاملة بجودة عالية
سورة المعارج أحمد العجمي
أحمد العجمي
سورة المعارج خالد الجليل
خالد الجليل
سورة المعارج سعد الغامدي
سعد الغامدي
سورة المعارج سعود الشريم
سعود الشريم
سورة المعارج عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سورة المعارج عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سورة المعارج علي الحذيفي
علي الحذيفي
سورة المعارج فارس عباد
فارس عباد
سورة المعارج ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سورة المعارج محمد جبريل
محمد جبريل
سورة المعارج محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سورة المعارج الحصري
الحصري
سورة المعارج العفاسي
مشاري العفاسي
سورة المعارج ناصر القطامي
ناصر القطامي
سورة المعارج ياسر الدوسري
ياسر الدوسري



Wednesday, February 12, 2025

لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب