سوره غافر به زبان اورومویی

  1. گوش دادن به سوره
  2. سورهای دیگر
  3. ترجمه سوره
قرآن کریم | ترجمه معانی قرآن | زبان اورومویی | سوره غافر | غافر - تعداد آیات آن 85 - شماره سوره در مصحف: 40 - معنی سوره به انگلیسی: The Forgiver (God).

حم(1)

 Haa Miim

تَنزِيلُ الْكِتَابِ مِنَ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ(2)

 Buufamni kitaabichaa Rabbii injifataa, beekaa ta’e irraayi

غَافِرِ الذَّنبِ وَقَابِلِ التَّوْبِ شَدِيدِ الْعِقَابِ ذِي الطَّوْلِ ۖ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ إِلَيْهِ الْمَصِيرُ(3)

 Araaramaa dilii, qeebalaa tawbaa, (abbaa) adabbii cimaa, abbaa arjummaa(irraayyi)Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; deebiinis gara Isaati

مَا يُجَادِلُ فِي آيَاتِ اللَّهِ إِلَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَلَا يَغْرُرْكَ تَقَلُّبُهُمْ فِي الْبِلَادِ(4)

 Keeyyattoota Rabbii keessatti warra kafaran malee eenyulleen hin falmuDachii keessa gara gaggaluun isaanii si hin gowwoomsin

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَالْأَحْزَابُ مِن بَعْدِهِمْ ۖ وَهَمَّتْ كُلُّ أُمَّةٍ بِرَسُولِهِمْ لِيَأْخُذُوهُ ۖ وَجَادَلُوا بِالْبَاطِلِ لِيُدْحِضُوا بِهِ الْحَقَّ فَأَخَذْتُهُمْ ۖ فَكَيْفَ كَانَ عِقَابِ(5)

 Isaan dura ummanni Nuuhiifi gareewwan isaan boodaas sobsiisanii jiruUmmanni hundi ergamaa isaanii qabuuf yaadaniiruSobaan falmanii dhugaa balleessufis yaalaniitin isaan qabeadabbiin kiyya akkam ta’e laata

وَكَذَٰلِكَ حَقَّتْ كَلِمَتُ رَبِّكَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُوا أَنَّهُمْ أَصْحَابُ النَّارِ(6)

 Akkuma kanatti jechi Rabbii keetii isaan kafaran irratti ‘dhugumatti isaan warra ibiddaa ta’uun’ mirkanoofte

الَّذِينَ يَحْمِلُونَ الْعَرْشَ وَمَنْ حَوْلَهُ يُسَبِّحُونَ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَيُؤْمِنُونَ بِهِ وَيَسْتَغْفِرُونَ لِلَّذِينَ آمَنُوا رَبَّنَا وَسِعْتَ كُلَّ شَيْءٍ رَّحْمَةً وَعِلْمًا فَاغْفِرْ لِلَّذِينَ تَابُوا وَاتَّبَعُوا سَبِيلَكَ وَقِهِمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ(7)

 Isaan (malaykonni) Arshii baadhataniifi isaan maddii isaa jiranis Gooftaa isaanii faarsuun qulqulleessu; Isattis ni amanu; isaan amananiifis (akkana jechuun) araarama kadhatu: “Rabbii keenya! Ati rahmataafi beekumsaan waan hunda wal geessee jirta; kanaafuu isaan tawbataniifi karaa kee hordofaniif araaramiadabbii jahiim irraas isaan tiksi

رَبَّنَا وَأَدْخِلْهُمْ جَنَّاتِ عَدْنٍ الَّتِي وَعَدتَّهُمْ وَمَن صَلَحَ مِنْ آبَائِهِمْ وَأَزْوَاجِهِمْ وَذُرِّيَّاتِهِمْ ۚ إِنَّكَ أَنتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ(8)

 (Yaa) Rabbii keenya! Jannata qubannaa kan waadaa isaaniif galte isaan seensisi; akkasumas namoota toltuu hojjatan, kan abbootii isaanii, warra isaaniitiifi ilmaan isaanii irraa ta’anis (seensisi)Dhugumatti, Ati sumatu injifataa, ogeessa

وَقِهِمُ السَّيِّئَاتِ ۚ وَمَن تَقِ السَّيِّئَاتِ يَوْمَئِذٍ فَقَدْ رَحِمْتَهُ ۚ وَذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ(9)

 Hamtuu irraas isaan eegiNama Ati hamtuu irraa eegde, dhugumatti guyyaa san rahmata isaaf gootee jirtaSuni isumatu milkii guddaadha.”

إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنَادَوْنَ لَمَقْتُ اللَّهِ أَكْبَرُ مِن مَّقْتِكُمْ أَنفُسَكُمْ إِذْ تُدْعَوْنَ إِلَى الْإِيمَانِ فَتَكْفُرُونَ(10)

 Dhugumatti, warri kafaran “jibbaa Rabbii, kan yeroo gara iimaanaa waamamtanii isin kafartanii (Inni isin jibbutu) jibbaa mataa keessanii (kan har’a of jibbitan) irra guddaadha” jechuun itti lallabama

قَالُوا رَبَّنَا أَمَتَّنَا اثْنَتَيْنِ وَأَحْيَيْتَنَا اثْنَتَيْنِ فَاعْتَرَفْنَا بِذُنُوبِنَا فَهَلْ إِلَىٰ خُرُوجٍ مِّن سَبِيلٍ(11)

 Ni jedhan: “yaa Gooftaa keenya! Yeroo lama nu ajjeefteeti yeroo lama nu jiraachifteAmma balleessa keenya fudhanneerraa, karaan (rakkoo hamaa kana irraa) ittiin baanu wahii jiraa?”

ذَٰلِكُم بِأَنَّهُ إِذَا دُعِيَ اللَّهُ وَحْدَهُ كَفَرْتُمْ ۖ وَإِن يُشْرَكْ بِهِ تُؤْمِنُوا ۚ فَالْحُكْمُ لِلَّهِ الْعَلِيِّ الْكَبِيرِ(12)

 Kun waan isin yeroo Rabbiin kophaa Isaa waamamu kafartanii, yeroo Isatti qindeeffame immoo amantaniifiMurtiin kan Rabbii ol ta’aa, guddaati

هُوَ الَّذِي يُرِيكُمْ آيَاتِهِ وَيُنَزِّلُ لَكُم مِّنَ السَّمَاءِ رِزْقًا ۚ وَمَا يَتَذَكَّرُ إِلَّا مَن يُنِيبُ(13)

 Inni Isa mallattoolee Isaa isinitti argisiisuufi samii irraa rooba isiniif buusuudhaNama gara Isaa deebi’u malee eenyunuu hin gorfamu

فَادْعُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ(14)

 Oduma kaafirtoonni jibbanuu amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa

رَفِيعُ الدَّرَجَاتِ ذُو الْعَرْشِ يُلْقِي الرُّوحَ مِنْ أَمْرِهِ عَلَىٰ مَن يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ لِيُنذِرَ يَوْمَ التَّلَاقِ(15)

 (Rabbiin Isa) sadarkaa ol fuudhu; dhuunfataa ‘Arshiiti.’ Akka guyyaa wal qunnamtii akeekkachiisuuf wahyii ajaja Isaa irraa ta’e gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusa

يَوْمَ هُم بَارِزُونَ ۖ لَا يَخْفَىٰ عَلَى اللَّهِ مِنْهُمْ شَيْءٌ ۚ لِّمَنِ الْمُلْكُ الْيَوْمَ ۖ لِلَّهِ الْوَاحِدِ الْقَهَّارِ(16)

 Guyyaa isaan hundi ifatti bahan; (dhimma) isaan (ilaallatu) irraa homaatuu Rabbi irraa hin dhokatu“Har’a mootummaan kan eenyuuti? Kan Rabbii tokkicha, hunda injifataa ta’eeti.” (Rabbiin jedha)

الْيَوْمَ تُجْزَىٰ كُلُّ نَفْسٍ بِمَا كَسَبَتْ ۚ لَا ظُلْمَ الْيَوْمَ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ(17)

 Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtiHar’a miidhaan hin jiruDhugumatti, Rabbiin saffisaa herregaati

وَأَنذِرْهُمْ يَوْمَ الْآزِفَةِ إِذِ الْقُلُوبُ لَدَى الْحَنَاجِرِ كَاظِمِينَ ۚ مَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ حَمِيمٍ وَلَا شَفِيعٍ يُطَاعُ(18)

 Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa), kan yeroo onneen kokkee bira geessu yaada guutaman san isaan akeekkachiisi(Guyyaa san) miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu hin jiru

يَعْلَمُ خَائِنَةَ الْأَعْيُنِ وَمَا تُخْفِي الصُّدُورُ(19)

 (Rabbiin) gantuu ijaatiifi waan qomti dhoksitu hunda ni beeka

وَاللَّهُ يَقْضِي بِالْحَقِّ ۖ وَالَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِهِ لَا يَقْضُونَ بِشَيْءٍ ۗ إِنَّ اللَّهَ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ(20)

 Rabbiin dhugaan murteessaWarri Isaa gaditti isaan gabbaran homaa hin murteessanuDhugumatti, Rabbiin Isumatu dhagayaa, argaadha

۞ أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ كَانُوا مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا هُمْ أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً وَآثَارًا فِي الْأَرْضِ فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ وَمَا كَانَ لَهُم مِّنَ اللَّهِ مِن وَاقٍ(21)

 Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Humnaafi dachii keessatti faana dhiisuun isaan irra ciccimoo turaniiti, Rabbiin badii isaaniitif isaan qabe(adabbii) Rabbii irraa wanti isaan tiksu tokkollee isaaniif hin jiru

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَانَت تَّأْتِيهِمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَكَفَرُوا فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ ۚ إِنَّهُ قَوِيٌّ شَدِيدُ الْعِقَابِ(22)

 Kun waan isaan, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufnaan, isaan (itti) kafaraniifiRabbiin isaan ni qabeDhugumatti, Inni jabaa, adabbii cimaati

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِآيَاتِنَا وَسُلْطَانٍ مُّبِينٍ(23)

 Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een ergineerra

إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَهَامَانَ وَقَارُونَ فَقَالُوا سَاحِرٌ كَذَّابٌ(24)

 Gara Fir’awn, Haamaaniifi Qaaruunitti (erginee) “falfalaa, akkaan sobaadha” jedhan

فَلَمَّا جَاءَهُم بِالْحَقِّ مِنْ عِندِنَا قَالُوا اقْتُلُوا أَبْنَاءَ الَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ وَاسْتَحْيُوا نِسَاءَهُمْ ۚ وَمَا كَيْدُ الْكَافِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَالٍ(25)

 Yeroo inni dhugaa Nu biraa ta’een itti dhufe, ni jedhan: “ilmaan dhiiraa warra isaa waliin amananii ajjeesaa; dubartoota isaanii dhiisaa.” Tooftaan kaafirootaa dhabama malee hin taane

وَقَالَ فِرْعَوْنُ ذَرُونِي أَقْتُلْ مُوسَىٰ وَلْيَدْعُ رَبَّهُ ۖ إِنِّي أَخَافُ أَن يُبَدِّلَ دِينَكُمْ أَوْ أَن يُظْهِرَ فِي الْأَرْضِ الْفَسَادَ(26)

 Fir’awnis “Muusaa nan ajjeesaa na dhiisaa, Gooftaa isaa haa waammatuu.” “Ani amantii keessan jijjiruu yookiin dachii keessatti badii mul’isuu isaan sodaadha” jedhe

وَقَالَ مُوسَىٰ إِنِّي عُذْتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُم مِّن كُلِّ مُتَكَبِّرٍ لَّا يُؤْمِنُ بِيَوْمِ الْحِسَابِ(27)

 Muusaanis ni jedhe: “ani nama boonaa guyyaa herregaatti hin amanne hunda irraa Rabbii kiyyaafi Rabbii keessanittiin maganfadhe.”

وَقَالَ رَجُلٌ مُّؤْمِنٌ مِّنْ آلِ فِرْعَوْنَ يَكْتُمُ إِيمَانَهُ أَتَقْتُلُونَ رَجُلًا أَن يَقُولَ رَبِّيَ اللَّهُ وَقَدْ جَاءَكُم بِالْبَيِّنَاتِ مِن رَّبِّكُمْ ۖ وَإِن يَكُ كَاذِبًا فَعَلَيْهِ كَذِبُهُ ۖ وَإِن يَكُ صَادِقًا يُصِبْكُم بَعْضُ الَّذِي يَعِدُكُمْ ۖ إِنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي مَنْ هُوَ مُسْرِفٌ كَذَّابٌ(28)

 Namichi mu’uminni iimaana isaa dhoksu, kan maatii Fir’awni irraa ta’e ni jedhe: “sila isin namicha, waan Gooftaan kiyya Rabbuma jedheef, odoo Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiruu ajjeeftuu? Yoo sobaa ta’e sobni isaa isuma irratti; yoo nama dhugaa ta’e gariin waan inni waadaa isiniif galee isin tuqaDhugumatti, Rabbiin nama daangaa dabraa, akkaan sobaa ta’e kamillee hin qajeelchu

يَا قَوْمِ لَكُمُ الْمُلْكُ الْيَوْمَ ظَاهِرِينَ فِي الْأَرْضِ فَمَن يَنصُرُنَا مِن بَأْسِ اللَّهِ إِن جَاءَنَا ۚ قَالَ فِرْعَوْنُ مَا أُرِيكُمْ إِلَّا مَا أَرَىٰ وَمَا أَهْدِيكُمْ إِلَّا سَبِيلَ الرَّشَادِ(29)

 Yaa ummata kiyya! Har’a dachii keessatti ol aantummaa qabaachuun, mootummaan keessan; yoo adabbiin Rabbii nutti dhufe namni nu tumsu eenyu?” (jedheen)Fir’awni “ani waanuman ofii kiyyaa amanu malee isinin hin akeeku; karaa sirraawaa malees isin hin qajeelchu” jedhe

وَقَالَ الَّذِي آمَنَ يَا قَوْمِ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُم مِّثْلَ يَوْمِ الْأَحْزَابِ(30)

 Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Ani fakkaataa guyyaa ummata duriin isin irratti sodaadha

مِثْلَ دَأْبِ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَالَّذِينَ مِن بَعْدِهِمْ ۚ وَمَا اللَّهُ يُرِيدُ ظُلْمًا لِّلْعِبَادِ(31)

 Fakkaataa aadaa ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaan (isin irratti sodaadha)Rabbiin gabrootaaf miidhaa hin fedhu

وَيَا قَوْمِ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ يَوْمَ التَّنَادِ(32)

 Yaa ummata kiyya! Ani (adabbii) guyyaa wal waamiinsaan isin irratti sodaadha

يَوْمَ تُوَلُّونَ مُدْبِرِينَ مَا لَكُم مِّنَ اللَّهِ مِنْ عَاصِمٍ ۗ وَمَن يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِنْ هَادٍ(33)

 (adabbii) guyyaa, kan Rabbi irraa tiksaan isiniif hin jirre taatanii of duuba deebitanuun (isin irratti sodaadha)Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.”

وَلَقَدْ جَاءَكُمْ يُوسُفُ مِن قَبْلُ بِالْبَيِّنَاتِ فَمَا زِلْتُمْ فِي شَكٍّ مِّمَّا جَاءَكُم بِهِ ۖ حَتَّىٰ إِذَا هَلَكَ قُلْتُمْ لَن يَبْعَثَ اللَّهُ مِن بَعْدِهِ رَسُولًا ۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ اللَّهُ مَنْ هُوَ مُسْرِفٌ مُّرْتَابٌ(34)

 Yuusufis kana dura ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee tureIsin waan inni isinittiin dhufe irraa shakkii keessa ta’uu irraa hin deemneYeroma inni du’e “Rabbiin isa booda ergamaa hin ergu” jettanAkka kanatti Rabbiin nama daangaa dabraa, mamaa ta’e jallisa

الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ بِغَيْرِ سُلْطَانٍ أَتَاهُمْ ۖ كَبُرَ مَقْتًا عِندَ اللَّهِ وَعِندَ الَّذِينَ آمَنُوا ۚ كَذَٰلِكَ يَطْبَعُ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ قَلْبِ مُتَكَبِّرٍ جَبَّارٍ(35)

 (Isaan) warra keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan isaanitti hin dhufin falmaniidha; jibbaan (isaanii) Rabbi birattiifi isaan amanan birattis guddate! Akka kanatti Rabbiin (onnee) warra boonaa, of tuulaa hunda irratti cufa

وَقَالَ فِرْعَوْنُ يَا هَامَانُ ابْنِ لِي صَرْحًا لَّعَلِّي أَبْلُغُ الْأَسْبَابَ(36)

 Fir’awni ni jedhe: “yaa Haamaan! Akkan karaa ol ga’u gamoo naaf ijaari

أَسْبَابَ السَّمَاوَاتِ فَأَطَّلِعَ إِلَىٰ إِلَٰهِ مُوسَىٰ وَإِنِّي لَأَظُنُّهُ كَاذِبًا ۚ وَكَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِفِرْعَوْنَ سُوءُ عَمَلِهِ وَصُدَّ عَنِ السَّبِيلِ ۚ وَمَا كَيْدُ فِرْعَوْنَ إِلَّا فِي تَبَابٍ(37)

 Karaawwan samii (ol ba’eetan), gara Gooftaa Muusaa ilaalaAni sobaa ta’uu isaan yaada.” Akka kanatti Fir’awniif hamtuun dalagaa isaa miidhagfamee, karaa (Rabbii) irraas dhorgameTooftaan Fir’awni hoongoo malee hin taane

وَقَالَ الَّذِي آمَنَ يَا قَوْمِ اتَّبِعُونِ أَهْدِكُمْ سَبِيلَ الرَّشَادِ(38)

 Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Karaa qajeelaan isin qajeelchaa, na hordofaa

يَا قَوْمِ إِنَّمَا هَٰذِهِ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا مَتَاعٌ وَإِنَّ الْآخِرَةَ هِيَ دَارُ الْقَرَارِ(39)

 Yaa ummata kiyya! Jireenyi addunyaa kanaa meeshaadhaDhugumatti, Aakhiraan isheetu ganda qubannaati

مَنْ عَمِلَ سَيِّئَةً فَلَا يُجْزَىٰ إِلَّا مِثْلَهَا ۖ وَمَنْ عَمِلَ صَالِحًا مِّن ذَكَرٍ أَوْ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُولَٰئِكَ يَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ يُرْزَقُونَ فِيهَا بِغَيْرِ حِسَابٍ(40)

 Namni hamtuu hojjate, fakkaattuu isiitiin malee galata hin galfamuNamni odoo amanee jiruu toltuu dalage, dhiiras ta’ee dubartii irraas, isaan sun jannata seenaniiti ishee keessatti herrega malee kennamu

۞ وَيَا قَوْمِ مَا لِي أَدْعُوكُمْ إِلَى النَّجَاةِ وَتَدْعُونَنِي إِلَى النَّارِ(41)

 Ammas yaa ummata kiyya! Maaluma taatani! Ani gara nageenyaattin isin waamaa, isin immoo gara ibiddaatti na waamtuu

تَدْعُونَنِي لِأَكْفُرَ بِاللَّهِ وَأُشْرِكَ بِهِ مَا لَيْسَ لِي بِهِ عِلْمٌ وَأَنَا أَدْعُوكُمْ إِلَى الْعَزِيزِ الْغَفَّارِ(42)

 Akka ani Rabbitti kafaruufi waan waa’ee isaa beekumsa hin qabne isatti qindeessuuf na waamtuAni immoo gara (Rabbii) injifataa, araaramaa ta’eettin isin waama

لَا جَرَمَ أَنَّمَا تَدْعُونَنِي إِلَيْهِ لَيْسَ لَهُ دَعْوَةٌ فِي الدُّنْيَا وَلَا فِي الْآخِرَةِ وَأَنَّ مَرَدَّنَا إِلَى اللَّهِ وَأَنَّ الْمُسْرِفِينَ هُمْ أَصْحَابُ النَّارِ(43)

 Dhugumatti, wanti isin itti na waamtan sun addunyaa keessattis ta’ee Aakhiraa keessatti waamichi homaatuu akka isaaf hin jirreefi deebiin keenya gara Rabbii qofa ta’uufi daangaa dabroonnis isaan warra ibiddaa ta’uun shakkiin hin jiru

فَسَتَذْكُرُونَ مَا أَقُولُ لَكُمْ ۚ وَأُفَوِّضُ أَمْرِي إِلَى اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ(44)

 Waanin ani isiniin jedhu kana yaadachuuf jirtuAnis dhimma kiyya gara Rabbiittin hirkifadhaDhugumatti, Rabbiin waa’ee gabroota Isaa argaadha.”

فَوَقَاهُ اللَّهُ سَيِّئَاتِ مَا مَكَرُوا ۖ وَحَاقَ بِآلِ فِرْعَوْنَ سُوءُ الْعَذَابِ(45)

 Rabbiinis hamtuuwwan waan isaan itti wal mari’atanii jalaa isa baraarseMaatii Fir’awnitti adabbii hamaatu marse

النَّارُ يُعْرَضُونَ عَلَيْهَا غُدُوًّا وَعَشِيًّا ۖ وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ أَدْخِلُوا آلَ فِرْعَوْنَ أَشَدَّ الْعَذَابِ(46)

 Ibidda (jahannam) kan ganamaafi galgala ishee irra fidamantu (isaan marse)Guyyaa Qiyaamaan dhaabattu “maatii Fir’awni adabbii akkaan cimaa seensisaa.”

وَإِذْ يَتَحَاجُّونَ فِي النَّارِ فَيَقُولُ الضُّعَفَاءُ لِلَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُنَّا لَكُمْ تَبَعًا فَهَلْ أَنتُم مُّغْنُونَ عَنَّا نَصِيبًا مِّنَ النَّارِ(47)

 Yeroo ibidda keessatti wal mormanii, isaan dadhaboon isaan boonaniin “nuti isin hordofaa turree, maaf ibidda irraa garii nurraa hin qoodanne?” jedhan san (yaadadhu)

قَالَ الَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُلٌّ فِيهَا إِنَّ اللَّهَ قَدْ حَكَمَ بَيْنَ الْعِبَادِ(48)

 Isaan boonan “nuti hunduu isheedhuma keessa jirra; dhugumatti, Rabbiin gidduu gabrootaatti murtii kenneera” jedhu

وَقَالَ الَّذِينَ فِي النَّارِ لِخَزَنَةِ جَهَنَّمَ ادْعُوا رَبَّكُمْ يُخَفِّفْ عَنَّا يَوْمًا مِّنَ الْعَذَابِ(49)

 Isaan ibidda keessa jiran waardiyyoota jahannamiin “Gooftaan keessan (hanguma) guyyaa tokko (kan addunyaa) adabbii akka nurraa salphisu (nuuf) kadhaa” jedhan

قَالُوا أَوَلَمْ تَكُ تَأْتِيكُمْ رُسُلُكُم بِالْبَيِّنَاتِ ۖ قَالُوا بَلَىٰ ۚ قَالُوا فَادْعُوا ۗ وَمَا دُعَاءُ الْكَافِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَالٍ(50)

 (Waardiyyoonni) “sila ergamtoonni keessan ragaa ifa ta’een isinitti hin dhufnee?” jedhan(Warri ibiddaatis) “eeyyeen; (nutti dhufaniiru)” jedhan(Waardiyyoonni) “Ergasuu kadhaa! Kadhaan kaafirootaa dhabama malee hin taane” jedhan

إِنَّا لَنَنصُرُ رُسُلَنَا وَالَّذِينَ آمَنُوا فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَيَوْمَ يَقُومُ الْأَشْهَادُ(51)

 Dhugumatti, Nuti ergamtoota keenyaafi isaan amananiifis jiruu addunyaa keessattis ta’ee guyyaa ragoonni dhaabbatan ni tumsina

يَوْمَ لَا يَنفَعُ الظَّالِمِينَ مَعْذِرَتُهُمْ ۖ وَلَهُمُ اللَّعْنَةُ وَلَهُمْ سُوءُ الدَّارِ(52)

 Guyyaa miidhaa raawwattoota, sababni isaan dhiheeffatan homaa fayyaduu dhabee, abaarsi isaaniif jiru san; kan ammaas manni fokkotaan isaaniif jiru san (ni tumsinaafi)

وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْهُدَىٰ وَأَوْرَثْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ الْكِتَابَ(53)

 Dhugumatti, Muusaaf qajeelfama kenninee, Ilmaan Israa’iilis kitaaba dhaalchifneerra

هُدًى وَذِكْرَىٰ لِأُولِي الْأَلْبَابِ(54)

 Warra qalbii qabaniif qajeelfamaafi gorsa

فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ وَاسْتَغْفِرْ لِذَنبِكَ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ بِالْعَشِيِّ وَالْإِبْكَارِ(55)

 ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaDilii keetiifis araarama kadhu; Gooftaa keetiis ganamaafi galgala faaruun qulqulleessi

إِنَّ الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ بِغَيْرِ سُلْطَانٍ أَتَاهُمْ ۙ إِن فِي صُدُورِهِمْ إِلَّا كِبْرٌ مَّا هُم بِبَالِغِيهِ ۚ فَاسْتَعِذْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ(56)

 Dhugumatti, isaan keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan tokkollee isaanitti hin dhufin morman, qoma isaanii keessa boona, itti ga’uu hin dandeenye malee homaatuu hin jiruRabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhagayaa, argaadha

لَخَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ أَكْبَرُ مِنْ خَلْقِ النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ(57)

 Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra guddaadhaGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu

وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَلَا الْمُسِيءُ ۚ قَلِيلًا مَّا تَتَذَكَّرُونَ(58)

 Jaamaafi (inni) argaan wal qixaa miti; isaan amananii, toltuu dalaganiifi inni hamtuu dalagu (wal qixaa miti); hangi isin gorfamtan xiqqoodha

إِنَّ السَّاعَةَ لَآتِيَةٌ لَّا رَيْبَ فِيهَا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ(59)

 Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namootaa hin amananu

وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ ۚ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ(60)

 Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaaDhugumatti, isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”

اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ اللَّيْلَ لِتَسْكُنُوا فِيهِ وَالنَّهَارَ مُبْصِرًا ۚ إِنَّ اللَّهَ لَذُو فَضْلٍ عَلَى النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ(61)

 Rabbiin Isa halkan akka ishee keessa boqattaniif, guyyaa immoo ibsaa kan isiniif godheDhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tolaatiGaruu irra hedduun namootaa hin galatoomfatanu

ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ خَالِقُ كُلِّ شَيْءٍ لَّا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ(62)

 (Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumaa waan hundaatiIsa malee haqaan gabbaramaan hin jiruAkkamitti irraa gara galfamtu

كَذَٰلِكَ يُؤْفَكُ الَّذِينَ كَانُوا بِآيَاتِ اللَّهِ يَجْحَدُونَ(63)

 Akkanatti warri keeyyattoota Rabbii morman irraa gara galfamu

اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَرْضَ قَرَارًا وَالسَّمَاءَ بِنَاءً وَصَوَّرَكُمْ فَأَحْسَنَ صُوَرَكُمْ وَرَزَقَكُم مِّنَ الطَّيِّبَاتِ ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ ۖ فَتَبَارَكَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ(64)

 Rabbiin Isa dachii jireenyaaf mijooftuu, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan miidhagsee, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne(Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessaniAllaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e tolli Isaa guddate

هُوَ الْحَيُّ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَادْعُوهُ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ ۗ الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ(65)

 Inni jiraataadhaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruKanaafuu amantii Isaaf qulqulleessaa, Isa kadhaaFaaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti

۞ قُلْ إِنِّي نُهِيتُ أَنْ أَعْبُدَ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ اللَّهِ لَمَّا جَاءَنِيَ الْبَيِّنَاتُ مِن رَّبِّي وَأُمِرْتُ أَنْ أُسْلِمَ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ(66)

 “Ani erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameeraGooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” jedhi

هُوَ الَّذِي خَلَقَكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ مِنْ عَلَقَةٍ ثُمَّ يُخْرِجُكُمْ طِفْلًا ثُمَّ لِتَبْلُغُوا أَشُدَّكُمْ ثُمَّ لِتَكُونُوا شُيُوخًا ۚ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ مِن قَبْلُ ۖ وَلِتَبْلُغُوا أَجَلًا مُّسَمًّى وَلَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ(67)

 Inni Isa biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa, isin uumee ergasii daa’ima godhee isin baasaErgasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godhaIsin irraa nama san dura du’uutu jiraAkka beellama beekamaa geessaniifi akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa)

هُوَ الَّذِي يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ فَإِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُن فَيَكُونُ(68)

 Inni Isa jiraachisuufi ajjeesuYeroo dhimma tokko murteesse “argami” isaan jechuu qofa; yoosuu argama

أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ أَنَّىٰ يُصْرَفُونَ(69)

 Sila isaan keeyyattoota Rabbii keessatti morman akka itti irraa deebifaman hin arginee

الَّذِينَ كَذَّبُوا بِالْكِتَابِ وَبِمَا أَرْسَلْنَا بِهِ رُسُلَنَا ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ(70)

 Isaan kitaabaafi waan Nuti ergamtoota keenya ittiin ergine sobsiisan, (hin arginee?) (fuul duratti) beekuuf jiru

إِذِ الْأَغْلَالُ فِي أَعْنَاقِهِمْ وَالسَّلَاسِلُ يُسْحَبُونَ(71)

 Yeroo sakaallaan sibiilaa morma isaanii irratti maramee, Sansalannis (itti diramee) harkifaman

فِي الْحَمِيمِ ثُمَّ فِي النَّارِ يُسْجَرُونَ(72)

 Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu

ثُمَّ قِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تُشْرِكُونَ(73)

 Ergasii “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiru?” isaaniin jedhama

مِن دُونِ اللَّهِ ۖ قَالُوا ضَلُّوا عَنَّا بَل لَّمْ نَكُن نَّدْعُو مِن قَبْلُ شَيْئًا ۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ اللَّهُ الْكَافِرِينَ(74)

 Rabbiin ala (gabbaraa kan turtan)“Nu jalaa badaniiruLakkisaa nuti asiin dura homaa gabbaraa hin turre!” Akka kanatti Rabbiin kaafiroota jallisa

ذَٰلِكُم بِمَا كُنتُمْ تَفْرَحُونَ فِي الْأَرْضِ بِغَيْرِ الْحَقِّ وَبِمَا كُنتُمْ تَمْرَحُونَ(75)

 “Kun waan dachii irratti haqaan ala gammadaa turtaniifi waan daangaa darbitaniifi”

ادْخُلُوا أَبْوَابَ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا ۖ فَبِئْسَ مَثْوَى الْمُتَكَبِّرِينَ(76)

 “Balbala jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama)

فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۚ فَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعْضَ الَّذِي نَعِدُهُمْ أَوْ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيْنَا يُرْجَعُونَ(77)

 ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaYoo garii waan waadaa isaaniif gallee si agarsiifne (waa tole); yookiin yoo si ajjeefnes, garuma keenya deebifamu

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلًا مِّن قَبْلِكَ مِنْهُم مَّن قَصَصْنَا عَلَيْكَ وَمِنْهُم مَّن لَّمْ نَقْصُصْ عَلَيْكَ ۗ وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَن يَأْتِيَ بِآيَةٍ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ فَإِذَا جَاءَ أَمْرُ اللَّهِ قُضِيَ بِالْحَقِّ وَخَسِرَ هُنَالِكَ الْمُبْطِلُونَ(78)

 Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirraIsaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jiraIsaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiruErgamaan tokko hayyama Rabbiitiin ala keeyyata tokko fiduu hin danda’uYeroo ajajni Rabbii dhufe, (dhimmichi) dhugaan murteeffamaKijibdoonni achitti ni hoonga’u

اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَنْعَامَ لِتَرْكَبُوا مِنْهَا وَمِنْهَا تَأْكُلُونَ(79)

 Rabbiin Isa beyladoota, (garii ishee) yaabbattanii, (garii immoo) nyaattaniif isinii uumeedha

وَلَكُمْ فِيهَا مَنَافِعُ وَلِتَبْلُغُوا عَلَيْهَا حَاجَةً فِي صُدُورِكُمْ وَعَلَيْهَا وَعَلَى الْفُلْكِ تُحْمَلُونَ(80)

 Isiniif isaan keessa bu’aa adda addaatu jiraAkka dhimmoota qoma keessan keessatti yaaddan ittiin bakkaan ga’attaniif (isinii uume)Akkasumas isaan irrattiifi dooniiwwan irratti baadhatamtanii (dachiifi bishaan keesa adeemtu)

وَيُرِيكُمْ آيَاتِهِ فَأَيَّ آيَاتِ اللَّهِ تُنكِرُونَ(81)

 Inni mallattoolee Isaa isin agarsiisaMallattoowwan Rabbii irraa kamiin mormitu

أَفَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا أَكْثَرَ مِنْهُمْ وَأَشَدَّ قُوَّةً وَآثَارًا فِي الْأَرْضِ فَمَا أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا يَكْسِبُونَ(82)

 Sila dachii keessa deemanii, booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Isaan irra bay’ee, humnaanis irra ciccimoo, dachii keessatti faana dhiisuunis isaan caalu turanus wanti isaan dachii keessatti hojjachaa turan (adabbii) irraa isaan hin duroomsine

فَلَمَّا جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَرِحُوا بِمَا عِندَهُم مِّنَ الْعِلْمِ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ(83)

 Yeroo ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufan, beekumsa irraa waan isaan bira jirutti gammadanii (boonan)Wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse

فَلَمَّا رَأَوْا بَأْسَنَا قَالُوا آمَنَّا بِاللَّهِ وَحْدَهُ وَكَفَرْنَا بِمَا كُنَّا بِهِ مُشْرِكِينَ(84)

 Yeroo adabbii keenya argan ni jedhan: “Rabbitti amanne; waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.”

فَلَمْ يَكُ يَنفَعُهُمْ إِيمَانُهُمْ لَمَّا رَأَوْا بَأْسَنَا ۖ سُنَّتَ اللَّهِ الَّتِي قَدْ خَلَتْ فِي عِبَادِهِ ۖ وَخَسِرَ هُنَالِكَ الْكَافِرُونَ(85)

 Erga adabbii keenya arganii booda amanuun isaanii kan isaan fayyadu hin taane(Sun) karaa Rabbii kan gabroota Isaa keessatti dabreedhaKaafiroonni achitti hoonga’e


سورهای بیشتر به زبان اورومویی:

سوره البقره آل عمران سوره نساء
سوره مائده سوره يوسف سوره ابراهيم
سوره حجر سوره کهف سوره مریم
سوره حج سوره قصص سوره عنکبوت
سوره سجده سوره یس سوره دخان
سوره فتح سوره حجرات سوره ق
سوره نجم سوره رحمن سوره واقعه
سوره حشر سوره ملک سوره حاقه
سوره انشقاق سوره أعلى سوره غاشية

دانلود سوره غافر با صدای معروف‌ترین قراء:

انتخاب خواننده برای گوش دادن و دانلود کامل سوره غافر با کیفیت بالا.
سوره غافر را با صدای احمد العجمی
أحمد العجمي
سوره غافر را با صدای ابراهيم الاخضر
ابراهيم الاخضر
سوره غافر را با صدای بندر بليلة
بندر بليلة
سوره غافر را با صدای خالد الجليل
خالد الجليل
سوره غافر را با صدای حاتم فريد الواعر
حاتم فريد الواعر
سوره غافر را با صدای خليفة الطنيجي
خليفة الطنيجي
سوره غافر را با صدای سعد الغامدي
سعد الغامدي
سوره غافر را با صدای سعود الشريم
سعود الشريم
سوره غافر را با صدای الشاطري
الشاطري
سوره غافر را با صدای صلاح ابوخاطر
صلاح بوخاطر
سوره غافر را با صدای عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سوره غافر را با صدای عبد الرحمن العوسي
عبدالرحمن العوسي
سوره غافر را با صدای عبد الرشيد صوفي
عبد الرشيد صوفي
سوره غافر را با صدای عبد العزيز الزهراني
عبدالعزيز الزهراني
سوره غافر را با صدای عبد الله بصفر
عبد الله بصفر
سوره غافر را با صدای عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سوره غافر را با صدای علي الحذيفي
علي الحذيفي
سوره غافر را با صدای علي جابر
علي جابر
سوره غافر را با صدای غسان الشوربجي
غسان الشوربجي
سوره غافر را با صدای فارس عباد
فارس عباد
سوره غافر را با صدای ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سوره غافر را با صدای محمد أيوب
محمد أيوب
سوره غافر را با صدای محمد المحيسني
محمد المحيسني
سوره غافر را با صدای محمد جبريل
محمد جبريل
سوره غافر را با صدای محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سوره غافر را با صدای الحصري
الحصري
سوره غافر را با صدای العفاسي
مشاري العفاسي
سوره غافر را با صدای ناصر القطامي
ناصر القطامي
سوره غافر را با صدای وديع اليمني
وديع اليمني
سوره غافر را با صدای ياسر الدوسري
ياسر الدوسري


Wednesday, February 12, 2025

به قرآن کریم چنگ بزنید