La sourate Al-Qamar en Oromo
Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe |
وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ مُّسْتَمِرٌّ(2) Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu |
وَكَذَّبُوا وَاتَّبَعُوا أَهْوَاءَهُمْ ۚ وَكُلُّ أَمْرٍ مُّسْتَقِرٌّ(3) (Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha |
Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera |
Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu |
فَتَوَلَّ عَنْهُمْ ۘ يَوْمَ يَدْعُ الدَّاعِ إِلَىٰ شَيْءٍ نُّكُرٍ(6) Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu |
خُشَّعًا أَبْصَارُهُمْ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ كَأَنَّهُمْ جَرَادٌ مُّنتَشِرٌ(7) (Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu |
مُّهْطِعِينَ إِلَى الدَّاعِ ۖ يَقُولُ الْكَافِرُونَ هَٰذَا يَوْمٌ عَسِرٌ(8) Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu |
۞ كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ فَكَذَّبُوا عَبْدَنَا وَقَالُوا مَجْنُونٌ وَازْدُجِرَ(9) Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan |
“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate |
Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne |
وَفَجَّرْنَا الْأَرْضَ عُيُونًا فَالْتَقَى الْمَاءُ عَلَىٰ أَمْرٍ قَدْ قُدِرَ(12) Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan |
Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene) |
Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti |
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata |
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata |
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ(17) Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa |
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree |
إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِي يَوْمِ نَحْسٍ مُّسْتَمِرٍّ(19) Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine |
تَنزِعُ النَّاسَ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ مُّنقَعِرٍ(20) Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu |
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata |
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ(22) Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa |
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru |
فَقَالُوا أَبَشَرًا مِّنَّا وَاحِدًا نَّتَّبِعُهُ إِنَّا إِذًا لَّفِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ(24) Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra |
أَأُلْقِيَ الذِّكْرُ عَلَيْهِ مِن بَيْنِنَا بَلْ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٌ(25) Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha |
Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru |
إِنَّا مُرْسِلُو النَّاقَةِ فِتْنَةً لَّهُمْ فَارْتَقِبْهُمْ وَاصْطَبِرْ(27) Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis |
وَنَبِّئْهُمْ أَنَّ الْمَاءَ قِسْمَةٌ بَيْنَهُمْ ۖ كُلُّ شِرْبٍ مُّحْتَضَرٌ(28) Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha |
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane |
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata |
إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ صَيْحَةً وَاحِدَةً فَكَانُوا كَهَشِيمِ الْمُحْتَظِرِ(31) Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan |
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ(32) Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa |
Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru |
إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ حَاصِبًا إِلَّا آلَ لُوطٍ ۖ نَّجَّيْنَاهُم بِسَحَرٍ(34) Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine |
Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina |
وَلَقَدْ أَنذَرَهُم بَطْشَتَنَا فَتَمَارَوْا بِالنُّذُرِ(36) Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru |
وَلَقَدْ رَاوَدُوهُ عَن ضَيْفِهِ فَطَمَسْنَا أَعْيُنَهُمْ فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ(37) Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen) |
Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate |
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne) |
وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ(40) Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa |
Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera |
كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذْنَاهُمْ أَخْذَ عَزِيزٍ مُّقْتَدِرٍ(42) Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne |
أَكُفَّارُكُمْ خَيْرٌ مِّنْ أُولَٰئِكُمْ أَمْ لَكُم بَرَاءَةٌ فِي الزُّبُرِ(43) (Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira |
Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu |
Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru |
بَلِ السَّاعَةُ مَوْعِدُهُمْ وَالسَّاعَةُ أَدْهَىٰ وَأَمَرُّ(46) Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha |
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u |
يَوْمَ يُسْحَبُونَ فِي النَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ ذُوقُوا مَسَّ سَقَرَ(48) Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan) |
Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne |
Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa |
وَلَقَدْ أَهْلَكْنَا أَشْيَاعَكُمْ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ(51) Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa |
Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira |
Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha |
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu |
Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Qamar : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Qamar complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide