La sourate Al-Ghashiyah en Oromo
| Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa |
| Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha |
| Hojjattuu ifaajjuudha |
| Ibidda gubduu seenti |
| Burqituu danfituu irraa obaafamti |
| Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru |
| Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu |
| Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha |
| Dalagaa ishee jaalattuudha |
| Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti |
| Ishee keessatti waca hin dhagaanu |
| Ishee keessa burqituu yaatutu jirti |
| Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti |
| Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti |
| Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira) |
| Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti) |
| Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu |
| Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu) |
| Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu) |
| Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu) |
| Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa |
| Isaan irratti dirqisiisaa hin taane |
| Garuu nama gara galee kafare |
| Rabbiin adabbii guddaa isa adaba |
| Deebiin isaanii garuma Keenya |
| Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Ghashiyah : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Ghashiyah complète en haute qualité.
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
Donnez-nous une invitation valide




