La sourate Al-Fajr en Oromo
وَالْفَجْرِ(1) Bariinin[] (kakadha) |
| Halkan kurnaniini |
| Cimdiifi qarattis |
| Halkanittis; yeroo inni deeme |
| Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira) |
| Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee |
| Iramiin warra dhedheerootti |
| Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san |
| Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan) |
| Firawniinis abbaa shikaalaatti |
| Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran |
| Kan ishee keessatti badii baayisan |
| Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse |
| Dhugumatti, Gooftaan kee qeexaadha (beekaadha) |
| Namni yeroo gooftaan isaa isa kabajuun qanansiisee isa qorate “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha |
وَأَمَّا إِذَا مَا ابْتَلَاهُ فَقَدَرَ عَلَيْهِ رِزْقَهُ فَيَقُولُ رَبِّي أَهَانَنِ(16) Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha |
| Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan |
| Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan |
| Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu |
| Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu |
| Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte |
| (Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan] |
وَجِيءَ يَوْمَئِذٍ بِجَهَنَّمَ ۚ يَوْمَئِذٍ يَتَذَكَّرُ الْإِنسَانُ وَأَنَّىٰ لَهُ الذِّكْرَىٰ(23) Guyyaa san jahannamis ni fidamaGuyyaa san namni ni yaadataYaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree |
| Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa |
| Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu |
| Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu |
| “Yaa lubbuu tasgabbooftuu |
| Jaallataa, jaallatamaa gara Gooftaa keetii deebii |
| Gabroota kiyya keessas seeni |
| Jannata kiyyas seeni” (jedhamti) |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Fajr : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Fajr complète en haute qualité.
Ahmed Al Ajmy
Bandar Balila
Khalid Al Jalil
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdul Rashid Sufi
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Yasser Al Dosari
Donnez-nous une invitation valide




