Surah Luqman with Afaan Oromoo

  1. Surah mp3
  2. More
  3. Afaan Oromoo
The Holy Quran | Quran translation | Language Afaan Oromoo | Surah Luqman | لقمان - Ayat Count 34 - The number of the surah in moshaf: 31 - The meaning of the surah in English: Luqman.

الم(1)

 Alif Laam Miim

تِلْكَ آيَاتُ الْكِتَابِ الْحَكِيمِ(2)

 Kun keeyyattoota kitaaba ogummaan guutameeti

هُدًى وَرَحْمَةً لِّلْمُحْسِنِينَ(3)

 Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame)

الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَهُم بِالْآخِرَةِ هُمْ يُوقِنُونَ(4)

 Isaan warra salaata (haqaan) sagadaniifi zakaas kennataniidhaIsaan isaanumatu Aakhiraa dhugoomsa

أُولَٰئِكَ عَلَىٰ هُدًى مِّن رَّبِّهِمْ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ(5)

 Isaan sun qajeeluma Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiruIsaan sun isaanumatu milkaa’oodha

وَمِنَ النَّاسِ مَن يَشْتَرِي لَهْوَ الْحَدِيثِ لِيُضِلَّ عَن سَبِيلِ اللَّهِ بِغَيْرِ عِلْمٍ وَيَتَّخِذَهَا هُزُوًا ۚ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ(6)

 Namoota irraa nama beekumsaan ala karaa Rabbii irraa ittiin jallisuufi meeshaa taphaa taasifachuuf jecha haasa’a taphaa bitutu jiraIsaan sana adabbii xiqqeessaatu isaaniif jira

وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا وَلَّىٰ مُسْتَكْبِرًا كَأَن لَّمْ يَسْمَعْهَا كَأَنَّ فِي أُذُنَيْهِ وَقْرًا ۖ فَبَشِّرْهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ(7)

 Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, akka waan hin dhaga’iniitti akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, boonaa ta’ee irraa garagalaAdabbii laalessaan isa gammachiisi

إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ جَنَّاتُ النَّعِيمِ(8)

 Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan ashaakiltiilee qananiitu isaaniif jira

خَالِدِينَ فِيهَا ۖ وَعْدَ اللَّهِ حَقًّا ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ(9)

 Ishee keessatti hafoo ta’anii (ishee seenu)Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif galeInni injifataa, ogeessa

خَلَقَ السَّمَاوَاتِ بِغَيْرِ عَمَدٍ تَرَوْنَهَا ۖ وَأَلْقَىٰ فِي الْأَرْضِ رَوَاسِيَ أَن تَمِيدَ بِكُمْ وَبَثَّ فِيهَا مِن كُلِّ دَابَّةٍ ۚ وَأَنزَلْنَا مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَنبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ(10)

 Samii utubaalee malee uumne; (isin) ishee ni agartuGaarreen gadi dhaabbatoo ta’an akka dachiin isiniin hin sochooneef keessa kaa’eLubbu qabeeyyii hunda irraas ishee keessatti facaaseBishaanis Samii irraa buufnee, gosoota gaggaarii hunda ishee keessatti magarsine

هَٰذَا خَلْقُ اللَّهِ فَأَرُونِي مَاذَا خَلَقَ الَّذِينَ مِن دُونِهِ ۚ بَلِ الظَّالِمُونَ فِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ(11)

 Kun uumaa RabbiitiMee waan isaan Isaa gadii uuman na agarsiisaaDhugumatti miidhaa hojjattoonni jal’ina ifa galaa keessa jiru

وَلَقَدْ آتَيْنَا لُقْمَانَ الْحِكْمَةَ أَنِ اشْكُرْ لِلَّهِ ۚ وَمَن يَشْكُرْ فَإِنَّمَا يَشْكُرُ لِنَفْسِهِ ۖ وَمَن كَفَرَ فَإِنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ حَمِيدٌ(12)

 “Rabbiif galata galchiNamni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti)Dhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun) dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra

وَإِذْ قَالَ لُقْمَانُ لِابْنِهِ وَهُوَ يَعِظُهُ يَا بُنَيَّ لَا تُشْرِكْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّ الشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٌ(13)

 Yeroo Luqmaan ilma isaatiin odoo isa gorsuu “yaa ilma kiyya! Allaahiitti waa hin qindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha” jedhe [yaadadhu]

وَوَصَّيْنَا الْإِنسَانَ بِوَالِدَيْهِ حَمَلَتْهُ أُمُّهُ وَهْنًا عَلَىٰ وَهْنٍ وَفِصَالُهُ فِي عَامَيْنِ أَنِ اشْكُرْ لِي وَلِوَالِدَيْكَ إِلَيَّ الْمَصِيرُ(14)

 Namaafis haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaas dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatteHarma irraa gu’uun isaas waggaa lama keessatti“Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchiDeebiinis gara kiyyatti” jechuun isa ajajne

وَإِن جَاهَدَاكَ عَلَىٰ أَن تُشْرِكَ بِي مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ فَلَا تُطِعْهُمَا ۖ وَصَاحِبْهُمَا فِي الدُّنْيَا مَعْرُوفًا ۖ وَاتَّبِعْ سَبِيلَ مَنْ أَنَابَ إِلَيَّ ۚ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ(15)

 Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhinAddunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhuKaraa nama gara kiyya deebi’ee hordofiSana booda deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa

يَا بُنَيَّ إِنَّهَا إِن تَكُ مِثْقَالَ حَبَّةٍ مِّنْ خَرْدَلٍ فَتَكُن فِي صَخْرَةٍ أَوْ فِي السَّمَاوَاتِ أَوْ فِي الْأَرْضِ يَأْتِ بِهَا اللَّهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَطِيفٌ خَبِيرٌ(16)

 (Luqmaanis) “yaa ilma kiyya! isheen (badiin) yoo hanga madaala ija raafuu taatee, yoo dhagaa yookiin samii yookiin dachii keessa taates, Rabbiin ishee fidaRabbiin maalummaa ishee beekaa iddoo ishees beekaadha

يَا بُنَيَّ أَقِمِ الصَّلَاةَ وَأْمُرْ بِالْمَعْرُوفِ وَانْهَ عَنِ الْمُنكَرِ وَاصْبِرْ عَلَىٰ مَا أَصَابَكَ ۖ إِنَّ ذَٰلِكَ مِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ(17)

 Yaa ilma kiyya! Salaata sirritti sagadiToltuutti nama ajajiHamtuu irraas nama dhorgiWaan si mudate irrattis obsiDhugumatti, sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi

وَلَا تُصَعِّرْ خَدَّكَ لِلنَّاسِ وَلَا تَمْشِ فِي الْأَرْضِ مَرَحًا ۖ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ(18)

 [Boonaan] maddii (boqoo) kee namoota irraa gara hin galchin; dachii keessas of tuulaa hin deeminDhugumatti, Rabbiin of tuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu

وَاقْصِدْ فِي مَشْيِكَ وَاغْضُضْ مِن صَوْتِكَ ۚ إِنَّ أَنكَرَ الْأَصْوَاتِ لَصَوْتُ الْحَمِيرِ(19)

 Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’ii sagalee keetis gadi qabiDhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.”

أَلَمْ تَرَوْا أَنَّ اللَّهَ سَخَّرَ لَكُم مَّا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَأَسْبَغَ عَلَيْكُمْ نِعَمَهُ ظَاهِرَةً وَبَاطِنَةً ۗ وَمِنَ النَّاسِ مَن يُجَادِلُ فِي اللَّهِ بِغَيْرِ عِلْمٍ وَلَا هُدًى وَلَا كِتَابٍ مُّنِيرٍ(20)

 Sila akka Rabbiin wantoota samii keessaatiifi wantoota dachii keessaas isaaniif laaffisee, tola isaa mul’attuufi dhokattuus isin irratti dhangalaase hin argitanuu? Namoota irraas nama beekumsa, ragaafi kitaaba ibsaa ta’een maletti (waa’ee) Rabbii keessatti falmutu jira

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ اتَّبِعُوا مَا أَنزَلَ اللَّهُ قَالُوا بَلْ نَتَّبِعُ مَا وَجَدْنَا عَلَيْهِ آبَاءَنَا ۚ أَوَلَوْ كَانَ الشَّيْطَانُ يَدْعُوهُمْ إِلَىٰ عَذَابِ السَّعِيرِ(21)

 Yeroo “Waan Rabbiin buuse hordofaa” isaaniin jedhame “Lakkisaa; nuti waan abbootii keenya isarratti argine hordofna” jedhuOduma Sheyxaanni gara adabbii boba’aatti kan isaan waamullee ta’ee moo

۞ وَمَن يُسْلِمْ وَجْهَهُ إِلَى اللَّهِ وَهُوَ مُحْسِنٌ فَقَدِ اسْتَمْسَكَ بِالْعُرْوَةِ الْوُثْقَىٰ ۗ وَإِلَى اللَّهِ عَاقِبَةُ الْأُمُورِ(22)

 Namni toltuu hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne (bute) dhugumatti funyoo cimaa qabateera; booddeen wantoota hundaatuu gara Rabbiiti

وَمَن كَفَرَ فَلَا يَحْزُنكَ كُفْرُهُ ۚ إِلَيْنَا مَرْجِعُهُمْ فَنُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ(23)

 Namni kafare kufriin isaa si hin yaachisinDeebiin isaaniis gara keenya; waan isaan dalaganis isaanitti ni odeessinaDhugumatti Allaahn beekaa waan qoma keessaati

نُمَتِّعُهُمْ قَلِيلًا ثُمَّ نَضْطَرُّهُمْ إِلَىٰ عَذَابٍ غَلِيظٍ(24)

 Yeroo xiqqoof isaan ni qanansiifnaSana booda gara adabbii guddaatti isaan dirqisiifna

وَلَئِن سَأَلْتَهُم مَّنْ خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ لَيَقُولُنَّ اللَّهُ ۚ قُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ ۚ بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْلَمُونَ(25)

 “Samiifi dachii eenyutu uume?” (jettee) yoo isaan gaafatte “Rabbi” jedhu(Yaa Muhammad!) “Faaruun hundi kan Rabbiiti” (jedhi)Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu

لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ(26)

 Wantoonni samiifi dachii keessa jiran (hundi) kan AllaahtiDhugumatti, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha

وَلَوْ أَنَّمَا فِي الْأَرْضِ مِن شَجَرَةٍ أَقْلَامٌ وَالْبَحْرُ يَمُدُّهُ مِن بَعْدِهِ سَبْعَةُ أَبْحُرٍ مَّا نَفِدَتْ كَلِمَاتُ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ(27)

 Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamii ta’ee, galaannis booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffameeyyuu) jechoonni Rabbii hin dhumuRabbiin injifataa beekaadha

مَّا خَلْقُكُمْ وَلَا بَعْثُكُمْ إِلَّا كَنَفْسٍ وَاحِدَةٍ ۗ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ بَصِيرٌ(28)

 Isin uumuufi isin kaasuunis akkuma lubbuu tokkittii malee hin taaneDhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha

أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِي إِلَىٰ أَجَلٍ مُّسَمًّى وَأَنَّ اللَّهَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ(29)

 Sila Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisee guyyaas halkan keessa seensisuu, aduufi ji’as haala hundumtuu hanga beellama beekamaatti deemanuun kan isaan laaffise ta’uufi Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekaa ta’uu hin arginee

ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ هُوَ الْحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدْعُونَ مِن دُونِهِ الْبَاطِلُ وَأَنَّ اللَّهَ هُوَ الْعَلِيُّ الْكَبِيرُ(30)

 Kun waan Rabbiin Isatu dhugaa ta’eefi wantoonni Isaa gaditti isaan waammatan soba ta’eefiAmmas dhugumatti waan Allaahn Isatu ol ta’aa, guddaa ta’eefi

أَلَمْ تَرَ أَنَّ الْفُلْكَ تَجْرِي فِي الْبَحْرِ بِنِعْمَتِ اللَّهِ لِيُرِيَكُم مِّنْ آيَاتِهِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ(31)

 Sila (Rabbiin) mallattoollee Isaa irraa isinitti agarsiisuuf akka dooniin tola Rabbiitiin galaana keessa deemtu hin arginee? Dhugumatti, kana keessa akkaan obsitoota, galateeffattootaaf mallattooleetu jira

وَإِذَا غَشِيَهُم مَّوْجٌ كَالظُّلَلِ دَعَوُا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ فَلَمَّا نَجَّاهُمْ إِلَى الْبَرِّ فَمِنْهُم مُّقْتَصِدٌ ۚ وَمَا يَجْحَدُ بِآيَاتِنَا إِلَّا كُلُّ خَتَّارٍ كَفُورٍ(32)

 Yeroo danbaliin akka gaaraa isaan haguuge amantaa (kadhaa) Isaaf qulqulleessanii Allaah qofa kadhatuYeroma inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo, isaan irraa nama (kadhaa isaa iirraa) of qusatutu jiraMallattoolee keenya hundaayyuu waadaa diigaa, kafaraa malee hin mormu

يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمْ وَاخْشَوْا يَوْمًا لَّا يَجْزِي وَالِدٌ عَن وَلَدِهِ وَلَا مَوْلُودٌ هُوَ جَازٍ عَن وَالِدِهِ شَيْئًا ۚ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا وَلَا يَغُرَّنَّكُم بِاللَّهِ الْغَرُورُ(33)

 Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaaGuyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyadne, kan ilmis abbaa isaa homaa hin fayyadne sanis sodaadhaaDhugumatti waadaan Rabbii dhugaadhaJiruun addunyaa isin hin gowwoomsin(Sheyxaanni) gowwomsaan (obsa) Rabbiitiin isin hin gowwoomsin

إِنَّ اللَّهَ عِندَهُ عِلْمُ السَّاعَةِ وَيُنَزِّلُ الْغَيْثَ وَيَعْلَمُ مَا فِي الْأَرْحَامِ ۖ وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ مَّاذَا تَكْسِبُ غَدًا ۖ وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ بِأَيِّ أَرْضٍ تَمُوتُ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ(34)

 Dhugumatti, Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jiraRoobas ni buusa; waan gadaamessa keessa jirus ni beekaLubbuun tokko waan boru carraaqqattu hin beektuLubbuun tokko dachii kamitti akka duutus hin beektuDhugumatti, Rabbiin beekaa, keessa hubataadha


More surahs in Afaan Oromoo:


Al-Baqarah Al-'Imran An-Nisa'
Al-Ma'idah Yusuf Ibrahim
Al-Hijr Al-Kahf Maryam
Al-Hajj Al-Qasas Al-'Ankabut
As-Sajdah Ya Sin Ad-Dukhan
Al-Fath Al-Hujurat Qaf
An-Najm Ar-Rahman Al-Waqi'ah
Al-Hashr Al-Mulk Al-Haqqah
Al-Inshiqaq Al-A'la Al-Ghashiyah

Download surah Luqman with the voice of the most famous Quran reciters :

surah Luqman mp3 : choose the reciter to listen and download the chapter Luqman Complete with high quality
surah Luqman Ahmed El Agamy
Ahmed Al Ajmy
surah Luqman Bandar Balila
Bandar Balila
surah Luqman Khalid Al Jalil
Khalid Al Jalil
surah Luqman Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
surah Luqman Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
surah Luqman Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
surah Luqman Abdul Rashid Sufi
Abdul Rashid Sufi
surah Luqman Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
surah Luqman Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
surah Luqman Fares Abbad
Fares Abbad
surah Luqman Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
surah Luqman Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
surah Luqman Al Hosary
Al Hosary
surah Luqman Al-afasi
Mishari Al-afasi
surah Luqman Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Wednesday, February 12, 2025

لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب