Gaşiye suresi çevirisi Oromo
Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa |
Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha |
Hojjattuu ifaajjuudha |
Ibidda gubduu seenti |
Burqituu danfituu irraa obaafamti |
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru |
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu |
Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha |
Dalagaa ishee jaalattuudha |
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti |
Ishee keessatti waca hin dhagaanu |
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti |
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti |
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti |
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira) |
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti) |
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu |
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu) |
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu) |
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu) |
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa |
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane |
Garuu nama gara galee kafare |
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba |
Deebiin isaanii garuma Keenya |
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira |
Oromo diğer sureler:
En ünlü okuyucuların sesiyle Gaşiye Suresi indirin:
Surah Al-Ghashiyah mp3: yüksek kalitede dinlemek ve indirmek için okuyucuyu seçerek
Ahmed El Agamy
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Ali Al Hudhaifi
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Muhammad Jibril
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Nasser Al Qatami
Yasser Al Dosari
Bizim için dua et, teşekkürler