🔥 0 day streak
📖 Long surah — split into smaller parts to help you focus (111 Aayah)
0/111
17:1
🔁 0/5
سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِيٓ أَسۡرَىٰ بِعَبۡدِهِۦ لَيۡلًا مِّنَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ إِلَى ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡأَقۡصَا ٱلَّذِي بَٰرَكۡنَا حَوۡلَهُۥ لِنُرِيَهُۥ مِنۡ ءَايَٰتِنَآۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ ١
Subhaanal lazeee asraa bi`abdihee lailam minal Masjidil Haraami ilal Masjidil Aqsal-lazee baaraknaa haw lahoo linuriyahoo min aayaatinaa;innahoo Huwas Samee`ul-Baseer
Inni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa goonee, mallattoowwan keenya akka itti argisiifnuuf deemsise qulqullaa’eDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha
🎤 Your recording:
17:2
🔁 0/5
وَءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلۡنَٰهُ هُدًى لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَلَّا تَتَّخِذُواْ مِن دُونِي وَكِيلًا ٢
Wa aatainaa Moosal-Kitaaba wa ja`alnaahu hudal-liBaneee Israaa`eel
Muusaafis kitaaba kenninee Ilmaan Israa’iilif “anaa gaditti hirkoo hin godhatinaa” (jechuun) qajeelfama isa goone
🎤 Your recording:
17:3
🔁 0/5
ذُرِّيَّةَ مَنۡ حَمَلۡنَا مَعَ نُوحٍۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَبۡدًا شَكُورًا ٣
Zurriyyata man hamalnaa ma`a Nooh innahoo kaana `abdan shakooraa
(Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! Dhugumatti, inni gabricha galatoomfataa ture
🎤 Your recording:
17:4
🔁 0/5
وَقَضَيۡنَآ إِلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ فِي ٱلۡكِتَٰبِ لَتُفۡسِدُنَّ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَرَّتَيۡنِ وَلَتَعۡلُنَّ عُلُوًّا كَبِيرًا ٤
Wa qadainaaa ilaa Baneee Israaa`eela fil Kitaabi latufsidunna fil ardi marratain; wa lata`lunna`uluwwan kabeeraa
Gara Ilmaan Israa’iil kitaaba keessatti “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa ta’es of tuuluuf jirtu” (jechuun) beeksisa goonee jirra
🎤 Your recording:
17:5
🔁 0/5
فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ أُولَىٰهُمَا بَعَثۡنَا عَلَيۡكُمۡ عِبَادًا لَّنَآ أُوْلِي بَأۡسٍ شَدِيدٍ فَجَاسُواْ خِلَٰلَ ٱلدِّيَارِۚ وَكَانَ وَعۡدًا مَّفۡعُولًا ٥
Fa-izaa jaaa`a wa`duoolaahumaa ba`asnaaa `alykurr `ibaadai-lanaaa ulee baasin shadeedin fajaasoo khilaalad diyaar; wa kaana wa`dam maf`oolaa
Isaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergineIsaanis gola manneen keessanii keessa ni deddeebi’ani(Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:6
🔁 0/5
ثُمَّ رَدَدۡنَا لَكُمُ ٱلۡكَرَّةَ عَلَيۡهِمۡ وَأَمۡدَدۡنَٰكُم بِأَمۡوَٰلٍ وَبَنِينَ وَجَعَلۡنَٰكُمۡ أَكۡثَرَ نَفِيرًا ٦
Summa radadnaa lakumul karrata `alaihim wa amdad-naakum-bi amwaalinuw wa baneen; wa ja`alnaakum aksara nafeeraa
Ergasii isaan irratti dabaree injifannoo isiniif deebifnee qabeenyaafi ilmaanis isiniif daballeGama gosaatiinis baay’ee isin taasifne
🎤 Your recording:
17:7
🔁 0/5
إِنۡ أَحۡسَنتُمۡ أَحۡسَنتُمۡ لِأَنفُسِكُمۡۖ وَإِنۡ أَسَأۡتُمۡ فَلَهَاۚ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ ٱلۡأٓخِرَةِ لِيَسُـُٔواْ وُجُوهَكُمۡ وَلِيَدۡخُلُواْ ٱلۡمَسۡجِدَ كَمَا دَخَلُوهُ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَلِيُتَبِّرُواْ مَا عَلَوۡاْ تَتۡبِيرًا ٧
In ahsantum ahsantum li anfusikum wa in asaatum falahaa; fa izaa jaaa`a wa`dul aakhirati liyasooo`oo wujoo hakum wa liyadkhulul masjida kamaa dakhaloohu awwala marratinw wa liyutabbiroo mass`alaw tatbeera
Yoo toltuu hojjattaniif lubbuma keessaniif toltuu hojjattuYoo hamtuu hojjattanis isuma irrattiYeroo waadaan lamaffaa dhufe, akka (diinotiin keessan) fuula keessan hammeessan, akka masjiidichas (Aqsaas) akkuma yeroo jalqabaa isa seenanitti seenaniifi akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina)
🎤 Your recording:
17:8
🔁 0/5
عَسَىٰ رَبُّكُمۡ أَن يَرۡحَمَكُمۡۚ وَإِنۡ عُدتُّمۡ عُدۡنَاۚ وَجَعَلۡنَا جَهَنَّمَ لِلۡكَٰفِرِينَ حَصِيرًا ٨
Asaa rabbukum anyyarhamakum; wa in `uttum `udnaa; wa ja`alnaa jahannama lilkaafireena haseera
Gooftaan keessan rahmata isiniif gochuun ni kajeelamaYoo isin (badiitti) deebitan, Nutis (isin adabuutti) ni deebinaJahannamiinis kaafirootaaf mana hidhaa taasifnee jirra
🎤 Your recording:
17:9
🔁 0/5
إِنَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ يَهۡدِي لِلَّتِي هِيَ أَقۡوَمُ وَيُبَشِّرُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمۡ أَجۡرًا كَبِيرًا ٩
Inna haazal Quraana yahdee lillatee hiya aqwamu wa yubashshirul mu`mineenal lazeena ya`maloonas saalihaati anna lahum ajran kabeeraa
Dhugumatti, Qur’aanni kun (karaa) ishee irra haqaafi qajeeltuu taatetti ni qajeelchaMu’uminoota warra gaggaarii hojjatan dhugumatti mindaan guddaan isaaniif jiraachuudhaan gammachiisa
🎤 Your recording:
17:10
🔁 0/5
وَأَنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ أَعۡتَدۡنَا لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمًا ١٠
Wa annal lazeena laa yu`minoona bil aakhirati a`tadnaa lahum `azaaban aleemaa
Isaan aakhiraatti hin ammanne immoo adabbii laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra (jechuun gammachiisa)
🎤 Your recording:
17:11
🔁 0/5
وَيَدۡعُ ٱلۡإِنسَٰنُ بِٱلشَّرِّ دُعَآءَهُۥ بِٱلۡخَيۡرِۖ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ عَجُولًا ١١
Wa yad`ul insaanu bishsharri du`aaa `ahoo bilkhayr; wa kaanal insaanu `ajoola
Ilmi namaa (yeroo aarii) hamtuu akkuma toltuu kadhatutti (Rabbiin) kadhataIlmi namaa jarjaraa ta’eera
🎤 Your recording:
17:12
🔁 0/5
وَجَعَلۡنَا ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ ءَايَتَيۡنِۖ فَمَحَوۡنَآ ءَايَةَ ٱلَّيۡلِ وَجَعَلۡنَآ ءَايَةَ ٱلنَّهَارِ مُبۡصِرَةً لِّتَبۡتَغُواْ فَضۡلًا مِّن رَّبِّكُمۡ وَلِتَعۡلَمُواْ عَدَدَ ٱلسِّنِينَ وَٱلۡحِسَابَۚ وَكُلَّ شَيۡءٍ فَصَّلۡنَٰهُ تَفۡصِيلًا ١٢
Wa ja`alnal laila wannahaara Aayatayni famahawnaaa Aayatal laili wa ja`alnaaa Aayatan nahaari mubsiratal litabtaghoo fadlam mir Rabbikum wa lita`lamoo `adadas sineena walhisaab; wa kulla shai`in fassalnaahu tafseelaa
Halkaniifi guyyaas mallattoo lama taasifnee jirraMallattoo halkanii dukkanaan haguugnee, mallattoo guyyaa immoo ifa gooneAkka tola Gooftaa keessan irraa ta’e barbaaddaniifi akka lakkoofsa waggootaafi herregas beektaniif (kana goone)Waan hunda addaan baafnee isa addeessinee jirra
🎤 Your recording:
17:13
🔁 0/5
وَكُلَّ إِنسَٰنٍ أَلۡزَمۡنَٰهُ طَٰٓئِرَهُۥ فِي عُنُقِهِۦۖ وَنُخۡرِجُ لَهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ كِتَٰبًا يَلۡقَىٰهُ مَنشُورًا ١٣
Wa kulla insaanin alzamnaahu taaa`irahoo fe `unuqihee wa nukhriji lahoo Yawmal Qiyaamati kitaabany yalqaahu manshooraa
Nama hundayyuu carraa isaa morma isaatti rarraafnee jirraGuyyaa Qiyaamaa kitaaba banamaa (inni) isa argatu taasifneeti isaaf baafna
🎤 Your recording:
17:14
🔁 0/5
ٱقۡرَأۡ كِتَٰبَكَ كَفَىٰ بِنَفۡسِكَ ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكَ حَسِيبًا ١٤
Iqra kitaabak kafaa binafsikal Yawma `alaika haseebaa
Kitaaba kee dubbisiHardha ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf ga’aadha
🎤 Your recording:
17:15
🔁 0/5
مَّنِ ٱهۡتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهۡتَدِي لِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيۡهَاۚ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۗ وَمَا كُنَّا مُعَذِّبِينَ حَتَّىٰ نَبۡعَثَ رَسُولًا ١٥
Manihtadaa fa innamaa yahtadee linafsihee wa man dalla fa innamaa yadillu `alaihaa; wa laa taziru waaziratunw wizra ukhraa; wa maa kunnaa mu`azzibeena hatta nab`asa Rasoola
Namni qajeele, kan inni qajeelu matuma ofiitiif qofaNamni jallates, kan inni jallatu ofuma irrattiLubbuun ba’aa baadhattu kamilleen ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuHanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane
🎤 Your recording:
17:16
🔁 0/5
وَإِذَآ أَرَدۡنَآ أَن نُّهۡلِكَ قَرۡيَةً أَمَرۡنَا مُتۡرَفِيهَا فَفَسَقُواْ فِيهَا فَحَقَّ عَلَيۡهَا ٱلۡقَوۡلُ فَدَمَّرۡنَٰهَا تَدۡمِيرًا ١٦
Wa izaaa aradnaaa an nuhlika qaryatan amarnaa mutrafeehaa fafasaqoo feehaa fahaqqa `alaihal qawlu fadammarnaahaa tadmeeraa
Yeroo magaalaa tokko balleessuu feene, namoota qanani’oo ishee (akka Rabbiin sodaatan) ajajnaIsaan ishee keessatti ajaja Rabbii didu; kanaaf jechi (adabaa) isaan irratti mirkanaa’aIshee guutumatti barbadeessine
🎤 Your recording:
17:17
🔁 0/5
وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِنَ ٱلۡقُرُونِ مِنۢ بَعۡدِ نُوحٍۗ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرَۢا بَصِيرًا ١٧
Wa kam ahlaknaa minal qurooni mim ba`di Nooh; wa kafaa bi Rabbika bizunoobi `ibaadihee Khabeeram Baseeraa
Nuuhiin boodas magaalota irraa meeqaatama balleessine! Badii gabroota Isaa beekaa argaa ta’uun Gooftaan kee ga’aadha
🎤 Your recording:
17:18
🔁 0/5
مَّن كَانَ يُرِيدُ ٱلۡعَاجِلَةَ عَجَّلۡنَا لَهُۥ فِيهَا مَا نَشَآءُ لِمَن نُّرِيدُ ثُمَّ جَعَلۡنَا لَهُۥ جَهَنَّمَ يَصۡلَىٰهَا مَذۡمُومًا مَّدۡحُورًا ١٨
Man kaana yureedul `aajilata `ajjalnaa lahoo feehaa maa nashaaa`u liman nureedu summa ja`alnaa lahoo Jahannama yaslaahaa mazmoomammad hooraa
Nama ishee (addunyaa) jerjertuu taate kana fedhu, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersinaErgasii Ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona
🎤 Your recording:
17:19
🔁 0/5
وَمَنۡ أَرَادَ ٱلۡأٓخِرَةَ وَسَعَىٰ لَهَا سَعۡيَهَا وَهُوَ مُؤۡمِنٌ فَأُوْلَٰٓئِكَ كَانَ سَعۡيُهُم مَّشۡكُورًا ١٩
Wa man araadal Aakhirata wa sa`aa lahaa sa`yahaa wa huwa mu`minun fa ulaaa`ika kaana sa`yuhum mashkooraa
Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:20
🔁 0/5
كُلًّا نُّمِدُّ هَٰٓؤُلَآءِ وَهَٰٓؤُلَآءِ مِنۡ عَطَآءِ رَبِّكَۚ وَمَا كَانَ عَطَآءُ رَبِّكَ مَحۡظُورًا ٢٠
Kullan numiddu haaa `ulaaa`i wa haaa`ulaaa`i min `ataaa`i rabbik; wa maa kaana `ataaa`u rabbika mahzooraa
Hundaayyuu, isaan kanaafi isaan sanas, kennaa Gooftaa keetii irraa (isaaniif) kenninaKennaan Gooftaa keetii dhorgatamaa miti
🎤 Your recording:
17:21
🔁 0/5
ٱنظُرۡ كَيۡفَ فَضَّلۡنَا بَعۡضَهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍۚ وَلَلۡأٓخِرَةُ أَكۡبَرُ دَرَجَٰتٍ وَأَكۡبَرُ تَفۡضِيلًا ٢١
Unzur kaifa faddalnaa ba`dahum `alaa ba`d; wa lal Aakhiratu akbaru darajaatinw wa akbaru tafdeelaa
Akkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaaliHaa ta’u malee, Aakhiraatu sadarkaafi caalchisuuttis irra guddoodha
🎤 Your recording:
17:22
🔁 0/5
لَّا تَجۡعَلۡ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَقۡعُدَ مَذۡمُومًا مَّخۡذُولًا ٢٢
Laa taj`al ma`al laahi ilaahan aakhara fataq`uda mazoomam makhzoolaa
Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin; (yoo waliin gabbarte) balaaleffatamaa, salphataa taatee teessa
🎤 Your recording:
17:23
🔁 0/5
۞ وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّآ إِيَّاهُ وَبِٱلۡوَٰلِدَيۡنِ إِحۡسَٰنًاۚ إِمَّا يَبۡلُغَنَّ عِندَكَ ٱلۡكِبَرَ أَحَدُهُمَآ أَوۡ كِلَاهُمَا فَلَا تَقُل لَّهُمَآ أُفٍّ وَلَا تَنۡهَرۡهُمَا وَقُل لَّهُمَا قَوۡلًا كَرِيمًا ٢٣
Wa qadaa Rabbuka allaa ta`budooo illaaa iyyaahu wa bilwaalidaini ihsaanaa; immaa yablughanna `indakal kibara ahaduhumaaa aw kilaahumaa falaa taqul lahumaaa uffinw wa laa tanharhumaa wa qullahumaa qawlan kareemaa
Gooftaan keetis akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jiraYoo odoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaanii yookiin lamaanuu sadarkaa dullummaa irra ga’an, jecha hifannaa (tuffii) isaaniin hin jedhinIsaaniinis hin lolinJecha kabajaa isaaniin jedhi
🎤 Your recording:
17:24
🔁 0/5
وَٱخۡفِضۡ لَهُمَا جَنَاحَ ٱلذُّلِّ مِنَ ٱلرَّحۡمَةِ وَقُل رَّبِّ ٱرۡحَمۡهُمَا كَمَا رَبَّيَانِي صَغِيرًا ٢٤
Wakhfid lahumaa janaahaz zulli minar rahmati wa qur Rabbir hamhumaa kamaa rabbayaanee sagheera
Isaaniif rahmata godhuuf jecha koola (qoochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi qabi“Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi
🎤 Your recording:
17:25
🔁 0/5
رَّبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِمَا فِي نُفُوسِكُمۡۚ إِن تَكُونُواْ صَٰلِحِينَ فَإِنَّهُۥ كَانَ لِلۡأَوَّٰبِينَ غَفُورًا ٢٥
Rabbukum a`lamu bimaa fee nufoosikum; in takoonoo saaliheena fa innahoo kaana lil awwaabeena Ghafoooraa
Gooftaan keessan waan lubbuu keessan keessa jiru akkaan beekaYoo namoota gaggaarii taataniif Inni warra akkaan gara Isaatti deebi’aniif araaramaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:26
🔁 0/5
وَءَاتِ ذَا ٱلۡقُرۡبَىٰ حَقَّهُۥ وَٱلۡمِسۡكِينَ وَٱبۡنَ ٱلسَّبِيلِ وَلَا تُبَذِّرۡ تَبۡذِيرًا ٢٦
Wa aati zal qurbaa haqqahoo walmiskeena wabnas sabeeli wa laa tubazzir tabzeeraa
Firaaf, harka qalleeyyiifi kara deemaafis haqa isaa kenni, qisaasuu (bazzaruu) hin qisaasin
🎤 Your recording:
17:27
🔁 0/5
إِنَّ ٱلۡمُبَذِّرِينَ كَانُوٓاْ إِخۡوَٰنَ ٱلشَّيَٰطِينِۖ وَكَانَ ٱلشَّيۡطَٰنُ لِرَبِّهِۦ كَفُورًا ٢٧
Innal mubazzireena kaanoo ikhwaanash shayaateeni wa kaanash shaytaanu li Rabbihee kafooraa
Dhugumatti, warri qisaasan obboleeyyan sheyxaanaa ta’aniiruSheyxaannis Gooftaa isaatti akkaan kafaraa ta’eera
🎤 Your recording:
17:28
🔁 0/5
وَإِمَّا تُعۡرِضَنَّ عَنۡهُمُ ٱبۡتِغَآءَ رَحۡمَةٍ مِّن رَّبِّكَ تَرۡجُوهَا فَقُل لَّهُمۡ قَوۡلًا مَّيۡسُورًا ٢٨
Wa immaa turidanna `anhumub tighaaa`a rahmatim mir rabbika tarjoohaa faqul lahum qawlam maisooraa
Yoo kennaa Gooftaa kee irraa ta’e kan isii kajeeltu barbaaduuf jecha isaan irraa gara galte, jecha laafaa isaaniin jedhi
🎤 Your recording:
17:29
🔁 0/5
وَلَا تَجۡعَلۡ يَدَكَ مَغۡلُولَةً إِلَىٰ عُنُقِكَ وَلَا تَبۡسُطۡهَا كُلَّ ٱلۡبَسۡطِ فَتَقۡعُدَ مَلُومًا مَّحۡسُورًا ٢٩
Wa laa taj`al yadaka maghloolatan il `unuqika wa laa tabsut haa kullal basti fataq`uda maloomam mahsooraa
Harka keeti gara morma keetiitti sakaalamaa hin godhinDiriirinsa hundas isa hin diriirsinKomatamaa, sheena’aa taatee teessa
🎤 Your recording:
17:30
🔁 0/5
إِنَّ رَبَّكَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّهُۥ كَانَ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرَۢا بَصِيرًا ٣٠
Inna Rabbaka yabsuturrizqa limai yashaaa`u wa yaqdir; innahoo kaana bi`ibaadihee Khabeeram Baseera
Dhugumatti Gooftaan kee kennaa nama fedheef ni bal’isa; (nama fedhe irratti) ni dhiphisasDhugumatti, Inni gabroota Isaa beekaa, argaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:31
🔁 0/5
وَلَا تَقۡتُلُوٓاْ أَوۡلَٰدَكُمۡ خَشۡيَةَ إِمۡلَٰقٍۖ نَّحۡنُ نَرۡزُقُهُمۡ وَإِيَّاكُمۡۚ إِنَّ قَتۡلَهُمۡ كَانَ خِطۡـًٔا كَبِيرًا ٣١
Wa laa taqtulooo awlaadakum khashyata imlaaq; nahnu narzuquhum wa iyyaakum; inna qatlahum kaana khitan kabeeraa
Ilmaan keessanis sodaa hiyyummaatiif jecha hin ajjeesinaaIsaaniifi isinis Nutu sooraDhugumatti, isaan ajjeesuun badii guddaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:32
🔁 0/5
وَلَا تَقۡرَبُواْ ٱلزِّنَىٰٓۖ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةً وَسَآءَ سَبِيلًا ٣٢
Wa laa taqrabuz zinaaa innahoo kaana faahishatanw wa saaa`a sabeelaa
Sagaagalummaattis hin dhihaatinaaDhugumatti, inni (hojii) fokkataafi karaa hamaa ta’ee jira
🎤 Your recording:
17:33
🔁 0/5
وَلَا تَقۡتُلُواْ ٱلنَّفۡسَ ٱلَّتِي حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَمَن قُتِلَ مَظۡلُومًا فَقَدۡ جَعَلۡنَا لِوَلِيِّهِۦ سُلۡطَٰنًا فَلَا يُسۡرِف فِّي ٱلۡقَتۡلِۖ إِنَّهُۥ كَانَ مَنصُورًا ٣٣
Wa laa taqtulun nafsal latee harramal laahu illaa bilhaqq; wa man qutila mazlooman faqad ja`alnaa liwaliyyihee sultaanan falaa yusrif fil qatli innahoo kaana mansooraa
Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaaNama miidhamee ajjeefames nama isa dhaaluuf aangoo (dhiiga gaafachuu isaaf) kenninee jirraAjjeechaa keessatti daangaa hin dabrinDhugumatti, inni tumsamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:34
🔁 0/5
وَلَا تَقۡرَبُواْ مَالَ ٱلۡيَتِيمِ إِلَّا بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ حَتَّىٰ يَبۡلُغَ أَشُدَّهُۥۚ وَأَوۡفُواْ بِٱلۡعَهۡدِۖ إِنَّ ٱلۡعَهۡدَ كَانَ مَسۡـُٔولًا ٣٤
Wa laa taqraboo maalal yateemi illaa billatee hiya ahsanu hattaa yablugha ashuddah; wa awfoo bil`ahd, innal `ahda kaana mas`oolaa
Qabeenya yatiimaas, kaayyoo gaariif malee hanga inni cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaaWaadaas guutaaDhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira
🎤 Your recording:
17:35
🔁 0/5
وَأَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ إِذَا كِلۡتُمۡ وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٌ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلًا ٣٥
Wa awful kaila izaa kiltum wa zinoo bilqistaasil mustaqeem; zaalika khairunw wa ahsanu taaweelaa
Yeroo safartanis safara guutaaMadaala qajeelaa ta’eenis madaalaaKun waan gaariidha; booddeen isaas bareedaadha
🎤 Your recording:
17:36
🔁 0/5
وَلَا تَقۡفُ مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٌۚ إِنَّ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡبَصَرَ وَٱلۡفُؤَادَ كُلُّ أُوْلَٰٓئِكَ كَانَ عَنۡهُ مَسۡـُٔولًا ٣٦
Wa laa taqfu maa laisa laka bihee `ilm; innas sam`a walbasara walfu`aada kullu ulaaa`ika kaana `anhu mas`oolaa
Waan beekumsa isaa hin qabne hin hordofinDhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:37
🔁 0/5
وَلَا تَمۡشِ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَرَحًاۖ إِنَّكَ لَن تَخۡرِقَ ٱلۡأَرۡضَ وَلَن تَبۡلُغَ ٱلۡجِبَالَ طُولًا ٣٧
Wa laa tamshi fil ardi marahan innaka lan takhriqal arda wa lan tablughal jibaala toola
Dachii keessas boonaa hin deeminDhugumatti, ati dachii hin urtu; dheerinnaanis gaara hin geessu
🎤 Your recording:
17:38
🔁 0/5
كُلُّ ذَٰلِكَ كَانَ سَيِّئُهُۥ عِندَ رَبِّكَ مَكۡرُوهًا ٣٨
Kullu zaalika kaana sayyi`uhoo inda Rabbika makroohaa
Sun hundi yakki isaa Gooftaa kee biratti jibbamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:39
🔁 0/5
ذَٰلِكَ مِمَّآ أَوۡحَىٰٓ إِلَيۡكَ رَبُّكَ مِنَ ٱلۡحِكۡمَةِۗ وَلَا تَجۡعَلۡ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتُلۡقَىٰ فِي جَهَنَّمَ مَلُومًا مَّدۡحُورًا ٣٩
Zaalika mimmaaa awhaaa ilaika Rabbuka minal hikmah; wa laa taj`al ma`allaahi ilaahan aakhara fatulqaa fee Jahannama maloomam mad hooraa
Kuni beekumsa irraa waan Gooftaan kee gara keetti wahyii godheedhaRabbii wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisin(Yoos) komatamaa, fageeffamaa taatee jahannam keessatti darbamta
🎤 Your recording:
17:40
🔁 0/5
أَفَأَصۡفَىٰكُمۡ رَبُّكُم بِٱلۡبَنِينَ وَٱتَّخَذَ مِنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِنَٰثًاۚ إِنَّكُمۡ لَتَقُولُونَ قَوۡلًا عَظِيمًا ٤٠
Afa asfaakum rabbukum bilbaneena wattakhaza minal malaaa`ikati inaasaa; innakum lataqooloona qawlan `azeema
Sila Gooftaan keessan isiniif ilmaan dhiiraa fileeti ofiif maleeykota irraa ilmaan dubaraa godhatee? Dhugumatti, isin jecha guddaa jettu
🎤 Your recording:
17:41
🔁 0/5
وَلَقَدۡ صَرَّفۡنَا فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ لِيَذَّكَّرُواْ وَمَا يَزِيدُهُمۡ إِلَّا نُفُورًا ٤١
Wa laqad sarrafnaa fee haazal Quraani liyazzakkaroo wa maa yazeeduhum illaa nufooraa
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti akka (isaan) gorfamaniif deddeebinee ifa goonee jirraBaqa malee homaa isaaniif hin dabalu
🎤 Your recording:
17:42
🔁 0/5
قُل لَّوۡ كَانَ مَعَهُۥٓ ءَالِهَةٌ كَمَا يَقُولُونَ إِذًا لَّٱبۡتَغَوۡاْ إِلَىٰ ذِي ٱلۡعَرۡشِ سَبِيلًا ٤٢
Qul law kaana ma`ahooo aalihatun kamaa yaqooloona izal labtaghaw ilaa zil `Arshi Sabeela
Jedhi: “Odoo akka isaan jedhan Isa waliin gabbaramtoonni biraa jiraatanii, silaa gara abbaa Arshiitti karaa barbaaddatu turan.”
🎤 Your recording:
17:43
🔁 0/5
سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يَقُولُونَ عُلُوًّا كَبِيرًا ٤٣
Subhaanahoo wa Ta`aalaa `ammaa yaqooloona `uluwwan kabeeraa
Inni (Rabbiin) waan isaan jedhan irraa qulqulluufi ol ta’iinsa guddaas ol taeera
🎤 Your recording:
17:44
🔁 0/5
تُسَبِّحُ لَهُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ ٱلسَّبۡعُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهِنَّۚ وَإِن مِّن شَيۡءٍ إِلَّا يُسَبِّحُ بِحَمۡدِهِۦ وَلَٰكِن لَّا تَفۡقَهُونَ تَسۡبِيحَهُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا ٤٤
Tusabbihu lahus samaawaatus sab`u wal ardu wa man feehinn; wa im min shai`in illaa yusabbihu bihamdihee wa laakil laa tafqahoona tasbeehahum; innahoo kaana Haleeman Ghafooraa
Samiin torbaniifi Dachiin, akkasumas wanni isaan keessa jiran hundi Isa faarsuWanti tokkos kan odoo faaruu Isaatiin Isa hin qulqulleessin hafu hin jiruGaruu isin faaruu isaanii hin beektanuDhugumatti, Inni obsaa, araaramaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:45
🔁 0/5
وَإِذَا قَرَأۡتَ ٱلۡقُرۡءَانَ جَعَلۡنَا بَيۡنَكَ وَبَيۡنَ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ حِجَابًا مَّسۡتُورًا ٤٥
Wa izaa qaraatal Quraana ja`alnaa bainaka wa bainal lazeena laa yu`minoona bil aakhirati hijaabam mastooraa
Yeroo Qur’aana dubbiftus gidduu keetiifi gidduu warra Aakhiraatti hin amannee haguuggii hin mul’anne taasifna
🎤 Your recording:
17:46
🔁 0/5
وَجَعَلۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ أَكِنَّةً أَن يَفۡقَهُوهُ وَفِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَقۡرًاۚ وَإِذَا ذَكَرۡتَ رَبَّكَ فِي ٱلۡقُرۡءَانِ وَحۡدَهُۥ وَلَّوۡاْ عَلَىٰٓ أَدۡبَٰرِهِمۡ نُفُورًا ٤٦
Wa ja`alnaa `alaa quloo bihim akinnatan any yafqahoohu wa feee aazaanihim waqraa; wa izaa zakarta Rabbaka fil Quraani wahdahoo wallaw `alaaa adbaarihim nufooraa
Akka isaan isa (Qur’aana) hin hubannes onnee isaanii irratti haguuggii, gurra isaanii keessatti immoo duuchaa goonee jirraYeroo Qur’aana keessatti maqaa Gooftaa keetii kophaa Isaa dubbatte, baqataa dugda galu
🎤 Your recording:
17:47
🔁 0/5
نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَسۡتَمِعُونَ بِهِۦٓ إِذۡ يَسۡتَمِعُونَ إِلَيۡكَ وَإِذۡ هُمۡ نَجۡوَىٰٓ إِذۡ يَقُولُ ٱلظَّٰلِمُونَ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا رَجُلًا مَّسۡحُورًا ٤٧
nahnu a`lamu bimaa yastami`oona biheee iz yastami`oona ilaika wa iz hum najwaaa iz yaqooluz zaalimoona in tattabi`oona illaa rajulam mas hooraa
Nuti yeroo isaan gara kee dhaggeeffatan, yeroo isaan maqoo (iccitii) hasaasan, yeroo miidhaa raawwattoonni “namticha sihriin tuqame malee waan biraa hin hordoftanu” (waliin) jedhanis waan isaan isa dhageeffataniif ni beekna
🎤 Your recording:
17:48
🔁 0/5
ٱنظُرۡ كَيۡفَ ضَرَبُواْ لَكَ ٱلۡأَمۡثَالَ فَضَلُّواْ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ سَبِيلًا ٤٨
Unzur kaifa daraboo lakal amsaala fadalloo falaa yastatee`oona sabeelaa
Fakkeenya akkamii akka siif taasisan ilaaliIsaan jallatanii jiru; karaa (sirrii argachuus) hin danda’anu
🎤 Your recording:
17:49
🔁 0/5
وَقَالُوٓاْ أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمًا وَرُفَٰتًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ خَلۡقًا جَدِيدًا ٤٩
Wa qaalooo`a izaa kunnaa `izaamanw wa rufaatan `a innaa lamab`oosoona khalqan jadeedaa
Ni jedhus: “sila nuti erga (duunee) lafeefi bututaa (tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoo dhaa?”
🎤 Your recording:
17:50
🔁 0/5
۞ قُلۡ كُونُواْ حِجَارَةً أَوۡ حَدِيدًا ٥٠
Qul koonoo jijaaratan aw hadeedaa
(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Dhagaa yookiin sibiila ta’aa
🎤 Your recording:
17:51
🔁 0/5
أَوۡ خَلۡقًا مِّمَّا يَكۡبُرُ فِي صُدُورِكُمۡۚ فَسَيَقُولُونَ مَن يُعِيدُنَاۖ قُلِ ٱلَّذِي فَطَرَكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةٍۚ فَسَيُنۡغِضُونَ إِلَيۡكَ رُءُوسَهُمۡ وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هُوَۖ قُلۡ عَسَىٰٓ أَن يَكُونَ قَرِيبًا ٥١
aw khalqam mimmaa yakburu fee sudoorikum; fasa yaqooloona mai yu`eedunaa qulil lazee fatarakum awwala marrah; fasa yunghidoona ilaika ru`oosahum wa yaqooloona mataa huwa qul `asaaa any yakoona qareeba
Yookiin uumama qoma keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa (kaafamuun keessan hin hafu).” Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu“Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhiMataa isaanii sitti raasuuf jiruNi jedhus: “Inni sun yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin
🎤 Your recording:
17:52
🔁 0/5
يَوۡمَ يَدۡعُوكُمۡ فَتَسۡتَجِيبُونَ بِحَمۡدِهِۦ وَتَظُنُّونَ إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا قَلِيلًا ٥٢
Yawma yad`ookum fatastajeeboona bihamdihee wa tazunnoona il labistum illaa qaleela
Guyyaa Inni isin waamnaan, isin Isa faarsaa owwaattanii, yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uun mirkanaa’e)
🎤 Your recording:
17:53
🔁 0/5
وَقُل لِّعِبَادِي يَقُولُواْ ٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُۚ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ يَنزَغُ بَيۡنَهُمۡۚ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ كَانَ لِلۡإِنسَٰنِ عَدُوًّا مُّبِينًا ٥٣
Wa qul li`ibaadee yaqoolul latee hiya ahsan; innash shaitaana yanzaghu bainahum; innash shaitaana kaana lil insaani `aduwwam mubeenaa
Gabroota kiyyaan “jecha gaggaarii dubbadhaaDhugumatti, sheyxaanni gidduu isaanii balleessaDhugumatti, sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha” jedhiin
🎤 Your recording:
17:54
🔁 0/5
رَّبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِكُمۡۖ إِن يَشَأۡ يَرۡحَمۡكُمۡ أَوۡ إِن يَشَأۡ يُعَذِّبۡكُمۡۚ وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ وَكِيلًا ٥٤
Rabbukum a`lamu bikum iny yashaaa yarhamkum aw iny yashaa yu`azzibkum; wa maaa arsalnaaka `alaihim wakeelaa
Gooftaan keessan akkaan isin beekaadhaYoo fedhes rahmata isiniif godha; yookiin yoo fedhe isin adabaNuti isaan irratti itti gaafatamaa goonee si hin ergine
🎤 Your recording:
17:55
🔁 0/5
وَرَبُّكَ أَعۡلَمُ بِمَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۗ وَلَقَدۡ فَضَّلۡنَا بَعۡضَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ عَلَىٰ بَعۡضٍۖ وَءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ زَبُورًا ٥٥
Wa Rabbuka a`lamu biman fis samaawaati wal lard; wa laqad faddalnaa ba`dan Nabiyyeena `alaa ba`dinw wa aatainaaa Daawooda Zabooraa
Gooftaan keenama samiifi dachii keessa jiru akkaan beekaadhaNuti dhugumatti nabiyyoota garii garii irra caalchifnee jirraDaawudiif zabuur kennineerra
🎤 Your recording:
17:56
🔁 0/5
قُلِ ٱدۡعُواْ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُم مِّن دُونِهِۦ فَلَا يَمۡلِكُونَ كَشۡفَ ٱلضُّرِّ عَنكُمۡ وَلَا تَحۡوِيلًا ٥٦
Qulid `ul lazeena za`amtum min doonihee falaa yamlikoona kashfad durri`ankum wa laa tahweelaa
“Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa! (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee naannessuu hin danda’an” jedhiin
🎤 Your recording:
17:57
🔁 0/5
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ يَبۡتَغُونَ إِلَىٰ رَبِّهِمُ ٱلۡوَسِيلَةَ أَيُّهُمۡ أَقۡرَبُ وَيَرۡجُونَ رَحۡمَتَهُۥ وَيَخَافُونَ عَذَابَهُۥٓۚ إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ كَانَ مَحۡذُورًا ٥٧
Ulaaa`ikal lazeena yad`oona yabtaghoona ilaa Rabbihimul waseelata ayyuhum aqrabu wa yarjoona rahmatahoo wa yakhaafoona `azaabah; inna `azaaba rabbika kaana mahzooraa
Warri isaan yaammatan sun eenyuu isaaniitu gara Rabbiitti irra dhihaataadhaan dhiheenya barbaadu.[] Rahmata isaas ni kajeeluadabbii isaas ni sodaatuDhugumatti, adabbiin Rabbii keetii sodaatamaa ta’ee jira
🎤 Your recording:
17:58
🔁 0/5
وَإِن مِّن قَرۡيَةٍ إِلَّا نَحۡنُ مُهۡلِكُوهَا قَبۡلَ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَوۡ مُعَذِّبُوهَا عَذَابًا شَدِيدًاۚ كَانَ ذَٰلِكَ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَسۡطُورًا ٥٨
Wa im min qaryatin illaa Nahnu muhlikoohaa qabla Yawmil Qiyaamati aw mu`az ziboohaa `azaaban shadeedaa; kaana zaalika fil Kitaabi mastooraa
Magaalota kamiyyuu Guyyaa Qiyaamaatiin dura ishee balleessinu yookiin adabbii cimaa ishee adabnu malee hin haftuSun kitaabicha keessatti barreeffamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:59
🔁 0/5
وَمَا مَنَعَنَآ أَن نُّرۡسِلَ بِٱلۡأٓيَٰتِ إِلَّآ أَن كَذَّبَ بِهَا ٱلۡأَوَّلُونَۚ وَءَاتَيۡنَا ثَمُودَ ٱلنَّاقَةَ مُبۡصِرَةً فَظَلَمُواْ بِهَاۚ وَمَا نُرۡسِلُ بِٱلۡأٓيَٰتِ إِلَّا تَخۡوِيفًا ٥٩
Wa maa mana`anaaa an nursila bil aayaati illaaa an kazzaba bihal awwaloon; wa aatainaa Samoodan naaqata mubsiratan fazalamoo bihaa; wa maa nursilu bil aayaati illaa takhweefaa
Mallattoolee keenya erguu wanti Nu dhorge warri duraa ishee kijibsiisuu malee hin jiruSamuudiifis gaalattii dhaltuu akka mallattoo ifa galaatti kenninee jirraIsheettis kafaranii (halaakamani)Nuti sodaachisaaf malee mallattoo hin erginu
🎤 Your recording:
17:60
🔁 0/5
وَإِذۡ قُلۡنَا لَكَ إِنَّ رَبَّكَ أَحَاطَ بِٱلنَّاسِۚ وَمَا جَعَلۡنَا ٱلرُّءۡيَا ٱلَّتِيٓ أَرَيۡنَٰكَ إِلَّا فِتۡنَةً لِّلنَّاسِ وَٱلشَّجَرَةَ ٱلۡمَلۡعُونَةَ فِي ٱلۡقُرۡءَانِۚ وَنُخَوِّفُهُمۡ فَمَا يَزِيدُهُمۡ إِلَّا طُغۡيَٰنًا كَبِيرًا ٦٠
Wa iz qulnaa laka inna rabbaka ahaata binnaas; wa maa ja`alnar ru`yal lateee arainaaka illaa fitnatal linnaasi washshajaratal mal`oonata fil quraan; wa nukhaw wifuhum famaa yazeeduhum illa tughyaanan kabeeraa
Yeroo “dhugumatti, Gooftaan kee namootaan marseera” siin jennes [yaadadhu]Arginsa kee ishee (halkan Israa’ii) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin gooneMukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone)Nuti isaan sodaachifna; inni daangaa dabriinsa guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu
🎤 Your recording:
17:61
🔁 0/5
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ قَالَ ءَأَسۡجُدُ لِمَنۡ خَلَقۡتَ طِينًا ٦١
Wa iz qulnaa lilma laaa`ikatis judoo li Aadama fasajadooo illaaa Ibleesa qaala `a-asjudu liman khalaqta teena
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes [yaadadhu]Ibliis malee isaan sujuuda godhanInni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe
🎤 Your recording:
17:62
🔁 0/5
قَالَ أَرَءَيۡتَكَ هَٰذَا ٱلَّذِي كَرَّمۡتَ عَلَيَّ لَئِنۡ أَخَّرۡتَنِ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَأَحۡتَنِكَنَّ ذُرِّيَّتَهُۥٓ إِلَّا قَلِيلًا ٦٢
Qaala ara`aytaka haazal lazee karramta `alaiya la`in akhhartani ilaa Yawmil Qiyaamati la-ah tanikanna zurriyyatahooo illaa qaleelaa
(Ibliis) ni jedhe: “Mee naaf himi! Isa Ati ana caalaa kabajje kana, yoo hanga Guyyaa Qiyaamaatti na tursiifte, sanyii isaa muraasa malee garan fedhen harkisa.”
🎤 Your recording:
17:63
🔁 0/5
قَالَ ٱذۡهَبۡ فَمَن تَبِعَكَ مِنۡهُمۡ فَإِنَّ جَهَنَّمَ جَزَآؤُكُمۡ جَزَآءً مَّوۡفُورًا ٦٣
Qaalaz hab faman tabi`aka minhum fa inna Jahannama jazaaa`ukum jazaaa`am mawfooraa
(Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofes dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa ta’eedha
🎤 Your recording:
17:64
🔁 0/5
وَٱسۡتَفۡزِزۡ مَنِ ٱسۡتَطَعۡتَ مِنۡهُم بِصَوۡتِكَ وَأَجۡلِبۡ عَلَيۡهِم بِخَيۡلِكَ وَرَجِلِكَ وَشَارِكۡهُمۡ فِي ٱلۡأَمۡوَٰلِ وَٱلۡأَوۡلَٰدِ وَعِدۡهُمۡۚ وَمَا يَعِدُهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ إِلَّا غُرُورًا ٦٤
Wastafziz manis tat`ta minhum bisawtika wa ajlib `alaihim bikhailika wa rajilika wa shaarik hum fil amwaali wal awlaadi wa `idhum; wa maa ya`iduhumush Shaitaanu illaa ghurooraa
Isaan irraa nama dandeesses sagalee keetiin kakaasiYaabbattoota keetiifi lafoo keetiinis isaan irratti gulufsiisiQabeenyaafi ilmaan keessattis isaanitti qindaa’ii waadaas isaaniif gali.” Sheyxaanni gowwoomsuu malee homaa waadaa isaaniif hin galu
🎤 Your recording:
17:65
🔁 0/5
إِنَّ عِبَادِي لَيۡسَ لَكَ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٌۚ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ وَكِيلًا ٦٥
Inna `ibaadee laisa laka `alaihim sultaan; wa kafaa bi Rabbika Wakeelaa
Dhugumatti, gabroota kiyya, isaan irratti aangoon siif hin jiruHirkoo ta’uuf Rabbiin kee ga’aadha
🎤 Your recording:
17:66
🔁 0/5
رَّبُّكُمُ ٱلَّذِي يُزۡجِي لَكُمُ ٱلۡفُلۡكَ فِي ٱلۡبَحۡرِ لِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّهُۥ كَانَ بِكُمۡ رَحِيمًا ٦٦
Rabbukumul lazee yuzjee lakumul fulka fil bahri litabtaghoo min fadlih; innahoo kaana bikum Raheemaa
Gooftaan keessan Isa akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, doonii galaana keessa isiniif deemsisuudhaDhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:67
🔁 0/5
وَإِذَا مَسَّكُمُ ٱلضُّرُّ فِي ٱلۡبَحۡرِ ضَلَّ مَن تَدۡعُونَ إِلَّآ إِيَّاهُۖ فَلَمَّا نَجَّىٰكُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ أَعۡرَضۡتُمۡۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ كَفُورًا ٦٧
Wa izaa massakumuddurru fil bahri dalla man tad`oona illaaa iyyaahu falammaa najjaakum ilal barri a`radtum; wa kaanal insaanu kafooraa
Yeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqes, Isa malee namoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni baduYeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtanNamnis akkaan kafaraa ta’eera
🎤 Your recording:
17:68
🔁 0/5
أَفَأَمِنتُمۡ أَن يَخۡسِفَ بِكُمۡ جَانِبَ ٱلۡبَرِّ أَوۡ يُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ حَاصِبًا ثُمَّ لَا تَجِدُواْ لَكُمۡ وَكِيلًا ٦٨
Afa amintum any yakhsifa bikum jaanibal barri aw yursil `alaikum haasiban summa laa tajidoo lakum wakeelaa
Sila (Rabbiin) cinaa dachii isiniin kutuu yookiin bubbee cirrachaa isin irratti erguu, ergasii hirkoo argachuu dhabuu keessan hin sodaattanuu
🎤 Your recording:
17:69
🔁 0/5
أَمۡ أَمِنتُمۡ أَن يُعِيدَكُمۡ فِيهِ تَارَةً أُخۡرَىٰ فَيُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ قَاصِفًا مِّنَ ٱلرِّيحِ فَيُغۡرِقَكُم بِمَا كَفَرۡتُمۡ ثُمَّ لَا تَجِدُواْ لَكُمۡ عَلَيۡنَا بِهِۦ تَبِيعًا ٦٩
Am amintum any yu`eedakum feehi taaratan ukhraa fa yursila `alaikum qaasifam minar reehi fa yugh riqakum bimaa kafartum summa laa tajidoo lakum `alainaa bihee tabee`aa
Yookiin immoo yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee yeroma san hobonboleettii isinitti ergee, sababa isin kafartaniif isin balleessee ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan hin sodaattanuu
🎤 Your recording:
17:70
🔁 0/5
۞ وَلَقَدۡ كَرَّمۡنَا بَنِيٓ ءَادَمَ وَحَمَلۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡبَرِّ وَٱلۡبَحۡرِ وَرَزَقۡنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ كَثِيرٍ مِّمَّنۡ خَلَقۡنَا تَفۡضِيلًا ٧٠
Wa laqad karramnaa Baneee aadama wa hamalnaahum fil barri walbahri wa razaqnaahum minat taiyibaati wa faddalnaahum `alaa kaseerim mimman khalaqnaa tafdeelaa
Dhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerraDachiifi galaana keessattis isaan baadhanneerraWantoota gaggaarii (halaala) irraas soorata isaaniif kennine jirraIrra hedduu wanta uumnee irras caalchisuu isaan caalchifnee jirra
🎤 Your recording:
17:71
🔁 0/5
يَوۡمَ نَدۡعُواْ كُلَّ أُنَاسِۭ بِإِمَٰمِهِمۡۖ فَمَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ يَقۡرَءُونَ كِتَٰبَهُمۡ وَلَا يُظۡلَمُونَ فَتِيلًا ٧١
Yawma nad`oo kulla unaasim bi imaamihim faman ootiya kitaabahoo bi yameenihee fa ulaaa`ika yaqra`oona kitaabahum wa laa yuzlamoona fateelaa
Guyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu [yaadadhaa]Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa baqaqaa firii timiraa keessaallee hin miidhamanu
🎤 Your recording:
17:72
🔁 0/5
وَمَن كَانَ فِي هَٰذِهِۦٓ أَعۡمَىٰ فَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ أَعۡمَىٰ وَأَضَلُّ سَبِيلًا ٧٢
Wa man kaana fee haaziheee a`maa fahuwa fil aakhirati a`maa wa adallu sabeelaa
Namni addunyaa keessatti jaamaa (qalbii) ta’e, aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha
🎤 Your recording:
17:73
🔁 0/5
وَإِن كَادُواْ لَيَفۡتِنُونَكَ عَنِ ٱلَّذِيٓ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ لِتَفۡتَرِيَ عَلَيۡنَا غَيۡرَهُۥۖ وَإِذًا لَّٱتَّخَذُوكَ خَلِيلًا ٧٣
Wa in kaadoo la yaftinoonaka `anil lazeee awhainaaa ilaika litaftariya `alainaaa ghairahoo wa izallat takhazooka khaleelaa
Dhugumatti, isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone irraa, akka ati soba isaan ala ta’e Nu irratti uumtuuf jecha si jallisuutti dhiyaatanii turanOggas jaalallee si taasifatu ture
🎤 Your recording:
17:74
🔁 0/5
وَلَوۡلَآ أَن ثَبَّتۡنَٰكَ لَقَدۡ كِدتَّ تَرۡكَنُ إِلَيۡهِمۡ شَيۡـًٔا قَلِيلًا ٧٤
Wa law laaa an sabbatnaaka laqad kitta tarkanu ilaihim sha`an qaleela
Odoo Nuti gadi si dhaabuu baannee, silaa ati waan xiqqoo gara isaanii dabuutti dhihaattee turte
🎤 Your recording:
17:75
🔁 0/5
إِذًا لَّأَذَقۡنَٰكَ ضِعۡفَ ٱلۡحَيَوٰةِ وَضِعۡفَ ٱلۡمَمَاتِ ثُمَّ لَا تَجِدُ لَكَ عَلَيۡنَا نَصِيرًا ٧٥
Izal la azaqnaaka di`falhayaati wa di`fal mamaati summa laa tajidu laka `alainaa naseeraa
Oggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (adabbii) dachaa du’aa si dhandhamsiifna tureErgasii ati Nurraa tumsaa hin argattu
🎤 Your recording:
17:76
🔁 0/5
وَإِن كَادُواْ لَيَسۡتَفِزُّونَكَ مِنَ ٱلۡأَرۡضِ لِيُخۡرِجُوكَ مِنۡهَاۖ وَإِذًا لَّا يَلۡبَثُونَ خِلَٰفَكَ إِلَّا قَلِيلًا ٧٦
Wa in kaadoo la yastafizzoonaka minal ardi liyukhri jooka minhaa wa izal laa yalbasoona khilaafaka illaa qaleelaa
Dhugumatti, isaan akka ishee irraa si baasaniif dachii keessatti si shororkeessuutti dhihaatanii jiruYoos, si booda xiqqoo malee hin turan ture
🎤 Your recording:
17:77
🔁 0/5
سُنَّةَ مَن قَدۡ أَرۡسَلۡنَا قَبۡلَكَ مِن رُّسُلِنَاۖ وَلَا تَجِدُ لِسُنَّتِنَا تَحۡوِيلًا ٧٧
Sunnata man qad arsalnaa qablakamir Rusulinaa wa laa tajidu lisunnatinaa tahhweelaa
Karaa ergamtoota keenya irraa nama si dura erginee (karaa siif goone)Karaa keenyaaf jijjiirama hin argitu
🎤 Your recording:
17:78
🔁 0/5
أَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِدُلُوكِ ٱلشَّمۡسِ إِلَىٰ غَسَقِ ٱلَّيۡلِ وَقُرۡءَانَ ٱلۡفَجۡرِۖ إِنَّ قُرۡءَانَ ٱلۡفَجۡرِ كَانَ مَشۡهُودًا ٧٨
Aqimis Salaata liduloo kish shamsi ilaa ghasaqil laili wa quraanal Fajri inna quraa nal Fajri kaana mashhoodaa
Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata ulaagaa ishee guutii sagadiSalaata fajriis (sagadi)Salaanni fajrii (maleykaadhaan) hirmaatamaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:79
🔁 0/5
وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَتَهَجَّدۡ بِهِۦ نَافِلَةً لَّكَ عَسَىٰٓ أَن يَبۡعَثَكَ رَبُّكَ مَقَامًا مَّحۡمُودًا ٧٩
Wa minal laili fatahajjad bihee naafilatal laka `asaaa any yab`asaka Rabbuka Maqaamam Mahmoodaa
Halkan irraas isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadiGooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha
🎤 Your recording:
17:80
🔁 0/5
وَقُل رَّبِّ أَدۡخِلۡنِي مُدۡخَلَ صِدۡقٍ وَأَخۡرِجۡنِي مُخۡرَجَ صِدۡقٍ وَٱجۡعَل لِّي مِن لَّدُنكَ سُلۡطَٰنًا نَّصِيرًا ٨٠
Wa qur Rabbi adkhilnee mudkhala sidqinw wa akhrijnee mukhraja sidqinw waj`al lee milladunka sultaanan naseeraa
Jedhis: “(yaa) Gooftaa kiyya! Seensa gaarii naseensisiBa’iinsa gaariis na baasiSi biraas ragaa na gargaaru naaf taasisi
🎤 Your recording:
17:81
🔁 0/5
وَقُلۡ جَآءَ ٱلۡحَقُّ وَزَهَقَ ٱلۡبَٰطِلُۚ إِنَّ ٱلۡبَٰطِلَ كَانَ زَهُوقًا ٨١
Wa qul jaaa`al haqqu wa zahaqal baatil; innal baatila kaana zahooqaa
“Dhugaan dhufe; sobni dhabameDhugumatti, sobni dhabamaa ta’eera” jedhi
🎤 Your recording:
17:82
🔁 0/5
وَنُنَزِّلُ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِ مَا هُوَ شِفَآءٌ وَرَحۡمَةٌ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ وَلَا يَزِيدُ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا خَسَارًا ٨٢
Wa nunazzilu minal quraani maa huwa shifaaa`unw wa rahmatul lilmu;mineena wa laa yazeeduz zaalimeena illaa khasaaraa
Nuti Qur’aana irraa waan qorichaafi rahmata mu’uminootaaf ta’e kan miidhaa raawwattootaaf hoongoo malee homaa hin daballe buufna
🎤 Your recording:
17:83
🔁 0/5
وَإِذَآ أَنۡعَمۡنَا عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ أَعۡرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ كَانَ يَـُٔوسًا ٨٣
Wa izaaa an`amnaa `alal insaani a`rada wa na-aa bijaani bihee wa izaa massahush sharru kaana ya`oosaa
Yeroo ilma namaa ni’imaa keenyaan qanansiifnes, garagaleeti cinaa isaatiin (dhugaa) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes, abdii murataa ta’a
🎤 Your recording:
17:84
🔁 0/5
قُلۡ كُلٌّ يَعۡمَلُ عَلَىٰ شَاكِلَتِهِۦ فَرَبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِمَنۡ هُوَ أَهۡدَىٰ سَبِيلًا ٨٤
Qul kulluny ya`malu `alaa shaakilatihee fa rabbukum a`lamu biman huwa ahdaa sabeelaa
Jedhi: “Hunduu karaa isatti fakkaateen dalagaGooftaan keetis nama karaan isaa qajeelaa ta’e akkaan beekaadha.”
🎤 Your recording:
17:85
🔁 0/5
وَيَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلرُّوحِۖ قُلِ ٱلرُّوحُ مِنۡ أَمۡرِ رَبِّي وَمَآ أُوتِيتُم مِّنَ ٱلۡعِلۡمِ إِلَّا قَلِيلًا ٨٥
Wa yas`aloonaka `anirrooh; qulir roohu min amri rabbee wa maaa ooteetum minal `ilmi illaa qaleelaa
Ruuhii irraa si gaafatu“Ruuhiin dhimma (amrii) gooftaa kiyyaatiBeekumsa irraa waan xiqqoo malee isiniif hin kennamne” jedhiin
🎤 Your recording:
17:86
🔁 0/5
وَلَئِن شِئۡنَا لَنَذۡهَبَنَّ بِٱلَّذِيٓ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ ثُمَّ لَا تَجِدُ لَكَ بِهِۦ عَلَيۡنَا وَكِيلًا ٨٦
Wa la`in shi`naa lanaz habanna billazeee awhainaaa ilaika summa laa tajidu laka bihee `alainaa wakeelaa
Odoo feenee isa gara keetti wahyii goone ni deemsifna turreErgasii siif Nurraa isa (deebisutti) itti gaafatamaa hin argattu
🎤 Your recording:
17:87
🔁 0/5
إِلَّا رَحۡمَةً مِّن رَّبِّكَۚ إِنَّ فَضۡلَهُۥ كَانَ عَلَيۡكَ كَبِيرًا ٨٧
Illaa rahmatam mir Rabbik; inna fadlahoo kaana `alaika kabeeraa
Garuu rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (isa eegne)Dhugumatti, tolli Isaa si irratti guddaa ta’eera
🎤 Your recording:
17:88
🔁 0/5
قُل لَّئِنِ ٱجۡتَمَعَتِ ٱلۡإِنسُ وَٱلۡجِنُّ عَلَىٰٓ أَن يَأۡتُواْ بِمِثۡلِ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ لَا يَأۡتُونَ بِمِثۡلِهِۦ وَلَوۡ كَانَ بَعۡضُهُمۡ لِبَعۡضٍ ظَهِيرًا ٨٨
Qul la`inij tama`atil insu waljinnu `alaaa any yaatoo bimisli haazal quraani laa yaatoona bimislihee wa law kaana ba`duhum liba `din zaheeraa
Jedhi: “odoo ilmi namaatiifi jinnoonnis fakkaataa Qur’aana kanaatiin dhufuu irratti walitti qabamanii, odoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniis fakkaataa isaatiin hin dhufan.”
🎤 Your recording:
17:89
🔁 0/5
وَلَقَدۡ صَرَّفۡنَا لِلنَّاسِ فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ مِن كُلِّ مَثَلٍ فَأَبَىٰٓ أَكۡثَرُ ٱلنَّاسِ إِلَّا كُفُورًا ٨٩
Qa laqad sarrafnaa linnaasi fee haazal quraani min kulli masalin fa abaaa aksarun naasi illaa kufooraa
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf addeessinee jirraIrra hedduun namootaa kafaruu malee didanii jiru
🎤 Your recording:
17:90
🔁 0/5
وَقَالُواْ لَن نُّؤۡمِنَ لَكَ حَتَّىٰ تَفۡجُرَ لَنَا مِنَ ٱلۡأَرۡضِ يَنۢبُوعًا ٩٠
Wa qaaloo lan nu`mina laka hattaa tafjura lanaa minal ardi yamboo`aa
Ni jedhanis: “Hanga burqituu dachii keessaa nuuf maddisiiftutti siif hin amannu
🎤 Your recording:
17:91
🔁 0/5
أَوۡ تَكُونَ لَكَ جَنَّةٌ مِّن نَّخِيلٍ وَعِنَبٍ فَتُفَجِّرَ ٱلۡأَنۡهَٰرَ خِلَٰلَهَا تَفۡجِيرًا ٩١
Aw takoona laka jannatum min nakheelinw wa `inabin fatufajjiral anhaara khilaalahaa tafjeeraa
Yookiin (hanga) oyruu muka timiraatiifi Inabaa irraa siif ta’ee, ergasii isa keessa laggeen yaasiinsa yaaftutti (hin amannu)
🎤 Your recording:
17:92
🔁 0/5
أَوۡ تُسۡقِطَ ٱلسَّمَآءَ كَمَا زَعَمۡتَ عَلَيۡنَا كِسَفًا أَوۡ تَأۡتِيَ بِٱللَّهِ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ قَبِيلًا ٩٢
Aw tusqitas samaaa`a kamaa za`amta `alainaa kisafan aw taatiya billaahi walma laaa`ikati qabeelaa
Yookiin (hanga) akka jettetti kutaa samii irraa taate nu irratti kuffiftutti yookiin (hanga) Rabbiifi maleeykota fuuldura keenya fiddutti (hin amannu)
🎤 Your recording:
17:93
🔁 0/5
أَوۡ يَكُونَ لَكَ بَيۡتٌ مِّن زُخۡرُفٍ أَوۡ تَرۡقَىٰ فِي ٱلسَّمَآءِ وَلَن نُّؤۡمِنَ لِرُقِيِّكَ حَتَّىٰ تُنَزِّلَ عَلَيۡنَا كِتَٰبًا نَّقۡرَؤُهُۥۗ قُلۡ سُبۡحَانَ رَبِّي هَلۡ كُنتُ إِلَّا بَشَرًا رَّسُولًا ٩٣
Aw yakoona laka baitum min zukhrufin aw tarqaa fis samaaa`i wa lan nu`mina liruqiyyika hatta tunazzila `alainaa kitaaban naqra`uh; qul Subhaana Rabbee hal kuntu illaa basharar Rasoolaa
Yookiin (hanga) manni faaya warqee irraa ta’e siif ta’utti yookiin (hanga) samii keessa ol baatutti; ol ba’iinsa keettis hanga kitaaba dubbifnu nuuf buuftutti hin amannu” (jedhu)“Gooftaan kiyya qulqullaa’ee jiraSila ani nama ergamaa (Rabbii) ta’ee ergame malee waan biraa ta’eeraa?” jedhi
🎤 Your recording:
17:94
🔁 0/5
وَمَا مَنَعَ ٱلنَّاسَ أَن يُؤۡمِنُوٓاْ إِذۡ جَآءَهُمُ ٱلۡهُدَىٰٓ إِلَّآ أَن قَالُوٓاْ أَبَعَثَ ٱللَّهُ بَشَرًا رَّسُولًا ٩٤
Wa maa mana`an naasa any yu`minooo iz jaaa`ahumul hudaaa illaaa an qaalooo aba`asal laahu basharar Rasoolaa
Namootas yeroo qajeelfamni (Rabbii) isaanitti dhufe “sila Rabbiin nama ergamaa taasisee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu isaan hin dhorgine
🎤 Your recording:
17:95
🔁 0/5
قُل لَّوۡ كَانَ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَلَٰٓئِكَةٌ يَمۡشُونَ مُطۡمَئِنِّينَ لَنَزَّلۡنَا عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ مَلَكًا رَّسُولًا ٩٥
Qul law kaana fil ardi malaaa `ikatuny yamshoona mutma`inneena lanazzalnaa `alaihim minas samaaa`i malakar Rasoolaa
“Odoo dachii keessa maleykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa maleykaa samii irraa ergamaa taasifnee isaan irratti buufna turre” jedhi
🎤 Your recording:
17:96
🔁 0/5
قُلۡ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدَۢا بَيۡنِي وَبَيۡنَكُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ بِعِبَادِهِۦ خَبِيرَۢا بَصِيرًا ٩٦
Qul kafaa billaahi shaheedam bainee wa bainakum; innahoo kaana bi`ibaadihee Khabeeram Baseeraa
“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaaf Rabbiin ga’aadhaDhugumatti, Inni gabroota Isaa irratti beekaa, argaa ta’eera” jedhiin
🎤 Your recording:
17:97
🔁 0/5
وَمَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَلَن تَجِدَ لَهُمۡ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِهِۦۖ وَنَحۡشُرُهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ عُمۡيًا وَبُكۡمًا وَصُمًّاۖ مَّأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ كُلَّمَا خَبَتۡ زِدۡنَٰهُمۡ سَعِيرًا ٩٧
Wa mai yahdil laahu fahuwal muhtad; wa mai yudlil falan tajida lahum awliyaaa`a min doonih; wa nahshuruhum Yawmal Qiyaamati `alaa wujoohihim umyanw wa bukmanw wa summaa; maa waahum Jahannamu kullamaa khabat zidnaahum sa`eeraa
Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadhaNama Inni jallises, isaaniif Isaa gaditti gargaartota hin argituufGuyyaa Qiyaamaas fuula isaanii irratti, jaamaa, arrabaa qabamaafi gurraa duudaa ta’anii isaan kaafnaTeessoon isaaniis jahannamiDhawaata isiin gadi laaftuun gubaa ibiddaa isaaniif daballa
🎤 Your recording:
17:98
🔁 0/5
ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُم بِأَنَّهُمۡ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالُوٓاْ أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمًا وَرُفَٰتًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ خَلۡقًا جَدِيدًا ٩٨
Zaalika jazaa`uhum biannahum kafaroo bi aayaatinaa wa qaalooo `a izaa kunnaa `izaamanw wa rufaatan`a innaa lamaboosoona khalqan jadeedaa
Waan isaan keeyyattoota keenyatti kafaranii “sila yeroo lafeefi biyyee taane, nuti dhugamatti uumama haara’a taanee kaafamoodhaa?” jedhaniif kun mindaa isaaniiti
🎤 Your recording:
17:99
🔁 0/5
۞ أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ قَادِرٌ عَلَىٰٓ أَن يَخۡلُقَ مِثۡلَهُمۡ وَجَعَلَ لَهُمۡ أَجَلًا لَّا رَيۡبَ فِيهِ فَأَبَى ٱلظَّٰلِمُونَ إِلَّا كُفُورًا ٩٩
Awalam yaraw annal laahal lazee khalaqas samaawaati wal arda qaadirun `alaaa any yakhluqa mislahum wa ja`ala lahum ajalal laa raiba fee; fa abaz zaalimoona illaa kufooraa
Sila akka Rabbiin samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’eefi beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise ta’uu hin ilaallee? Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan
🎤 Your recording:
17:100
🔁 0/5
قُل لَّوۡ أَنتُمۡ تَمۡلِكُونَ خَزَآئِنَ رَحۡمَةِ رَبِّيٓ إِذًا لَّأَمۡسَكۡتُمۡ خَشۡيَةَ ٱلۡإِنفَاقِۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ قَتُورًا ١٠٠
Qul law antum tamlikoona khazaaa`ina rahmati Rabbeee izal la amsaktum khash yatal infaaq; wa kaanal insaanu qatooraa
Jedhi: “odoo isin dilbii rahmata Gooftaa kiyyaa dhuunfattanii, silaa dhumuu sodaaf (of biratti) qabattu turtan.” Ilmi namaa akkaan don’a ta’eera
🎤 Your recording:
17:101
🔁 0/5
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَىٰ تِسۡعَ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٍۖ فَسۡـَٔلۡ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ إِذۡ جَآءَهُمۡ فَقَالَ لَهُۥ فِرۡعَوۡنُ إِنِّي لَأَظُنُّكَ يَٰمُوسَىٰ مَسۡحُورًا ١٠١
Wa laqad aatainaa Moosaa tis`a Aayaatim baiyinaatin fas`al Baneee Israaa`eela iz jaaa`ahum faqaala lahoo Fir`awnu inee la azunnuka yaa Moosaa mas hooraa
Dhugumatti, Muusaaf mallattoolee ifa ta’an sagal kennineefii jirraIlmaan Israa’iil, yeroo inni isaanitti dhufnaan Fir’awnis “yaa Muusaa! Ani dhugumatti sihriin qabamaa ta’uun si yaada” isaan jedhe gaafadhu
🎤 Your recording:
17:102
🔁 0/5
قَالَ لَقَدۡ عَلِمۡتَ مَآ أَنزَلَ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ بَصَآئِرَ وَإِنِّي لَأَظُنُّكَ يَٰفِرۡعَوۡنُ مَثۡبُورًا ١٠٢
Qaala laqad `alimta maaa anzala haaa`ulaaa`i illaa Rabbus samaawaati wal ardi basaaa`ira wa innee la azun nuka yaa Fir`awnu masbooraa
(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiifi dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirtaAnis yaa Fir’awn! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada.”
🎤 Your recording:
17:103
🔁 0/5
فَأَرَادَ أَن يَسۡتَفِزَّهُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ فَأَغۡرَقۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ جَمِيعًا ١٠٣
Fa araada any yastafizzahum minal ardi fa aghraqnaahu wa mam ma`ahoo jamee`aa
Dachii (Misraa) irraas isaan baasuu fedheIsaafi namoota isa waliin turan hundas bishaan isaan nyaachifne
🎤 Your recording:
17:104
🔁 0/5
وَقُلۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِۦ لِبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱسۡكُنُواْ ٱلۡأَرۡضَ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ ٱلۡأٓخِرَةِ جِئۡنَا بِكُمۡ لَفِيفًا ١٠٤
Wa qulnaa mim ba`dihee li Baneee Israaa`eelas kunul arda faizaa jaaa`a wa`dulaakhirati ji`naa bikum lafeefaa
Nutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii keessa jiraadhaaYeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, hunda keessaniin dhufna.”
🎤 Your recording:
17:105
🔁 0/5
وَبِٱلۡحَقِّ أَنزَلۡنَٰهُ وَبِٱلۡحَقِّ نَزَلَۗ وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا مُبَشِّرًا وَنَذِيرًا ١٠٥
Wa bilhaqqi anzalnaahu wa bilhaqqi nazal; wa maaa arsalnaaka illaa mubash shiranw wa nazeeraa
Nutis dhugaan isa (Qur’aana) buufne; innis dhugaan bu’eGammachiisaafi sodaachisaa goonee malee Nuti si hin ergine
🎤 Your recording:
17:106
🔁 0/5
وَقُرۡءَانًا فَرَقۡنَٰهُ لِتَقۡرَأَهُۥ عَلَى ٱلنَّاسِ عَلَىٰ مُكۡثٍ وَنَزَّلۡنَٰهُ تَنزِيلًا ١٠٦
Wa quraanan faraqnaahu litaqra ahoo `alan naasi `alaa muksinw wa nazzalnaahu tanzeelaa
Qur’aana akka ati suuta suutaan namoota irratti isa dubbiftuuf isa qoqqoodne; buusiinsas isa buufne
🎤 Your recording:
17:107
🔁 0/5
قُلۡ ءَامِنُواْ بِهِۦٓ أَوۡ لَا تُؤۡمِنُوٓاْۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ مِن قَبۡلِهِۦٓ إِذَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ يَخِرُّونَۤ لِلۡأَذۡقَانِۤ سُجَّدًاۤ ١٠٧
Qul aaaniminoo biheee aw laa tu`minoo; innal lazeena ootul `ilma min qabliheee izaa yutlaa `alaihim yakhirroona lil azqaani sujjadaa
Jedhi: “Isatti amanaa yookiinis hin amaninaa; dhugumatti, isaan isa dura beekumsa kennaman, yeroo inni isaan irratti dubbifame fuula isaaniitiin sujuuda bu’u.”
🎤 Your recording:
17:108
🔁 0/5
وَيَقُولُونَ سُبۡحَٰنَ رَبِّنَآ إِن كَانَ وَعۡدُ رَبِّنَا لَمَفۡعُولًا ١٠٨
Wa yaqooloona Subhaana Rabbinaaa in kaana wa`du Rabbinaa lamaf`oolaa
Ni jedhus: “Gooftaan keenya qulqullaa’eeraDhugumatti, waadaan Gooftaa keenyaa raawwatamaadha.”
🎤 Your recording:
17:109
🔁 0/5
وَيَخِرُّونَ لِلۡأَذۡقَانِ يَبۡكُونَ وَيَزِيدُهُمۡ خُشُوعًا۩ ١٠٩
Wa yakhirroona lil azqaani yabkoona wa yazeeduhum khushoo`aa
Fuula isaanii irratti booyaa sujuuda bu’uInnis sodaa isaaniif dabala
🎤 Your recording:
17:110
🔁 0/5
قُلِ ٱدۡعُواْ ٱللَّهَ أَوِ ٱدۡعُواْ ٱلرَّحۡمَٰنَۖ أَيًّا مَّا تَدۡعُواْ فَلَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ وَلَا تَجۡهَرۡ بِصَلَاتِكَ وَلَا تُخَافِتۡ بِهَا وَٱبۡتَغِ بَيۡنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا ١١٠
Qulid`ul laaha awid`ur Rahmaana ayyam maa tad`oo falahul asmaaa`ul Husnaa; wa laa tajhar bi Salaatika wa laa tukhaafit bihaa wabtaghi baina zaalika sabeela
Jedhi: “Allaah kadhaa yookiin Rahmaaniin kadhaa; kamiinuu yoo kadhattan Isaaf maqoota babbareedaa ta’antu jiraSalaata kee keessatti (baay’ee) sagalee kee ol hin fuudhin; (baay’ee) gadis hin qabatinGiddu (lamaan) sanitti karaa godhadhu
🎤 Your recording:
17:111
🔁 0/5
وَقُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي لَمۡ يَتَّخِذۡ وَلَدًا وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٌ فِي ٱلۡمُلۡكِ وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ وَلِيٌّ مِّنَ ٱلذُّلِّۖ وَكَبِّرۡهُ تَكۡبِيرَۢا ١١١
Wa qulil hamdu lillaahil lazee lam yattakhiz waladanw wa lam yakul lahoo shareekun fil mulki wa lam yakul lahoo waliyyum minaz zulli wa kabbirhu takbeeraa
”Faaruun hundi kan Rabbii ilma hin godhatiniiti, kan mootummaa keessatti hiriyyaa hin qabneefi kan sababa salphinaa gargaaraan isaaf hin jirreeti” jedhiGuddisuu Isa guddisi
🎤 Your recording:
💡 Tap any hidden word to reveal it temporarily — your progress is saved automatically in this browser.
العربيةEnglishBahasa IndonesiaTürkçeРусскийفارسیFrançaisاردوবাংলাDeutschEspañol中文हिन्दीPortuguêsItalianoภาษาไทยPolskiNederlandsShqipKiswahiliO'zbekதமிழ்MelayuBosanskiSoomaaliAzərbaycanکوردی한국어日本語SvenskaDanskNorskپښتوമലയാളംසිංහලTamazightHausaአማርኛБългарскиТоҷикӣҚазақшаFilipinoسنڌيYorùbáFulfuldeТатарчаئۇيغۇرچەКыргызчаਪੰਜਾਬੀJawaతెలుగుမြန်မာગુજરાતીOromoमराठीTiếng ViệtMalagasyНохчийнWolofދިވެހިಕನ್ನಡУкраїнськаΕλληνικάქართულიខ្មែរدریQafar afMaranaoनेपाली
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







