Suuratu Aal-Imran Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Aal-Imran hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (200 Aayah — مدنية). Aal-Imran Caqasi, Aal-Imran Hiikkaa, Aal-Imran mp3, Aal-Imran pdf.

Suuratu Aal-Imran Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
الم ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Alif Laam Miim
اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru[Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha
نَزَّلَ عَلَيْكَ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ وَأَنزَلَ التَّوْرَاةَ وَالْإِنجِيلَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Waan isaan duraa kan dhugoomsu haala taeen kitaaba dhugaadhaan sirratti buuseTawraatiifi Injiiliinis ni buuse
مِن قَبْلُ هُدًى لِّلنَّاسِ وَأَنزَلَ الْفُرْقَانَ ۗ إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِآيَاتِ اللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ ذُو انتِقَامٍ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
[Qur’aana] dura namootaaf qajeelfama godhee [isaan buuse]Dhugaafi soba adda baasaas ni buuseDhugumatti, warri keeyyattoota Rabbiitti kafaran isaaniif adabbii cimaatu jiraRabbiin injifataa, abbaa haaloo bayannaati
إِنَّ اللَّهَ لَا يَخْفَىٰ عَلَيْهِ شَيْءٌ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي السَّمَاءِ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Dhugumatti, Rabbiin dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu isa jalaa hin dhokatu
هُوَ الَّذِي يُصَوِّرُكُمْ فِي الْأَرْحَامِ كَيْفَ يَشَاءُ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Inni Isa gadaamessa keessatti akka fedhetti isin bocuHaqaan gabbaramaan isa malee hin jiru[Inni] injifataa, ogeessa
هُوَ الَّذِي أَنزَلَ عَلَيْكَ الْكِتَابَ مِنْهُ آيَاتٌ مُّحْكَمَاتٌ هُنَّ أُمُّ الْكِتَابِ وَأُخَرُ مُتَشَابِهَاتٌ ۖ فَأَمَّا الَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ زَيْغٌ فَيَتَّبِعُونَ مَا تَشَابَهَ مِنْهُ ابْتِغَاءَ الْفِتْنَةِ وَابْتِغَاءَ تَأْوِيلِهِ ۗ وَمَا يَعْلَمُ تَأْوِيلَهُ إِلَّا اللَّهُ ۗ وَالرَّاسِخُونَ فِي الْعِلْمِ يَقُولُونَ آمَنَّا بِهِ كُلٌّ مِّنْ عِندِ رَبِّنَا ۗ وَمَا يَذَّكَّرُ إِلَّا أُولُو الْأَلْبَابِ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Inni isa sirratti kitaaba buuseIsa irraa keeyyata ifaatu jiraIsaan bu’uura kitaabaatiKan biraa immoo wal fafakkaattuudhaWarri onnee isaanii keessa jal’inni jiru fitnaa barbaachaaf yookiin hiika isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wal fafakkaataa hordofuHiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beekuWarri beekumsa keessa fagaatan immoo “hundinuu Rabbii keenya biraayyii itti amanne” jedhuWarra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu
رَبَّنَا لَا تُزِغْ قُلُوبَنَا بَعْدَ إِذْ هَدَيْتَنَا وَهَبْ لَنَا مِن لَّدُنكَ رَحْمَةً ۚ إِنَّكَ أَنتَ الْوَهَّابُ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
[Isaanis ni jedhu]: “Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchitee booda onnee keenya [dhugaa irraa] hin jalisinRahmata Si biraa ta’e nuuf kenniDhugumatti Ati akkaan kennaadha
رَبَّنَا إِنَّكَ جَامِعُ النَّاسِ لِيَوْمٍ لَّا رَيْبَ فِيهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُخْلِفُ الْمِيعَادَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Gooftaa keenya! Ati guyyaa isa keessa mamiin hin jirreef nama walitti qabuuf jirtaDhugumatti Rabbiin beellama kan diiguu miti" [jedhu]
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَن تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُم مِّنَ اللَّهِ شَيْئًا ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمْ وَقُودُ النَّارِ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Dhugumatti isaan kafaran qabeenyiifi ilmaan isaanii Rabbirraa (adaba Isaa irraa) homaa isaan hin duroomsituAmmas warri sun qoraan ibiddaati
كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ وَالَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ شَدِيدُ الْعِقَابِ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
[Haalli isaanii] akka naamusa namoota Fir’awniifi warra isaan dura turaniitiKeeyyattoota keenya kijibsiisanii Rabbiin badii isaanitiin isaan qabeRabbiin abbaa adabbii cimaati
قُل لِّلَّذِينَ كَفَرُوا سَتُغْلَبُونَ وَتُحْشَرُونَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ ۚ وَبِئْسَ الْمِهَادُ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Isaan kafaraniin jedhi: “fuulduratti ni injifatamtu; gara jahannamittis ni oofamtuIddoon qubannichaas fokkateera.”
قَدْ كَانَ لَكُمْ آيَةٌ فِي فِئَتَيْنِ الْتَقَتَا ۖ فِئَةٌ تُقَاتِلُ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَأُخْرَىٰ كَافِرَةٌ يَرَوْنَهُم مِّثْلَيْهِمْ رَأْيَ الْعَيْنِ ۚ وَاللَّهُ يُؤَيِّدُ بِنَصْرِهِ مَن يَشَاءُ ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَعِبْرَةً لِّأُولِي الْأَبْصَارِ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Dhugumatti, gareewwan waraanaa lamaan [guyyaa Badrii] wal qunnaman keessa mallattootu isiniif jiraGareen tokko karaa Rabbii keessatti loltiIsheen biraa immoo kaafiraIsaan (kaafiroonni) ilaalcha ijaatiin (lakkoofsa Muslimootaa) dachaa isaanii ta’anii isaan arguRabbiin nama fedhe tumsa Isaatiin isa deeggaraDhugumatti warra sammuu qabaniif kana keessa gorsatu jira
زُيِّنَ لِلنَّاسِ حُبُّ الشَّهَوَاتِ مِنَ النِّسَاءِ وَالْبَنِينَ وَالْقَنَاطِيرِ الْمُقَنطَرَةِ مِنَ الذَّهَبِ وَالْفِضَّةِ وَالْخَيْلِ الْمُسَوَّمَةِ وَالْأَنْعَامِ وَالْحَرْثِ ۗ ذَٰلِكَ مَتَاعُ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ وَاللَّهُ عِندَهُ حُسْنُ الْمَآبِ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Namootaaf jaalalli wantoota lubbuun isaanii feetuu kan dubartootaafi ilmaan irraa, warqeefi meeta kuufamaa irraa, faradoo malateeffamtee miidhagfamte, beelladaafi dachii qonnaaf mijooftu irraa ta’e miidhagfamee jiraKun meeshaa jireenya addunyaatiRabbiin immoo Isa bira deebii bareedaatu jira
۞ قُلْ أَؤُنَبِّئُكُم بِخَيْرٍ مِّن ذَٰلِكُمْ ۚ لِلَّذِينَ اتَّقَوْا عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا وَأَزْوَاجٌ مُّطَهَّرَةٌ وَرِضْوَانٌ مِّنَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Jedhi: “Sila waan sana caalu isiniif odeessuu? Isaan Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira jannata laggeen ishee jala yaatu kan yeroo hunda ishee keessa jiraatantu isaaniif jiraAmmas niitolii qulqulleeffamaniifi jaalala Rabbiin biraa ta’etu [isaaniif jira]Rabbiin gabroota argaadha
الَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا إِنَّنَا آمَنَّا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Isaan warra “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti amanneerra; kanaaf badii keenya nuuf araarami; adabbii ibiddaas nu baraari” jedhan
الصَّابِرِينَ وَالصَّادِقِينَ وَالْقَانِتِينَ وَالْمُنفِقِينَ وَالْمُسْتَغْفِرِينَ بِالْأَسْحَارِ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Obsitoota, dhugaa dubbattoota, [Rabbiif] ajajamtoota, kennattootaafi warra obboroo keessa dhiifama kadhatanin [faarsa]
شَهِدَ اللَّهُ أَنَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ وَالْمَلَائِكَةُ وَأُولُو الْعِلْمِ قَائِمًا بِالْقِسْطِ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Rabbiin haqaan dhaabbataa ta’ee akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; maleeykonniifi warri beekumsaas [ragaa ba’aniiru]Isa hunda injifataa, ogeessa malee haqaan gabbaramaan hin jiru
إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ ۗ وَمَا اخْتَلَفَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ إِلَّا مِن بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْعِلْمُ بَغْيًا بَيْنَهُمْ ۗ وَمَن يَكْفُرْ بِآيَاتِ اللَّهِ فَإِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti [fudhatama qabu] Islaama qofaIsaan kitaabni kennameef erga beekumsi isaaniif dhufee booda jibbaa gidduu isaanii jiruuf jecha malee [san dura] wal hin dhabneNamni keeyyattoota Rabbiitti kafare dhugumatti Rabbiin ariifataa qormaataati
فَإِنْ حَاجُّوكَ فَقُلْ أَسْلَمْتُ وَجْهِيَ لِلَّهِ وَمَنِ اتَّبَعَنِ ۗ وَقُل لِّلَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ وَالْأُمِّيِّينَ أَأَسْلَمْتُمْ ۚ فَإِنْ أَسْلَمُوا فَقَدِ اهْتَدَوا ۖ وَّإِن تَوَلَّوْا فَإِنَّمَا عَلَيْكَ الْبَلَاغُ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Yoo isaan siin falmanis: “Ani fedha Rabbii jala butameera; namni ana hordofes [akkasuma]” jedhiWarra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftaniittuu?” jedhiYoo islaamaaniif dhugumatti qajeelaniiruYoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofaRabbiin gabroota argaadha
إِنَّ الَّذِينَ يَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَيَقْتُلُونَ النَّبِيِّينَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَيَقْتُلُونَ الَّذِينَ يَأْمُرُونَ بِالْقِسْطِ مِنَ النَّاسِ فَبَشِّرْهُم بِعَذَابٍ أَلِيمٍ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaranu, karaan ala nabiyyoota ajjeesanuufi namoota irraas warra haqatti ajajanis ajjeesanu, adabbii laalessaan isaan gammachiisi
أُولَٰئِكَ الَّذِينَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمَا لَهُم مِّن نَّاصِرِينَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Isaan warra dalagaaleen isaanii addunyaafi Aakhirattis jalaa baddeedhaIsaaniif tumsitoonni hin jiran
أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ أُوتُوا نَصِيبًا مِّنَ الْكِتَابِ يُدْعَوْنَ إِلَىٰ كِتَابِ اللَّهِ لِيَحْكُمَ بَيْنَهُمْ ثُمَّ يَتَوَلَّىٰ فَرِيقٌ مِّنْهُمْ وَهُم مُّعْرِضُونَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Sila gara isaan kitaaba irraa qoodni wahii isaaniif kennamee hin ilaallee? Akka jidduu isaaniitti murteessuuf gara kitaaba Rabbii waamamanii ergasii gareen isaan irraa ta’e didaa ta’ee gara gala
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا لَن تَمَسَّنَا النَّارُ إِلَّا أَيَّامًا مَّعْدُودَاتٍ ۖ وَغَرَّهُمْ فِي دِينِهِم مَّا كَانُوا يَفْتَرُونَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Kun waan isaan “ibiddi guyyoota lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu” jedhaniifiKijibni isaan [of biraa] uumaa turan amantii isaanii keessatti isaan gowwoomse
فَكَيْفَ إِذَا جَمَعْنَاهُمْ لِيَوْمٍ لَّا رَيْبَ فِيهِ وَوُفِّيَتْ كُلُّ نَفْسٍ مَّا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Sila yeroo Nuti guyyaa mamii hin qabneef walitti isaan qabnee lubbuun hundi waan hojjatte guutuutti argatte akkam ta’u? Garuu isaan hin miidhamanu
قُلِ اللَّهُمَّ مَالِكَ الْمُلْكِ تُؤْتِي الْمُلْكَ مَن تَشَاءُ وَتَنزِعُ الْمُلْكَ مِمَّن تَشَاءُ وَتُعِزُّ مَن تَشَاءُ وَتُذِلُّ مَن تَشَاءُ ۖ بِيَدِكَ الْخَيْرُ ۖ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
[Yaa Muhammad!] jedhi: "yaa Rabbii abbaa mootummaa taate! Mootummaa nama feeteef kennita; nama feete irraa immoo mootummaa mulqitaNama feetes ni jabeessitaNama feetes ni xiqqeessitaToltuun hundi harka kee jiraDhugumatti Ati waan hunda irratti danda’aadha
تُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَتُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ ۖ وَتُخْرِجُ الْحَيَّ مِنَ الْمَيِّتِ وَتُخْرِجُ الْمَيِّتَ مِنَ الْحَيِّ ۖ وَتَرْزُقُ مَن تَشَاءُ بِغَيْرِ حِسَابٍ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Halkan guyyaa keessa seensiftaGuyyaas halkan keessa seensiftaDu’aa irraas jiraa baaftaJiraa irraas du’aa baaftaNama feetes herrega malee soorta" [jedhi]
لَّا يَتَّخِذِ الْمُؤْمِنُونَ الْكَافِرِينَ أَوْلِيَاءَ مِن دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۖ وَمَن يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَلَيْسَ مِنَ اللَّهِ فِي شَيْءٍ إِلَّا أَن تَتَّقُوا مِنْهُمْ تُقَاةً ۗ وَيُحَذِّرُكُمُ اللَّهُ نَفْسَهُ ۗ وَإِلَى اللَّهِ الْمَصِيرُ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Mu’uminoonni mu’uminootaan alatti kaafiroota jaalallee hin godhatinYoo eeggannaa wahii isaan irraa eeggachuuf ta’e malee namni kana dalage, [diinii] Rabbii irraa homaa keessa hin jiruRabbiin nafsii Isaa (adabbii Isaa) isin sodaachisaDeebiinis garuma Rabbiiti
قُلْ إِن تُخْفُوا مَا فِي صُدُورِكُمْ أَوْ تُبْدُوهُ يَعْلَمْهُ اللَّهُ ۗ وَيَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
“Yoo waan qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin isa mul’iftanis Rabbiin isa beeka[Inni] waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beekaRabbiin waan hunda danda’aadha” jedhi
يَوْمَ تَجِدُ كُلُّ نَفْسٍ مَّا عَمِلَتْ مِنْ خَيْرٍ مُّحْضَرًا وَمَا عَمِلَتْ مِن سُوءٍ تَوَدُّ لَوْ أَنَّ بَيْنَهَا وَبَيْنَهُ أَمَدًا بَعِيدًا ۗ وَيُحَذِّرُكُمُ اللَّهُ نَفْسَهُ ۗ وَاللَّهُ رَءُوفٌ بِالْعِبَادِ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte dhiyaataa taee argitu [yaadadhu]Hamtuu irraa waan hojjatte immoo odoo jidduu isheetiifi jidduu isaa fageenyi dheeraan jiraatee jaal’attiRabbiin nafsii Isaa isin sodaachisaRabbiin gabroota akkaan mararfataadha
قُلْ إِن كُنتُمْ تُحِبُّونَ اللَّهَ فَاتَّبِعُونِي يُحْبِبْكُمُ اللَّهُ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif ana hordofaa Rabbiin isin jaallata; badii keessanis isiniif araaramaRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha” jedhiin
قُلْ أَطِيعُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ ۖ فَإِن تَوَلَّوْا فَإِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْكَافِرِينَ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
”Rabbiifi ergamaan bulaa” jedhiYoo irraa garagalaniif [kafaraniiru]Dhugumatti Rabbiin kaafiroota hin jaalatu
۞ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَىٰ آدَمَ وَنُوحًا وَآلَ إِبْرَاهِيمَ وَآلَ عِمْرَانَ عَلَى الْعَالَمِينَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Dhugumatti Rabbiin Aadam, Nuuh, maatii Ibraahimiifi maatii Imraan aalama hunda irra filateera
ذُرِّيَّةً بَعْضُهَا مِن بَعْضٍ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Sanyii gariin ishee garii irraa taate san [filate]Rabbiin dhagayaa, beekaadha
إِذْ قَالَتِ امْرَأَتُ عِمْرَانَ رَبِّ إِنِّي نَذَرْتُ لَكَ مَا فِي بَطْنِي مُحَرَّرًا فَتَقَبَّلْ مِنِّي ۖ إِنَّكَ أَنتَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Yeroo niitiin Imraan “Gooftaa kiyya! ani waan garaa kiyya keessa jiru bilisa godhee siif nazareeraa narraa qeebali” jette [yaadadhu]Dhugumatti Ati simatu dhagayaa, beekaadha.”
فَلَمَّا وَضَعَتْهَا قَالَتْ رَبِّ إِنِّي وَضَعْتُهَا أُنثَىٰ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا وَضَعَتْ وَلَيْسَ الذَّكَرُ كَالْأُنثَىٰ ۖ وَإِنِّي سَمَّيْتُهَا مَرْيَمَ وَإِنِّي أُعِيذُهَا بِكَ وَذُرِّيَّتَهَا مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Yeroma ishee deesses “Gooftaa kiyya! ani dubran daye" jetteRabbiin irra beekaa waan isheen deesseeti“Dhiirri akka durbaa hin taaneAnis Maryamitti ishee moggaaseeraAni sheyxaana abaaramaa irraa isheefi sanyii ishees siinan tiksa” [jette]
فَتَقَبَّلَهَا رَبُّهَا بِقَبُولٍ حَسَنٍ وَأَنبَتَهَا نَبَاتًا حَسَنًا وَكَفَّلَهَا زَكَرِيَّا ۖ كُلَّمَا دَخَلَ عَلَيْهَا زَكَرِيَّا الْمِحْرَابَ وَجَدَ عِندَهَا رِزْقًا ۖ قَالَ يَا مَرْيَمُ أَنَّىٰ لَكِ هَٰذَا ۖ قَالَتْ هُوَ مِنْ عِندِ اللَّهِ ۖ إِنَّ اللَّهَ يَرْزُقُ مَن يَشَاءُ بِغَيْرِ حِسَابٍ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Gooftaan ishee qeebaltii gaarii ta’een ishee qeebaleGuddina gaariis ishee guddiseZakariyyaan itti gaafatama ishee fudhateZakariyyaan dhawaatuma ishee irratti mihraaba seenuun soorata ishee biratti arga“Yaa maryam kun eessaa siif dhufa?” jedhe“Inni Rabbiin biraayyi” jetteDhugumatti Rabbiin nama fedhe herrega malee soora
هُنَالِكَ دَعَا زَكَرِيَّا رَبَّهُ ۖ قَالَ رَبِّ هَبْ لِي مِن لَّدُنكَ ذُرِّيَّةً طَيِّبَةً ۖ إِنَّكَ سَمِيعُ الدُّعَاءِ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Bakka sanatti Zakariyyaan “Gooftaa kiyya! Ati Suma biraa ilmaan gaarii naaf kenniDhugumatti Ati dhagayaa kadhaati" jedhe
فَنَادَتْهُ الْمَلَائِكَةُ وَهُوَ قَائِمٌ يُصَلِّي فِي الْمِحْرَابِ أَنَّ اللَّهَ يُبَشِّرُكَ بِيَحْيَىٰ مُصَدِّقًا بِكَلِمَةٍ مِّنَ اللَّهِ وَسَيِّدًا وَحَصُورًا وَنَبِيًّا مِّنَ الصَّالِحِينَ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Malaa’ikoonnis isaa mihraaba keessa sagadaaf dhaabbataa jiruu “Dhugumatti Rabbiin Yahyaa, dhugoomsaa jecha Rabbi irraa tae, caalaa, qunnamtii saalaa irraa eegamaafi nabiyyii gaggaarii irraa ta’een si gammachiisa" [jettee] isatti lallabde
قَالَ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَامٌ وَقَدْ بَلَغَنِيَ الْكِبَرُ وَامْرَأَتِي عَاقِرٌ ۖ قَالَ كَذَٰلِكَ اللَّهُ يَفْعَلُ مَا يَشَاءُ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! Sila ani odoo dhugaatti dullumni na qabee jiruufi niitiin kiyyas maseena taatee jirtuu akkamittin ilma argadha?" jedhe[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” jedheen
قَالَ رَبِّ اجْعَل لِّي آيَةً ۖ قَالَ آيَتُكَ أَلَّا تُكَلِّمَ النَّاسَ ثَلَاثَةَ أَيَّامٍ إِلَّا رَمْزًا ۗ وَاذْكُر رَّبَّكَ كَثِيرًا وَسَبِّحْ بِالْعَشِيِّ وَالْإِبْكَارِ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! mallattoo naaf taasisi” jedhe(Rabbiinis) “Guyyoota sadii mallattoon malee namootatti dubbachuu dhabuu keeti.[] Gooftaa keetis baay’inaan faarsiGalgalaafi ganamas Isa qulqulleessi” jedheen
وَإِذْ قَالَتِ الْمَلَائِكَةُ يَا مَرْيَمُ إِنَّ اللَّهَ اصْطَفَاكِ وَطَهَّرَكِ وَاصْطَفَاكِ عَلَىٰ نِسَاءِ الْعَالَمِينَ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Yeroo Malaa’ikoonni “Yaa Maryam! Dhugumatti Rabbiin si filateeraSi qulqulleesseerasDubartoota aalama hundaa irras si filateera” jedhan [yaadadhu]
يَا مَرْيَمُ اقْنُتِي لِرَبِّكِ وَاسْجُدِي وَارْكَعِي مَعَ الرَّاكِعِينَ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
”Yaa Maryam! Gooftaa keetiif akkaan ajajamiSujuudas godhiWarra gadi jedhan waliinis gadi jedhi (rukuu’a godhi)
ذَٰلِكَ مِنْ أَنبَاءِ الْغَيْبِ نُوحِيهِ إِلَيْكَ ۚ وَمَا كُنتَ لَدَيْهِمْ إِذْ يُلْقُونَ أَقْلَامَهُمْ أَيُّهُمْ يَكْفُلُ مَرْيَمَ وَمَا كُنتَ لَدَيْهِمْ إِذْ يَخْتَصِمُونَ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Kun oduuwwan fagoo kan Nuti gara keetti beeksifnuudhaYeroo ‘eenyu Maryamiin akka guddisu’ carraa isaanii darban ati isaan bira hin turreYeroo isaan wal falmanis ati isaan bira hin turre
إِذْ قَالَتِ الْمَلَائِكَةُ يَا مَرْيَمُ إِنَّ اللَّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٍ مِّنْهُ اسْمُهُ الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ وَجِيهًا فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمِنَ الْمُقَرَّبِينَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette [yaadadhu]
وَيُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا وَمِنَ الصَّالِحِينَ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Daa’imummaafi erga guddateeyis namaan dubbataWarra gaggaarii irraayis ta’a
قَالَتْ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي وَلَدٌ وَلَمْ يَمْسَسْنِي بَشَرٌ ۖ قَالَ كَذَٰلِكِ اللَّهُ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ ۚ إِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُن فَيَكُونُ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
[Maryamis] “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” jette[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uumaInni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’i!’ qofa isaan jedha; yeroma san ta’a” jedhe
وَيُعَلِّمُهُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَالتَّوْرَاةَ وَالْإِنجِيلَ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
(Rabbiin) Barreeffama, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliinis isa barsiisa.”
وَرَسُولًا إِلَىٰ بَنِي إِسْرَائِيلَ أَنِّي قَدْ جِئْتُكُم بِآيَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ ۖ أَنِّي أَخْلُقُ لَكُم مِّنَ الطِّينِ كَهَيْئَةِ الطَّيْرِ فَأَنفُخُ فِيهِ فَيَكُونُ طَيْرًا بِإِذْنِ اللَّهِ ۖ وَأُبْرِئُ الْأَكْمَهَ وَالْأَبْرَصَ وَأُحْيِي الْمَوْتَىٰ بِإِذْنِ اللَّهِ ۖ وَأُنَبِّئُكُم بِمَا تَأْكُلُونَ وَمَا تَدَّخِرُونَ فِي بُيُوتِكُمْ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لَّكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Gara ilmaan Israa’iilittis ergamaa [isa godha]“Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufeAni dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma; isa keessattis nan afuufa; eeyyama Rabbiitiin allaattiis ni ta’aEeyyama Rabbiitiin jaamaafi lamxii nan fayyisaEeyyama Rabbiitiin du’aas nan jiraachisaWaan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keessa ol kaayattanis isinittin himaDhugumatti kana keessa yoo kan amantan taataniif mallattoo gaariitu isiniif jira
وَمُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَلِأُحِلَّ لَكُم بَعْضَ الَّذِي حُرِّمَ عَلَيْكُمْ ۚ وَجِئْتُكُم بِآيَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Waan na dura ture Tawraatiin kanan dhugoomsu taee garii wantoota dhorgaa isin irratti taasifamanii halaala isiniif taasisuuf jechan ragaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeRabbiin sodaadhaatii anaaf ajajamaa
إِنَّ اللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمْ فَاعْبُدُوهُ ۗ هَٰذَا صِرَاطٌ مُّسْتَقِيمٌ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraaKun karaa qajeelaadha.”
۞ فَلَمَّا أَحَسَّ عِيسَىٰ مِنْهُمُ الْكُفْرَ قَالَ مَنْ أَنصَارِي إِلَى اللَّهِ ۖ قَالَ الْحَوَارِيُّونَ نَحْنُ أَنصَارُ اللَّهِ آمَنَّا بِاللَّهِ وَاشْهَدْ بِأَنَّا مُسْلِمُونَ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
Iisaan yeroma kufrii isaan irraa hubatu “namni [waamicha ani] gara Rabbiitti godhu keessatti na tumsu eenyu?” jedheHawaariyyoonnis “nutu tumsitoota Rabbiiti.[] Rabbitti amanneerraAkka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf ba’i” jedhan
رَبَّنَا آمَنَّا بِمَا أَنزَلْتَ وَاتَّبَعْنَا الرَّسُولَ فَاكْتُبْنَا مَعَ الشَّاهِدِينَ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
“Yaa Gooftaa keenya! Nuti waan Ati buuftetti amanneerraErgamicha (Iisaas) hordofne; kanaafuu warra [Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre] ragaa ba’an wajjin nu barreessi” [jedhan]
وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baaseRabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti
إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ ۝٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 55
Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]:[] “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadhaGara kiyyattis ol si fuudhaadhaIsaan kafaran irraas si qulqulleessaadhaIsaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kafaran irratti ol taasisaadhaErgasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa
فَأَمَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَأُعَذِّبُهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمَا لَهُم مِّن نَّاصِرِينَ ۝٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 56
Isaan kafaran addunyaafi Aakhiratti adabbii cimaan isaan adaba; tumsaanis isaaniif hin jiru
وَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَيُوَفِّيهِمْ أُجُورَهُمْ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ الظَّالِمِينَ ۝٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 57
Warra amananii gaggaarii dalagan immoo mindaa isaanii ni guutaafiRabbiin miidhaa raawwattoota hin jaal’atu
ذَٰلِكَ نَتْلُوهُ عَلَيْكَ مِنَ الْآيَاتِ وَالذِّكْرِ الْحَكِيمِ ۝٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 58
Kana keeyyattootaafi gorsa ogummaa irraa ta’e sirratti dubbifna
إِنَّ مَثَلَ عِيسَىٰ عِندَ اللَّهِ كَمَثَلِ آدَمَ ۖ خَلَقَهُ مِن تُرَابٍ ثُمَّ قَالَ لَهُ كُن فَيَكُونُ ۝٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 59
Dhugumatti, fakkeenyi Iisaa Rabbiin biratti akka fakkeenya AadamiBiyyee irraa isa uumeErgasii ‘ta’i’ isaan jedheInnis yeroma san ta’e
الْحَقُّ مِن رَّبِّكَ فَلَا تَكُن مِّنَ الْمُمْتَرِينَ ۝٦٠
📖 Hiikkaa Aayah 60
Dhugaan Gooftaa kee biraayyi; shakkitoota irraa hin ta’in
فَمَنْ حَاجَّكَ فِيهِ مِن بَعْدِ مَا جَاءَكَ مِنَ الْعِلْمِ فَقُلْ تَعَالَوْا نَدْعُ أَبْنَاءَنَا وَأَبْنَاءَكُمْ وَنِسَاءَنَا وَنِسَاءَكُمْ وَأَنفُسَنَا وَأَنفُسَكُمْ ثُمَّ نَبْتَهِلْ فَنَجْعَل لَّعْنَتَ اللَّهِ عَلَى الْكَاذِبِينَ ۝٦١
📖 Hiikkaa Aayah 61
Nama erga beekumsi sitti dhufee booda isa keessatti siin falmeen “Kottaa; ilmaan keenyaafi ilmaan keessan, dubartoota keenyaafi dubartoota keessan, lubbuu keenyaafi lubbuu keessan haa waamnuErgasii duaaiitti jabaannee abaarsa Rabbii kijibdoota irra haa goonu” jedhiin
إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ الْقَصَصُ الْحَقُّ ۚ وَمَا مِنْ إِلَٰهٍ إِلَّا اللَّهُ ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝٦٢
📖 Hiikkaa Aayah 62
Dhugumatti kun isumatu seenaa dhugaatiRabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiruDhugumatti Rabbiin Isatu injifataa, ogeessa
فَإِن تَوَلَّوْا فَإِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِالْمُفْسِدِينَ ۝٦٣
📖 Hiikkaa Aayah 63
Yoo [dhugaa] irraa gara galaniif, Rabbiin beekaa balleessitootaati
قُلْ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ تَعَالَوْا إِلَىٰ كَلِمَةٍ سَوَاءٍ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمْ أَلَّا نَعْبُدَ إِلَّا اللَّهَ وَلَا نُشْرِكَ بِهِ شَيْئًا وَلَا يَتَّخِذَ بَعْضُنَا بَعْضًا أَرْبَابًا مِّن دُونِ اللَّهِ ۚ فَإِن تَوَلَّوْا فَقُولُوا اشْهَدُوا بِأَنَّا مُسْلِمُونَ ۝٦٤
📖 Hiikkaa Aayah 64
Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taatee kottaa[Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedhaYoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa
يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تُحَاجُّونَ فِي إِبْرَاهِيمَ وَمَا أُنزِلَتِ التَّوْرَاةُ وَالْإِنجِيلُ إِلَّا مِن بَعْدِهِ ۚ أَفَلَا تَعْقِلُونَ ۝٦٥
📖 Hiikkaa Aayah 65
Yaa warra kitaabaa! Maaliif waa’ee Ibraahiim keessatti wal falmitu? Tawraatiifi Injiil isa booda malee hin buune; sila hin xiinxaltanuu
هَا أَنتُمْ هَٰؤُلَاءِ حَاجَجْتُمْ فِيمَا لَكُم بِهِ عِلْمٌ فَلِمَ تُحَاجُّونَ فِيمَا لَيْسَ لَكُم بِهِ عِلْمٌ ۚ وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنتُمْ لَا تَعْلَمُونَ ۝٦٦
📖 Hiikkaa Aayah 66
Dhaga’aa! isin warri kun waan beekumsi isaa isiniif jiru keessatti wal falmitaniittu! Maaliif waan beekumsi isaa isiniif hin jirre keessatti wal falmitu? Rabbiin ni beekaa isin hin beektanu
مَا كَانَ إِبْرَاهِيمُ يَهُودِيًّا وَلَا نَصْرَانِيًّا وَلَٰكِن كَانَ حَنِيفًا مُّسْلِمًا وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ ۝٦٧
📖 Hiikkaa Aayah 67
Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taaneGaruu inni Muslima qajeelaa tureInni mushrikoota irraas hin taane
إِنَّ أَوْلَى النَّاسِ بِإِبْرَاهِيمَ لَلَّذِينَ اتَّبَعُوهُ وَهَٰذَا النَّبِيُّ وَالَّذِينَ آمَنُوا ۗ وَاللَّهُ وَلِيُّ الْمُؤْمِنِينَ ۝٦٨
📖 Hiikkaa Aayah 68
Namoonni Ibraahiimitti irra aanan: isaan isa hordofan, nabiyyii kanaafi warra amananiidhaRabbiin gargaaraa mu’uminootaati
وَدَّت طَّائِفَةٌ مِّنْ أَهْلِ الْكِتَابِ لَوْ يُضِلُّونَكُمْ وَمَا يُضِلُّونَ إِلَّا أَنفُسَهُمْ وَمَا يَشْعُرُونَ ۝٦٩
📖 Hiikkaa Aayah 69
Gareen warra kitaabaa irraa taate tokko isin jallisuu jaalatteLubbuu isaanii malee homaa hin jallisanu; garuu isaan hin beekanu
يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَأَنتُمْ تَشْهَدُونَ ۝٧٠
📖 Hiikkaa Aayah 70
Yaa warra kitaabaa! odoo beektanuu maaliif keyyattoota Rabbiitti kafartu
يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَلْبِسُونَ الْحَقَّ بِالْبَاطِلِ وَتَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَأَنتُمْ تَعْلَمُونَ ۝٧١
📖 Hiikkaa Aayah 71
Yaa warra kitaabaa! maaliif dhugaa sobaan walitti maktanii odoo beektanuu dhugaa dhoksitu
وَقَالَت طَّائِفَةٌ مِّنْ أَهْلِ الْكِتَابِ آمِنُوا بِالَّذِي أُنزِلَ عَلَى الَّذِينَ آمَنُوا وَجْهَ النَّهَارِ وَاكْفُرُوا آخِرَهُ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ ۝٧٢
📖 Hiikkaa Aayah 72
Gareen warra kitaabaa irraa taate tokkos ni jette: “jalqaba guyyaa isa warra amanan irratti bu’etti amanaaAkka isaan [Islaama] irraa deebi’aniif jecha dhuma guyyaa immoo itti kafaraa
وَلَا تُؤْمِنُوا إِلَّا لِمَن تَبِعَ دِينَكُمْ قُلْ إِنَّ الْهُدَىٰ هُدَى اللَّهِ أَن يُؤْتَىٰ أَحَدٌ مِّثْلَ مَا أُوتِيتُمْ أَوْ يُحَاجُّوكُمْ عِندَ رَبِّكُمْ ۗ قُلْ إِنَّ الْفَضْلَ بِيَدِ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ وَاسِعٌ عَلِيمٌ ۝٧٣
📖 Hiikkaa Aayah 73
Tokkoon namaa fakkii waan isin fudhattanii fudhachuu yookiin kan Rabbii keessan biratti ittiin isin falman ta’uu warra amantii keessan hordofeef malee hin amaninaa (ifa hin baasinaa)(Yaa Muhammad SAW) “qajeelfamichis qajeelfama Rabbiiti" jedhi“Tolli (Islaamummaa) harka Rabbiiti; abbaa fedheef isa kenna” jedhiRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha
يَخْتَصُّ بِرَحْمَتِهِ مَن يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ ۝٧٤
📖 Hiikkaa Aayah 74
Inni nama fedhe rahmata Isaatiif (nabiyyummaadhaaf) filataRabbiin abbaa tola guddaati
۞ وَمِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ مَنْ إِن تَأْمَنْهُ بِقِنطَارٍ يُؤَدِّهِ إِلَيْكَ وَمِنْهُم مَّنْ إِن تَأْمَنْهُ بِدِينَارٍ لَّا يُؤَدِّهِ إِلَيْكَ إِلَّا مَا دُمْتَ عَلَيْهِ قَائِمًا ۗ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا لَيْسَ عَلَيْنَا فِي الْأُمِّيِّينَ سَبِيلٌ وَيَقُولُونَ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ وَهُمْ يَعْلَمُونَ ۝٧٥
📖 Hiikkaa Aayah 75
Warra kitaabaa irraas nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jiraIsaan irraas nama yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jiraKun waan isaan “wallaaltota (qabeenya isaanii nyaachuu) keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi
بَلَىٰ مَنْ أَوْفَىٰ بِعَهْدِهِ وَاتَّقَىٰ فَإِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَّقِينَ ۝٧٦
📖 Hiikkaa Aayah 76
Eeyyeen! (badiin isaan irra ni jira)namni waadaa isaa guuteefi (Rabbiin) sodaate, dhugumatti Rabbiin warra (Isa) sodaatanu ni jaalata
إِنَّ الَّذِينَ يَشْتَرُونَ بِعَهْدِ اللَّهِ وَأَيْمَانِهِمْ ثَمَنًا قَلِيلًا أُولَٰئِكَ لَا خَلَاقَ لَهُمْ فِي الْآخِرَةِ وَلَا يُكَلِّمُهُمُ اللَّهُ وَلَا يَنظُرُ إِلَيْهِمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَلَا يُزَكِّيهِمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ ۝٧٧
📖 Hiikkaa Aayah 77
Dhugumatti, isaan waadaa Rabbiifi kakuu isaanii gatii xiqqaan jijjiirratan, isaan Aakhiratti qoodni homaatuu isaaniif hin jiruRabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu; gara isaaniis hin ilaalu; isaan hin qulqulleessusadabbiin laalessaanis isaaniif jira
وَإِنَّ مِنْهُمْ لَفَرِيقًا يَلْوُونَ أَلْسِنَتَهُم بِالْكِتَابِ لِتَحْسَبُوهُ مِنَ الْكِتَابِ وَمَا هُوَ مِنَ الْكِتَابِ وَيَقُولُونَ هُوَ مِنْ عِندِ اللَّهِ وَمَا هُوَ مِنْ عِندِ اللَّهِ وَيَقُولُونَ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ وَهُمْ يَعْلَمُونَ ۝٧٨
📖 Hiikkaa Aayah 78
Isaan irraayis, odoo inni kitaaba irraa hin ta’in akka isin kitaaba irraayi jettanii isa yaaddaniif jecha garee arraba isaanii kitaabaan micciirantu jiraOdoo inni Rabbiin biraa hin ta’inis Rabbiin biraayi jedhuOdoma beekanuu Rabbirratti kijiba dubbatu
مَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُؤْتِيَهُ اللَّهُ الْكِتَابَ وَالْحُكْمَ وَالنُّبُوَّةَ ثُمَّ يَقُولَ لِلنَّاسِ كُونُوا عِبَادًا لِّي مِن دُونِ اللَّهِ وَلَٰكِن كُونُوا رَبَّانِيِّينَ بِمَا كُنتُمْ تُعَلِّمُونَ الْكِتَابَ وَبِمَا كُنتُمْ تَدْرُسُونَ ۝٧٩
📖 Hiikkaa Aayah 79
Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii)fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin maluGaruu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan quataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha
وَلَا يَأْمُرَكُمْ أَن تَتَّخِذُوا الْمَلَائِكَةَ وَالنَّبِيِّينَ أَرْبَابًا ۗ أَيَأْمُرُكُم بِالْكُفْرِ بَعْدَ إِذْ أَنتُم مُّسْلِمُونَ ۝٨٠
📖 Hiikkaa Aayah 80
Maleykotaafi nabiyyoota gabbaramaa taasifachuutti isin ajajuun isaaf hin maluSila erga isin Muslimoota taatanii booda kufritti isin ajajaa
وَإِذْ أَخَذَ اللَّهُ مِيثَاقَ النَّبِيِّينَ لَمَا آتَيْتُكُم مِّن كِتَابٍ وَحِكْمَةٍ ثُمَّ جَاءَكُمْ رَسُولٌ مُّصَدِّقٌ لِّمَا مَعَكُمْ لَتُؤْمِنُنَّ بِهِ وَلَتَنصُرُنَّهُ ۚ قَالَ أَأَقْرَرْتُمْ وَأَخَذْتُمْ عَلَىٰ ذَٰلِكُمْ إِصْرِي ۖ قَالُوا أَقْرَرْنَا ۚ قَالَ فَاشْهَدُوا وَأَنَا مَعَكُم مِّنَ الشَّاهِدِينَ ۝٨١
📖 Hiikkaa Aayah 81
Yeroo Rabbiin nabiyyoota irraa “waan ani kitaabaafi ogummaa irraa isiniif kennee, ergasii ergamaan waan isinii wajjin jiru dhugoomsu isinitti dhufe, akka isatti amantaniifi isa tumsitanu” (jechuun) waadaa qabate [yaadadhu](Rabbiinis) "mirkaneessitanii? Sana irrattis waadaa kiyya qabdanii?" jedhe[Isaan] "mirkaneessine" jedhan; (Rabbiinis) “Ragaa ta’aa; anis warra isinii wajjin ragaa ta’u irraayi” jedhe
فَمَن تَوَلَّىٰ بَعْدَ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْفَاسِقُونَ ۝٨٢
📖 Hiikkaa Aayah 82
Namni sana booda garagale, warri sun isaantu finciltoota
أَفَغَيْرَ دِينِ اللَّهِ يَبْغُونَ وَلَهُ أَسْلَمَ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ طَوْعًا وَكَرْهًا وَإِلَيْهِ يُرْجَعُونَ ۝٨٣
📖 Hiikkaa Aayah 83
Sila odoo wantoonni samiifi dachii keessaa hunduu fedhaan yookiin dirqamaan Rabbiif ajajamaniifi gara isaatti deebi’anii, amantii kan Rabbiin alaa barabaaduu
قُلْ آمَنَّا بِاللَّهِ وَمَا أُنزِلَ عَلَيْنَا وَمَا أُنزِلَ عَلَىٰ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالْأَسْبَاطِ وَمَا أُوتِيَ مُوسَىٰ وَعِيسَىٰ وَالنَّبِيُّونَ مِن رَّبِّهِمْ لَا نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّنْهُمْ وَنَحْنُ لَهُ مُسْلِمُونَ ۝٨٤
📖 Hiikkaa Aayah 84
(Yaa Muhammad SAW) “Rabbitti, Waan nurratti bu’etti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub irratti buufametti, waan Muusaa, Iisaafi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis amannee jirraIsaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonuNutis isaaf ajajamtoota” jedhi
وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ ۝٨٥
📖 Hiikkaa Aayah 85
Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamuAakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi
كَيْفَ يَهْدِي اللَّهُ قَوْمًا كَفَرُوا بَعْدَ إِيمَانِهِمْ وَشَهِدُوا أَنَّ الرَّسُولَ حَقٌّ وَجَاءَهُمُ الْبَيِّنَاتُ ۚ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ ۝٨٦
📖 Hiikkaa Aayah 86
Sila ummata amanantii isaanii booda, erga ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu ragaa ba’aniifi ragoonni ifa ta’an isaanitti dhufanii (booda) kafaran Rabbiin akkamitti qajeelcha? Rabbiinis miidhaa hojjattoota hin qajeelchu
أُولَٰئِكَ جَزَاؤُهُمْ أَنَّ عَلَيْهِمْ لَعْنَةَ اللَّهِ وَالْمَلَائِكَةِ وَالنَّاسِ أَجْمَعِينَ ۝٨٧
📖 Hiikkaa Aayah 87
Warri sun mindaan isaanii abaarsi Rabbii, kan maleeykotaafi namoota hundaa isaan irra jiraachuudha
خَالِدِينَ فِيهَا لَا يُخَفَّفُ عَنْهُمُ الْعَذَابُ وَلَا هُمْ يُنظَرُونَ ۝٨٨
📖 Hiikkaa Aayah 88
Ishee (ibidda) keessatti hafoodhaAdabichis isaan irraa hin salphifamuYeroonis isaaniif hin kennamu
إِلَّا الَّذِينَ تَابُوا مِن بَعْدِ ذَٰلِكَ وَأَصْلَحُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝٨٩
📖 Hiikkaa Aayah 89
Garuu isaan sana booda tawbatanii toltuu hojjatan (isaaniif ni dhiifama)Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بَعْدَ إِيمَانِهِمْ ثُمَّ ازْدَادُوا كُفْرًا لَّن تُقْبَلَ تَوْبَتُهُمْ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الضَّالُّونَ ۝٩٠
📖 Hiikkaa Aayah 90
Warra iimaana isaanii booda kafaranii ergasiis kufrii dabalatan tawbaan isaanii hin qeebalamtuIsaan, isaanumatu jallattoota
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَمَاتُوا وَهُمْ كُفَّارٌ فَلَن يُقْبَلَ مِنْ أَحَدِهِم مِّلْءُ الْأَرْضِ ذَهَبًا وَلَوِ افْتَدَىٰ بِهِ ۗ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ وَمَا لَهُم مِّن نَّاصِرِينَ ۝٩١
📖 Hiikkaa Aayah 91
Dhugumatti isaan kafaranii, kaafiroota ta’anii du’an, warqee dachii guutuun, odoma ittiin of bituu fedheeyyuu tokkoon isaanii irraa hin qeebalamuSunniin isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jiraIsaaniif tumsitoonnis hin jiran
لَن تَنَالُوا الْبِرَّ حَتَّىٰ تُنفِقُوا مِمَّا تُحِبُّونَ ۚ وَمَا تُنفِقُوا مِن شَيْءٍ فَإِنَّ اللَّهَ بِهِ عَلِيمٌ ۝٩٢
📖 Hiikkaa Aayah 92
Hanga waan jaalattan irraa kennattanitti khayrii hin argattanWanta isin qabeenya irraa kennattan Rabbiin isa beeka
۞ كُلُّ الطَّعَامِ كَانَ حِلًّا لِّبَنِي إِسْرَائِيلَ إِلَّا مَا حَرَّمَ إِسْرَائِيلُ عَلَىٰ نَفْسِهِ مِن قَبْلِ أَن تُنَزَّلَ التَّوْرَاةُ ۗ قُلْ فَأْتُوا بِالتَّوْرَاةِ فَاتْلُوهَا إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ ۝٩٣
📖 Hiikkaa Aayah 93
Waan Israa’iil odoo Tawraat hin bu’in dura lubbuu isaa irratti haraama taasise malee nyaanni hunduu Ilmaan Israa’iiliif halaala ture(Yaa Muhammad) "yoo kan dhugaa dubbattan taataniif Tawraatiin fidaa dubbisaa” jedhi
فَمَنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ مِن بَعْدِ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ ۝٩٤
📖 Hiikkaa Aayah 94
Namni sana booda Rabbi irratti kijiba uume, warri sun isaantu miidhaa hojjattoota
قُلْ صَدَقَ اللَّهُ ۗ فَاتَّبِعُوا مِلَّةَ إِبْرَاهِيمَ حَنِيفًا وَمَا كَانَ مِنَ الْمُشْرِكِينَ ۝٩٥
📖 Hiikkaa Aayah 95
“Rabbiin dhugaa dubbateera; karaa amantii Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofaaInnis mushrikoota irraa hin taane" jedhi
إِنَّ أَوَّلَ بَيْتٍ وُضِعَ لِلنَّاسِ لَلَّذِي بِبَكَّةَ مُبَارَكًا وَهُدًى لِّلْعَالَمِينَ ۝٩٦
📖 Hiikkaa Aayah 96
Dhugumatti manni jalqaba ilma namaatiif haala barakeeffamaafi aalama hundaaf qajeelfama ta’een kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiruudha
فِيهِ آيَاتٌ بَيِّنَاتٌ مَّقَامُ إِبْرَاهِيمَ ۖ وَمَن دَخَلَهُ كَانَ آمِنًا ۗ وَلِلَّهِ عَلَى النَّاسِ حِجُّ الْبَيْتِ مَنِ اسْتَطَاعَ إِلَيْهِ سَبِيلًا ۚ وَمَن كَفَرَ فَإِنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ عَنِ الْعَالَمِينَ ۝٩٧
📖 Hiikkaa Aayah 97
Isa keessa mallattoolee ifa ta’an Maqaama Ibraahiimtu jiraNamni isa seenes nagaa ta’aRabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu dandae irratti, manicha hajjauutu dirqamni jiraNamni kafares, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha
قُلْ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَاللَّهُ شَهِيدٌ عَلَىٰ مَا تَعْمَلُونَ ۝٩٨
📖 Hiikkaa Aayah 98
“Yaa warra kitaabaa! Sila odoo Rabbiin waan isin dalagdanu beekaa ta’uu maaliif keeyyattoota Rabbiitti kafartu?” jedhi
قُلْ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لِمَ تَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ مَنْ آمَنَ تَبْغُونَهَا عِوَجًا وَأَنتُمْ شُهَدَاءُ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ ۝٩٩
📖 Hiikkaa Aayah 99
“Yaa warra kitaabaa! Sila maaliif odoo beektanuu jallina ishee barbaachaaf karaa Rabbii irraa nama debiftu? Rabbiinis waan isin dalagdanu irraa dagataa miti" jedhi
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن تُطِيعُوا فَرِيقًا مِّنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ يَرُدُّوكُم بَعْدَ إِيمَانِكُمْ كَافِرِينَ ۝١٠٠
📖 Hiikkaa Aayah 100
Yaa warra amantan! Yoo garee warra kitaabni kennameef irraa ta’een ajajamtan, erga amantanii booda gara kufriitti isin deebisu
وَكَيْفَ تَكْفُرُونَ وَأَنتُمْ تُتْلَىٰ عَلَيْكُمْ آيَاتُ اللَّهِ وَفِيكُمْ رَسُولُهُ ۗ وَمَن يَعْتَصِم بِاللَّهِ فَقَدْ هُدِيَ إِلَىٰ صِرَاطٍ مُّسْتَقِيمٍ ۝١٠١
📖 Hiikkaa Aayah 101
Sila odoo keeyyattoonni Rabbii isin irratti qara’amaniifi ergamaan Isaa isin keessa jiruu akkamitti kafartu? Namni Rabbiin of tikse dhugumatti karaa sirraawaa qajeelfameera
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ حَقَّ تُقَاتِهِ وَلَا تَمُوتُنَّ إِلَّا وَأَنتُم مُّسْلِمُونَ ۝١٠٢
📖 Hiikkaa Aayah 102
Yaa warra amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malees hin du’inaa
وَاعْتَصِمُوا بِحَبْلِ اللَّهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا ۚ وَاذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ كُنتُمْ أَعْدَاءً فَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِكُمْ فَأَصْبَحْتُم بِنِعْمَتِهِ إِخْوَانًا وَكُنتُمْ عَلَىٰ شَفَا حُفْرَةٍ مِّنَ النَّارِ فَأَنقَذَكُم مِّنْهَا ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمْ آيَاتِهِ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ ۝١٠٣
📖 Hiikkaa Aayah 103
Haada Rabbiis (Qur’aana) hunda taaa qabadhaa; adda addas hin ba’inaaNi’imaa Rabbii kan yeroo isin diina walii turtan Inni onnee keessan wal simsiisuun ni’imaa Isaatiin obboleeyyan taatan san, isin irra jiruufi (yeroo) isin qarqara boolla ibiddaa irra turtanii ishee irraa isin baraarses yaadadhaaAkka isin sirrooftaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa
وَلْتَكُن مِّنكُمْ أُمَّةٌ يَدْعُونَ إِلَى الْخَيْرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنكَرِ ۚ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ ۝١٠٤
📖 Hiikkaa Aayah 104
Isin irraa ummanni gara khayrii waamtuufi kan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitus haa jiraattuWarri sun isaantu milkaa’oodha
وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ تَفَرَّقُوا وَاخْتَلَفُوا مِن بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْبَيِّنَاتُ ۚ وَأُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ ۝١٠٥
📖 Hiikkaa Aayah 105
Akka warra erga ragoota ifa ta’an isaanitti dhufee booda addaan faca’aniifi wal dhabanii hin ta’inaaWarra sanis isaaniif adabbii laalessaatu jira
يَوْمَ تَبْيَضُّ وُجُوهٌ وَتَسْوَدُّ وُجُوهٌ ۚ فَأَمَّا الَّذِينَ اسْوَدَّتْ وُجُوهُهُمْ أَكَفَرْتُم بَعْدَ إِيمَانِكُمْ فَذُوقُوا الْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ ۝١٠٦
📖 Hiikkaa Aayah 106
Guyyaa fuulli gariin addaataniifi fuulli gariin gurraacha’an (adabamu)Warri fuulli isaanii gurraachofte immoo “sila erga amantan booda kafartanii? Waan kafaraa turtaniif adabbii dhandhamaa” (isaaniin jedhama)
وَأَمَّا الَّذِينَ ابْيَضَّتْ وُجُوهُهُمْ فَفِي رَحْمَةِ اللَّهِ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ ۝١٠٧
📖 Hiikkaa Aayah 107
Warri fuulli isaanii addaatte immoo rahmata Rabbii keessa ta’u; Isaan ishee keessatti hafoodha
تِلْكَ آيَاتُ اللَّهِ نَتْلُوهَا عَلَيْكَ بِالْحَقِّ ۗ وَمَا اللَّهُ يُرِيدُ ظُلْمًا لِّلْعَالَمِينَ ۝١٠٨
📖 Hiikkaa Aayah 108
Isheen sun, kan Nuti dhugaan ishee sirratti qaraanu taatee, keeyyattoota RabbiitiRabbiinis aalama hundaafuu miidhaa kan fedhu hin taane
وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ ۝١٠٩
📖 Hiikkaa Aayah 109
Wantoonni samiifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan RabbiitiWantoonni hunduu gara Rabbiitti deebi’u
كُنتُمْ خَيْرَ أُمَّةٍ أُخْرِجَتْ لِلنَّاسِ تَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَتَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنكَرِ وَتُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ۗ وَلَوْ آمَنَ أَهْلُ الْكِتَابِ لَكَانَ خَيْرًا لَّهُم ۚ مِّنْهُمُ الْمُؤْمِنُونَ وَأَكْثَرُهُمُ الْفَاسِقُونَ ۝١١٠
📖 Hiikkaa Aayah 110
Isin caaltuu ummata namaaf mulifamtee taataniittuToltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantuOdoo abbootiin kitaabaa amananii, silaa gaarii isaaniif ta’a tureIsaan irraa muuminoonnis ni jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota
لَن يَضُرُّوكُمْ إِلَّا أَذًى ۖ وَإِن يُقَاتِلُوكُمْ يُوَلُّوكُمُ الْأَدْبَارَ ثُمَّ لَا يُنصَرُونَ ۝١١١
📖 Hiikkaa Aayah 111
Rakkisuu malee isin hin miidhanuOdoo isiniin lolaniiyyuu duuba isin irraa deebi’uErgasii tumsa hin argatan
ضُرِبَتْ عَلَيْهِمُ الذِّلَّةُ أَيْنَ مَا ثُقِفُوا إِلَّا بِحَبْلٍ مِّنَ اللَّهِ وَحَبْلٍ مِّنَ النَّاسِ وَبَاءُوا بِغَضَبٍ مِّنَ اللَّهِ وَضُرِبَتْ عَلَيْهِمُ الْمَسْكَنَةُ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَانُوا يَكْفُرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ وَيَقْتُلُونَ الْأَنبِيَاءَ بِغَيْرِ حَقٍّ ۚ ذَٰلِكَ بِمَا عَصَوا وَّكَانُوا يَعْتَدُونَ ۝١١٢
📖 Hiikkaa Aayah 112
Yoo waadaa Rabbirraa ta’eefi waadaa nama irraa ta’een (eegaman) malee bakkuma isaan jiran hundatti salphinni isaan irra kaayamteettiDallansuu Rabbirraa ta’eenis deebi’an; hiyyummaanis isaan irra kaayamteKun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa turaniifi karaan ala nabiyyoota ajjeesaa turaniifiKun waan isaan ajaja Rabbii didaniifi daangaa dabraa turaniifi
۞ لَيْسُوا سَوَاءً ۗ مِّنْ أَهْلِ الْكِتَابِ أُمَّةٌ قَائِمَةٌ يَتْلُونَ آيَاتِ اللَّهِ آنَاءَ اللَّيْلِ وَهُمْ يَسْجُدُونَ ۝١١٣
📖 Hiikkaa Aayah 113
Isaan wal qixa mitiAbbootii kitaabaa irraa namoota dhugaaf dhaabbatan, kan sujuudaa sa’aatii halkanii keeyyattoota Rabbii qara’antu jira
يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنكَرِ وَيُسَارِعُونَ فِي الْخَيْرَاتِ وَأُولَٰئِكَ مِنَ الصَّالِحِينَ ۝١١٤
📖 Hiikkaa Aayah 114
Rabbittiifi guyyaa Aakhiraatti amanu; toltuuttis ni ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu; gaggaarii keessattis ni arifatuIsaan sun warra gaggaarii irraayi
وَمَا يَفْعَلُوا مِنْ خَيْرٍ فَلَن يُكْفَرُوهُ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالْمُتَّقِينَ ۝١١٥
📖 Hiikkaa Aayah 115
Toltuu irraa wanta hojjatan kamillee hin dhorgatamanuRabbiin warra (Isa) sodaatan beekaadha
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَن تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُم مِّنَ اللَّهِ شَيْئًا ۖ وَأُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۚ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ ۝١١٦
📖 Hiikkaa Aayah 116
Dhugumatti isaannan kafaran, qabeenyiifi ilmaan isaanii (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin deebiftuSunniin warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha
مَثَلُ مَا يُنفِقُونَ فِي هَٰذِهِ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا كَمَثَلِ رِيحٍ فِيهَا صِرٌّ أَصَابَتْ حَرْثَ قَوْمٍ ظَلَمُوا أَنفُسَهُمْ فَأَهْلَكَتْهُ ۚ وَمَا ظَلَمَهُمُ اللَّهُ وَلَٰكِنْ أَنفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ ۝١١٧
📖 Hiikkaa Aayah 117
Fakkeenyi waan isaan jiruu addunyaa tana keessatti sadaqatanii akka fakkeenya bubbee qorri hamaan isa keessa jiru, kan ooyruu warra lubbuu isaanii miidhanii tuqxee, isa balleessiteetiRabbiin isaan hin miine; garuu isaantu lubbuu isaanii miidha
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا بِطَانَةً مِّن دُونِكُمْ لَا يَأْلُونَكُمْ خَبَالًا وَدُّوا مَا عَنِتُّمْ قَدْ بَدَتِ الْبَغْضَاءُ مِنْ أَفْوَاهِهِمْ وَمَا تُخْفِي صُدُورُهُمْ أَكْبَرُ ۚ قَدْ بَيَّنَّا لَكُمُ الْآيَاتِ ۖ إِن كُنتُمْ تَعْقِلُونَ ۝١١٨
📖 Hiikkaa Aayah 118
Yaa warra amantan! namoota isin irraa hin ta’in jaalalloo iccitii hin godhatinaaIsin balleessuu irraa duubatti hin deebi’anuRakkina keessan hawwaniDhugumatti, jibbaan afaan isaanii irraa mul’atteWanti qomni isaanii dhoksitu immoo irra guddaadhaYoo kan xiinxaltan taataniif raajiwwan ifa isiniif taasifnee jirra
هَا أَنتُمْ أُولَاءِ تُحِبُّونَهُمْ وَلَا يُحِبُّونَكُمْ وَتُؤْمِنُونَ بِالْكِتَابِ كُلِّهِ وَإِذَا لَقُوكُمْ قَالُوا آمَنَّا وَإِذَا خَلَوْا عَضُّوا عَلَيْكُمُ الْأَنَامِلَ مِنَ الْغَيْظِ ۚ قُلْ مُوتُوا بِغَيْظِكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ ۝١١٩
📖 Hiikkaa Aayah 119
Dhagaaa! isin warri sun isaan jaallattu; isaan immo isin hin jaalatanuIsin kitaabota hundatti ni amantuYeroo isin qunnaman “nuti amannee jirra” jedhuYeroo kophaa ba’an immoo dallansuu irraa kan kae quba isaanii isin irratti ciniinu“Dallansuu keessaniin du’aa" jedhiDhugumatti Rabbiin beekaa waan qoma keessa jiruuti
إِن تَمْسَسْكُمْ حَسَنَةٌ تَسُؤْهُمْ وَإِن تُصِبْكُمْ سَيِّئَةٌ يَفْرَحُوا بِهَا ۖ وَإِن تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا لَا يَضُرُّكُمْ كَيْدُهُمْ شَيْئًا ۗ إِنَّ اللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌ ۝١٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 120
Yoo toltuun wahii isin tuqe, isaan gaddisiisaYoo hamtuun isin tuqe immoo isheetti gammaduYoo isin obsitanii (Rabbiin) sodaattaniif malli isaanii homaa isin hin miidhuDhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaadha
وَإِذْ غَدَوْتَ مِنْ أَهْلِكَ تُبَوِّئُ الْمُؤْمِنِينَ مَقَاعِدَ لِلْقِتَالِ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ ۝١٢١
📖 Hiikkaa Aayah 121
Yeroo ati mu’uminoota iddoowwan lolaa kan qubsiiftu taatee maatii kee irraa ganamaan baatu [yaadadhu]Rabbiinis dhagayaa, beekaadha
إِذْ هَمَّت طَّائِفَتَانِ مِنكُمْ أَن تَفْشَلَا وَاللَّهُ وَلِيُّهُمَا ۗ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ ۝١٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 122
Yeroo gareen lamaan isin irraa taan odoo Rabbiin gargaaraa isaan lamaanii ta’uu lunnoomuu yaadan [yaadadhaa]Mu’uminoonnis Rabbirratti qofa haa irkatanu
وَلَقَدْ نَصَرَكُمُ اللَّهُ بِبَدْرٍ وَأَنتُمْ أَذِلَّةٌ ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ ۝١٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 123
Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, dirree Badriitti Rabbiin isin tumseeraAkka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa
إِذْ تَقُولُ لِلْمُؤْمِنِينَ أَلَن يَكْفِيَكُمْ أَن يُمِدَّكُمْ رَبُّكُم بِثَلَاثَةِ آلَافٍ مِّنَ الْمَلَائِكَةِ مُنزَلِينَ ۝١٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 124
Yeroo ati mu’uminootaan “sila Gooftaan keessan maleeykota kuma sadii (samii irraa) buufamoota taaniin isin gargaaruun isin hin gauu?” jettu [yaadadhaa]
بَلَىٰ ۚ إِن تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا وَيَأْتُوكُم مِّن فَوْرِهِمْ هَٰذَا يُمْدِدْكُمْ رَبُّكُم بِخَمْسَةِ آلَافٍ مِّنَ الْمَلَائِكَةِ مُسَوِّمِينَ ۝١٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 125
Eeyyeen; yoo obsitaniifi Rabbiin sodaattan, (mushrikoonnis) battalumatti isinitti dhufan; Gooftaan keessan maleeykota mallatteeffamoo ta’an kuma shaniin isin gargaara
وَمَا جَعَلَهُ اللَّهُ إِلَّا بُشْرَىٰ لَكُمْ وَلِتَطْمَئِنَّ قُلُوبُكُم بِهِ ۗ وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِندِ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ ۝١٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 126
Isin gammachiisuufi onneen keessan ittiin haa tasgabbooftuuf malee Rabbiin (waan biraatiif) isa hin taasifneTumsis Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru
لِيَقْطَعَ طَرَفًا مِّنَ الَّذِينَ كَفَرُوا أَوْ يَكْبِتَهُمْ فَيَنقَلِبُوا خَائِبِينَ ۝١٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 127
Akka xiqqaatanii deebi’aniif Isaan kafaran irraa garii balleessuuf yookiin isaan salphisuuf (kana godhe)
لَيْسَ لَكَ مِنَ الْأَمْرِ شَيْءٌ أَوْ يَتُوبَ عَلَيْهِمْ أَوْ يُعَذِّبَهُمْ فَإِنَّهُمْ ظَالِمُونَ ۝١٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 128
Hanga Rabbiin toobaa isaanii qeebalutti yookiin waan isaan miidhaa raawwattoota taaniif isaan adabutti siif murtiin homaayyuu hin jiru
وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ يَغْفِرُ لِمَن يَشَاءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝١٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 129
Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti(Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adabaRabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَأْكُلُوا الرِّبَا أَضْعَافًا مُّضَاعَفَةً ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ ۝١٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 130
Yaa warra amantan! dhala dachaalee dachaafamaa tae hin nyaatinaaAkka milkooftaniif jechas Rabbiin sodaadhaa
وَاتَّقُوا النَّارَ الَّتِي أُعِدَّتْ لِلْكَافِرِينَ ۝١٣١
📖 Hiikkaa Aayah 131
Ibidda kaafirootaaf qopheeffamte san sodaadhaa
وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ ۝١٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 132
Akka mararfatamtaniif jecha Rabbiifi ergamichaaf ajajamaa
۞ وَسَارِعُوا إِلَىٰ مَغْفِرَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ وَجَنَّةٍ عَرْضُهَا السَّمَاوَاتُ وَالْأَرْضُ أُعِدَّتْ لِلْمُتَّقِينَ ۝١٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 133
Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samiifi dachii taateetti ariifadhaa
الَّذِينَ يُنفِقُونَ فِي السَّرَّاءِ وَالضَّرَّاءِ وَالْكَاظِمِينَ الْغَيْظَ وَالْعَافِينَ عَنِ النَّاسِ ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ ۝١٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 134
(Isaan) warra yeroo gammachuufi gaddaa arjooman; kan dallansuu liqimsaniifi namootaaf dhiifama godhaniidhaRabbiinis toltuu hojjattoota ni jaalata
وَالَّذِينَ إِذَا فَعَلُوا فَاحِشَةً أَوْ ظَلَمُوا أَنفُسَهُمْ ذَكَرُوا اللَّهَ فَاسْتَغْفَرُوا لِذُنُوبِهِمْ وَمَن يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلَّا اللَّهُ وَلَمْ يُصِرُّوا عَلَىٰ مَا فَعَلُوا وَهُمْ يَعْلَمُونَ ۝١٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 135
(Isaan) warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii isaaniitiif araarama gaafataniifi haala (badii ta’uu isaa) beekaniin waan hojjatan irra hin turreedhaRabbiin malee namni badii araaramu hin jiru
أُولَٰئِكَ جَزَاؤُهُم مَّغْفِرَةٌ مِّن رَّبِّهِمْ وَجَنَّاتٌ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ وَنِعْمَ أَجْرُ الْعَامِلِينَ ۝١٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 136
Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’eefi jannata laggeen ishee jala yaatuudhaIsaan ishee keessatti hafoodhaMindaan hojjattootaa (jannata tauun) waa tole
قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِكُمْ سُنَنٌ فَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَانظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الْمُكَذِّبِينَ ۝١٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 137
Dhugumatti, isiniin dura karaaleen[] darbiteettiDachii keessa deemaatii booddeen (xumurri) kijibsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa
هَٰذَا بَيَانٌ لِّلنَّاسِ وَهُدًى وَمَوْعِظَةٌ لِّلْمُتَّقِينَ ۝١٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 138
Kun namootaaf ibsa; warra (Rabbiin) sodaataniif immoo qajeelfamaafi gorsa
وَلَا تَهِنُوا وَلَا تَحْزَنُوا وَأَنتُمُ الْأَعْلَوْنَ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 139
Yoo mu’uminoota taataniif isintu irra aanaa hin laafinaa; hin gaddinaas
إِن يَمْسَسْكُمْ قَرْحٌ فَقَدْ مَسَّ الْقَوْمَ قَرْحٌ مِّثْلُهُ ۚ وَتِلْكَ الْأَيَّامُ نُدَاوِلُهَا بَيْنَ النَّاسِ وَلِيَعْلَمَ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَيَتَّخِذَ مِنكُمْ شُهَدَاءَ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ الظَّالِمِينَ ۝١٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 140
Yoo madaan isin tuqes, dhugumatti ummatas (diinotas) madaan fakkaataan isaan tuqeeraGuyyoota sana gidduu namaatti nanaannessinaRabbiin isaan amanan mul’isuufi isin irraas wareegamtoota taasisuuf (kana godhe)Rabbiin miidhaa hojjattoota hin jaalatu
وَلِيُمَحِّصَ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَيَمْحَقَ الْكَافِرِينَ ۝١٤١
📖 Hiikkaa Aayah 141
Rabbiin warra amanan qulqulleessuufi kaafiroota immoo balleessuf (kana godhe)
أَمْ حَسِبْتُمْ أَن تَدْخُلُوا الْجَنَّةَ وَلَمَّا يَعْلَمِ اللَّهُ الَّذِينَ جَاهَدُوا مِنكُمْ وَيَعْلَمَ الصَّابِرِينَ ۝١٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 142
Sila odoo Rabbiin isin irraa warra qabsaa’aniifi warra obsan hin mul’ifne jannata seenuu yaadduu
وَلَقَدْ كُنتُمْ تَمَنَّوْنَ الْمَوْتَ مِن قَبْلِ أَن تَلْقَوْهُ فَقَدْ رَأَيْتُمُوهُ وَأَنتُمْ تَنظُرُونَ ۝١٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 143
Dhugumatti isin isa qunnamuu keessan dura du’a hawwaa turtanDhugaatti (amma) kan laaltan taatanii isa argitaniittu
وَمَا مُحَمَّدٌ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ الرُّسُلُ ۚ أَفَإِن مَّاتَ أَوْ قُتِلَ انقَلَبْتُمْ عَلَىٰ أَعْقَابِكُمْ ۚ وَمَن يَنقَلِبْ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ فَلَن يَضُرَّ اللَّهَ شَيْئًا ۗ وَسَيَجْزِي اللَّهُ الشَّاكِرِينَ ۝١٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 144
Muhammad ergamaa dhugumatti ergamoonni dura isaa dabran malee homaa mitiSila yoo inni du’e yookiin ajjeefame of duuba deebituu? Namni faana isaa irra of duuba deebi’e Rabbiin homaa hin miidhuRabbiin galateeffattootaaf fuulduratti mindaa ni galcha
وَمَا كَانَ لِنَفْسٍ أَن تَمُوتَ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ كِتَابًا مُّؤَجَّلًا ۗ وَمَن يُرِدْ ثَوَابَ الدُّنْيَا نُؤْتِهِ مِنْهَا وَمَن يُرِدْ ثَوَابَ الْآخِرَةِ نُؤْتِهِ مِنْهَا ۚ وَسَنَجْزِي الشَّاكِرِينَ ۝١٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 145
Lubbuu kamiifuu eeyyama Rabbiitiin ala duuun isheef hin taaneMurtee baallamamaa (Rabbiin murteesseedha)Nama mindaa addunyaa fedhes ishee irraa isaaf kenninaNama mindaa Aakhiraa fedhes, ishee irraa isaaf kenninaGalateeffattoota fuulduratti mindaa galchuuf jirra
وَكَأَيِّن مِّن نَّبِيٍّ قَاتَلَ مَعَهُ رِبِّيُّونَ كَثِيرٌ فَمَا وَهَنُوا لِمَا أَصَابَهُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَمَا ضَعُفُوا وَمَا اسْتَكَانُوا ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الصَّابِرِينَ ۝١٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 146
Nabiyyoota irraa kan beektonni heddu isaa wajjin lolan baayeedhaWaan karaa Rabbii keessatti isaan mudateefis hin laafne; hin dadhabnes; (diinaafis) hin jilbiiffanneRabbiin obsitoota ni jaallata
وَمَا كَانَ قَوْلَهُمْ إِلَّا أَن قَالُوا رَبَّنَا اغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَإِسْرَافَنَا فِي أَمْرِنَا وَثَبِّتْ أَقْدَامَنَا وَانصُرْنَا عَلَى الْقَوْمِ الْكَافِرِينَ ۝١٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 147
Jechi isaaniis “Gooftaa keenya! badii keenyaafi dhimmoota keenya keessatti daangaa dabriinsa keenya nuuf araarami; faana keenyas gadi dhaabi; ummata kaafirootaa irrattis nu tumsi” jechuu malee kan biraa hin taane
فَآتَاهُمُ اللَّهُ ثَوَابَ الدُّنْيَا وَحُسْنَ ثَوَابِ الْآخِرَةِ ۗ وَاللَّهُ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ ۝١٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 148
Rabbiin mindaa addunyaatiifi gaarii mindaa Aakhiraa isaaniif kenneRabbiinis toltuu hojjattoota ni jaalata
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن تُطِيعُوا الَّذِينَ كَفَرُوا يَرُدُّوكُمْ عَلَىٰ أَعْقَابِكُمْ فَتَنقَلِبُوا خَاسِرِينَ ۝١٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 149
Yaa warra amantan! Yoo warra kafaraniif ajajamtan faana keessan irra (of duuba) isin deebifnaan hoonga’oota taatanii duubatti deebitu
بَلِ اللَّهُ مَوْلَاكُمْ ۖ وَهُوَ خَيْرُ النَّاصِرِينَ ۝١٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 150
Dhugaatti Rabbiin gargaaraa keessaniInni irra caalaa tumsitootati
سَنُلْقِي فِي قُلُوبِ الَّذِينَ كَفَرُوا الرُّعْبَ بِمَا أَشْرَكُوا بِاللَّهِ مَا لَمْ يُنَزِّلْ بِهِ سُلْطَانًا ۖ وَمَأْوَاهُمُ النَّارُ ۚ وَبِئْسَ مَثْوَى الظَّالِمِينَ ۝١٥١
📖 Hiikkaa Aayah 151
Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, onnee warra kafaranii keessa fuulduratti sodaa darbinaTeessoon isaanii ibiddaTeessoon miidhaa raawwattootaa waa fokkate
وَلَقَدْ صَدَقَكُمُ اللَّهُ وَعْدَهُ إِذْ تَحُسُّونَهُم بِإِذْنِهِ ۖ حَتَّىٰ إِذَا فَشِلْتُمْ وَتَنَازَعْتُمْ فِي الْأَمْرِ وَعَصَيْتُم مِّن بَعْدِ مَا أَرَاكُم مَّا تُحِبُّونَ ۚ مِنكُم مَّن يُرِيدُ الدُّنْيَا وَمِنكُم مَّن يُرِيدُ الْآخِرَةَ ۚ ثُمَّ صَرَفَكُمْ عَنْهُمْ لِيَبْتَلِيَكُمْ ۖ وَلَقَدْ عَفَا عَنكُمْ ۗ وَاللَّهُ ذُو فَضْلٍ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ ۝١٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 152
Yeroo isin eeyyama Isaatiin isaan ajjeeftan Rabbiin waadaa Isaa isiniif dhugoomseeraErga (Rabbiin) waan jaalattan isin agarsiisee, yeroma isin lunnoomtanii ajaja keessattis wal dhabdanii, faallessitan (Rabbiinis isinii tumsuu dhiise)Isin irraa nama addunyaa fedhutu jiraIsin irraas nama Aakhiraa fedhutu jiraErgasii isin qormaatuuf jecha isaan irraa isin deebiseDhugumatti Rabbiin irra isiniif dabreeraRabbiin mu’uminoota irratti abbaa tolaati
۞ إِذْ تُصْعِدُونَ وَلَا تَلْوُونَ عَلَىٰ أَحَدٍ وَالرَّسُولُ يَدْعُوكُمْ فِي أُخْرَاكُمْ فَأَثَابَكُمْ غَمًّا بِغَمٍّ لِّكَيْلَا تَحْزَنُوا عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا مَا أَصَابَكُمْ ۗ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ ۝١٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 153
Odoo ergamaan duuba keessanii isin waamuu namtokkollee kan hin millanne taatanii yeroo baqattanu [yaadadhaa]Akka isin waan isin jala dabreefi waan isin tuqe irratti hin gaddineef jecha gadda irraan gadda isinitti buuseRabbiinis waan isin dalagdan hunda akkaan beekaadha
ثُمَّ أَنزَلَ عَلَيْكُم مِّن بَعْدِ الْغَمِّ أَمَنَةً نُّعَاسًا يَغْشَىٰ طَائِفَةً مِّنكُمْ ۖ وَطَائِفَةٌ قَدْ أَهَمَّتْهُمْ أَنفُسُهُمْ يَظُنُّونَ بِاللَّهِ غَيْرَ الْحَقِّ ظَنَّ الْجَاهِلِيَّةِ ۖ يَقُولُونَ هَل لَّنَا مِنَ الْأَمْرِ مِن شَيْءٍ ۗ قُلْ إِنَّ الْأَمْرَ كُلَّهُ لِلَّهِ ۗ يُخْفُونَ فِي أَنفُسِهِم مَّا لَا يُبْدُونَ لَكَ ۖ يَقُولُونَ لَوْ كَانَ لَنَا مِنَ الْأَمْرِ شَيْءٌ مَّا قُتِلْنَا هَاهُنَا ۗ قُل لَّوْ كُنتُمْ فِي بُيُوتِكُمْ لَبَرَزَ الَّذِينَ كُتِبَ عَلَيْهِمُ الْقَتْلُ إِلَىٰ مَضَاجِعِهِمْ ۖ وَلِيَبْتَلِيَ اللَّهُ مَا فِي صُدُورِكُمْ وَلِيُمَحِّصَ مَا فِي قُلُوبِكُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ ۝١٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 154
Ergasii cinqaa booda tasgabbii, hirriba garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuseGaree biraa immoo dhugumatti lubbuun isaanii isaan yaachifteettiWaan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu“Sila nuti dhimmicha[] irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu(Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuu isaanii keessatti dhoksu“Odoo dhimmicha irraa waan tokko qabaannee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhuJedhi “odoma manneen keessan keessa taataniiyyuu, warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qoma keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onnee keessan keessa jiran mulisuuf (kana godhe)Rabbiinis waan qoma keessaa beekaadha
إِنَّ الَّذِينَ تَوَلَّوْا مِنكُمْ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ إِنَّمَا اسْتَزَلَّهُمُ الشَّيْطَانُ بِبَعْضِ مَا كَسَبُوا ۖ وَلَقَدْ عَفَا اللَّهُ عَنْهُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ حَلِيمٌ ۝١٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 155
Dhugumatti warri isin irraa guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman duubatti deebi’an, sababaa garii wantoota isaan hojjataniitiif kan isaan mucuceesse sheyxaanumaDhugumatti Rabbiin dhiifama isaaniif godheeraRabbiin araaramaa, obsaadha
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ كَفَرُوا وَقَالُوا لِإِخْوَانِهِمْ إِذَا ضَرَبُوا فِي الْأَرْضِ أَوْ كَانُوا غُزًّى لَّوْ كَانُوا عِندَنَا مَا مَاتُوا وَمَا قُتِلُوا لِيَجْعَلَ اللَّهُ ذَٰلِكَ حَسْرَةً فِي قُلُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ ۝١٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 156
Yaa warra amantan! akka warra kafaranii obboleeyyan isaaniitiin, yeroo isaan dachii keessa deeman yookiin loltoota taan “odoo nu bira ta’anii silaa hin du’anu; hin ajjeefamanus” jedhanii hin ta’inaaRabbiin kana onnee isaanii keessatti gaabbii gochuuf (kana jedhan)Rabbiin ni jiraachisa; ni ajjeesasRabbiin waan isin dalagdanis argaadha
وَلَئِن قُتِلْتُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَوْ مُتُّمْ لَمَغْفِرَةٌ مِّنَ اللَّهِ وَرَحْمَةٌ خَيْرٌ مِّمَّا يَجْمَعُونَ ۝١٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 157
Yoo karaa Rabbii keessatti ajjeefamtan yookiin duutan, araaramaafi rahmata Rabbi irraa ta’etu waan isaan walitti qaban irra caala
وَلَئِن مُّتُّمْ أَوْ قُتِلْتُمْ لَإِلَى اللَّهِ تُحْشَرُونَ ۝١٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 158
Yoo duutan yookiin ajjeefamtanis, dhugumatti isin garuma Rabbiitti walitti qabamtu
فَبِمَا رَحْمَةٍ مِّنَ اللَّهِ لِنتَ لَهُمْ ۖ وَلَوْ كُنتَ فَظًّا غَلِيظَ الْقَلْبِ لَانفَضُّوا مِنْ حَوْلِكَ ۖ فَاعْفُ عَنْهُمْ وَاسْتَغْفِرْ لَهُمْ وَشَاوِرْهُمْ فِي الْأَمْرِ ۖ فَإِذَا عَزَمْتَ فَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَوَكِّلِينَ ۝١٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 159
(Yaa Muhammad!) rahmata Rabbi irraa ta’een isaaniif laafteOdoo ati nama haala gadheefi qalbii gogaa taatee silaa si biraa faca’uIrra isaaniif darbi; isaaniifis araarama kadhu; dhimmoota (adda addaa) irrattis isaan mari’achiisiYeroo murattes Rabbirratti hirkadhuDhugumatti, Rabbiin warra (Isa) irratti hirkatan ni jaalata
إِن يَنصُرْكُمُ اللَّهُ فَلَا غَالِبَ لَكُمْ ۖ وَإِن يَخْذُلْكُمْ فَمَن ذَا الَّذِي يَنصُرُكُم مِّن بَعْدِهِ ۗ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ ۝١٦٠
📖 Hiikkaa Aayah 160
Yoo Rabbiin isin gargaare, wanti isin injifatu hin jiruYoo Inni isin xiqqeesse immoo, inni booda isaatii isin gargaaru sun eenyu? Mu’uminoonni Rabbuma irratti haa hirkatanu
وَمَا كَانَ لِنَبِيٍّ أَن يَغُلَّ ۚ وَمَن يَغْلُلْ يَأْتِ بِمَا غَلَّ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ ثُمَّ تُوَفَّىٰ كُلُّ نَفْسٍ مَّا كَسَبَتْ وَهُمْ لَا يُظْلَمُونَ ۝١٦١
📖 Hiikkaa Aayah 161
Nabiyyii kamiifuu (boojuu) dhokfachuun hin taaneNamni boojuu irraa miliqfate, Guyyaa Qiyaamaa waan miliqfate qabatee dhufaErgasii lubbuun hundi mindaa waan hojjattee guutuutti argattiIsaanis hin miidhamanu
أَفَمَنِ اتَّبَعَ رِضْوَانَ اللَّهِ كَمَن بَاءَ بِسَخَطٍ مِّنَ اللَّهِ وَمَأْوَاهُ جَهَنَّمُ ۚ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ ۝١٦٢
📖 Hiikkaa Aayah 162
Sila namni jaalala Rabbii hordofe akka nama dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee manni isaa jahannam taeetii? Deebiin isaa waa fokkate
هُمْ دَرَجَاتٌ عِندَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِمَا يَعْمَلُونَ ۝١٦٣
📖 Hiikkaa Aayah 163
Isaan Rabbiin biratti sadarkaa adda addaa qabuRabbiinis waan isaan dalagan argaadha
لَقَدْ مَنَّ اللَّهُ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ إِذْ بَعَثَ فِيهِمْ رَسُولًا مِّنْ أَنفُسِهِمْ يَتْلُو عَلَيْهِمْ آيَاتِهِ وَيُزَكِّيهِمْ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَإِن كَانُوا مِن قَبْلُ لَفِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ ۝١٦٤
📖 Hiikkaa Aayah 164
Dhugumatti Rabbiin yeroo ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara’u, (badii) irraas isaan qulqulleessu, kitaabaafi sunnaa (hikmaa) isaan barsiisu isaan keessatti ergu mu’uminoota irratti tola ooleeraDhugaatti sana dura isaan jallina ifa bahaa keessa turan
أَوَلَمَّا أَصَابَتْكُم مُّصِيبَةٌ قَدْ أَصَبْتُم مِّثْلَيْهَا قُلْتُمْ أَنَّىٰ هَٰذَا ۖ قُلْ هُوَ مِنْ عِندِ أَنفُسِكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝١٦٥
📖 Hiikkaa Aayah 165
Sila yeroma rakkoon kan isin fakkaataa ishee lama (injifannoo) argattan isin mudattu “kun eessaa nutti dhufe” jettuu? “Inni isinuma biraayyi" jedhiDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha
وَمَا أَصَابَكُمْ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ فَبِإِذْنِ اللَّهِ وَلِيَعْلَمَ الْمُؤْمِنِينَ ۝١٦٦
📖 Hiikkaa Aayah 166
Wanti guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman isin tuqe hayyamuma Rabbiitiini(Rabbiin) mu’uminootas (ittiin) ifa baasuuf (akkas godhe)
وَلِيَعْلَمَ الَّذِينَ نَافَقُوا ۚ وَقِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا قَاتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَوِ ادْفَعُوا ۖ قَالُوا لَوْ نَعْلَمُ قِتَالًا لَّاتَّبَعْنَاكُمْ ۗ هُمْ لِلْكُفْرِ يَوْمَئِذٍ أَقْرَبُ مِنْهُمْ لِلْإِيمَانِ ۚ يَقُولُونَ بِأَفْوَاهِهِم مَّا لَيْسَ فِي قُلُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا يَكْتُمُونَ ۝١٦٧
📖 Hiikkaa Aayah 167
Isaan munaafiqoomanii “kottaa; karaa Rabbii keessatti lolaa; yookiin ofirraa deebisaa” isaaniin jedhamnaan “nuti odoo lola beeknee silaa isin hordofna turre” jedhanis akka ifa baasuufIsaan guyyaa san amantii caalaa kufriitti irra dhihoodhaWaan onnee isaanii keessa hin jirre afaan isaaniitiin jedhuRabbiinis irra beekaa waan isaan dhoksaniiti
الَّذِينَ قَالُوا لِإِخْوَانِهِمْ وَقَعَدُوا لَوْ أَطَاعُونَا مَا قُتِلُوا ۗ قُلْ فَادْرَءُوا عَنْ أَنفُسِكُمُ الْمَوْتَ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ ۝١٦٨
📖 Hiikkaa Aayah 168
(Isaan) warra taa’anii obboleeyyan isaaniitiin “odoo nuuf ajajamanii silaa hin ajjeefamanu turan” jedhaniidha“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif du’a lubbuu keessan irraa deebisaa” jedhi
وَلَا تَحْسَبَنَّ الَّذِينَ قُتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَمْوَاتًا ۚ بَلْ أَحْيَاءٌ عِندَ رَبِّهِمْ يُرْزَقُونَ ۝١٦٩
📖 Hiikkaa Aayah 169
Warra karaa Rabbii keessatti du’an du’aatti hin yaadinDhugumatti isaan Gooftaa isaanii biratti jiraatoodha; ni sooramu
فَرِحِينَ بِمَا آتَاهُمُ اللَّهُ مِن فَضْلِهِ وَيَسْتَبْشِرُونَ بِالَّذِينَ لَمْ يَلْحَقُوا بِهِم مِّنْ خَلْفِهِمْ أَلَّا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ ۝١٧٠
📖 Hiikkaa Aayah 170
Isaan waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen gammadoo taanii (sooramu)Warra isaan boodaa kan isaan hin dhaqqabiniinis waan sodaan isaan irra hin jirreefi isaanis hin gaddineef jecha ni gammadu
۞ يَسْتَبْشِرُونَ بِنِعْمَةٍ مِّنَ اللَّهِ وَفَضْلٍ وَأَنَّ اللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ الْمُؤْمِنِينَ ۝١٧١
📖 Hiikkaa Aayah 171
Ni’imaafi tola Rabbirraa ta’eefi Rabbiin mindaa mu’uminootaa balleessuu dhabuun ni gammadu
الَّذِينَ اسْتَجَابُوا لِلَّهِ وَالرَّسُولِ مِن بَعْدِ مَا أَصَابَهُمُ الْقَرْحُ ۚ لِلَّذِينَ أَحْسَنُوا مِنْهُمْ وَاتَّقَوْا أَجْرٌ عَظِيمٌ ۝١٧٢
📖 Hiikkaa Aayah 172
(Isaan) warra erga madaan isaan tuqee booda Rabbiifi ergamaaf awwaataniidhaIsaan irraa warra toltuu hojjataniifi Rabbiin sodaataniif mindaa guddaatu jira
الَّذِينَ قَالَ لَهُمُ النَّاسُ إِنَّ النَّاسَ قَدْ جَمَعُوا لَكُمْ فَاخْشَوْهُمْ فَزَادَهُمْ إِيمَانًا وَقَالُوا حَسْبُنَا اللَّهُ وَنِعْمَ الْوَكِيلُ ۝١٧٣
📖 Hiikkaa Aayah 173
(Isaan) warra namoonni isaaniin “Namoonni isiniif (waraana) walitti qabanii jiruu sodaadhaa” jennaan iimaana isaaniif dabalee “ga’aan keenya Rabbii, isarratti hirkachuun toleera” jedhaniidha
فَانقَلَبُوا بِنِعْمَةٍ مِّنَ اللَّهِ وَفَضْلٍ لَّمْ يَمْسَسْهُمْ سُوءٌ وَاتَّبَعُوا رِضْوَانَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ ذُو فَضْلٍ عَظِيمٍ ۝١٧٤
📖 Hiikkaa Aayah 174
Odoo hamtuun isaan hin tuqin jaalala Rabbiis hordofanii ni’imaa Rabbi irraa ta’eefi tola isaatiin deebi’anRabbiin abbaa tola guddaati
إِنَّمَا ذَٰلِكُمُ الشَّيْطَانُ يُخَوِّفُ أَوْلِيَاءَهُ فَلَا تَخَافُوهُمْ وَخَافُونِ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ ۝١٧٥
📖 Hiikkaa Aayah 175
Inni sun sheyxaana; jaalalloo isaa (isin) sodaachisaa, yoo mu’umina taataniif isaan hin sodaatinaatii anuma sodaadhaa
وَلَا يَحْزُنكَ الَّذِينَ يُسَارِعُونَ فِي الْكُفْرِ ۚ إِنَّهُمْ لَن يَضُرُّوا اللَّهَ شَيْئًا ۗ يُرِيدُ اللَّهُ أَلَّا يَجْعَلَ لَهُمْ حَظًّا فِي الْآخِرَةِ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ ۝١٧٦
📖 Hiikkaa Aayah 176
Isaan kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisinIsaan Rabbiin homaa hin miidhanuRabbiin akka isaaniif Aakhiratti qooda homaatuu hin taasifne fedhaIsaaniifis adabbii guddaatu jira
إِنَّ الَّذِينَ اشْتَرَوُا الْكُفْرَ بِالْإِيمَانِ لَن يَضُرُّوا اللَّهَ شَيْئًا وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ ۝١٧٧
📖 Hiikkaa Aayah 177
Dhugumatti isaan iimaanaan kufriijijjiirratan, Rabbiin homaa hin miidhanuAmmas isaaniif adabbii laalessaatu jira
وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا أَنَّمَا نُمْلِي لَهُمْ خَيْرٌ لِّأَنفُسِهِمْ ۚ إِنَّمَا نُمْلِي لَهُمْ لِيَزْدَادُوا إِثْمًا ۚ وَلَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ ۝١٧٨
📖 Hiikkaa Aayah 178
Warri kafaran (adabbii) isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif tauu hin yaadinKan Nuti isaaniif tursiifnuuf akka badii dabalataniif qofaAmmas isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira
مَّا كَانَ اللَّهُ لِيَذَرَ الْمُؤْمِنِينَ عَلَىٰ مَا أَنتُمْ عَلَيْهِ حَتَّىٰ يَمِيزَ الْخَبِيثَ مِنَ الطَّيِّبِ ۗ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُطْلِعَكُمْ عَلَى الْغَيْبِ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يَجْتَبِي مِن رُّسُلِهِ مَن يَشَاءُ ۖ فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۚ وَإِن تُؤْمِنُوا وَتَتَّقُوا فَلَكُمْ أَجْرٌ عَظِيمٌ ۝١٧٩
📖 Hiikkaa Aayah 179
Hanga fokkataa gaarii irraa adda fooyutti Rabbiin waan isin irra jirtan irratti kan mu’uminoota dhiisu hin taaneAmmas Rabbiin fagoo irratti kan isin mullisu hin taaneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa irraa nama fedhe filataRabbiifi ergamaa Isaatti amanaaYoo amantanii (Rabbiin) sodaattan, mindaa guddaatu isiniif jira
وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ يَبْخَلُونَ بِمَا آتَاهُمُ اللَّهُ مِن فَضْلِهِ هُوَ خَيْرًا لَّهُم ۖ بَلْ هُوَ شَرٌّ لَّهُمْ ۖ سَيُطَوَّقُونَ مَا بَخِلُوا بِهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ وَلِلَّهِ مِيرَاثُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ ۝١٨٠
📖 Hiikkaa Aayah 180
Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen don’oomanu inni isaaniif gaarii tauu hin yaadinDhugumatti inni isaaniif badaadhaFuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa (bofa ta’ee) isaanitti fannifamaDhaalli samiifi dachii kanuma RabbiitiRabbiinis waan isin dalagdan beekaadha
لَّقَدْ سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ فَقِيرٌ وَنَحْنُ أَغْنِيَاءُ ۘ سَنَكْتُبُ مَا قَالُوا وَقَتْلَهُمُ الْأَنبِيَاءَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَنَقُولُ ذُوقُوا عَذَابَ الْحَرِيقِ ۝١٨١
📖 Hiikkaa Aayah 181
Dhugumatti Rabbiin jecha warra “Rabbiin hiyyeessa; nuti dureeyyiidha” jedhanii dhagayeeraWaan isaan jedhaniifi ajjeechaa isaan nabiyyoota irratti haqaan ala raawwatanis ni barreessina“Adaba (ibidda) gubaas dhandhamaa” isaaniin jenna
ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّامٍ لِّلْعَبِيدِ ۝١٨٢
📖 Hiikkaa Aayah 182
Sun sababaa waan harki keessan dabarfatteefi Rabbiinis gabroota kan miidhu tauu dhabuu isaatiini
الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ عَهِدَ إِلَيْنَا أَلَّا نُؤْمِنَ لِرَسُولٍ حَتَّىٰ يَأْتِيَنَا بِقُرْبَانٍ تَأْكُلُهُ النَّارُ ۗ قُلْ قَدْ جَاءَكُمْ رُسُلٌ مِّن قَبْلِي بِالْبَيِّنَاتِ وَبِالَّذِي قُلْتُمْ فَلِمَ قَتَلْتُمُوهُمْ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ ۝١٨٣
📖 Hiikkaa Aayah 183
(Isaan) warra “hanga inni kennaa (qurbaana) ibiddi nyaatuun nutti dhufutti akka ergamaa kamittiyyuu hin amanne Rabbiin nu ajajeera” jedhaniidha“Dhugumatti ana duras ergamtoonni ragoota ifa ta’aniifi isa isin jettaniinis isinitti dhufanii jiruYoo kan dhugaa jettan taataniif maaliif isaan ajjeeftan?” jedhi
فَإِن كَذَّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَ رُسُلٌ مِّن قَبْلِكَ جَاءُوا بِالْبَيِّنَاتِ وَالزُّبُرِ وَالْكِتَابِ الْمُنِيرِ ۝١٨٤
📖 Hiikkaa Aayah 184
Yoo si kijibsiisaniif, ergamtoonni si duraa kan ragoota ifa ta’an, xalayaafi kitaaba ibsaa taeen dhufanis kijibsiifamanii jiru
كُلُّ نَفْسٍ ذَائِقَةُ الْمَوْتِ ۗ وَإِنَّمَا تُوَفَّوْنَ أُجُورَكُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۖ فَمَن زُحْزِحَ عَنِ النَّارِ وَأُدْخِلَ الْجَنَّةَ فَقَدْ فَازَ ۗ وَمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا مَتَاعُ الْغُرُورِ ۝١٨٥
📖 Hiikkaa Aayah 185
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaMindaawwan keessanis guutummaatti kan argattan Guyyaa QiyaamatiNamni ibidda irraa fageeffamee jannata seensifame, dhugumatti milkaayeeraJireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa
۞ لَتُبْلَوُنَّ فِي أَمْوَالِكُمْ وَأَنفُسِكُمْ وَلَتَسْمَعُنَّ مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِن قَبْلِكُمْ وَمِنَ الَّذِينَ أَشْرَكُوا أَذًى كَثِيرًا ۚ وَإِن تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا فَإِنَّ ذَٰلِكَ مِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ ۝١٨٦
📖 Hiikkaa Aayah 186
Isin dhugumatti qabeenya keessaniifi lubbuu keessan keessatti ni qormaatamtuWarra isin dura kitaabni kennameef irraafi warra (Rabbitti) qindeessan irraas wantoota isin rakkisan baay’ee dhageessuYoo obsitanii, (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti kun gocha cimaadha
وَإِذْ أَخَذَ اللَّهُ مِيثَاقَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ لَتُبَيِّنُنَّهُ لِلنَّاسِ وَلَا تَكْتُمُونَهُ فَنَبَذُوهُ وَرَاءَ ظُهُورِهِمْ وَاشْتَرَوْا بِهِ ثَمَنًا قَلِيلًا ۖ فَبِئْسَ مَا يَشْتَرُونَ ۝١٨٧
📖 Hiikkaa Aayah 187
Yeroo Rabbiin warra kitaaba kennamaniin “namootaaf isa ibsaa; akka isa hin dhoksine” (jedheenii) irraa waadaa kakuun jabeeffame fuudhe [yaadadhu]Isaan garuu dugda duuba isaaniitti isa darbanii gatii xiqqaattis isa gurguratanWanti isaan bitatan waa fokkate
لَا تَحْسَبَنَّ الَّذِينَ يَفْرَحُونَ بِمَا أَتَوا وَّيُحِبُّونَ أَن يُحْمَدُوا بِمَا لَمْ يَفْعَلُوا فَلَا تَحْسَبَنَّهُم بِمَفَازَةٍ مِّنَ الْعَذَابِ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ ۝١٨٨
📖 Hiikkaa Aayah 188
Warra waan hojjatanitti gammadanii, waan hin dalagin irratti galateeffatamuu jaalatan hin yaadin; adabbii irraa baraaramuu isaaniis hin yaadinIsaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira
وَلِلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝١٨٩
📖 Hiikkaa Aayah 189
Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiRabbiinis waan hunda irratti danda’aadha
إِنَّ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَاخْتِلَافِ اللَّيْلِ وَالنَّهَارِ لَآيَاتٍ لِّأُولِي الْأَلْبَابِ ۝١٩٠
📖 Hiikkaa Aayah 190
Uumuu samiifi dachii; wal bakka bu’uu halkaniifi guyyaa keessa warra sammuu qabaniif mallattooleetu jira
الَّذِينَ يَذْكُرُونَ اللَّهَ قِيَامًا وَقُعُودًا وَعَلَىٰ جُنُوبِهِمْ وَيَتَفَكَّرُونَ فِي خَلْقِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ رَبَّنَا مَا خَلَقْتَ هَٰذَا بَاطِلًا سُبْحَانَكَ فَقِنَا عَذَابَ النَّارِ ۝١٩١
📖 Hiikkaa Aayah 191
(Isaan) warra dhaabatanii, taa’anii, cinaacha isaanii irrattis Rabbiin faarsanii, “yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraas nu baraarsi" jedhaa uumama samiifi dachii keessattis xiinxalaniidha
رَبَّنَا إِنَّكَ مَن تُدْخِلِ النَّارَ فَقَدْ أَخْزَيْتَهُ ۖ وَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ أَنصَارٍ ۝١٩٢
📖 Hiikkaa Aayah 192
(Ammas) "Gooftaa keenya! Ati nama ibidda seensifte, dhugumatti isa salphiftee jirtaMiidhaa hojjattootaaf gargaaraan hin jiru
رَّبَّنَا إِنَّنَا سَمِعْنَا مُنَادِيًا يُنَادِي لِلْإِيمَانِ أَنْ آمِنُوا بِرَبِّكُمْ فَآمَنَّا ۚ رَبَّنَا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَكَفِّرْ عَنَّا سَيِّئَاتِنَا وَتَوَفَّنَا مَعَ الْأَبْرَارِ ۝١٩٣
📖 Hiikkaa Aayah 193
Gooftaa keenya! dhugumatti nuti lallabaa ‘Gooftaa keessanitti amanaa’ jechuun iimaanaaf lallabu dhageenyee amannee jirraGooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi
رَبَّنَا وَآتِنَا مَا وَعَدتَّنَا عَلَىٰ رُسُلِكَ وَلَا تُخْزِنَا يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ إِنَّكَ لَا تُخْلِفُ الْمِيعَادَ ۝١٩٤
📖 Hiikkaa Aayah 194
Gooftaa keenya! Waan ergamtoota kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenniGuyyaa Qiyaamaas nu hin salphisinDhugumatti Ati waadaa hin faallessitu" (jedhaa xiinxalanii dha)
فَاسْتَجَابَ لَهُمْ رَبُّهُمْ أَنِّي لَا أُضِيعُ عَمَلَ عَامِلٍ مِّنكُم مِّن ذَكَرٍ أَوْ أُنثَىٰ ۖ بَعْضُكُم مِّن بَعْضٍ ۖ فَالَّذِينَ هَاجَرُوا وَأُخْرِجُوا مِن دِيَارِهِمْ وَأُوذُوا فِي سَبِيلِي وَقَاتَلُوا وَقُتِلُوا لَأُكَفِّرَنَّ عَنْهُمْ سَيِّئَاتِهِمْ وَلَأُدْخِلَنَّهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ثَوَابًا مِّنْ عِندِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ عِندَهُ حُسْنُ الثَّوَابِ ۝١٩٥
📖 Hiikkaa Aayah 195
Gooftaan isaaniis “Ani dalagaa nama isin irraa dalagee kan dhiiraas ta’ee dhalaa hin balleessuGariin keessan garii irraayyi" jechuun isaaniif awwaateIsaannan godaananii; manneen isaanii irraa baafamanii, kan karaa kiyya keessatti rakkifamanii,fi lolaniifi ajjeefaman, dhugumatti hamtuuwwan isaanii isaan irraa harcaaseen ashaakiltii laggeen jala ishee yaatu isaan seensisaMindaa Rabbiin biraa ta’e (mindeffaman)Rabbiin isa bira mindaa gaariitu jira
لَا يَغُرَّنَّكَ تَقَلُّبُ الَّذِينَ كَفَرُوا فِي الْبِلَادِ ۝١٩٦
📖 Hiikkaa Aayah 196
Dachii keessa garagaggaluun warra kafaranii si hin gowwoomsin
مَتَاعٌ قَلِيلٌ ثُمَّ مَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ ۚ وَبِئْسَ الْمِهَادُ ۝١٩٧
📖 Hiikkaa Aayah 197
(Kun) qananii muraasaErgasii teesson isaanii jahannamiAfatichi waa fokkate
لَٰكِنِ الَّذِينَ اتَّقَوْا رَبَّهُمْ لَهُمْ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا نُزُلًا مِّنْ عِندِ اللَّهِ ۗ وَمَا عِندَ اللَّهِ خَيْرٌ لِّلْأَبْرَارِ ۝١٩٨
📖 Hiikkaa Aayah 198
Garuu isaan Gooftaa isaanii sodaatan ishee keessatti hafoo taanii isaaniif ashaakiltiilee laggeen ishee jala yaatutu jiraAffeerraa Rabbiin biraa ta’e (affeeraman)Waan Rabbin biraatu qulqullootaaf caalaadha
وَإِنَّ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ لَمَن يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَمَا أُنزِلَ إِلَيْكُمْ وَمَا أُنزِلَ إِلَيْهِمْ خَاشِعِينَ لِلَّهِ لَا يَشْتَرُونَ بِآيَاتِ اللَّهِ ثَمَنًا قَلِيلًا ۗ أُولَٰئِكَ لَهُمْ أَجْرُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ ۝١٩٩
📖 Hiikkaa Aayah 199
Warra kitaabaa irraa kan Rabbiif of gadi qaban, Keeyyattoota Rabbii maallaqa xiqqaan hin jijjiirranne taanii warra Rabbiitti, waan gara keessanitti buufameefi waan gara isaaniitti buufamettis amanantu jiruWarri sun isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jiraDhugumatti, Rabbiin qormaanni isaa ariifataadha
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اصْبِرُوا وَصَابِرُوا وَرَابِطُوا وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ ۝٢٠٠
📖 Hiikkaa Aayah 200
Yaa warra amantan! Obsaa; obsaan (diinota keessan) injifadhaa; karaa Rabbii keessattis of hidhaaAkka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa
← 2 Aal-Imran (3/114) 4 →
Dubbisi Suuratu Aal-Imran Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

3آل عمران Aal-Imran 📚 200 Aayah مدنية

Aayah amma aayah – Suuratu Aal-Imran — 200 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers