Suuratu Ad-Dukhan Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Ad-Dukhan hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (59 Aayah — مكية). Ad-Dukhan Caqasi, Ad-Dukhan Hiikkaa, Ad-Dukhan mp3, Ad-Dukhan pdf.

Suuratu Ad-Dukhan Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
حم ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Haa Miim
وَالْكِتَابِ الْمُبِينِ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha)
إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةٍ مُّبَارَكَةٍ ۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra
فِيهَا يُفْرَقُ كُلُّ أَمْرٍ حَكِيمٍ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama
أَمْرًا مِّنْ عِندِنَا ۚ إِنَّا كُنَّا مُرْسِلِينَ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra
رَحْمَةً مِّن رَّبِّكَ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha
رَبِّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa)
لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ رَبُّكُمْ وَرَبُّ آبَائِكُمُ الْأَوَّلِينَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati
بَلْ هُمْ فِي شَكٍّ يَلْعَبُونَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu
فَارْتَقِبْ يَوْمَ تَأْتِي السَّمَاءُ بِدُخَانٍ مُّبِينٍ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi
يَغْشَى النَّاسَ ۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٌ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha
رَّبَّنَا اكْشِفْ عَنَّا الْعَذَابَ إِنَّا مُؤْمِنُونَ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu)
أَنَّىٰ لَهُمُ الذِّكْرَىٰ وَقَدْ جَاءَهُمْ رَسُولٌ مُّبِينٌ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata
ثُمَّ تَوَلَّوْا عَنْهُ وَقَالُوا مُعَلَّمٌ مَّجْنُونٌ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan
إِنَّا كَاشِفُو الْعَذَابِ قَلِيلًا ۚ إِنَّكُمْ عَائِدُونَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha
يَوْمَ نَبْطِشُ الْبَطْشَةَ الْكُبْرَىٰ إِنَّا مُنتَقِمُونَ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha
۞ وَلَقَدْ فَتَنَّا قَبْلَهُمْ قَوْمَ فِرْعَوْنَ وَجَاءَهُمْ رَسُولٌ كَرِيمٌ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe
أَنْ أَدُّوا إِلَيَّ عِبَادَ اللَّهِ ۖ إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe)
وَأَن لَّا تَعْلُوا عَلَى اللَّهِ ۖ إِنِّي آتِيكُم بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis
وَإِنِّي عُذْتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمْ أَن تَرْجُمُونِ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe
وَإِن لَّمْ تُؤْمِنُوا لِي فَاعْتَزِلُونِ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
فَدَعَا رَبَّهُ أَنَّ هَٰؤُلَاءِ قَوْمٌ مُّجْرِمُونَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe)
فَأَسْرِ بِعِبَادِي لَيْلًا إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota
وَاتْرُكِ الْبَحْرَ رَهْوًا ۖ إِنَّهُمْ جُندٌ مُّغْرَقُونَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”
كَمْ تَرَكُوا مِن جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan
وَزُرُوعٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis
وَنَعْمَةٍ كَانُوا فِيهَا فَاكِهِينَ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Qananii ishee keessatti gammadaa turanis
كَذَٰلِكَ ۖ وَأَوْرَثْنَاهَا قَوْمًا آخَرِينَ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne
فَمَا بَكَتْ عَلَيْهِمُ السَّمَاءُ وَالْأَرْضُ وَمَا كَانُوا مُنظَرِينَ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre
وَلَقَدْ نَجَّيْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ مِنَ الْعَذَابِ الْمُهِينِ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne
مِن فِرْعَوْنَ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَالِيًا مِّنَ الْمُسْرِفِينَ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera
وَلَقَدِ اخْتَرْنَاهُمْ عَلَىٰ عِلْمٍ عَلَى الْعَالَمِينَ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne
وَآتَيْنَاهُم مِّنَ الْآيَاتِ مَا فِيهِ بَلَاءٌ مُّبِينٌ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine
إِنَّ هَٰؤُلَاءِ لَيَقُولُونَ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu
إِنْ هِيَ إِلَّا مَوْتَتُنَا الْأُولَىٰ وَمَا نَحْنُ بِمُنشَرِينَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu
فَأْتُوا بِآبَائِنَا إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
أَهُمْ خَيْرٌ أَمْ قَوْمُ تُبَّعٍ وَالَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ أَهْلَكْنَاهُمْ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا مُجْرِمِينَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine
وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا لَاعِبِينَ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne
مَا خَلَقْنَاهُمَا إِلَّا بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
إِنَّ يَوْمَ الْفَصْلِ مِيقَاتُهُمْ أَجْمَعِينَ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati
يَوْمَ لَا يُغْنِي مَوْلًى عَن مَّوْلًى شَيْئًا وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha
إِلَّا مَن رَّحِمَ اللَّهُ ۚ إِنَّهُ هُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha
إِنَّ شَجَرَتَ الزَّقُّومِ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’
طَعَامُ الْأَثِيمِ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Nyaata dilaawaati
كَالْمُهْلِ يَغْلِي فِي الْبُطُونِ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa
كَغَلْيِ الْحَمِيمِ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Akka danfuu bishaan ho’aatti
خُذُوهُ فَاعْتِلُوهُ إِلَىٰ سَوَاءِ الْجَحِيمِ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa
ثُمَّ صُبُّوا فَوْقَ رَأْسِهِ مِنْ عَذَابِ الْحَمِيمِ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa
ذُقْ إِنَّكَ أَنتَ الْعَزِيزُ الْكَرِيمُ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee
إِنَّ هَٰذَا مَا كُنتُم بِهِ تَمْتَرُونَ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama)
إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي مَقَامٍ أَمِينٍ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa
فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa
يَلْبَسُونَ مِن سُندُسٍ وَإِسْتَبْرَقٍ مُّتَقَابِلِينَ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu
كَذَٰلِكَ وَزَوَّجْنَاهُم بِحُورٍ عِينٍ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne
يَدْعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَاكِهَةٍ آمِنِينَ ۝٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 55
Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu
لَا يَذُوقُونَ فِيهَا الْمَوْتَ إِلَّا الْمَوْتَةَ الْأُولَىٰ ۖ وَوَقَاهُمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ ۝٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 56
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse
فَضْلًا مِّن رَّبِّكَ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ ۝٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 57
Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha
فَإِنَّمَا يَسَّرْنَاهُ بِلِسَانِكَ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ ۝٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 58
Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne
فَارْتَقِبْ إِنَّهُم مُّرْتَقِبُونَ ۝٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 59
(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha
← 43 Ad-Dukhan (44/114) 45 →
Dubbisi Suuratu Ad-Dukhan Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

44الدخان Ad-Dukhan 📚 59 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Ad-Dukhan — 59 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers