🔥 0 day streak
📖 Long surah — split into smaller parts to help you focus (110 Aayah)
0/110
18:1
🔁 0/5
ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ عَلَىٰ عَبۡدِهِ ٱلۡكِتَٰبَ وَلَمۡ يَجۡعَل لَّهُۥ عِوَجَاۜ ١
Alhamdu lillaahil lazeee anzala `alaa `abdihil kitaaba wa lam yaj`al lahoo `iwajaa
Faaruun hundi kan Rabbii gabricha Isaa irratti kitaaba buusee isa keessattis daba hin godhiniiti
🎤 Your recording:
18:2
🔁 0/5
قَيِّمًا لِّيُنذِرَ بَأۡسًا شَدِيدًا مِّن لَّدُنۡهُ وَيُبَشِّرَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمۡ أَجۡرًا حَسَنًا ٢
Qaiyimal liyunzira baasan shadeedam mil ladunhu wa yubashshiral mu`mineenal lazeena ya`maloonas saalihaati anna lahum ajran hasanaa
Qajeelaa (godhee) akka adabbii cimaa Isa biraa ta’e ittiin sodaachisee, mu’uminoota gaggaarii hojjatan ‘mindaan bareedaan isaaniif jiraachuudhaan’ gammachiisuuf (buuse)
🎤 Your recording:
18:3
🔁 0/5
مَّٰكِثِينَ فِيهِ أَبَدًا ٣
Maakiseena feehi abadaa
Isa keessa yeroo hunda jiraatoodha
🎤 Your recording:
18:4
🔁 0/5
وَيُنذِرَ ٱلَّذِينَ قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدًا ٤
Wa yunziral lazeena qaalut takhazal laahu waladaa
Isaan “Rabbiin ilma qaba” jedhanis sodaachisuuf (isa buuse)
🎤 Your recording:
18:5
🔁 0/5
مَّا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍ وَلَا لِأٓبَآئِهِمۡۚ كَبُرَتۡ كَلِمَةً تَخۡرُجُ مِنۡ أَفۡوَٰهِهِمۡۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبًا ٥
Maa lahum bihee min `ilminw wa laa li aabaaa`ihim; kaburat kalimatan takhruju min afwaahihim; iny yaqooloona illaa kazibaa
Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi[] hin jiruJechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu
🎤 Your recording:
18:6
🔁 0/5
فَلَعَلَّكَ بَٰخِعٌ نَّفۡسَكَ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ إِن لَّمۡ يُؤۡمِنُواْ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَسَفًا ٦
Fala`allaka baakhi`un nafsaka `alaaa aasaarihim illam yu;minoo bihaazal hadeesi asafaa
Yoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama
🎤 Your recording:
18:7
🔁 0/5
إِنَّا جَعَلۡنَا مَا عَلَى ٱلۡأَرۡضِ زِينَةً لَّهَا لِنَبۡلُوَهُمۡ أَيُّهُمۡ أَحۡسَنُ عَمَلًا ٧
Innaa ja`alnaa ma `alal ardi zeenatal lahaa linabluwahum ayyuhum ahsanu `amalaa
Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyu akka irra tolchee hojjatu mul’isuuf waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne
🎤 Your recording:
18:8
🔁 0/5
وَإِنَّا لَجَٰعِلُونَ مَا عَلَيۡهَا صَعِيدًا جُرُزًا ٨
Wa innaa lajaa `iloona maa `alaihaa sa`aeedan juruzaa
Dhugumatti, Nuti wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne taasisoodha
🎤 Your recording:
18:9
🔁 0/5
أَمۡ حَسِبۡتَ أَنَّ أَصۡحَٰبَ ٱلۡكَهۡفِ وَٱلرَّقِيمِ كَانُواْ مِنۡ ءَايَٰتِنَا عَجَبًا ٩
Am hasibta anna Ashaabal Kahfi war Raqeemi kaanoo min Aayaatinaa `ajabaa
Sila (seenaan) warra holqaafi gabatee mallattoolee keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee
🎤 Your recording:
18:10
🔁 0/5
إِذۡ أَوَى ٱلۡفِتۡيَةُ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ فَقَالُواْ رَبَّنَآ ءَاتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحۡمَةً وَهَيِّئۡ لَنَا مِنۡ أَمۡرِنَا رَشَدًا ١٠
Iz awal fityatu ilal Kahfi faqaaloo Rabbanaaa aatinaa mil ladunka rahmatanw wa haiyi` lanaa min amrinaa rashadaa
Yeroo dargaggoonni gara holqaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu)
🎤 Your recording:
18:11
🔁 0/5
فَضَرَبۡنَا عَلَىٰٓ ءَاذَانِهِمۡ فِي ٱلۡكَهۡفِ سِنِينَ عَدَدًا ١١
Fadarabnaa `alaaa aazaanihim fil Kahfi seneena `adadaa
Holqa keessattis waggoota lakkaa’amaniif dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine
🎤 Your recording:
18:12
🔁 0/5
ثُمَّ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِنَعۡلَمَ أَيُّ ٱلۡحِزۡبَيۡنِ أَحۡصَىٰ لِمَا لَبِثُوٓاْ أَمَدًا ١٢
Summa ba`asnaahum lina`lama ayyul hizbaini ahsaa limaa labisooo amadaa
Ergasii Nuti ‘kamii gareewwan lamaaniitu dheerina yeroo turanii irra hubataa beekuuf jecha’ isaan dammaqsine
🎤 Your recording:
18:13
🔁 0/5
نَّحۡنُ نَقُصُّ عَلَيۡكَ نَبَأَهُم بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّهُمۡ فِتۡيَةٌ ءَامَنُواْ بِرَبِّهِمۡ وَزِدۡنَٰهُمۡ هُدًى ١٣
Nahnu naqussu `alaika naba ahum bilhaqq; innahum fityatun aamanoo bi Rabbihim wa zidnaahum hudaa
Nuti oduu isaanii dhugaan siif odeessinaDhugumatti, isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii, qajeeluma isaaniif daballeedha
🎤 Your recording:
18:14
🔁 0/5
وَرَبَطۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ إِذۡ قَامُواْ فَقَالُواْ رَبُّنَا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَن نَّدۡعُوَاْ مِن دُونِهِۦٓ إِلَٰهًاۖ لَّقَدۡ قُلۡنَآ إِذًا شَطَطًا ١٤
Wa rabatnaa `alaa quloo bihim iz qaamoo faqaaloo Rabbunaa Rabbus samaawaati wal ardi lan nad`uwa min dooniheee ilaahal laqad qulnaaa izan shatataa
Ammas Nuti yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiifi dachiitiNuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannuDhugumatti, (yoo kana raawwanne), haasa’a (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan onnee isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra
🎤 Your recording:
18:15
🔁 0/5
هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمُنَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةًۖ لَّوۡلَا يَأۡتُونَ عَلَيۡهِم بِسُلۡطَٰنِۭ بَيِّنٍۖ فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا ١٥
Haaa`ulaaa`i qawmunat takhazoo min dooniheee aalihatal law laa yaatoona `alaihim bisultaanim baiyin; faman azlamu mimmaniftaraa `alal laahi kazibaa
“Ummanni keenya kun Isaa gaditti gabbaramoota biraa taasifataniiruMaaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin fidatanu? Nama Rabbi irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyu
🎤 Your recording:
18:16
🔁 0/5
وَإِذِ ٱعۡتَزَلۡتُمُوهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ إِلَّا ٱللَّهَ فَأۡوُۥٓاْ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ يَنشُرۡ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّن رَّحۡمَتِهِۦ وَيُهَيِّئۡ لَكُم مِّنۡ أَمۡرِكُم مِّرۡفَقًا ١٦
Wa izi`tazal tumoohum wa maa ya`budoona illal laaha faawooo ilal kahfi yanshur lakum Rabbukum mir rahmatihee wa yuhaiyi` lakum min amrikum mirfaqa
(Dargaggoonnis ni jedhan): “Yeroo isaaniifi wantoota isaan Rabbiin ala gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaaGooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’iseeti dhimma keessan irraas laafina isiiniif qopheessa.”
🎤 Your recording:
18:17
🔁 0/5
۞ وَتَرَى ٱلشَّمۡسَ إِذَا طَلَعَت تَّزَٰوَرُ عَن كَهۡفِهِمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَإِذَا غَرَبَت تَّقۡرِضُهُمۡ ذَاتَ ٱلشِّمَالِ وَهُمۡ فِي فَجۡوَةٍ مِّنۡهُۚ ذَٰلِكَ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِۗ مَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ وَلِيًّا مُّرۡشِدًا ١٧
Wa tarash shamsa izaa tala`at tazaawaru `an kahfihim zaatal yameeni wa izaa gharabat taqriduhum zaatash shimaali wa hum fee fajwatim minh; zaalika min Aayaatillaah; mai yahdil laahu fahuwal muhtad, wa mai yudlil falan tajida lahoo waliyyam murshidaa
Aduus yeroo baatu holqa isaanii irraa kan gara mirgaatti dabdu argitaYeroo dhiitus, haala isaan bal’ina isa (goda) irraa ta’e keessa jiraniin gara bitaatti isaan dhiiftiKun mallattoolee Rabbii irraayiNamni Rabbiin (isa) qajeelche, isatu qajeelaadhaNamni Inni jallise immoo gargaaraa isa qajeelchu isaaf hin argitu
🎤 Your recording:
18:18
🔁 0/5
وَتَحۡسَبُهُمۡ أَيۡقَاظًا وَهُمۡ رُقُودٌۚ وَنُقَلِّبُهُمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَذَاتَ ٱلشِّمَالِۖ وَكَلۡبُهُم بَٰسِطٌ ذِرَاعَيۡهِ بِٱلۡوَصِيدِۚ لَوِ ٱطَّلَعۡتَ عَلَيۡهِمۡ لَوَلَّيۡتَ مِنۡهُمۡ فِرَارًا وَلَمُلِئۡتَ مِنۡهُمۡ رُعۡبًا ١٨
Wa tahsabuhum ayqaazanw wa hum ruqood; wa nuqallibuhum zaatal yameeni wa zaatash shimaali wa kalbuhum baasitun ziraa`ayhi bilwaseed; lawit tala`ta `alaihim la wallaita minhum firaaranw wa lamuli`ta minhum rubaa
Kanuma isaan rafaa jiranu dammaqoo isaan seetaMirgaafi bitaatti isaan garagaggalchinaSareen isaaniis dhundhumma isaa lamaan moggaa (holqaatti) diriirsaadhaOdoo isaan argitee dhugumatti, silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaa guutamta turte
🎤 Your recording:
18:19
🔁 0/5
وَكَذَٰلِكَ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِيَتَسَآءَلُواْ بَيۡنَهُمۡۚ قَالَ قَآئِلٌ مِّنۡهُمۡ كَمۡ لَبِثۡتُمۡۖ قَالُواْ لَبِثۡنَا يَوۡمًا أَوۡ بَعۡضَ يَوۡمٍۚ قَالُواْ رَبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِمَا لَبِثۡتُمۡ فَٱبۡعَثُوٓاْ أَحَدَكُم بِوَرِقِكُمۡ هَٰذِهِۦٓ إِلَى ٱلۡمَدِينَةِ فَلۡيَنظُرۡ أَيُّهَآ أَزۡكَىٰ طَعَامًا فَلۡيَأۡتِكُم بِرِزۡقٍ مِّنۡهُ وَلۡيَتَلَطَّفۡ وَلَا يُشۡعِرَنَّ بِكُمۡ أَحَدًا ١٩
Wa kazaalika ba`asnaahum liyatasaaa`aloo bainahum; qaala qaaa`ilum minhum kam labistum qaaloo labisnaa yawman aw ba`da yawm; qaaloo Rabbukum a`almu bimaa labistum fab`asooo ahadakum biwariqikum haazihee ilal madeenati falyanzur ayyuhaaa azkaa ta`aaman falyaatikum birizqim minhu walyatalattaf wa laa yush`iranna bikum ahadaa
Akkuma san, akka gidduu isaanitti wal gaafataniif jecha isaan dammaqsineJedhaan isaan irraa ta’e tokko “Yeroo hangam (as) turtan?” jedhe“Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre” jedhanNi jedhan: “Yeroo hangam akka (as) turtan Gooftaa keessan (qofatu) akkaan beekaTokkoo keessan maallaqa keessan kanaan gara magaalaa ergaaNyaanni gaariin kam akka ta’e ilaalee, isa irraa soorata isiniif haa fiduHaa dhokatus; waa’ee keessanis nama tokkos akka hin beeksifne
🎤 Your recording:
18:20
🔁 0/5
إِنَّهُمۡ إِن يَظۡهَرُواْ عَلَيۡكُمۡ يَرۡجُمُوكُمۡ أَوۡ يُعِيدُوكُمۡ فِي مِلَّتِهِمۡ وَلَن تُفۡلِحُوٓاْ إِذًا أَبَدًا ٢٠
Innahum iny yazharoo `alaikum yarjumookum aw yu`eedookum fee millatihim wa lan tuflihooo izan abadaa
Isaan yoo isin argan, dhagaan tumanii isin ajjeesu yookiin amantii isaaniitti isin deebisuYoo san ammoo gonkumaa hin milkooftan.”
🎤 Your recording:
18:21
🔁 0/5
وَكَذَٰلِكَ أَعۡثَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ لِيَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقٌّ وَأَنَّ ٱلسَّاعَةَ لَا رَيۡبَ فِيهَآ إِذۡ يَتَنَٰزَعُونَ بَيۡنَهُمۡ أَمۡرَهُمۡۖ فَقَالُواْ ٱبۡنُواْ عَلَيۡهِم بُنۡيَٰنًاۖ رَّبُّهُمۡ أَعۡلَمُ بِهِمۡۚ قَالَ ٱلَّذِينَ غَلَبُواْ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِمۡ لَنَتَّخِذَنَّ عَلَيۡهِم مَّسۡجِدًا ٢١
Wa kazaalika a`sarnaa `alaihim liya`lamooo anna wa`dal laahi haqqunw wa annas Saa`ata laa raiba feehaa iz yatanaaza`oona bainahum amrahum faqaalub noo `alaihim bunyaanaa; Rabbuhum a`lamu bihim; qaalal lazeena ghalaboo `alaaa amrihim lanat takhizanna `alaihim masjidaa
Akka kanatti akka isaan beellamni Rabbii dhugaa ta’uu beekaniifi Qiyaamaas shakkiin ishee keessa jiraachuu dhabuu akka beekaniif, yeroo isaan gidduu isaaniitti waa’ee warra holqaa keessatti wal dhaban, isaan irratti mul’ifneNi jedhan: “Gooftaa isaaniitu akkaan isaan beekaa, ijaarsa isaan irratti ijaaraa.” Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna” jedhan
🎤 Your recording:
18:22
🔁 0/5
سَيَقُولُونَ ثَلَٰثَةٌ رَّابِعُهُمۡ كَلۡبُهُمۡ وَيَقُولُونَ خَمۡسَةٌ سَادِسُهُمۡ كَلۡبُهُمۡ رَجۡمَۢا بِٱلۡغَيۡبِۖ وَيَقُولُونَ سَبۡعَةٌ وَثَامِنُهُمۡ كَلۡبُهُمۡۚ قُل رَّبِّيٓ أَعۡلَمُ بِعِدَّتِهِم مَّا يَعۡلَمُهُمۡ إِلَّا قَلِيلٌۗ فَلَا تُمَارِ فِيهِمۡ إِلَّا مِرَآءً ظَٰهِرًا وَلَا تَسۡتَفۡتِ فِيهِم مِّنۡهُمۡ أَحَدًا ٢٢
Sa yaqooloona salaasatur raabi`uhum kalbuhum wa yaqooloona khamsatun saadisuhum kalbuhum rajmam bilghaib; wa yaqooloona sab`atunw wa saaminuhum kalbuhum; qur Rabbeee a`lamu bi`iddatihim maa ya`lamuhum illaa qaleel; falaa tumaari feehim illaa miraaa`an zaahiranw wa laa tastafti feehim minhum ahadaa
(Waan hin argin shaallaguudhaan) “Isaan yoo sadi ta’an, afraffaan isaanii saree isaaniiti” jechuuf jiru“Isaan shan yoo ta’an jahaffaan isaanii saree isaaniiti” jedhus“Isaan torba yoo ta’an saddeettaffaan isaaniis saree isaaniti” jedhu(Yaa Muhammad!): “Lakkoofsa isaanii Gooftaa kiyyatu akkaan beeka, namoota muraasa malee isaan hin beeku” jedhiKanaafuu mormii ifa ta’e malee, waa’ee isaanii keessatti hin falminWaa’ee isaanii keessattis isaan irraa nama tokkos hin gaafatin
🎤 Your recording:
18:23
🔁 0/5
وَلَا تَقُولَنَّ لِشَاْيۡءٍ إِنِّي فَاعِلٌ ذَٰلِكَ غَدًا ٢٣
Wa laa taqoolanna lishai`in innee faa`ilun zaalika ghadaa
Waan tokkos “Ani waan san boru hojjataadha” hin jedhin
🎤 Your recording:
18:24
🔁 0/5
إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ وَٱذۡكُر رَّبَّكَ إِذَا نَسِيتَ وَقُلۡ عَسَىٰٓ أَن يَهۡدِيَنِ رَبِّي لِأَقۡرَبَ مِنۡ هَٰذَا رَشَدًا ٢٤
Illaaa any yashaaa`al laah; wazkur Rabbaka izaa naseeta wa qul `asaaa any yahdiyani Rabbee li aqraba min haazaa rashadaa
“Yoo Rabbiin fedhe” (jettu) maleeyeroo dagattes Gooftaa kee yaadadhu“Gooftaan kiyya gara karaa isa kana irra qajeelumatti dhihoo ta’ee na qajeelchuun ni kajeelama” jedhi
🎤 Your recording:
18:25
🔁 0/5
وَلَبِثُواْ فِي كَهۡفِهِمۡ ثَلَٰثَ مِاْئَةٍ سِنِينَ وَٱزۡدَادُواْ تِسۡعًا ٢٥
Wa labisoo fee kahfihim salaasa mi`atin sineena wazdaadoo tis`aa
Isaanis holqa isaanii keessa waggoota dhibba sadi turanii sagalis dabalatan
🎤 Your recording:
18:26
🔁 0/5
قُلِ ٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا لَبِثُواْۖ لَهُۥ غَيۡبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ أَبۡصِرۡ بِهِۦ وَأَسۡمِعۡۚ مَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِيٍّ وَلَا يُشۡرِكُ فِي حُكۡمِهِۦٓ أَحَدًا ٢٦
Qulil laahu a`lamu bimaa labisoo lahoo ghaibus samaawaati wal ardi absir bihee wa asmi`; maa lahum min doonihee minw waliyyinw wa laa yushriku fee hukmihee ahadaa
“Hanga isaan turan Rabbumatu akkaan beekaa(Beekumsi) fagoo kan samiifi dachii Isumaafi” jedhiAkkam arga! Akkam dhaga’as! Isaaniif Isa malee gargaaraan hin jiruMurtii Isaa keessattis tokkollee hin hirmaachisu
🎤 Your recording:
18:27
🔁 0/5
وَٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَن تَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدًا ٢٧
Watlu maaa oohiya ilaika min Kitaabi Rabbika laa mubaddila li Kalimaatihee wa lan tajida min doonihee multahadaa
Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisiJechoota Isaa jijjiiraan hin jiruIsa malee iddoo itti dabdus hin argattu
🎤 Your recording:
18:28
🔁 0/5
وَٱصۡبِرۡ نَفۡسَكَ مَعَ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ رَبَّهُم بِٱلۡغَدَوٰةِ وَٱلۡعَشِيِّ يُرِيدُونَ وَجۡهَهُۥۖ وَلَا تَعۡدُ عَيۡنَاكَ عَنۡهُمۡ تُرِيدُ زِينَةَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَا تُطِعۡ مَنۡ أَغۡفَلۡنَا قَلۡبَهُۥ عَن ذِكۡرِنَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ وَكَانَ أَمۡرُهُۥ فُرُطًا ٢٨
Wasbir nafsaka ma`al lazeena yad`oona Rabbahum bilghadaati wal`ashiyyi yureedoona Wajhahoo wa laa ta`du `aynaaka `anhum tureedu zeenatal hayaatid dunyaa wa laa tuti` man aghfalnaa qalbahoo `an zikrinaa wattaba`a hawaahu wa kaana amruhoo furutaa
Lubbuu keetis isaan Fuula Isaa fedhanii Gooftaa isaanii ganamaafi galgala waammatanii wajjiin hidhiMiidhagina jireenya addunyaa feetee ija kee lamaan isaan irra hin qaarsinNama onnee isaa yaadannoo keenya irraa cufne, kan fedha lubbuu isaa hordofuufi dhimmi isaa daangaa darbaa ta’eef hin ajajamin
🎤 Your recording:
18:29
🔁 0/5
وَقُلِ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكُمۡۖ فَمَن شَآءَ فَلۡيُؤۡمِن وَمَن شَآءَ فَلۡيَكۡفُرۡۚ إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلظَّٰلِمِينَ نَارًا أَحَاطَ بِهِمۡ سُرَادِقُهَاۚ وَإِن يَسۡتَغِيثُواْ يُغَاثُواْ بِمَآءٍ كَٱلۡمُهۡلِ يَشۡوِي ٱلۡوُجُوهَۚ بِئۡسَ ٱلشَّرَابُ وَسَآءَتۡ مُرۡتَفَقًا ٢٩
Wa qulil haqqu mir Rabbikum faman shaaa`a falyu minw wa man shaaa`a falyakfur; innaaa a`tadnaa lizzaalimeena Naaran ahaata bihim suraadiquhaa; wa iny yastagheesoo yaghaasoo bimaaa`in kalmuhli yashwil wujooh` bi`sash-sharaab; wa saaa`at murtafaqaa
Jedhis: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayiNamni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaruDhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirraYoo birmachiifatanis bishaan akka rajaa (siicoo) danfeetti fuula quncisutu isaaniif kennamaDhugaatichis akkaan fokkate! Hirkannaanis akkaan fokkate
🎤 Your recording:
18:30
🔁 0/5
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجۡرَ مَنۡ أَحۡسَنَ عَمَلًا ٣٠
Innal lazeena aamanoo wa `amilus saalihaati innaa laa nudee`u ajra man ahsana `amalaa
Dhugumatti isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu
🎤 Your recording:
18:31
🔁 0/5
أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ جَنَّٰتُ عَدۡنٍ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهِمُ ٱلۡأَنۡهَٰرُ يُحَلَّوۡنَ فِيهَا مِنۡ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَيَلۡبَسُونَ ثِيَابًا خُضۡرًا مِّن سُندُسٍ وَإِسۡتَبۡرَقٍ مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِۚ نِعۡمَ ٱلثَّوَابُ وَحَسُنَتۡ مُرۡتَفَقًا ٣١
Ulaaa`ika lahum Jannaatu `Adnin tajree min tahtihimul anhaaru yuhallawna feehaa min asaawira min zahabinw wa yalbasoona siyaaban khudram min sundusinw wa istabraqim muttaki`eena feehaa `alal araaa`ik; ni`mas sawaab; wa hasunat murtafaqaa
Warra san isaaniif jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaatuutu jiraAchi keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamuUffata magariisa hariira haphiifi furdaa irraa hojjatamanis uffatuIshee keessatti sireewwan irratti hirkatanii taa’uMindaan waa tole! Hirkannaanis waa bareedde
🎤 Your recording:
18:32
🔁 0/5
۞ وَٱضۡرِبۡ لَهُم مَّثَلًا رَّجُلَيۡنِ جَعَلۡنَا لِأَحَدِهِمَا جَنَّتَيۡنِ مِنۡ أَعۡنَٰبٍ وَحَفَفۡنَٰهُمَا بِنَخۡلٍ وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُمَا زَرۡعًا ٣٢
Wadrib lahum masalar rajulaini ja`alnaa li ahadihimaa jannataini min a`naabinw wa hafafnaahumaa binakhilinw wa ja`alnaa bainahumaa zar`aa
Dhiira lama kan tokkoo isaaniittiif oyruu lama kan inaba irraa ta’an taasifnee, isaan lamaanuu muka timiraatiin marsinee, gidduu isaaniittis midhaan (facaafamu) taasifne fakkeenya isaaniif godhi
🎤 Your recording:
18:33
🔁 0/5
كِلۡتَا ٱلۡجَنَّتَيۡنِ ءَاتَتۡ أُكُلَهَا وَلَمۡ تَظۡلِم مِّنۡهُ شَيۡـًٔاۚ وَفَجَّرۡنَا خِلَٰلَهُمَا نَهَرًا ٣٣
Kiltal jannataini aatat ukulahaa wa lam tazlim minhu shai`anw wa fajjarnaa khi laalahumaa naharaa
Oyruun lamaanuu firii isaanii odoo homaa hin hirdhisin kennite; gidduu isaaniitii laga maddisiifne (san fakkeenya godhiif)
🎤 Your recording:
18:34
🔁 0/5
وَكَانَ لَهُۥ ثَمَرٌ فَقَالَ لِصَٰحِبِهِۦ وَهُوَ يُحَاوِرُهُۥٓ أَنَا۠ أَكۡثَرُ مِنكَ مَالًا وَأَعَزُّ نَفَرًا ٣٤
Wa kaana lahoo samarun faqaala lisaahibihee wa huwa yuhaawiruhoo ana aksaru minka maalanw wa a`azzu nafaraa
Isaaf midhaan godhatee hiriyaa isaatiin odoo itti haasa’uu “Anatu qabeenyaan si caala; gosaanis sirra jabaadha” jedheen
🎤 Your recording:
18:35
🔁 0/5
وَدَخَلَ جَنَّتَهُۥ وَهُوَ ظَالِمٌ لِّنَفۡسِهِۦ قَالَ مَآ أَظُنُّ أَن تَبِيدَ هَٰذِهِۦٓ أَبَدًا ٣٥
Wa dakhala jannatahoo wa huwa zaalimul linafsihee qaala maaa azunnu an tabeeda haaziheee abadaa
Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een oyruu isaa seenee ni jedhe: “Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu
🎤 Your recording:
18:36
🔁 0/5
وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةً وَلَئِن رُّدِدتُّ إِلَىٰ رَبِّي لَأَجِدَنَّ خَيۡرًا مِّنۡهَا مُنقَلَبًا ٣٦
Wa maaa azunnus Saa`ata qaaa`imatanw wa la`ir rudittu ilaa Rabbee la ajidanna khairam minhaa munqalabaa
Qiyaamaanis ni dhaabbattii hin yaaduDhugumatti, yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifameef, iddoo deebii kan isa caaluun argadha.”
🎤 Your recording:
18:37
🔁 0/5
قَالَ لَهُۥ صَاحِبُهُۥ وَهُوَ يُحَاوِرُهُۥٓ أَكَفَرۡتَ بِٱلَّذِي خَلَقَكَ مِن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٍ ثُمَّ سَوَّىٰكَ رَجُلًا ٣٧
Qaala lahoo saahibuhoo wa huwa yuhaawiruhooo akafarta billazee khalaqaka min turaabin summa min nutfatin summa sawwaaka rajulaa
Hiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati Isa biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa si uumee, ergasii nama guutuu si godhetti kafartee
🎤 Your recording:
18:38
🔁 0/5
لَّٰكِنَّا۠ هُوَ ٱللَّهُ رَبِّي وَلَآ أُشۡرِكُ بِرَبِّيٓ أَحَدًا ٣٨
Laakinaa Huwal laahu Rabbee wa laa ushriku bi Rabbeee ahadaa
Ani garuu Inni, Allaah’n Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu
🎤 Your recording:
18:39
🔁 0/5
وَلَوۡلَآ إِذۡ دَخَلۡتَ جَنَّتَكَ قُلۡتَ مَا شَآءَ ٱللَّهُ لَا قُوَّةَ إِلَّا بِٱللَّهِۚ إِن تَرَنِ أَنَا۠ أَقَلَّ مِنكَ مَالًا وَوَلَدًا ٣٩
Wa law laaa iz dakhalta jannataka qulta maa shaaa`al laahu laa quwwata illaa billaah; in tarani ana aqalla minka maalanw wa waladaa
Yeroo oyruu kee seentu “waan Rabbiin fedhetu (ta’a); Rabbiin malee humni (naaf) hin jiru” maaliif jechuu dhiifte! Yoo ana horiifi ilmaaniiniis sirra xiqqaa ta’uu na agartes
🎤 Your recording:
18:40
🔁 0/5
فَعَسَىٰ رَبِّيٓ أَن يُؤۡتِيَنِ خَيۡرًا مِّن جَنَّتِكَ وَيُرۡسِلَ عَلَيۡهَا حُسۡبَانًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَتُصۡبِحَ صَعِيدًا زَلَقًا ٤٠
Fa`asaa Rabeee any yu`tiyani khairam min jannatika wa yursila `alaihaa husbaanam minas samaaa`i fatusbiha sa`eedan zalaqaa
Gooftaan kiyya waan oyruu kee irra caalu naaf kennee, ishee (kee) irratti immoo samii irraa adabbii buusee, dirree duwwaa ta’uun ishee ni mala
🎤 Your recording:
18:41
🔁 0/5
أَوۡ يُصۡبِحَ مَآؤُهَا غَوۡرًا فَلَن تَسۡتَطِيعَ لَهُۥ طَلَبًا ٤١
Aw yusbiha maaa`uhaaa ghawran falan tastatee`a lahoo talabaa
Yookiin bishaan ishee gadi lixaa taanaan ati isa barbaaduu dadhabuun (ni mala).”
🎤 Your recording:
18:42
🔁 0/5
وَأُحِيطَ بِثَمَرِهِۦ فَأَصۡبَحَ يُقَلِّبُ كَفَّيۡهِ عَلَىٰ مَآ أَنفَقَ فِيهَا وَهِيَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا وَيَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي لَمۡ أُشۡرِكۡ بِرَبِّيٓ أَحَدًا ٤٢
Wa uheeta bisamarihee faasbaha yuqallibu kaffaihi `alaa maaa anfaqa feehaa wa hiya khaawiyatun `alaa `urooshihaa wa yaqoolu yaalaitanee lam ushrik bi Rabbeee ahadaa
Midhaan isaattis ni marfame (ni bade)Innis odoo isheen mogolee (jirma) ishee irratti kukkuftee jirtuu, ganaa (shanacha) isaa lamaan gara gaggalchaa “yaa gaabbii koo! Odoon Gooftaa kiyyatti waa tokko dabaluu baadhee” jechuutti seene
🎤 Your recording:
18:43
🔁 0/5
وَلَمۡ تَكُن لَّهُۥ فِئَةٌ يَنصُرُونَهُۥ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَمَا كَانَ مُنتَصِرًا ٤٣
Wa lam takul lahoo fi`atuny yansuroonahoo min doonil laahi wa maa kaana muntasiraa
Gareen Rabbii gaditti isa tumsitus isaaf hin jirtuInnis tumsamaa hin taane
🎤 Your recording:
18:44
🔁 0/5
هُنَالِكَ ٱلۡوَلَٰيَةُ لِلَّهِ ٱلۡحَقِّۚ هُوَ خَيۡرٌ ثَوَابًا وَخَيۡرٌ عُقۡبًا ٤٤
Hunaalikal walaayatu lillaahil haqq; huwa khairun sawaabanw wa khairun `uqbaa
Achittiis (Qiyaamaas) mootummaan kan Rabbii haqa ta’eetiInni mindeessuutti Isumatu caala; boodattis Isumatu caalaadha
🎤 Your recording:
18:45
🔁 0/5
وَٱضۡرِبۡ لَهُم مَّثَلَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا كَمَآءٍ أَنزَلۡنَٰهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَٱخۡتَلَطَ بِهِۦ نَبَاتُ ٱلۡأَرۡضِ فَأَصۡبَحَ هَشِيمًا تَذۡرُوهُ ٱلرِّيَٰحُۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ مُّقۡتَدِرًا ٤٥
Wadrib lahum masalal hayaatid dunyaa kamaaa`in anzalnaahu minas samaaa`i fakhtalata bihee nabaatul ardi fa asbaha hasheeman tazroo hur riyaah; wa kaanal laahu `alaa kulli shai`im muqtadiraa
Fakkeenya jiruu addunyaa akka bishaan samii irraa buufnee, biqiltuuwwan dachii isatti makamanii, goggogaa caccabaa bubbeen isa faffacaaftu ta’een godhiifiRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera
🎤 Your recording:
18:46
🔁 0/5
ٱلۡمَالُ وَٱلۡبَنُونَ زِينَةُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَٱلۡبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيۡرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابًا وَخَيۡرٌ أَمَلًا ٤٦
Almaalu walbanoona zeenatul hayaatid dunya wal baaqiyaatus saalihaatu khairun `inda Rabbika sawaabanw wa khairun amalaa
Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaatiGaggaarii haftuu taatetu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala; gama abdiittis irra caalaadha
🎤 Your recording:
18:47
🔁 0/5
وَيَوۡمَ نُسَيِّرُ ٱلۡجِبَالَ وَتَرَى ٱلۡأَرۡضَ بَارِزَةً وَحَشَرۡنَٰهُمۡ فَلَمۡ نُغَادِرۡ مِنۡهُمۡ أَحَدًا ٤٧
Wa yawma nusaiyirul jibaala wa taral arda baariza tanw wa hasharnaahum falam nughaadir minhum ahadaa
Guyyaa Nuti gaarreen deemsifnee dachiis dirree ta’uu argitee, isaanis walitti qabnu [yaadadhu]Isaan irraas tokkollee hin hanbifnu
🎤 Your recording:
18:48
🔁 0/5
وَعُرِضُواْ عَلَىٰ رَبِّكَ صَفًّا لَّقَدۡ جِئۡتُمُونَا كَمَا خَلَقۡنَٰكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةِۭۚ بَلۡ زَعَمۡتُمۡ أَلَّن نَّجۡعَلَ لَكُم مَّوۡعِدًا ٤٨
Wa `uridoo `alaa Rabbika saffaa, laqad ji`tumoonaa kamaa khalaqnaakum awala marrah; bal za`amtum allannaj`ala lakum maw`idaa
Hiriiroo godhamanii Gooftaa kee irra fidaman; “dhugumatti, akka yeroo jalqabaa isin uumnetti nutti dhuftanNuti waadaa isiniif godhuu dhabuu yaaddu turtan” (jedhaman)
🎤 Your recording:
18:49
🔁 0/5
وَوُضِعَ ٱلۡكِتَٰبُ فَتَرَى ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُشۡفِقِينَ مِمَّا فِيهِ وَيَقُولُونَ يَٰوَيۡلَتَنَا مَالِ هَٰذَا ٱلۡكِتَٰبِ لَا يُغَادِرُ صَغِيرَةً وَلَا كَبِيرَةً إِلَّآ أَحۡصَىٰهَاۚ وَوَجَدُواْ مَا عَمِلُواْ حَاضِرًاۗ وَلَا يَظۡلِمُ رَبُّكَ أَحَدًا ٤٩
Wa wudi`al kitaabu fataral mujrimeena mushfiqeena mimmaa feehi wa yaqooloona yaa wailatanaa maa lihaazal kitaabi laa yughaadiru saghee ratanw wa laa kabeeratan illaaa ahsaahaa; wa wajadoo maa `amiloo haadiraa; wa laa yazlimu Rabbuka ahadaa
Galmeenis kaa’amee, yoma san badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agartaNi jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne maaluma!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee arguGooftaan kee tokkollee hin miidhu
🎤 Your recording:
18:50
🔁 0/5
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ كَانَ مِنَ ٱلۡجِنِّ فَفَسَقَ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِۦٓۗ أَفَتَتَّخِذُونَهُۥ وَذُرِّيَّتَهُۥٓ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِي وَهُمۡ لَكُمۡ عَدُوُّۢۚ بِئۡسَ لِلظَّٰلِمِينَ بَدَلًا ٥٠
Wa iz qulnaa lilma laaa`ikatis judoo li Aadama fasajadooo illaaa Ibleesa kaana minal jinni fafasaqa `an amri Rabbih; afatattakhizoonahoo wa zurriyatahooo awliyaaa`a min doonee wa hum lakum `aduww; bi`sa lizzaalimeena badalaa
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes [yaadadhu]Ibliis jinnii irraa ta’ee ajaja Gooftaa isaa irraa fincile malee sujuuda godhanSila isaan isiniif diinoota odoo ta’anii jiranuu, Ana dhiiftanii isaafi sanyii isaa jaalallee godhattuu? (Ibliis) miidhaa raawwattootaaf jijjiirraa ta’uun akkaan fokkate
🎤 Your recording:
18:51
🔁 0/5
۞ مَّآ أَشۡهَدتُّهُمۡ خَلۡقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَا خَلۡقَ أَنفُسِهِمۡ وَمَا كُنتُ مُتَّخِذَ ٱلۡمُضِلِّينَ عَضُدًا ٥١
Maaa ash hattuhum khalqas samaawaati wal ardi wa laa khalqa anfusihim wa maa kuntu muttakizal mudilleena `adudaa
Ani uumaminsa samii, dachiifi uumaminsa lubbuu isaanii irrattis isaan hin hirmaachifneAni jallistootas gargaartota godhataa hin taane
🎤 Your recording:
18:52
🔁 0/5
وَيَوۡمَ يَقُولُ نَادُواْ شُرَكَآءِيَ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُمۡ فَدَعَوۡهُمۡ فَلَمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَهُمۡ وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُم مَّوۡبِقًا ٥٢
Wa Yawma yaqoolu naadoo shurakaaa`i yal lazeena za`amtum fada`awhum falam yastajeeboo lahum wa ja`alnaa bainahum maw biqaa
Guyyaa Inni “(warra) hiriyyoota Kiyya akka ta’an dubbattan san waamaa” jedhus [yaadadhu]Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatanNutis gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifna
🎤 Your recording:
18:53
🔁 0/5
وَرَءَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ ٱلنَّارَ فَظَنُّوٓاْ أَنَّهُم مُّوَاقِعُوهَا وَلَمۡ يَجِدُواْ عَنۡهَا مَصۡرِفًا ٥٣
Wa ra al mujrimoonan Naara fazannooo annahum muwaaqi`oohaa wa lam yajidoo `anhaa masrifaa
Yakkamtoonni ibidda ni arganIshee keessa bu’oo ta’uu isaanii yaadaniKaraa ishee jalaa ittiin ba’anis hin argatan
🎤 Your recording:
18:54
🔁 0/5
وَلَقَدۡ صَرَّفۡنَا فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ لِلنَّاسِ مِن كُلِّ مَثَلٍۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ أَكۡثَرَ شَيۡءٍ جَدَلًا ٥٤
Wa laqad sarrafnaa fee haazal quraani linnaasi mn kulli masal; wa kaanal insaanu aksara shai`in jadalaa
Nuti dhugumatti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irra deddeebinee (namootaaf) ibsinee jirraNamnis waan hunda irra falmii baay’isaa ta’eera
🎤 Your recording:
18:55
🔁 0/5
وَمَا مَنَعَ ٱلنَّاسَ أَن يُؤۡمِنُوٓاْ إِذۡ جَآءَهُمُ ٱلۡهُدَىٰ وَيَسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّهُمۡ إِلَّآ أَن تَأۡتِيَهُمۡ سُنَّةُ ٱلۡأَوَّلِينَ أَوۡ يَأۡتِيَهُمُ ٱلۡعَذَابُ قُبُلًا ٥٥
Wa maa mana`an naasa any yu`minooo iz jaaa`ahumul hudaa wa yastaghfiroo Rabbahum illaaa an taatiyahum sunnatul awwaleena aw yaatiyahumul `azaabu qubulaa
Namoota yeroo qajeelumni isaanitti dhufe amanuufi Gooftaa isaanii araara kadhachuu irraa wanti isaan dhorge karaan (dhumiinsi) warra durii isaanitti dhufuu yookiin adabbiin fuulduraa isaanitti dhufuu (eeguu) malee homaa hin jiru
🎤 Your recording:
18:56
🔁 0/5
وَمَا نُرۡسِلُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ إِلَّا مُبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَۚ وَيُجَٰدِلُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِٱلۡبَٰطِلِ لِيُدۡحِضُواْ بِهِ ٱلۡحَقَّۖ وَٱتَّخَذُوٓاْ ءَايَٰتِي وَمَآ أُنذِرُواْ هُزُوًا ٥٦
Wa maa nursilul mursaleena illaa mubashshireena wa munzireen; wa yujaadilul lazeena kafaroo bilbaatili liyudhidoo bihil haqqa wattakhazooo Aayaatee wa maaa unziroo huzuwaa
Nuti ergamtootas gammachiiftotaafi dinniintoota goonee malee hin erginuWarri kafaran sobaan haqa deemsisuuf isaan falmu; keeyyattoota kiyyaafi waan dinniinamanis qishnaa godhatan
🎤 Your recording:
18:57
🔁 0/5
وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ فَأَعۡرَضَ عَنۡهَا وَنَسِيَ مَا قَدَّمَتۡ يَدَاهُۚ إِنَّا جَعَلۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ أَكِنَّةً أَن يَفۡقَهُوهُ وَفِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَقۡرًاۖ وَإِن تَدۡعُهُمۡ إِلَى ٱلۡهُدَىٰ فَلَن يَهۡتَدُوٓاْ إِذًا أَبَدًا ٥٧
Wa man azlamu mimman zukkira bi ayaati Rabbihee fa-a`rada `anhaa wa nasiya maa qaddamat yadaah; innaa ja`alnaa `alaa quloobihim akinnatan any yafqahoohu wa feee aazaanihim waqraa; wa in tad`uhum ilal hudaa falany yahtadooo izan abadaa
Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii ishee irraa garagaluufi waan harki isaa lamaan dabarfatte dagate caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti dhugumatti akka isaan isa (Qur’aana) hin hubanne onnee isaanii irratti qadaaddaafi gurra isaanii keessattis duudiinsa taasifnee jirraYoo gara qajeellumaa isaan waamtes, isaan yoo san gonkumaa hin qajeelan
🎤 Your recording:
18:58
🔁 0/5
وَرَبُّكَ ٱلۡغَفُورُ ذُو ٱلرَّحۡمَةِۖ لَوۡ يُؤَاخِذُهُم بِمَا كَسَبُواْ لَعَجَّلَ لَهُمُ ٱلۡعَذَابَۚ بَل لَّهُم مَّوۡعِدٌ لَّن يَجِدُواْ مِن دُونِهِۦ مَوۡئِلًا ٥٨
Wa Rabbukal Ghafooru zur rahmati law yu`aakhi zuhum bimaa kasaboo la`ajala lahumul `azaab; bal lahum maw`idul lany yajidoo min doonihee maw`ilaa
Gooftaan keetis akkaan araaramaa, abbaa rahmataatiOdoo waan isaan hojjataniin isaan qabee, silaa dhugumatti, adabbii isaaniif jerjersa tureGaruu isaaniif waadaa isa malee garri itti deebi’an hin jirre qabu
🎤 Your recording:
18:59
🔁 0/5
وَتِلۡكَ ٱلۡقُرَىٰٓ أَهۡلَكۡنَٰهُمۡ لَمَّا ظَلَمُواْ وَجَعَلۡنَا لِمَهۡلِكِهِم مَّوۡعِدًا ٥٩
Wa tkal quraaa ahlak nahum lammaa zulamoo wa ja`alnaa limahlikihim maw`idaa
(Warra) magaalotaa sanis sababaa isaan miidhaa hojjatan isaan balleessineYeroo isaan itti balleeffamanuufis beellama murtaa’aa taasifneerra
🎤 Your recording:
18:60
🔁 0/5
وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِفَتَىٰهُ لَآ أَبۡرَحُ حَتَّىٰٓ أَبۡلُغَ مَجۡمَعَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ أَوۡ أَمۡضِيَ حُقُبًا ٦٠
Wa iz qaalaa Moosaa lifataahu laaa abrahu hattaaa ablugha majma`al bahrayni aw amdiya huqubaa
Yeroo Muusaan dargaggoo isaatiin “hangan iddoo galaanni lamaan itti wal qunnaman ga’utti yookiin deemsa irratti waggoota (hedduu) fixutti (deemuu) hin dhiisu” jedhe [yaadadhu]
🎤 Your recording:
18:61
🔁 0/5
فَلَمَّا بَلَغَا مَجۡمَعَ بَيۡنِهِمَا نَسِيَا حُوتَهُمَا فَٱتَّخَذَ سَبِيلَهُۥ فِي ٱلۡبَحۡرِ سَرَبًا ٦١
Falammaa balaghaa majma`a bainihimaa nasiyaa hootahumaa fattakhaza sabeelahoo fil bahri sarabaa
Yeroma isaan lamaan iddoo wal ga’iinsa galaana lamaanii ga’an, qurxummii isaanii ni dagatanInnis (qurxummiin) karaa isaa galaana keessa baqaqaa godhate
🎤 Your recording:
18:62
🔁 0/5
فَلَمَّا جَاوَزَا قَالَ لِفَتَىٰهُ ءَاتِنَا غَدَآءَنَا لَقَدۡ لَقِينَا مِن سَفَرِنَا هَٰذَا نَصَبًا ٦٢
Falammaa jaawazaa qaala lifataahu aatinaa ghadaaa`anaa laqad laqeena min safarinaa haazaa nasabaa
Yeroma isaan lamaan (iddoo san) qaxxaamuran, (Muusaan) dargaggicha isaatiin ni jedhe: “Laaqana keenya nuuf fidiDhugumatti, nuti imala keenya kana irraa dadhabbii guddaa qunnamnee jirra.”
🎤 Your recording:
18:63
🔁 0/5
قَالَ أَرَءَيۡتَ إِذۡ أَوَيۡنَآ إِلَى ٱلصَّخۡرَةِ فَإِنِّي نَسِيتُ ٱلۡحُوتَ وَمَآ أَنسَىٰنِيهُ إِلَّا ٱلشَّيۡطَٰنُ أَنۡ أَذۡكُرَهُۥۚ وَٱتَّخَذَ سَبِيلَهُۥ فِي ٱلۡبَحۡرِ عَجَبًا ٦٣
Qaala ara`ayta iz awainaaa ilas sakhrati fa innee naseetul hoota wa maaa ansaaneehu illash Shaitaanu an azkurah; wattakhaza sabeelahoo fil bahri`ajabaa
(Innis) ni jedhe: “Argitee? Sila yeroo nuti gara dhagaa hirkanne, dhugumatti, ani qurxummii irraanfadheeraWanti akka isa hin yaadanne na irraanfachiises sheyxaana malee hin jiruInnis karaa isaa galaana keessa dinqisiisaa godhate.”
🎤 Your recording:
18:64
🔁 0/5
قَالَ ذَٰلِكَ مَا كُنَّا نَبۡغِۚ فَٱرۡتَدَّا عَلَىٰٓ ءَاثَارِهِمَا قَصَصًا ٦٤
Qaala zaalika maa kunnaa nabgh; fartaddaa `alaa aasaari him maa qasasaa
(Muusaan) ni jedhe: “Sun waan nuti barbaadaa turreedha.” Faana isaanii irras hordafaa gara duubaa deebi’an
🎤 Your recording:
18:65
🔁 0/5
فَوَجَدَا عَبۡدًا مِّنۡ عِبَادِنَآ ءَاتَيۡنَٰهُ رَحۡمَةً مِّنۡ عِندِنَا وَعَلَّمۡنَٰهُ مِن لَّدُنَّا عِلۡمًا ٦٥
Fa wajadaa `abdam min `ibaadinaaa aatainaahu Rahmatam min `indinaa wa `allamnaahu mil ladunnaa `ilmaa
Gabricha gabroota keenya irraa ta’e, kan Nuti of biraa rahmata isaaf kennineefi beekumsa Nurraa ta’e isa barsiifne wahii argan
🎤 Your recording:
18:66
🔁 0/5
قَالَ لَهُۥ مُوسَىٰ هَلۡ أَتَّبِعُكَ عَلَىٰٓ أَن تُعَلِّمَنِ مِمَّا عُلِّمۡتَ رُشۡدًا ٦٦
Qaala lahoo Moosaa hal attabi`uka `alaaa an tu`allimani mimmaa `ullimta rushdaa
Muusaanis isaan “sila waan barsiifamte kan qajeelaa ta’e irraa akka na barsiiftuuf si hordofuu danda’aa?” jedhe
🎤 Your recording:
18:67
🔁 0/5
قَالَ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرًا ٦٧
Qaalaa innaka lan tastatee`a ma`iya sabraa
(Namichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu
🎤 Your recording:
18:68
🔁 0/5
وَكَيۡفَ تَصۡبِرُ عَلَىٰ مَا لَمۡ تُحِطۡ بِهِۦ خُبۡرًا ٦٨
Wa kaifa tasbiru `alaa maa lam tuhit bihee khubraa
Sila waan beekumsa isaa hin qabnee irratti akkamitti obsita?”
🎤 Your recording:
18:69
🔁 0/5
قَالَ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ صَابِرًا وَلَآ أَعۡصِي لَكَ أَمۡرًا ٦٩
Qaala satajiduneee in shaa `al laahu saabiranw wa laaa a`see laka amraa
(Muusaanis) “Yoo Rabbiin fedhe obsaa ta’uu na argitaAjaja keetis hin didu” jedhe
🎤 Your recording:
18:70
🔁 0/5
قَالَ فَإِنِ ٱتَّبَعۡتَنِي فَلَا تَسۡـَٔلۡنِي عَن شَيۡءٍ حَتَّىٰٓ أُحۡدِثَ لَكَ مِنۡهُ ذِكۡرًا ٧٠
Qaala fa init taba`tanee falaa tas`alnee `an shai`in hattaaa uhdisa laka minhu zikraa
(Namichis) yoo na hordofte, waan tokkoyyuu hanga ani waa’ee isaa siif himutti homaa irraa na hin gaafatin” jedheen
🎤 Your recording:
18:71
🔁 0/5
فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَا رَكِبَا فِي ٱلسَّفِينَةِ خَرَقَهَاۖ قَالَ أَخَرَقۡتَهَا لِتُغۡرِقَ أَهۡلَهَا لَقَدۡ جِئۡتَ شَيۡـًٔا إِمۡرًا ٧١
Fantalaqaa hattaaa izaa rakibaa fis safeenati kharaqahaa qaala akharaqtahaa litughriqa ahlahaa laqad ji`ta shai`an imraa
Isaan lamaanuu hanga doonii tokko keessa yaabbatanitti ni deemanInnis (namichis) ishee ure(Muusaanis) ni jedhe: “Sila namoota ishee keessa jiran bishaan nyaachisuuf ishee urtee? Dhugumatti, ati waan guddaa fidde!”
🎤 Your recording:
18:72
🔁 0/5
قَالَ أَلَمۡ أَقُلۡ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرًا ٧٢
Qaala alam aqul innaka lan tastatee`a ma`iya sabraa
(Namichis) ni jedhe: “Sila ani dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”
🎤 Your recording:
18:73
🔁 0/5
قَالَ لَا تُؤَاخِذۡنِي بِمَا نَسِيتُ وَلَا تُرۡهِقۡنِي مِنۡ أَمۡرِي عُسۡرًا ٧٣
Qaala laa tu`aakhiznee bimaa naseetu wa laa turhiqnee min amree `usraa
(Muusaanis) ni jedhe: “Waanan irraanfadheef na hin qabinDhimma kiyya irraas rakkoo na hin baachisin.”
🎤 Your recording:
18:74
🔁 0/5
فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَا لَقِيَا غُلَٰمًا فَقَتَلَهُۥ قَالَ أَقَتَلۡتَ نَفۡسًا زَكِيَّةَۢ بِغَيۡرِ نَفۡسٍ لَّقَدۡ جِئۡتَ شَيۡـًٔا نُّكۡرًا ٧٤
Fantalaqaa hattaa izaa laqiyaa ghulaaman faqatalahoo qaala aqatalta nafsan zakiy yatam bighairi nafs; laqad ji`ta shai`an nukraa
Hanga mucaa tokkotti dhufanitti deemanii achumaan isa (mucicha) ajjeese(Muusaanis) “Sila ati lubbuu qulqulluu lubbuu (ajjeesuun) ala ajjeeftaa? Dhugumatti, ati waan fokkataa hojjatteetta” jedhe
🎤 Your recording:
18:75
🔁 0/5
۞ قَالَ أَلَمۡ أَقُل لَّكَ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرًا ٧٥
Qaala alam aqul laka innaka lan tastatee`a ma`iya sabraa
(Namichis) ni jedhe: “Sila ani dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”
🎤 Your recording:
18:76
🔁 0/5
قَالَ إِن سَأَلۡتُكَ عَن شَيۡءِۭ بَعۡدَهَا فَلَا تُصَٰحِبۡنِيۖ قَدۡ بَلَغۡتَ مِن لَّدُنِّي عُذۡرًا ٧٦
Qaala in sa altuka `an shai`im ba`dahaa falaa tusaahibnee qad balaghta mil ladunnee `uzraa
(Muusaanis) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin)Dhugumatti, ana biraa dhiifama dhumaa irra geessee jirta.”
🎤 Your recording:
18:77
🔁 0/5
فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَآ أَتَيَآ أَهۡلَ قَرۡيَةٍ ٱسۡتَطۡعَمَآ أَهۡلَهَا فَأَبَوۡاْ أَن يُضَيِّفُوهُمَا فَوَجَدَا فِيهَا جِدَارًا يُرِيدُ أَن يَنقَضَّ فَأَقَامَهُۥۖ قَالَ لَوۡ شِئۡتَ لَتَّخَذۡتَ عَلَيۡهِ أَجۡرًا ٧٧
Fantalaqaa hattaaa izaaa atayaaa ahla qaryatinis tat`amaaa ahlahaa fa abaw any yudaiyifoohumaa fawajadaa feehaa jidaarany yureedu any yanqadda fa aqaamah; qaala law shi`ta lattakhazta `alaihi ajraa
Ergasii isaan lamaan hanga warra magaalattii tokkoo bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata gaafannaan, isaan keessummeessuu didanitti deemanErgasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko arganii, (namichi) ol kaasee isa dhaabe(Muusaanis): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe
🎤 Your recording:
18:78
🔁 0/5
قَالَ هَٰذَا فِرَاقُ بَيۡنِي وَبَيۡنِكَۚ سَأُنَبِّئُكَ بِتَأۡوِيلِ مَا لَمۡ تَسۡتَطِع عَّلَيۡهِ صَبۡرًا ٧٨
Qaala haazaa firaaqu bainee wa bainik; sa unabi `uka bitaaweeli maa lam tastati` `alaihi sabraa
(Namichis) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiitiAni hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima
🎤 Your recording:
18:79
🔁 0/5
أَمَّا ٱلسَّفِينَةُ فَكَانَتۡ لِمَسَٰكِينَ يَعۡمَلُونَ فِي ٱلۡبَحۡرِ فَأَرَدتُّ أَنۡ أَعِيبَهَا وَكَانَ وَرَآءَهُم مَّلِكٌ يَأۡخُذُ كُلَّ سَفِينَةٍ غَصۡبًا ٧٩
Ammas safeenatu fakaanat limasaakeena ya`maloona fil bahri fa arattu an a`eebahaa wa kaana waraaa` ahum malikuny yaakhuzu kulla safeenatin ghasbaa
Doonittiin qabeenya namoota hiyyeeyyii galaana keessa dalaganii turteWaan isaan fuula duratti mootiin dooniwwan (fayyaa) hunda saamee fudhatu tokko jiruufin ishee irratti hirdhina uumuu fedhe
🎤 Your recording:
18:80
🔁 0/5
وَأَمَّا ٱلۡغُلَٰمُ فَكَانَ أَبَوَاهُ مُؤۡمِنَيۡنِ فَخَشِينَآ أَن يُرۡهِقَهُمَا طُغۡيَٰنًا وَكُفۡرًا ٨٠
Wa aammal ghulaamu fakaana abawaahu mu`minaini fakhasheenaaa any yurhiqa humaa tughyaananw wa kufraa
Mucichi immoo, haadhaafi abbaan isaa mu’uminootaNutis (yoo guddate) jallinaafi kufriidhaan isaan haguuguu sodaanne
🎤 Your recording:
18:81
🔁 0/5
فَأَرَدۡنَآ أَن يُبۡدِلَهُمَا رَبُّهُمَا خَيۡرًا مِّنۡهُ زَكَوٰةً وَأَقۡرَبَ رُحۡمًا ٨١
Faradnaa any yubdila humaa Rabbuhumaa khairam minhu zakaatanw wa aqraba ruhmaa
Gooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene
🎤 Your recording:
18:82
🔁 0/5
وَأَمَّا ٱلۡجِدَارُ فَكَانَ لِغُلَٰمَيۡنِ يَتِيمَيۡنِ فِي ٱلۡمَدِينَةِ وَكَانَ تَحۡتَهُۥ كَنزٌ لَّهُمَا وَكَانَ أَبُوهُمَا صَٰلِحًا فَأَرَادَ رَبُّكَ أَن يَبۡلُغَآ أَشُدَّهُمَا وَيَسۡتَخۡرِجَا كَنزَهُمَا رَحۡمَةً مِّن رَّبِّكَۚ وَمَا فَعَلۡتُهُۥ عَنۡ أَمۡرِيۚ ذَٰلِكَ تَأۡوِيلُ مَا لَمۡ تَسۡطِع عَّلَيۡهِ صَبۡرًا ٨٢
Wa ammal jidaaru fakaana lighulaamaini yateemaini fil madeenati wa kaana tahtahoo kanzul lahumaa wa kaana aboohumaa saalihan fa araada Rabbuka any yablughaaa ashuddahumaa wa yastakhrijaa kanzahumaa rahmatam mir Rabbik; wa maa fa`altuhoo `an amree; zaalika taaweelu maa lam tasti` `alaihi sabra
Dhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti tureIsa jala immoo qabeenya awwaalame kan isaan lamaaniitu jiraAbbaan isaanii nama gaarii tureGooftaan keetis (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedheAnis kana (hunda) fedha kiyya irraa ka’ee hin hojjanneKun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdeeti.”
🎤 Your recording:
18:83
🔁 0/5
وَيَسۡـَٔلُونَكَ عَن ذِي ٱلۡقَرۡنَيۡنِۖ قُلۡ سَأَتۡلُواْ عَلَيۡكُم مِّنۡهُ ذِكۡرًا ٨٣
Wa yas`aloonaka `an Zil Qarnaini qul sa atloo `alaikum minhu zikraa
Zulqarnayni irraas si gaafatu“Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi
🎤 Your recording:
18:84
🔁 0/5
إِنَّا مَكَّنَّا لَهُۥ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَءَاتَيۡنَٰهُ مِن كُلِّ شَيۡءٍ سَبَبًا ٨٤
Innaa makkannaa lahoo fil ardi wa aatainaahu min kulli shai`in sababaa
Dhugumatti, Nuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirraWaan hunda irraas tooftaa isaaf kennine
🎤 Your recording:
18:85
🔁 0/5
فَأَتۡبَعَ سَبَبًا ٨٥
Fa atba`a sababaa
Innis karaa deeme
🎤 Your recording:
18:86
🔁 0/5
حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَغۡرِبَ ٱلشَّمۡسِ وَجَدَهَا تَغۡرُبُ فِي عَيۡنٍ حَمِئَةٍ وَوَجَدَ عِندَهَا قَوۡمًاۖ قُلۡنَا يَٰذَا ٱلۡقَرۡنَيۡنِ إِمَّآ أَن تُعَذِّبَ وَإِمَّآ أَن تَتَّخِذَ فِيهِمۡ حُسۡنًا ٨٦
Hattaaa izaa balagha maghribash shamsi wajadahaaa taghrubu fee `aynin hami`a tinw wa wajada `indahaa qawmaa; qulnaa yaa Zal Qarnaini immaaa an tu`az ziba wa immaaa an tattakhiza feehim husnaa
Yeroma iddoo lixa aduu ga’u, isheedhaa galaana dhoqqee gurraacha qabdu keessaan lixxuu argeIshee birattis ummata wahii argeNuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayn! Ati isaan adabuu yookiin isaan keessatti toltuu hojjachuu (filannoo qabda).”
🎤 Your recording:
18:87
🔁 0/5
قَالَ أَمَّا مَن ظَلَمَ فَسَوۡفَ نُعَذِّبُهُۥ ثُمَّ يُرَدُّ إِلَىٰ رَبِّهِۦ فَيُعَذِّبُهُۥ عَذَابًا نُّكۡرًا ٨٧
Qaala amaa man zalama fasawfa nu`azzibuhoo summa yuraddu ilaa Rabbihee fa yu `azzibuhoo azaaban nukraa
Inni ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabnaErgasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e isa adabuuf jira
🎤 Your recording:
18:88
🔁 0/5
وَأَمَّا مَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَلَهُۥ جَزَآءً ٱلۡحُسۡنَىٰۖ وَسَنَقُولُ لَهُۥ مِنۡ أَمۡرِنَا يُسۡرًا ٨٨
Wa ammaa man aamana wa `amila saalihan falahoo jazaaa`anil husnaa wa sanaqoolu lahoo min amrinaa yusraa
Nama amanee, gaariis hojjate immoo, isaaf mindaa gaarii ta’etu jiraNutis ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.”
🎤 Your recording:
18:89
🔁 0/5
ثُمَّ أَتۡبَعَ سَبَبًا ٨٩
Summa atba`a sababaa
Sana booda karaa hordofe
🎤 Your recording:
18:90
🔁 0/5
حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَطۡلِعَ ٱلشَّمۡسِ وَجَدَهَا تَطۡلُعُ عَلَىٰ قَوۡمٍ لَّمۡ نَجۡعَل لَّهُم مِّن دُونِهَا سِتۡرًا ٩٠
Hattaaa izaa balagha matli`ash shamsi wajdahaa tatlu`u alaa qawmil lam naj`al lahum min doonihaa sitraa
Yeroma iddoo baha biiftuu ga’e, isheedhaa ummata ishee irraa golgaa Nuti isaaniif hin taasisin irratti baatu arge
🎤 Your recording:
18:91
🔁 0/5
كَذَٰلِكَۖ وَقَدۡ أَحَطۡنَا بِمَا لَدَيۡهِ خُبۡرًا ٩١
Kazaalika wa qad ahatnaa bimaa ladaihi khubraa
(Dubbichi) akka kanaWantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra
🎤 Your recording:
18:92
🔁 0/5
ثُمَّ أَتۡبَعَ سَبَبًا ٩٢
Summa atba`a sababaa
Ergasii karaa (kaabaa) hordofe
🎤 Your recording:
18:93
🔁 0/5
حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ بَيۡنَ ٱلسَّدَّيۡنِ وَجَدَ مِن دُونِهِمَا قَوۡمًا لَّا يَكَادُونَ يَفۡقَهُونَ قَوۡلًا ٩٣
Hattaaa izaa balagha bainas saddaini wajada min doonihimaa qawmal laa yakaa doona yafqahoona qawlaa
Yeroma gidduu gaara lamaanii ga’e, isaan lamaanii asitti ummata haasa’a beekuutti hin dhihaanne arge
🎤 Your recording:
18:94
🔁 0/5
قَالُواْ يَٰذَا ٱلۡقَرۡنَيۡنِ إِنَّ يَأۡجُوجَ وَمَأۡجُوجَ مُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَهَلۡ نَجۡعَلُ لَكَ خَرۡجًا عَلَىٰٓ أَن تَجۡعَلَ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَهُمۡ سَدًّا ٩٤
Qaaloo yaa Zal qarnaini inna Yaajooja wa Maajooja mufsidoona fil ardi fahal naj`alu laka kharjan `alaaa an taj`ala bainanaa wa bainahum saddas
(Isaanis) “Yaa Zalqarnayn! Dhugumatti, Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj dachii keessatti badii hojjatoodhaNuufi isaan giddutti cufaa godhuu irratti baasii siif goonuu?” jedhan
🎤 Your recording:
18:95
🔁 0/5
قَالَ مَا مَكَّنِّي فِيهِ رَبِّي خَيۡرٌ فَأَعِينُونِي بِقُوَّةٍ أَجۡعَلۡ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُمۡ رَدۡمًا ٩٥
Qaala maa makkannee feehi Rabbee khairun fa-a`eenoonee biquwwatin aj`al bainakum wa bainahum radmaa
(Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu caalaGidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, humnaan na gargaaraa
🎤 Your recording:
18:96
🔁 0/5
ءَاتُونِي زُبَرَ ٱلۡحَدِيدِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا سَاوَىٰ بَيۡنَ ٱلصَّدَفَيۡنِ قَالَ ٱنفُخُواْۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَعَلَهُۥ نَارًا قَالَ ءَاتُونِيٓ أُفۡرِغۡ عَلَيۡهِ قِطۡرًا ٩٦
Aatoonee zubaral hadeed, hattaaa izaa saawaa bainas sadafaini qaalan fukhoo hattaaa izaa ja`alahoo naaran qaala aatooneee ufrigh `alaihi qitraa
Muraa Sibiilaa naaf kennaa.” Yeroo iddoo gaara lamaan gidduu jiru guutu “afuufaa” jedheYeroo ibidda (diimaa) isa godhus “sibiila baqe isa irrattin dhangalaasa naa fidaa” jedhe
🎤 Your recording:
18:97
🔁 0/5
فَمَا ٱسۡطَٰعُوٓاْ أَن يَظۡهَرُوهُ وَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ لَهُۥ نَقۡبًا ٩٧
Famas taa`ooo any yazharoohu wa mastataa`oo lahoo naqbaa
(Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) isa irra koruu hin dandeenye; jalaanis isa uruu hin dandeenye
🎤 Your recording:
18:98
🔁 0/5
قَالَ هَٰذَا رَحۡمَةٌ مِّن رَّبِّيۖ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ رَبِّي جَعَلَهُۥ دَكَّآءَۖ وَكَانَ وَعۡدُ رَبِّي حَقًّا ٩٨
Qaala haaza rahmatummir Rabbee fa izaa jaaa`a wa`du Rabbee ja`alahoo dakkaaa`a; wa kaana; wa du Rabbee haqqaa
(Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’eYeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, Inni bittinnaa’aa isa godhaWaadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.”
🎤 Your recording:
18:99
🔁 0/5
۞ وَتَرَكۡنَا بَعۡضَهُمۡ يَوۡمَئِذٍ يَمُوجُ فِي بَعۡضٍۖ وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَجَمَعۡنَٰهُمۡ جَمۡعًا ٩٩
Wa taraknaa ba`dahum Yawma`iziny yamooju fee ba`dinw wa nufikha fis Soori fajama`naahum jam`aa
Guyyaa (Ya’ajuujifi Ma’ajuuj dhufan) san garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifnaGarriinis (xurumbaanis) ni afuufamaa (uumama hunda) guutumatti walitti isaan qabna
🎤 Your recording:
18:100
🔁 0/5
وَعَرَضۡنَا جَهَنَّمَ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡكَٰفِرِينَ عَرۡضًا ١٠٠
Wa `aradnaa jahannama Yawma`izil lilkaafireena `ardaa
Guyyaa san jahannamiin kaafirootaaf dhiyeessuu dhiheessina
🎤 Your recording:
18:101
🔁 0/5
ٱلَّذِينَ كَانَتۡ أَعۡيُنُهُمۡ فِي غِطَآءٍ عَن ذِكۡرِي وَكَانُواْ لَا يَسۡتَطِيعُونَ سَمۡعًا ١٠١
Allazeena kaanat a`yunuhum fee ghitaaa`in `an zikree wa kaanoo la yastatee`oona sam`aa
(Isaan) warra ijji isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenyeedha
🎤 Your recording:
18:102
🔁 0/5
أَفَحَسِبَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن يَتَّخِذُواْ عِبَادِي مِن دُونِيٓ أَوۡلِيَآءَۚ إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا جَهَنَّمَ لِلۡكَٰفِرِينَ نُزُلًا ١٠٢
Afahasibal lazeena kafarooo any yattakhizoo `ibaadee min dooneee awliyaaa`; innaaa a`tadnaa jahannama lilkaafi reena nuzulaa
Sila warri kafaran gabroota kiyya Anaa gaditti gabbaramtoota godhachuu yaaduu? Dhugumatti, Nuti jahannamiin kaafirootaf iddoo simannaatiif qopheessineerra
🎤 Your recording:
18:103
🔁 0/5
قُلۡ هَلۡ نُنَبِّئُكُم بِٱلۡأَخۡسَرِينَ أَعۡمَٰلًا ١٠٣
Qul hal nunabbi`ukum bilakhsareena a`maalaa
”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi
🎤 Your recording:
18:104
🔁 0/5
ٱلَّذِينَ ضَلَّ سَعۡيُهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَهُمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّهُمۡ يُحۡسِنُونَ صُنۡعًا ١٠٤
Allazeena dalla sa`yuhum fil hayaatid dunyaa wa hum yahsaboona annahum yuhsinoona sun`aa
Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu adunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha
🎤 Your recording:
18:105
🔁 0/5
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ وَلِقَآئِهِۦ فَحَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ فَلَا نُقِيمُ لَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَزۡنًا ١٠٥
Ulaaa`ikal lazeena kafaroo bi aayaati Rabbihim wa liqaaa`ihee fahabitat a`maaluhum falaa nuqeemu lahum Yawmal Qiyaamati waznaa
Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitiifi wal qunnamtii Isaatti kafaranii dalagaan isaanii baddeedhaKanaafuu Guyyaa Qiyaamaa madaala isaaniif hin dhaabnu
🎤 Your recording:
18:106
🔁 0/5
ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُمۡ جَهَنَّمُ بِمَا كَفَرُواْ وَٱتَّخَذُوٓاْ ءَايَٰتِي وَرُسُلِي هُزُوًا ١٠٦
Zaalika jazaaa`uhum jahannamu bimaa kafaroo wattakhazooo Aayaatee wa Rusulee huzuwaa
Isaan sun waan kafaranii keeyyattoota kiyyaafi ergamtoota kiyyas qishnaa godhataniif galanni isaanii jahannami
🎤 Your recording:
18:107
🔁 0/5
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَانَتۡ لَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡفِرۡدَوۡسِ نُزُلًا ١٠٧
Innal lazeena aamanoo wa `amilus saalihaati kaanat lahum Jannaatul Firdawsi nuzulaa
Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa isaaniif taatee jirti
🎤 Your recording:
18:108
🔁 0/5
خَٰلِدِينَ فِيهَا لَا يَبۡغُونَ عَنۡهَا حِوَلًا ١٠٨
Khaalideena feeha la yabghoona `anhaa hiwalaa
Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIshee irraa jijjiiramuu hin barbaadan
🎤 Your recording:
18:109
🔁 0/5
قُل لَّوۡ كَانَ ٱلۡبَحۡرُ مِدَادًا لِّكَلِمَٰتِ رَبِّي لَنَفِدَ ٱلۡبَحۡرُ قَبۡلَ أَن تَنفَدَ كَلِمَٰتُ رَبِّي وَلَوۡ جِئۡنَا بِمِثۡلِهِۦ مَدَدًا ١٠٩
Qul law kaanal bahru midaadal lik Kalimaati Rabbee lanafidal bahru qabla an tanfada Kalimaatu Rabbee wa law ji`naa bimislihee madadaa
Jedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).”
🎤 Your recording:
18:110
🔁 0/5
قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٌ مِّثۡلُكُمۡ يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌۖ فَمَن كَانَ يَرۡجُواْ لِقَآءَ رَبِّهِۦ فَلۡيَعۡمَلۡ عَمَلًا صَٰلِحًا وَلَا يُشۡرِكۡ بِعِبَادَةِ رَبِّهِۦٓ أَحَدَۢا ١١٠
Qul innamaaa ana basharum mislukum yoohaaa ilaiya annamaa ilaahukum Ilaahunw Waahid; faman kaana yarjoo liqaaa`a Rabbihee falya`mal `amalan saalihanw wa laa yushrik bi`ibaadati Rabbiheee ahadaa
Jedhi: “Ani namuma akka keessanii kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudhaKanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu sodaatu (kajeelu) dalagaa gaarii haa hojjatu; Gooftaa isaa gabbaruu keessattis eenyunillee hin qindeessin.”
🎤 Your recording:
💡 Tap any hidden word to reveal it temporarily — your progress is saved automatically in this browser.
العربيةEnglishBahasa IndonesiaTürkçeРусскийفارسیFrançaisاردوবাংলাDeutschEspañol中文हिन्दीPortuguêsItalianoภาษาไทยPolskiNederlandsShqipKiswahiliO'zbekதமிழ்MelayuBosanskiSoomaaliAzərbaycanکوردی한국어日本語SvenskaDanskNorskپښتوമലയാളംසිංහලTamazightHausaአማርኛБългарскиТоҷикӣҚазақшаFilipinoسنڌيYorùbáFulfuldeТатарчаئۇيغۇرچەКыргызчаਪੰਜਾਬੀJawaతెలుగుမြန်မာગુજરાતીOromoमराठीTiếng ViệtMalagasyНохчийнWolofދިވެހިಕನ್ನಡУкраїнськаΕλληνικάქართულიខ្មែរدریQafar afMaranaoनेपाली
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







