Fatır suresi çevirisi Oromo

  1. Suresi mp3
  2. Başka bir sure
  3. Oromo
Kuranı Kerim türkçe meali | Kur'an çevirileri | Oromo dili | Fatır Suresi | فاطر - Ayet sayısı 45 - Moshaf'taki surenin numarası: 35 - surenin ingilizce anlamı: The Originator.

الْحَمْدُ لِلَّهِ فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ جَاعِلِ الْمَلَائِكَةِ رُسُلًا أُولِي أَجْنِحَةٍ مَّثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۚ يَزِيدُ فِي الْخَلْقِ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ(1)

 Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan maleykotas ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasiseef haa ta’uUumama keessattis waan fedhe ni dabalaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

مَّا يَفْتَحِ اللَّهُ لِلنَّاسِ مِن رَّحْمَةٍ فَلَا مُمْسِكَ لَهَا ۖ وَمَا يُمْسِكْ فَلَا مُرْسِلَ لَهُ مِن بَعْدِهِ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ(2)

 Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu tokkoyyuu hin jiruWanta Inni dhorges Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiruInnis injifataa, ogeessa

يَا أَيُّهَا النَّاسُ اذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ۚ هَلْ مِنْ خَالِقٍ غَيْرُ اللَّهِ يَرْزُقُكُم مِّنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ(3)

 Yaa namootaa! Ni’imaa Allaah of irratti yaadadhaaSila Rabbiin ala uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruKanaafuu akkamitti isa (irraa) garagaltu

وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَتْ رُسُلٌ مِّن قَبْلِكَ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ(4)

 (Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiruDhimmoonni hundis gara Rabbiitti deebifamu

يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا ۖ وَلَا يَغُرَّنَّكُم بِاللَّهِ الْغَرُورُ(5)

 Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadhaKanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsineGowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine

إِنَّ الشَّيْطَانَ لَكُمْ عَدُوٌّ فَاتَّخِذُوهُ عَدُوًّا ۚ إِنَّمَا يَدْعُو حِزْبَهُ لِيَكُونُوا مِنْ أَصْحَابِ السَّعِيرِ(6)

 Dhugumatti, Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaaGareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama

الَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ(7)

 Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jiraIsaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira

أَفَمَن زُيِّنَ لَهُ سُوءُ عَمَلِهِ فَرَآهُ حَسَنًا ۖ فَإِنَّ اللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَاءُ وَيَهْدِي مَن يَشَاءُ ۖ فَلَا تَذْهَبْ نَفْسُكَ عَلَيْهِمْ حَسَرَاتٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِمَا يَصْنَعُونَ(8)

 Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan gaarii taasisee ishee ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Dhugumatti, Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaKanaafuu isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baaneDhugumatti, Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha

وَاللَّهُ الَّذِي أَرْسَلَ الرِّيَاحَ فَتُثِيرُ سَحَابًا فَسُقْنَاهُ إِلَىٰ بَلَدٍ مَّيِّتٍ فَأَحْيَيْنَا بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ كَذَٰلِكَ النُّشُورُ(9)

 Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachifneKaafamni Qiyaamaas akkuma kana

مَن كَانَ يُرِيدُ الْعِزَّةَ فَلِلَّهِ الْعِزَّةُ جَمِيعًا ۚ إِلَيْهِ يَصْعَدُ الْكَلِمُ الطَّيِّبُ وَالْعَمَلُ الصَّالِحُ يَرْفَعُهُ ۚ وَالَّذِينَ يَمْكُرُونَ السَّيِّئَاتِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَمَكْرُ أُولَٰئِكَ هُوَ يَبُورُ(10)

 Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu)Jabeenyi hunduu kan RabbiitiHaasofni gaariin gara isaa ol bahaDalagaa gaariitu isa ol fuudhaIsaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada

وَاللَّهُ خَلَقَكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ جَعَلَكُمْ أَزْوَاجًا ۚ وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِ ۚ وَمَا يُعَمَّرُ مِن مُّعَمَّرٍ وَلَا يُنقَصُ مِنْ عُمُرِهِ إِلَّا فِي كِتَابٍ ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ(11)

 Rabbiin biyyee irraa, ergasii bishaan irraa isin uumee, ergasii cimdii isin taasiseBeekumsa Isaatiin ala dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessusNamni umrii dheereffame tokkollee, kitaaba keessa jiraatu malee umriin isaa hin dheereffamuUmrii isaa irraa hin hir’ifamus; dhugumatti, sun Allaah irratti laafaadha

وَمَا يَسْتَوِي الْبَحْرَانِ هَٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ سَائِغٌ شَرَابُهُ وَهَٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ ۖ وَمِن كُلٍّ تَأْكُلُونَ لَحْمًا طَرِيًّا وَتَسْتَخْرِجُونَ حِلْيَةً تَلْبَسُونَهَا ۖ وَتَرَى الْفُلْكَ فِيهِ مَوَاخِرَ لِتَبْتَغُوا مِن فَضْلِهِ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ(12)

 Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadhaHunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattuAkka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta

يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِي لِأَجَلٍ مُّسَمًّى ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ لَهُ الْمُلْكُ ۚ وَالَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِهِ مَا يَمْلِكُونَ مِن قِطْمِيرٍ(13)

 Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisaAduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’uInni (kana hojjate) kun Rabbii keessan AllaahdhaIsaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu

إِن تَدْعُوهُمْ لَا يَسْمَعُوا دُعَاءَكُمْ وَلَوْ سَمِعُوا مَا اسْتَجَابُوا لَكُمْ ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكْفُرُونَ بِشِرْكِكُمْ ۚ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثْلُ خَبِيرٍ(14)

 Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatanGuyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu(Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu

۞ يَا أَيُّهَا النَّاسُ أَنتُمُ الْفُقَرَاءُ إِلَى اللَّهِ ۖ وَاللَّهُ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ(15)

 Yaa namootaa! Isinumatu gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha

إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ(16)

 Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida

وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ بِعَزِيزٍ(17)

 Sunis Allaah irratti ulfaataa miti

وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ۚ وَإِن تَدْعُ مُثْقَلَةٌ إِلَىٰ حِمْلِهَا لَا يُحْمَلْ مِنْهُ شَيْءٌ وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَىٰ ۗ إِنَّمَا تُنذِرُ الَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُم بِالْغَيْبِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ ۚ وَمَن تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفْسِهِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ الْمَصِيرُ(18)

 (Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu(Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidhaNamni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifiDeebi’iinsi garuma Rabbiiti

وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ(19)

 Jaamaafi namni Ija qabus wal hin qixxaatu

وَلَا الظُّلُمَاتُ وَلَا النُّورُ(20)

 Dukkanniifi iftis (akkasuma)

وَلَا الظِّلُّ وَلَا الْحَرُورُ(21)

 Gaaddisniifi ho’i cimaanis

وَمَا يَسْتَوِي الْأَحْيَاءُ وَلَا الْأَمْوَاتُ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُسْمِعُ مَن يَشَاءُ ۖ وَمَا أَنتَ بِمُسْمِعٍ مَّن فِي الْقُبُورِ(22)

 Namoonni lubbuun jiraniifi isaan du’anis wal qixaa mitiDhugumatti, Allaahn nama fedhe ni dhageessisaAti garuu nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti

إِنْ أَنتَ إِلَّا نَذِيرٌ(23)

 Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane

إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ بِالْحَقِّ بَشِيرًا وَنَذِيرًا ۚ وَإِن مِّنْ أُمَّةٍ إِلَّا خَلَا فِيهَا نَذِيرٌ(24)

 Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee dhugaadhaan si erginee jirraUmmanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti hin ergamin hin jiru

وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كَذَّبَ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ وَبِالزُّبُرِ وَبِالْكِتَابِ الْمُنِيرِ(25)

 Yoo si sobsiisanis, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiruErgamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan

ثُمَّ أَخَذْتُ الَّذِينَ كَفَرُوا ۖ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ(26)

 Ergasiis isaan kafaran qabeen jiraadabbiin kiyyaas akkam ta’e

أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ أَنزَلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَخْرَجْنَا بِهِ ثَمَرَاتٍ مُّخْتَلِفًا أَلْوَانُهَا ۚ وَمِنَ الْجِبَالِ جُدَدٌ بِيضٌ وَحُمْرٌ مُّخْتَلِفٌ أَلْوَانُهَا وَغَرَابِيبُ سُودٌ(27)

 Rabbiin bishaan samii irraa buusee, ittiin fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e akka biqilchine hin arginee? Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti isaanii gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee)

وَمِنَ النَّاسِ وَالدَّوَابِّ وَالْأَنْعَامِ مُخْتَلِفٌ أَلْوَانُهُ كَذَٰلِكَ ۗ إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ(28)

 Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis warra bifti isaanii akkasuma gara gara ta’es ni uumneGabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofaDhugumatti, Rabbiin injifataa, araaramaadha

إِنَّ الَّذِينَ يَتْلُونَ كِتَابَ اللَّهِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَأَنفَقُوا مِمَّا رَزَقْنَاهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً يَرْجُونَ تِجَارَةً لَّن تَبُورَ(29)

 Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu

لِيُوَفِّيَهُمْ أُجُورَهُمْ وَيَزِيدَهُم مِّن فَضْلِهِ ۚ إِنَّهُ غَفُورٌ شَكُورٌ(30)

 Akka Inni (Rabbiin) mindaa isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu)Dhugumatti, Inni araaramaa, galateeffataadha

وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ مِنَ الْكِتَابِ هُوَ الْحَقُّ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِعِبَادِهِ لَخَبِيرٌ بَصِيرٌ(31)

 Kitaaba (Qur’aana) irraa waan isa duraa kan dhugoomsu ta’ee kan Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadhaDhugumatti Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha

ثُمَّ أَوْرَثْنَا الْكِتَابَ الَّذِينَ اصْطَفَيْنَا مِنْ عِبَادِنَا ۖ فَمِنْهُمْ ظَالِمٌ لِّنَفْسِهِ وَمِنْهُم مُّقْتَصِدٌ وَمِنْهُمْ سَابِقٌ بِالْخَيْرَاتِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ(32)

 Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirraIsaan irraas nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jiraIsaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jiraSun isumatu tola guddaadha

جَنَّاتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَلُؤْلُؤًا ۖ وَلِبَاسُهُمْ فِيهَا حَرِيرٌ(33)

 Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira)Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira

وَقَالُوا الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَذْهَبَ عَنَّا الْحَزَنَ ۖ إِنَّ رَبَّنَا لَغَفُورٌ شَكُورٌ(34)

 Ni jedhus: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseetiDhugumatti, Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha

الَّذِي أَحَلَّنَا دَارَ الْمُقَامَةِ مِن فَضْلِهِ لَا يَمَسُّنَا فِيهَا نَصَبٌ وَلَا يَمَسُّنَا فِيهَا لُغُوبٌ(35)

 (Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa kan gonkumaa keessaa hin baane, kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa nu qubachiiseedha

وَالَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ نَارُ جَهَنَّمَ لَا يُقْضَىٰ عَلَيْهِمْ فَيَمُوتُوا وَلَا يُخَفَّفُ عَنْهُم مِّنْ عَذَابِهَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي كُلَّ كَفُورٍ(36)

 Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jiraIsaanitti murteeffamtees hin du’anuadabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamuAkkaan kafaraa hunda akka kanatti mindeessina

وَهُمْ يَصْطَرِخُونَ فِيهَا رَبَّنَا أَخْرِجْنَا نَعْمَلْ صَالِحًا غَيْرَ الَّذِي كُنَّا نَعْمَلُ ۚ أَوَلَمْ نُعَمِّرْكُم مَّا يَتَذَكَّرُ فِيهِ مَن تَذَكَّرَ وَجَاءَكُمُ النَّذِيرُ ۖ فَذُوقُوا فَمَا لِلظَّالِمِينَ مِن نَّصِيرٍ(37)

 Isaanis ishee keessatti “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun ishee keessaa waywaatu“Sila umrii dheeraa namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsaan hin jiru.”

إِنَّ اللَّهَ عَالِمُ غَيْبِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ(38)

 Dhugumatti, Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiitiInni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti

هُوَ الَّذِي جَعَلَكُمْ خَلَائِفَ فِي الْأَرْضِ ۚ فَمَن كَفَرَ فَعَلَيْهِ كُفْرُهُ ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ إِلَّا مَقْتًا ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ إِلَّا خَسَارًا(39)

 Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godheNamni kafare kufriin isaa isuma irrattiKaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabaluKaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu

قُلْ أَرَأَيْتُمْ شُرَكَاءَكُمُ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ اللَّهِ أَرُونِي مَاذَا خَلَقُوا مِنَ الْأَرْضِ أَمْ لَهُمْ شِرْكٌ فِي السَّمَاوَاتِ أَمْ آتَيْنَاهُمْ كِتَابًا فَهُمْ عَلَىٰ بَيِّنَتٍ مِّنْهُ ۚ بَلْ إِن يَعِدُ الظَّالِمُونَ بَعْضُهُم بَعْضًا إِلَّا غُرُورًا(40)

 “Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaaSila samii (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran isaaniif kenninee? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu

۞ إِنَّ اللَّهَ يُمْسِكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ أَن تَزُولَا ۚ وَلَئِن زَالَتَا إِنْ أَمْسَكَهُمَا مِنْ أَحَدٍ مِّن بَعْدِهِ ۚ إِنَّهُ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا(41)

 Dhugumatti, Rabbiin samiifi dachiin akka hin deemne qabaOdoo bakkaa deemaniis Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabuInni obsaa, araaramaa ta’eera

وَأَقْسَمُوا بِاللَّهِ جَهْدَ أَيْمَانِهِمْ لَئِن جَاءَهُمْ نَذِيرٌ لَّيَكُونُنَّ أَهْدَىٰ مِنْ إِحْدَى الْأُمَمِ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُمْ نَذِيرٌ مَّا زَادَهُمْ إِلَّا نُفُورًا(42)

 Yoo akeekkachiisaan isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa taana jechuun kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatanYeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe

اسْتِكْبَارًا فِي الْأَرْضِ وَمَكْرَ السَّيِّئِ ۚ وَلَا يَحِيقُ الْمَكْرُ السَّيِّئُ إِلَّا بِأَهْلِهِ ۚ فَهَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا سُنَّتَ الْأَوَّلِينَ ۚ فَلَن تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَبْدِيلًا ۖ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَحْوِيلًا(43)

 Dachee keessatti boonaafi tooftaa dharaa (malee isaaniif hin daballe)Tooftaan hamaan abbaa isaatti malee hin marsuSila karaa warra durii malee maal eegan? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu

أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ وَكَانُوا أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعْجِزَهُ مِن شَيْءٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَلِيمًا قَدِيرًا(44)

 Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa oduma humnaanis isaan irra cimoo ta’anii akkam akka ture hin ilaalanuu? Rabbiin samii keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiruInni beekaa, danda’aa ta’eera

وَلَوْ يُؤَاخِذُ اللَّهُ النَّاسَ بِمَا كَسَبُوا مَا تَرَكَ عَلَىٰ ظَهْرِهَا مِن دَابَّةٍ وَلَٰكِن يُؤَخِّرُهُمْ إِلَىٰ أَجَلٍ مُّسَمًّى ۖ فَإِذَا جَاءَ أَجَلُهُمْ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِعِبَادِهِ بَصِيرًا(45)

 Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu tureGaruu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisaYeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa)Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera


Oromo diğer sureler:

Bakara suresi Âl-i İmrân Nisâ suresi
Mâide suresi Yûsuf suresi İbrâhîm suresi
Hicr suresi Kehf suresi Meryem suresi
Hac suresi Kasas suresi Ankebût suresi
As-Sajdah Yâsîn suresi Duhân suresi
fetih suresi Hucurât suresi Kâf suresi
Necm suresi Rahmân suresi vakıa suresi
Haşr suresi Mülk suresi Hâkka suresi
İnşikâk suresi Alâ suresi Gâşiye suresi

En ünlü okuyucuların sesiyle Fatır Suresi indirin:

Surah Fatir mp3: yüksek kalitede dinlemek ve indirmek için okuyucuyu seçerek
Fatır Suresi Ahmed El Agamy
Ahmed El Agamy
Fatır Suresi Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
Fatır Suresi Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
Fatır Suresi Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
Fatır Suresi Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
Fatır Suresi Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
Fatır Suresi Ali Al Hudhaifi
Ali Al Hudhaifi
Fatır Suresi Fares Abbad
Fares Abbad
Fatır Suresi Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
Fatır Suresi Muhammad Jibril
Muhammad Jibril
Fatır Suresi Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
Fatır Suresi Al Hosary
Al Hosary
Fatır Suresi Al-afasi
Mishari Al-afasi
Fatır Suresi Nasser Al Qatami
Nasser Al Qatami
Fatır Suresi Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Tuesday, February 11, 2025

Bizim için dua et, teşekkürler