🔥 0 day streak
📖 Long surah — split into smaller parts to help you focus (35 Aayah)
0/35
46:1
🔁 0/5
حمٓ ١
Haa-Meeeem
Haa Miim
🎤 Your recording:
46:2
🔁 0/5
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ ٢
Tanzeelul Kitaabi minal laahil-`Azeezil Hakeem
Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi
🎤 Your recording:
46:3
🔁 0/5
مَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَأَجَلٍ مُّسَمًّىۚ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَمَّآ أُنذِرُواْ مُعۡرِضُونَ ٣
Maa khalaqnas samaawaati wal arda wa maa bainahumaaa illaa bilhaqqi wa ajalim musammaa; wallazeena kafaroo `ammaaa unziroo mu`ridoon
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jiranis dhugaafi yeroo beekamaa ta’eef malee hin uumneIsaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloodha
🎤 Your recording:
46:4
🔁 0/5
قُلۡ أَرَءَيۡتُم مَّا تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَرُونِي مَاذَا خَلَقُواْ مِنَ ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ لَهُمۡ شِرۡكٌ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِۖ ٱئۡتُونِي بِكِتَٰبٍ مِّن قَبۡلِ هَٰذَآ أَوۡ أَثَٰرَةٍ مِّنۡ عِلۡمٍ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٤
Qul ara`aytum maa tad`oona min doonil laahi aroonee maazaa khalaqoo minal ardi am lahum shirkun fis samaawaati eetoonee bi kitaabim min qabli haazaaa aw asaaratim min `ilmin in kuntum saadiqeen
(Yaa Muhammad!) jedhi: “wantoota Rabbiin ala gabbartan naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman natti agarsiisaaMoo samii (uumuu) keessatti shariikummaan isaaniif jira? Yoo dhugaa dubbattoota taataniif mee kitaaba (Qur’aana) kana dura (bu’e) yookiin hambaa beekumsa durii wahii naaf dhiyeessaa.”
🎤 Your recording:
46:5
🔁 0/5
وَمَنۡ أَضَلُّ مِمَّن يَدۡعُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَن لَّا يَسۡتَجِيبُ لَهُۥٓ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَهُمۡ عَن دُعَآئِهِمۡ غَٰفِلُونَ ٥
Wa man adallu mimmany yad`oo min doonil laahi mallaa yastajeebu lahooo ilaa Yawmil Qiyaamati wa hum`an du`aaa`ihim ghaafiloon
Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin owwaanneefi isaan kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu
🎤 Your recording:
46:6
🔁 0/5
وَإِذَا حُشِرَ ٱلنَّاسُ كَانُواْ لَهُمۡ أَعۡدَآءً وَكَانُواْ بِعِبَادَتِهِمۡ كَٰفِرِينَ ٦
Wa izaa hushiran naasu kaanoo lahum a`daaa`anw wa kaanoo bi`ibaadatihim kaafireen
Yeroo ilmi namaa walitti qabamu diinota isaaniif ta’uIbaadaa isaaniittis kafaroo ta’u
🎤 Your recording:
46:7
🔁 0/5
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ هَٰذَا سِحۡرٌ مُّبِينٌ ٧
Wa izaa tutlaa `alaihim Aayaatunaa baiyinaatin qaalal lazeena kafaroo lilhaqqi lammaa jaaa`ahum haazaa sihrum mubeen
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman, isaan kafaran dhugaan isaanitti dhufnaan “kun Sihrii ifa galaadha” jedhan
🎤 Your recording:
46:8
🔁 0/5
أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۖ قُلۡ إِنِ ٱفۡتَرَيۡتُهُۥ فَلَا تَمۡلِكُونَ لِي مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔاۖ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَا تُفِيضُونَ فِيهِۚ كَفَىٰ بِهِۦ شَهِيدَۢا بَيۡنِي وَبَيۡنَكُمۡۖ وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ ٨
Am yaqooloonaf taraahu qul inif taraituhoo falaa tamlikoona lee minal laahi shai`an Huwa a`lamu bimaa tufeedoona feehi kafaa bihee shaheedam bainee wa bainakum wa Huwal Ghafoorur Raheem
Yookiin “(Muhammadtu SAW) sobaan isa uume” jedhu(Yaa Muhammad!) “yoo ani sobaan isa uumeef (adabbii) Rabbii irraa naaf tumsuu hin dandeessanuInni (Rabbiin) waan isin keessa galtan akkaan beekaadhaAnaafi isin giddutti ragaaf Inni ga’aadhaInni araaramaa, rahmata godhaadha” jedhi
🎤 Your recording:
46:9
🔁 0/5
قُلۡ مَا كُنتُ بِدۡعًا مِّنَ ٱلرُّسُلِ وَمَآ أَدۡرِي مَا يُفۡعَلُ بِي وَلَا بِكُمۡۖ إِنۡ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ وَمَآ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ ٩
Qul maa kuntu bid`am minal Rusuli wa maaa adreee ma yuf`alu bee wa laa bikum in attabi`u illaa maa yoohaaa ilaiya ya maaa ana illaa nazeerum mubeen
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalaqabaatii mitiWaan anaafi isin irratti dalagamuuf jirus hin beekuWaan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofuAni sodaachisaa ifa bahaadha malee waan biraatii miti.”
🎤 Your recording:
46:10
🔁 0/5
قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كَانَ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِ وَكَفَرۡتُم بِهِۦ وَشَهِدَ شَاهِدٌ مِّنۢ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ عَلَىٰ مِثۡلِهِۦ فَـَٔامَنَ وَٱسۡتَكۡبَرۡتُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ ١٠
Qul ara`aytum in kaana min `indil laahi wa kafartum bihee wa shahida shaahidum mim Banee Israaa`eela `alaa mislihee fa aamana wastak bartum innal laaha laa yahdil qawmaz zaalimeen
“Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni kun) odoma isin itti kafartanuu Rabbi biraa ta’e, raga bahaan Ilmaan Israa’ilii irraa ta’e fakkaataa isaa irratti ragaa bahee yoo amanee isin immoo boontan, (isin miidhaa hin hojjannee)? Rabbiin miidhaa raawwattoota hin qajeelchu” jedhi
🎤 Your recording:
46:11
🔁 0/5
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَوۡ كَانَ خَيۡرًا مَّا سَبَقُونَآ إِلَيۡهِۚ وَإِذۡ لَمۡ يَهۡتَدُواْ بِهِۦ فَسَيَقُولُونَ هَٰذَآ إِفۡكٌ قَدِيمٌ ١١
Wa qaalal lazeena kafaroo lillazeena aamanoo law kaana khairam maa sabaqoonaaa ilyh; wa iz lam yahtadoo bihee fasa yaqooloona haazaaa ifkun qadeem
Isaan kafaran isaan amananiin ni jedhu: “Odoo inni (Qur’aanni) waan gaarii ta’ee silaa gara isaatti nu hin dursanu ture.” Isaan eega hin qajeelinii “kun dhara duriiti” jechuuf jiru
🎤 Your recording:
46:12
🔁 0/5
وَمِن قَبۡلِهِۦ كِتَٰبُ مُوسَىٰٓ إِمَامًا وَرَحۡمَةًۚ وَهَٰذَا كِتَٰبٌ مُّصَدِّقٌ لِّسَانًا عَرَبِيًّا لِّيُنذِرَ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُحۡسِنِينَ ١٢
Wa min qablihee kitaabu Moosaaa imaamanw-wa rahmah; wa haazaa Kitaabum musad diqul lisaanan `Arabiyyal liyunziral lazeena zalamoo wa bushraa lilmuhsineen
Isa (Qur’aana) duras kitaaba Muusaa kan qajeelfamaafi rahmata ta’etu tureKunis kitaaba dhugoomsaa, akka warra miidhaa hojjatan sodaachisee, toltuu hojjattoota immoo gammachiisuuf Afaan Arabaatiin (bu’ee)dha
🎤 Your recording:
46:13
🔁 0/5
إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُواْ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسۡتَقَٰمُواْ فَلَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ ١٣
Innal lazeena qaaloo Rabbunal laahu summas taqaamoo falaa khawfun `alaihim wa laahum yahzanoon
Isaan “Gooftaan keenya Allaahdha” jedhanii ergasii (sana irratti) gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis
🎤 Your recording:
46:14
🔁 0/5
أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ خَٰلِدِينَ فِيهَا جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ١٤
Ulaaa`ika Ashabul Jannati khaalideena feehaa jazaaa`am bimaa kaano ya`maloon
Isaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hunda jiraatu; mindaa waan dalagaa turaniif (isaanif kenname)
🎤 Your recording:
46:15
🔁 0/5
وَوَصَّيۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ بِوَٰلِدَيۡهِ إِحۡسَٰنًاۖ حَمَلَتۡهُ أُمُّهُۥ كُرۡهًا وَوَضَعَتۡهُ كُرۡهًاۖ وَحَمۡلُهُۥ وَفِصَٰلُهُۥ ثَلَٰثُونَ شَهۡرًاۚ حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ أَشُدَّهُۥ وَبَلَغَ أَرۡبَعِينَ سَنَةً قَالَ رَبِّ أَوۡزِعۡنِيٓ أَنۡ أَشۡكُرَ نِعۡمَتَكَ ٱلَّتِيٓ أَنۡعَمۡتَ عَلَيَّ وَعَلَىٰ وَٰلِدَيَّ وَأَنۡ أَعۡمَلَ صَٰلِحًا تَرۡضَىٰهُ وَأَصۡلِحۡ لِي فِي ذُرِّيَّتِيٓۖ إِنِّي تُبۡتُ إِلَيۡكَ وَإِنِّي مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ ١٥
Wa wassainal insaana biwaalidaihi ihsaanan hamalathu ummuhoo kurhanw-wa wada`athu kurhanw wa hamluhoo wa fisaaluhoo salaasoona shahraa; hattaaa izaa balagha ashuddahoo wa balagho arba`eena sanatan qaala Rabbi aqzi`neee an ashkura ni`matakal lateee an`amta `alaiya wa `alaa waalidaiya wa an a`mala saalihan tardaahu wa aslih lee fee zurriyyatee innee tubtu ilaika wa innee minal muslimeen
Namootaaf abbaafi haadha isaatti tola ooluu dhaamneHaati isaa rakkoon isa baadhattee, rakkoon isa deesseUlfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; yeroo jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisiSanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisiAni gara kee tawbaa deebi’eeraAni Muslimtoota irraayi” jedhe
🎤 Your recording:
46:16
🔁 0/5
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ نَتَقَبَّلُ عَنۡهُمۡ أَحۡسَنَ مَا عَمِلُواْ وَنَتَجَاوَزُ عَن سَيِّـَٔاتِهِمۡ فِيٓ أَصۡحَٰبِ ٱلۡجَنَّةِۖ وَعۡدَ ٱلصِّدۡقِ ٱلَّذِي كَانُواْ يُوعَدُونَ ١٦
Ulaaa`ikal lazeena nata qabbalu `anhum ahsana maa `amiloo wa natajaawazu `an saiyiaatihim feee Ashaabil jannati Wa`das sidqil lazee kaanoo yoo`adoon
Isaan sun warra irra gaggaarii wantoota isaan dalaganii nuti irraa qeeballee hamtuu isaanii dhiifama goonufi(Fuula duras) namoota Jannataa keessatti ta’u(Kun) waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa ture
🎤 Your recording:
46:17
🔁 0/5
وَٱلَّذِي قَالَ لِوَٰلِدَيۡهِ أُفٍّ لَّكُمَآ أَتَعِدَانِنِيٓ أَنۡ أُخۡرَجَ وَقَدۡ خَلَتِ ٱلۡقُرُونُ مِن قَبۡلِي وَهُمَا يَسۡتَغِيثَانِ ٱللَّهَ وَيۡلَكَ ءَامِنۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقٌّ فَيَقُولُ مَا هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٧
Wallazee qaala liwaali daihi uffil lakumaaa ata`idanineee an ukhraja wa qad khalatil quroonu min qablee wa humaa yastagheesaanil laaha wailaka aamin inna wa`dal laahi haqq, fa yaqoolu maa haazaaa illaaa asaateerul awwaleen
Inni abbaafi haadha isaatiin “isin lachaniifuu ish (uffi)! Kanuma dhaloonni baay’een dabrani jiranu, akka ani kaafamu natti himtuu?” jedheHaala isaan lamaan birmachuu Rabbii gaafachaa, “yaa badii kee! Beellamni Rabbii dhugaadhaa amani” jedhanii gorsanuu “kun ogbarruu warra duriiti malee waa biraa miti” jedha
🎤 Your recording:
46:18
🔁 0/5
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ حَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلُ فِيٓ أُمَمٍ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ خَٰسِرِينَ ١٨
Ulaaa`ikal lazeena haqqa `alaihimul qawlu feee umamin qad khalat min qablihim minal jinni wal insi innahum kaanoo khaasireen
Isaan sun warra ummattoota isaan dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessatti jechi (adabbii) isaan irratti mirkanaa’eedhaIsaan hoonga’oota ta’aniiru
🎤 Your recording:
46:19
🔁 0/5
وَلِكُلٍّ دَرَجَٰتٌ مِّمَّا عَمِلُواْۖ وَلِيُوَفِّيَهُمۡ أَعۡمَٰلَهُمۡ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ ١٩
Wa likullin darajaatum mimmaa `amiloo wa liyuwaf fiyahum a`maalahum wa hum laa yuzlamoon
Hundaafuu waan dalagan irraa sadarkaatu jiraOdoo isaan hin miidhamne, hojii isaanii isaanii guutuuf (mindeessa)
🎤 Your recording:
46:20
🔁 0/5
وَيَوۡمَ يُعۡرَضُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَلَى ٱلنَّارِ أَذۡهَبۡتُمۡ طَيِّبَٰتِكُمۡ فِي حَيَاتِكُمُ ٱلدُّنۡيَا وَٱسۡتَمۡتَعۡتُم بِهَا فَٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَوۡنَ عَذَابَ ٱلۡهُونِ بِمَا كُنتُمۡ تَسۡتَكۡبِرُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَبِمَا كُنتُمۡ تَفۡسُقُونَ ٢٠
Wa Yawma yu`radul lazeena kafaroo `alan Naai azhabtum taiyibaatikum fee hayaatikumud dunyaa wastam ta`tum bihaa fal Yawma tujzawna `azaabal hooni bimaa kuntum tastakbiroona fil ardi bighairil haqqi wa bimaa kuntum tafsuqoon
Guyyaa isaan kafaran ibidda irra fidaman: “(wantoota) gaggaarii keessan jireenya keessan kan addunyaa keessatti dabarfattanii itti fayyadamtanii turtanHar’a immoo waan dachii keessatti dhugaan ala boonaa turtaniifi waan fincilaa turtaniif adabbii salphisaa mindeeffamtu (isaaniin jedhama)
🎤 Your recording:
46:21
🔁 0/5
۞ وَٱذۡكُرۡ أَخَا عَادٍ إِذۡ أَنذَرَ قَوۡمَهُۥ بِٱلۡأَحۡقَافِ وَقَدۡ خَلَتِ ٱلنُّذُرُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَمِنۡ خَلۡفِهِۦٓ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٍ ٢١
Wazkur akhaa `Aad, iz anzara qawmahoo bil Ahqaafi wa qad khalatin nuzuru mim baini yadaihi wa min khalfiheee allaa ta`budooo illal laaha inneee akhaafu `alaikum `azaaba Yawmin `azeem
Yeroo obboleessi Aad (Huud) Ahqaafitti ummata isaa dinniine yaadadhuIsa duraafi isa boodas sodaachiftoonni; “Allaah malee waan biraa hin gabbarinaa; ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha” (jechuun) dabartee turte
🎤 Your recording:
46:22
🔁 0/5
قَالُوٓاْ أَجِئۡتَنَا لِتَأۡفِكَنَا عَنۡ ءَالِهَتِنَا فَأۡتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ٢٢
Qaaloo aji`tanaa litaa fikanaa `an aalihatinaa faatinaa bimaa ta`idunaaa in kunta minas saadiqeen
(Ummanni isaas) ni jedhan: “Sila ati gooftolii keenya irraa akka gara nu galchituuf nutti dhuftee? Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef waan nuun sodaachiftuun nutti koottu.”
🎤 Your recording:
46:23
🔁 0/5
قَالَ إِنَّمَا ٱلۡعِلۡمُ عِندَ ٱللَّهِ وَأُبَلِّغُكُم مَّآ أُرۡسِلۡتُ بِهِۦ وَلَٰكِنِّيٓ أَرَىٰكُمۡ قَوۡمًا تَجۡهَلُونَ ٢٣
Qaala innamal `ilmu indal laahi wa uballighukum maaa uriltu bihee wa laakinneee araakum qawman tajhaloon
(Huud) ni jedhe: “Beekumsi (adabbittii) Allaah bira jiraAni waanuman ittiin ergame qofan isinitti geessaGaruu ani ummata wollaaloo ta’uun isin arga.”
🎤 Your recording:
46:24
🔁 0/5
فَلَمَّا رَأَوۡهُ عَارِضًا مُّسۡتَقۡبِلَ أَوۡدِيَتِهِمۡ قَالُواْ هَٰذَا عَارِضٌ مُّمۡطِرُنَاۚ بَلۡ هُوَ مَا ٱسۡتَعۡجَلۡتُم بِهِۦۖ رِيحٌ فِيهَا عَذَابٌ أَلِيمٌ ٢٤
Falammaa ra awhu `aaridam mustaqbila awdiyatihim qaaloo haazaa `aaridum mumtirunaa; bal huwa masta`jaltum bihee reehun feehaa `azaabun aleem
Yeroo isa (adabicha) (duumessa fakkaatee) gara laggeen isaanii garagalee dhufaa ta’uu argan: “kun duumessa rooba nuuf kennuu dhufe” jedhan“Lakkisaa! Inni waan jarjarfachaa turtan sanii; bubbee adabbiin laalessaan isa keessa jiruudha” (jedhaman)
🎤 Your recording:
46:25
🔁 0/5
تُدَمِّرُ كُلَّ شَيۡءِۭ بِأَمۡرِ رَبِّهَا فَأَصۡبَحُواْ لَا يُرَىٰٓ إِلَّا مَسَٰكِنُهُمۡۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ ٢٥
Tudammiru kulla shai`im bi-amri Rabbihaa fa asbahoo laa yuraaa illaa masaakinuhum; kazaalika najzil qawmal mujrimeen
Waan hunda ajaja Rabbii isheetiin balleessitiManneen isaanii malee wanti tokkos kan hin mul’anne ta’anAkka kanatti namoota badii hojjatan mindeessina
🎤 Your recording:
46:26
🔁 0/5
وَلَقَدۡ مَكَّنَّٰهُمۡ فِيمَآ إِن مَّكَّنَّٰكُمۡ فِيهِ وَجَعَلۡنَا لَهُمۡ سَمۡعًا وَأَبۡصَٰرًا وَأَفۡـِٔدَةً فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُمۡ سَمۡعُهُمۡ وَلَآ أَبۡصَٰرُهُمۡ وَلَآ أَفۡـِٔدَتُهُم مِّن شَيۡءٍ إِذۡ كَانُواْ يَجۡحَدُونَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ ٢٦
Wa laqad makkannaahum feemaaa im makkannaakum feehi waj`alnaa lahum sam`anw wa absaaranw wa af`idatan famaaa aghnaa `anhum samu`uhum wa laaa absaaruhum wa laaa af`idatuhum min shai`in iz kaanoo yajhadoona bi Aayaatil laahi wa haaqa bihim maa kaanoo bihee yastahzi`oon
(Yaa Qureyshotaa!) dhugumatti, Nuti waan isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessinee turreDhageettii, agartuufi qalbiis isaaniif gooneeDhageettiin, agartuufi qalbiin isaanii, waan aayatoota keenya mormaa turaniif homaa isaan irraa hin deebifneWanti isaan qishnaa itti godhaa turan isaanitti marse
🎤 Your recording:
46:27
🔁 0/5
وَلَقَدۡ أَهۡلَكۡنَا مَا حَوۡلَكُم مِّنَ ٱلۡقُرَىٰ وَصَرَّفۡنَا ٱلۡأٓيَٰتِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ ٢٧
Wa laqad ahlaknaa ma hawlakum minal quraa wa sarrafnal Aayaati la`allahum yarji`oon
Dhugumatti, magaalota (ummatoota) moggaa keessan jiran gidduu (heddu) balleessinee jirraMallattoolee (keenyas) karaa adda addaatiin isaan argisiifne
🎤 Your recording:
46:28
🔁 0/5
فَلَوۡلَا نَصَرَهُمُ ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ قُرۡبَانًا ءَالِهَةَۢۖ بَلۡ ضَلُّواْ عَنۡهُمۡۚ وَذَٰلِكَ إِفۡكُهُمۡ وَمَا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ ٢٨
Falaw laa nasarahumul lazeenat takhazoo min doonil laahi qurbaanan aalihatam bal dalloo `anhum` wa zaalika ifkuhum wa maa kaanoo yaftaroon
Maaliif wantoonni isaan akka Rabbiitti isaan dhiheessituuf gabbaramoo godhatan isaan hin tumsin? Lakkisaa! (yeroo san) gonkumaa isaan irraa dheessanKunis kijiba isaanitiifi waan isaan sobaan uumanii haasa’aa turaniidha
🎤 Your recording:
46:29
🔁 0/5
وَإِذۡ صَرَفۡنَآ إِلَيۡكَ نَفَرًا مِّنَ ٱلۡجِنِّ يَسۡتَمِعُونَ ٱلۡقُرۡءَانَ فَلَمَّا حَضَرُوهُ قَالُوٓاْ أَنصِتُواْۖ فَلَمَّا قُضِيَ وَلَّوۡاْ إِلَىٰ قَوۡمِهِم مُّنذِرِينَ ٢٩
Wa iz sarafinaaa ilaika nafaram minal jinni yastami`oonal Quraana falammaa hadaroohu qaalooo ansitoo falammaa qudiya wallaw ilaa qawmihim munzireen
(Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii gara keetti garagalchine [yaadadhu]Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa dhageeffadhaa” (waliin) jedhanYeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an
🎤 Your recording:
46:30
🔁 0/5
قَالُواْ يَٰقَوۡمَنَآ إِنَّا سَمِعۡنَا كِتَٰبًا أُنزِلَ مِنۢ بَعۡدِ مُوسَىٰ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ يَهۡدِيٓ إِلَى ٱلۡحَقِّ وَإِلَىٰ طَرِيقٍ مُّسۡتَقِيمٍ ٣٠
Qaaloo yaa qawmanaaa innaa sami`naa Kitaaban unzila mim ba`di Moosa musaddiqal limaa baina yadihi yahdeee ilal haqqi wa ilaa Tareeqim Mustaqeem
Ni jedhan: “Yaa ummata keenya! Nuti kitaaba Muusaa booda bu’e, kan waan isa duraa dhugoomsaa ta’e, kan gara dhugaafi gara karaa sirrii qajeelchu dhageenyee jirra
🎤 Your recording:
46:31
🔁 0/5
يَٰقَوۡمَنَآ أَجِيبُواْ دَاعِيَ ٱللَّهِ وَءَامِنُواْ بِهِۦ يَغۡفِرۡ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُجِرۡكُم مِّنۡ عَذَابٍ أَلِيمٍ ٣١
Yaa qawmanaaa ajeeboo daa`iyal laahi wa aaminoo bihee yaghfir lakum min zunoobikum wa yujirkum min `azaabin aleem
Yaa ummata keenya! Waamaa Rabbii (nabi Muhammadiin) tole jedhaa; isattis amanaaInni (Rabbiin) badii keessan irraa isiniif araarama; adabbii laalessaa irraas isin baraara
🎤 Your recording:
46:32
🔁 0/5
وَمَن لَّا يُجِبۡ دَاعِيَ ٱللَّهِ فَلَيۡسَ بِمُعۡجِزٍ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَيۡسَ لَهُۥ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءُۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٣٢
Wa mal laa yujib daa`iyal laahi falaisa bimu`jizin fil ardi wa laisa lahoo min dooniheee awliyaaa`; ulaaa ika fee dalaalim mubeen
Namni waamaa Rabbii tole hin jenne, dachii keessatti miliqee kan ba’uu miti; isaan (Allaahn) alas gargaaraan biraa isaaf hin jiruWarri sun jallina ifa ta’e keessa jiru.”
🎤 Your recording:
46:33
🔁 0/5
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَلَمۡ يَعۡيَ بِخَلۡقِهِنَّ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰۚ بَلَىٰٓۚ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ قَدِيرٌ ٣٣
Awalam yaraw annal laahal lazee khalaqas samaawaati wal larda wa lam ya`ya bikhal qihinna biqaadirin `alaaa anyyuhiyal mawtaa; balaaa innahoo `alaa kulli shai`in Qadeer
Sila Rabbiin, Isa samiifi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha
🎤 Your recording:
46:34
🔁 0/5
وَيَوۡمَ يُعۡرَضُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَلَى ٱلنَّارِ أَلَيۡسَ هَٰذَا بِٱلۡحَقِّۖ قَالُواْ بَلَىٰ وَرَبِّنَاۚ قَالَ فَذُوقُواْ ٱلۡعَذَابَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡفُرُونَ ٣٤
Wa Yawma yu`radul lazeena kafaroo `alan naari alaisa haaza bil haqq; qaaloo balaa wa Rabbinaa; qaala fazooqul `azaaba bimaa kuntum takfuroon
Guyyaa isaan kafaran ibidda irratti fidaman “sila kun dhugaa mitii?” (isaanin jedhama)Isaanis “Eeyyeen; Gooftaa keenyatti kakannee! (Dhugaa dha)” jedhuInnis “Waan (Rabbitti) kafaraa turtaniif adabbii kana dhandhamaa” (isaaniin) jedha
🎤 Your recording:
46:35
🔁 0/5
فَٱصۡبِرۡ كَمَا صَبَرَ أُوْلُواْ ٱلۡعَزۡمِ مِنَ ٱلرُّسُلِ وَلَا تَسۡتَعۡجِل لَّهُمۡۚ كَأَنَّهُمۡ يَوۡمَ يَرَوۡنَ مَا يُوعَدُونَ لَمۡ يَلۡبَثُوٓاْ إِلَّا سَاعَةً مِّن نَّهَارِۭۚ بَلَٰغٌۚ فَهَلۡ يُهۡلَكُ إِلَّا ٱلۡقَوۡمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ ٣٥
Fasbir kamaa sabara ulul `azmi minar Rusuli wa laa tasta`jil lahum; ka annahum Yawma yarawna maa yoo`adoona lam yalbasooo illaa saa`atam min nahaar; balaagh; fahal yuhlaku illal qawmul faasiqoon
(Yaa Muhammad!) Akkuma ergamtoota irraa warri murannoo qabu obsetti, obsiIsaanitti hin ariifatinGuyyaa waan waadaa isaaniif galame argan akka waan guyyaa irraa sa’aatii tokko qofa malee hin jiraatiniitti of lakkaa’u(Qur’aanni) ga’aadhaSila finciltoota malee namni biraa ni badaa
🎤 Your recording:
💡 Tap any hidden word to reveal it temporarily — your progress is saved automatically in this browser.
العربيةEnglishBahasa IndonesiaTürkçeРусскийفارسیFrançaisاردوবাংলাDeutschEspañol中文हिन्दीPortuguêsItalianoภาษาไทยPolskiNederlandsShqipKiswahiliO'zbekதமிழ்MelayuBosanskiSoomaaliAzərbaycanکوردی한국어日本語SvenskaDanskNorskپښتوമലയാളംසිංහලTamazightHausaአማርኛБългарскиТоҷикӣҚазақшаFilipinoسنڌيYorùbáFulfuldeТатарчаئۇيغۇرچەКыргызчаਪੰਜਾਬੀJawaతెలుగుမြန်မာગુજરાતીOromoमराठीTiếng ViệtMalagasyНохчийнWolofދިވެހިಕನ್ನಡУкраїнськаΕλληνικάქართულიខ្មែរدریQafar afMaranaoनेपाली
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







