PDF —
35 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Ahqaf pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Ahqaf pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Ahqaf Hiikkaa. Suuratu Al-Ahqaf (Meccan) 35 Aayah.

← Al-JathiyahSuuratu Al-Ahqaf Muhammad →


35 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮑﮒ
46:1 Haa Miim
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
46:2 Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
46:3 Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jiranis dhugaafi yeroo beekamaa ta’eef malee hin uumneIsaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloodha
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
46:4 (Yaa Muhammad!) jedhi: “wantoota Rabbiin ala gabbartan naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman natti agarsiisaaMoo samii (uumuu) keessatti shariikummaan isaaniif jira? Yoo dhugaa dubbattoota taataniif mee kitaaba (Qur’aana) kana dura (bu’e) yookiin hambaa beekumsa durii wahii naaf dhiyeessaa.”
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
46:5 Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin owwaanneefi isaan kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
46:6 Yeroo ilmi namaa walitti qabamu diinota isaaniif ta’uIbaadaa isaaniittis kafaroo ta’u
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
46:7 Yeroo keeyyatoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman, isaan kafaran dhugaan isaanitti dhufnaan “kun Sihrii ifa galaadha” jedhan
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
46:8 Yookiin “(Muhammadtu SAW) sobaan isa uume” jedhu(Yaa Muhammad!) “yoo ani sobaan isa uumeef (adabbii) Rabbii irraa naaf tumsuu hin dandeessanuInni (Rabbiin) waan isin keessa galtan akkaan beekaadhaAnaafi isin giddutti ragaaf Inni ga’aadhaInni araaramaa, rahmata godhaadha” jedhi
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
46:9 (Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalaqabaatii mitiWaan anaafi isin irratti dalagamuuf jirus hin beekuWaan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofuAni sodaachisaa ifa bahaadha malee waan biraatii miti.”
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
46:10 “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni kun) odoma isin itti kafartanuu Rabbi biraa ta’e, raga bahaan Ilmaan Israa’ilii irraa ta’e fakkaataa isaa irratti ragaa bahee yoo amanee isin immoo boontan, (isin miidhaa hin hojjannee)? Rabbiin miidhaa raawwattoota hin qajeelchu” jedhi
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
46:11 Isaan kafaran isaan amananiin ni jedhu: “Odoo inni (Qur’aanni) waan gaarii ta’ee silaa gara isaatti nu hin dursanu ture.” Isaan eega hin qajeelinii “kun dhara duriiti” jechuuf jiru
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
46:12 Isa (Qur’aana) duras kitaaba Muusaa kan qajeelfamaafi rahmata ta’etu tureKunis kitaaba dhugoomsaa, akka warra miidhaa hojjatan sodaachisee, toltuu hojjattoota immoo gammachiisuuf Afaan Arabaatiin (bu’ee)dha
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
46:13 Isaan “Gooftaan keenya Allaahdha” jedhanii ergasii (sana irratti) gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis
ﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛ
46:14 Isaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hunda jiraatu; mindaa waan dalagaa turaniif (isaanif kenname)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
46:15 Namootaaf abbaafi haadha isaatti tola ooluu dhaamneHaati isaa rakkoon isa baadhattee, rakkoon isa deesseUlfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; yeroo jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisiSanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisiAni gara kee tawbaa deebi’eeraAni Muslimtoota irraayi” jedhe
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
46:16 Isaan sun warra irra gaggaarii wantoota isaan dalaganii nuti irraa qeeballee hamtuu isaanii dhiifama goonufi(Fuula duras) namoota Jannataa keessatti ta’u(Kun) waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa ture
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
46:17 Inni abbaafi haadha isaatiin “isin lachaniifuu ish (uffi)! Kanuma dhaloonni baay’een dabrani jiranu, akka ani kaafamu natti himtuu?” jedheHaala isaan lamaan birmachuu Rabbii gaafachaa, “yaa badii kee! Beellamni Rabbii dhugaadhaa amani” jedhanii gorsanuu “kun ogbarruu warra duriiti malee waa biraa miti” jedha
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
46:18 Isaan sun warra ummattoota isaan dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessatti jechi (adabbii) isaan irratti mirkanaa’eedhaIsaan hoonga’oota ta’aniiru
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
46:19 Hundaafuu waan dalagan irraa sadarkaatu jiraOdoo isaan hin miidhamne, hojii isaanii isaanii guutuuf (mindeessa)
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎ
46:20 Guyyaa isaan kafaran ibidda irra fidaman: “(wantoota) gaggaarii keessan jireenya keessan kan addunyaa keessatti dabarfattanii itti fayyadamtanii turtanHar’a immoo waan dachii keessatti dhugaan ala boonaa turtaniifi waan fincilaa turtaniif adabbii salphisaa mindeeffamtu (isaaniin jedhama)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
46:21 Yeroo obboleessi Aad (Huud) Ahqaafitti ummata isaa dinniine yaadadhuIsa duraafi isa boodas sodaachiftoonni; “Allaah malee waan biraa hin gabbarinaa; ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha” (jechuun) dabartee turte
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
46:22 (Ummanni isaas) ni jedhan: “Sila ati gooftolii keenya irraa akka gara nu galchituuf nutti dhuftee? Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef waan nuun sodaachiftuun nutti koottu.”
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
46:23 (Huud) ni jedhe: “Beekumsi (adabbittii) Allaah bira jiraAni waanuman ittiin ergame qofan isinitti geessaGaruu ani ummata wollaaloo ta’uun isin arga.”
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
46:24 Yeroo isa (adabicha) (duumessa fakkaatee) gara laggeen isaanii garagalee dhufaa ta’uu argan: “kun duumessa rooba nuuf kennuu dhufe” jedhan“Lakkisaa! Inni waan jarjarfachaa turtan sanii; bubbee adabbiin laalessaan isa keessa jiruudha” (jedhaman)
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
46:25 Waan hunda ajaja Rabbii isheetiin balleessitiManneen isaanii malee wanti tokkos kan hin mul’anne ta’anAkka kanatti namoota badii hojjatan mindeessina
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
46:26 (Yaa Qureyshotaa!) dhugumatti, Nuti waan isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessinee turreDhageettii, agartuufi qalbiis isaaniif gooneeDhageettiin, agartuufi qalbiin isaanii, waan aayatoota keenya mormaa turaniif homaa isaan irraa hin deebifneWanti isaan qishnaa itti godhaa turan isaanitti marse
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
46:27 Dhugumatti, magaalota (ummatoota) moggaa keessan jiran gidduu (heddu) balleessinee jirraMallattoolee (keenyas) karaa adda addaatiin isaan argisiifne
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
46:28 Maaliif wantoonni isaan akka Rabbiitti isaan dhiheessituuf gabbaramoo godhatan isaan hin tumsin? Lakkisaa! (yeroo san) gonkumaa isaan irraa dheessanKunis kijiba isaanitiifi waan isaan sobaan uumanii haasa’aa turaniidha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
46:29 (Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii gara keetti garagalchine [yaadadhu]Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa dhageeffadhaa” (waliin) jedhanYeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
46:30 Ni jedhan: “Yaa ummata keenya! Nuti kitaaba Muusaa booda bu’e, kan waan isa duraa dhugoomsaa ta’e, kan gara dhugaafi gara karaa sirrii qajeelchu dhageenyee jirra
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
46:31 Yaa ummata keenya! Waamaa Rabbii (nabi Muhammadiin) tole jedhaa; isattis amanaaInni (Rabbiin) badii keessan irraa isiniif araarama; adabbii laalessaa irraas isin baraara
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
46:32 Namni waamaa Rabbii tole hin jenne, dachii keessatti miliqee kan ba’uu miti; isaan (Allaahn) alas gargaaraan biraa isaaf hin jiruWarri sun jallina ifa ta’e keessa jiru.”
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
46:33 Sila Rabbiin, Isa samiifi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
46:34 Guyyaa isaan kafaran ibidda irratti fidaman “sila kun dhugaa mitii?” (isaanin jedhama)Isaanis “Eeyyeen; Gooftaa keenyatti kakannee! (Dhugaa dha)” jedhuInnis “Waan (Rabbitti) kafaraa turtaniif adabbii kana dhandhamaa” (isaaniin) jedha
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
46:35 (Yaa Muhammad!) Akkuma ergamtoota irraa warri murannoo qabu obsetti, obsiIsaanitti hin ariifatinGuyyaa waan waadaa isaaniif galame argan akka waan guyyaa irraa sa’aatii tokko qofa malee hin jiraatiniitti of lakkaa’u(Qur’aanni) ga’aadhaSila finciltoota malee namni biraa ni badaa

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers