Suuratu Al-Ahzab Arabiffaa fi Oromoo
Suuratu Al-Ahzab hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (73 Aayah — مدنية). Al-Ahzab Caqasi, Al-Ahzab Hiikkaa, Al-Ahzab mp3, Al-Ahzab pdf.Suuratu Al-Ahzab Dubbisi fi Caqasi
🎧 Aayah
M
Mishary Rashid Alafasy
✓
Mishary Rashid Alafasy
✓
M
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
A
Abdurrahman As-Sudais
✓
Abdurrahman As-Sudais
✓
M
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
A
Abdul Basit Abdul Samad
✓
Abdul Basit Abdul Samad
✓
A
Ali Al-Hudhaify
✓
Ali Al-Hudhaify
✓
A
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
A
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
M
Muhammad Ayyoub
✓
Muhammad Ayyoub
✓
A
Abdullah Basfar
✓
Abdullah Basfar
✓
A
Abdullah Al-Juhani
✓
Abdullah Al-Juhani
✓
M
Maher Al Muaiqly
✓
Maher Al Muaiqly
✓
—
x1
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ اتَّقِ اللَّهَ وَلَا تُطِعِ الْكَافِرِينَ وَالْمُنَافِقِينَ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا ١
📖 Hiikkaa
Aayah 1
Yaa nabiyyichaa! Allaah sodaadhuKaafirootaafi munaafiqootaafis hin ajajaminDhugumatti, Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera
وَاتَّبِعْ مَا يُوحَىٰ إِلَيْكَ مِن رَّبِّكَ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًا ٢
📖 Hiikkaa
Aayah 2
Waan Gooftaa kee irraa gara keetti beeksisa godhames hordofiDhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaa ta’eera
وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا ٣
📖 Hiikkaa
Aayah 3
Allaah irratti hirkadhu; hirkoo ta’uufis Rabbumatu ga’a
مَّا جَعَلَ اللَّهُ لِرَجُلٍ مِّن قَلْبَيْنِ فِي جَوْفِهِ ۚ وَمَا جَعَلَ أَزْوَاجَكُمُ اللَّائِي تُظَاهِرُونَ مِنْهُنَّ أُمَّهَاتِكُمْ ۚ وَمَا جَعَلَ أَدْعِيَاءَكُمْ أَبْنَاءَكُمْ ۚ ذَٰلِكُمْ قَوْلُكُم بِأَفْوَاهِكُمْ ۖ وَاللَّهُ يَقُولُ الْحَقَّ وَهُوَ يَهْدِي السَّبِيلَ ٤
📖 Hiikkaa
Aayah 4
Rabbiin nama tokkoof keessa isaatti onnee lama hin taasifneNiitolii keessan kan isaan irraa dugda (haadhaatti) fakkeessitan san haadholii keessan hin goone; guddifachaa keessanis ilmaan keessan hin gooneSun jecha keessan kan isin afaan keessaniin haasoftaniidhaRabbiin dhuguma jedhaIsatu karaa sirriitti qajeelcha
ادْعُوهُمْ لِآبَائِهِمْ هُوَ أَقْسَطُ عِندَ اللَّهِ ۚ فَإِن لَّمْ تَعْلَمُوا آبَاءَهُمْ فَإِخْوَانُكُمْ فِي الدِّينِ وَمَوَالِيكُمْ ۚ وَلَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ فِيمَا أَخْطَأْتُم بِهِ وَلَٰكِن مَّا تَعَمَّدَتْ قُلُوبُكُمْ ۚ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا ٥
📖 Hiikkaa
Aayah 5
Abboota isaaniitiin isaan waamaaIsatu Rabbiin biratti irra sirriidhaYoo abbootii isaanii beekuu baattan, obboleewwan keessan kan amantiitiifi jaalalleewwan keessaniWaan isa dogoggortan keessatti badiin isin irra hin jiruGaruu waan onneen keessan hamilteef (isin qaba)Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
النَّبِيُّ أَوْلَىٰ بِالْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنفُسِهِمْ ۖ وَأَزْوَاجُهُ أُمَّهَاتُهُمْ ۗ وَأُولُو الْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِي كِتَابِ اللَّهِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُهَاجِرِينَ إِلَّا أَن تَفْعَلُوا إِلَىٰ أَوْلِيَائِكُم مَّعْرُوفًا ۚ كَانَ ذَٰلِكَ فِي الْكِتَابِ مَسْطُورًا ٦
📖 Hiikkaa
Aayah 6
Nabiyyiin Mu’uminootatti lubbuu isaanii irra itti aanaadhaHaadholiin manaa isaatis haadholee isaaniitiKitaaba Rabbii keessatti, warra firooma qabantu mu’iminootaafi godaantota caalaa gariin isaanii garii (dhaaluutti) haqaGaruu gara jaalalleewwan keessaniitti [dhaamsa dhaamuudhaan] gaarii yoo hojjattan [ni eeyyamama]Kun kitaaba (Lawhal mahfuuz) keessatti barreeffamaa ta’eera
وَإِذْ أَخَذْنَا مِنَ النَّبِيِّينَ مِيثَاقَهُمْ وَمِنكَ وَمِن نُّوحٍ وَإِبْرَاهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ ۖ وَأَخَذْنَا مِنْهُم مِّيثَاقًا غَلِيظًا ٧
📖 Hiikkaa
Aayah 7
Yeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii fuune: sirraas, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas qabne [yaadadhu]Isaan irraa waadaa cimaa qabne
لِّيَسْأَلَ الصَّادِقِينَ عَن صِدْقِهِمْ ۚ وَأَعَدَّ لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا أَلِيمًا ٨
📖 Hiikkaa
Aayah 8
(Rabbiin) warra dhugaa dubbatan dhugaa dubbatuu isaanii irraa akka isaan gaafatuuf (kana godhe)Kaafirootaaf immoo adabbii laalessaa ta’e qopheessee jira
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اذْكُرُوا نِعْمَةَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ جَاءَتْكُمْ جُنُودٌ فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا وَجُنُودًا لَّمْ تَرَوْهَا ۚ وَكَانَ اللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرًا ٩
📖 Hiikkaa
Aayah 9
Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan yeroo hoomaan (waraanaa) isinitti dhufanii, ergasii bubbeefi hoomaa isin hin agarre isaan irratti ergine, isin irra jiru yaadadhaaRabbiin waan isin dalagdan argaa ta’eera
إِذْ جَاءُوكُم مِّن فَوْقِكُمْ وَمِنْ أَسْفَلَ مِنكُمْ وَإِذْ زَاغَتِ الْأَبْصَارُ وَبَلَغَتِ الْقُلُوبُ الْحَنَاجِرَ وَتَظُنُّونَ بِاللَّهِ الظُّنُونَا ١٠
📖 Hiikkaa
Aayah 10
Yeroo gubbaa keessaniifi garjalee keessan irraa isinitti dhufan, yeroo ijjis dabdee (hiramtee) onneenis kokkee geessee Rabbitti yaada fokkataa yaaddan san [yaadadhaa]
هُنَالِكَ ابْتُلِيَ الْمُؤْمِنُونَ وَزُلْزِلُوا زِلْزَالًا شَدِيدًا ١١
📖 Hiikkaa
Aayah 11
Bakka sanitti mu’uminoonni mokkoramaniiti, shorarkaa cimaa shoorarkeeffaman
وَإِذْ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ مَّا وَعَدَنَا اللَّهُ وَرَسُولُهُ إِلَّا غُرُورًا ١٢
📖 Hiikkaa
Aayah 12
Yeroo munaafiqootaafi isaan onnee isaanii keessa dhukkubni jiru “Rabbiifi ergamaan Isaas gowwoomsaa malee wanta biraa waadaa nuuf hin goone” jedhan [yaadadhaa]
وَإِذْ قَالَت طَّائِفَةٌ مِّنْهُمْ يَا أَهْلَ يَثْرِبَ لَا مُقَامَ لَكُمْ فَارْجِعُوا ۚ وَيَسْتَأْذِنُ فَرِيقٌ مِّنْهُمُ النَّبِيَّ يَقُولُونَ إِنَّ بُيُوتَنَا عَوْرَةٌ وَمَا هِيَ بِعَوْرَةٍ ۖ إِن يُرِيدُونَ إِلَّا فِرَارًا ١٣
📖 Hiikkaa
Aayah 13
Yeroo gareen isaan irraa taate “Yaa warra madiinaa teessumti isiniif hin jiruu deebi’aa” jattes [yaadadhaa]Gareen isaan irraa ta’e “manneen keenya hadiyyoo (duwwaa)dha” jedhanii odoo isheen hadiyyoo hin ta’iin hayyama gaafatuBaqa malee isaan waan biraa hin fedhanu
وَلَوْ دُخِلَتْ عَلَيْهِم مِّنْ أَقْطَارِهَا ثُمَّ سُئِلُوا الْفِتْنَةَ لَآتَوْهَا وَمَا تَلَبَّثُوا بِهَا إِلَّا يَسِيرًا ١٤
📖 Hiikkaa
Aayah 14
Odoo (magaalattiin) gama hundaan isaan irratti seenamtee, ergasii shirkii (diin irraa gara galuu) gaafatamanii, dhugumatti ni raawwatu turanIshee (shirkii simachuu) irraa waa xiqqoo malee hin turanu
وَلَقَدْ كَانُوا عَاهَدُوا اللَّهَ مِن قَبْلُ لَا يُوَلُّونَ الْأَدْبَارَ ۚ وَكَانَ عَهْدُ اللَّهِ مَسْئُولًا ١٥
📖 Hiikkaa
Aayah 15
Dhugumatti, kana dura hin baqannu jechuun Rabbiif waadaa galanii turanWaadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera
قُل لَّن يَنفَعَكُمُ الْفِرَارُ إِن فَرَرْتُم مِّنَ الْمَوْتِ أَوِ الْقَتْلِ وَإِذًا لَّا تُمَتَّعُونَ إِلَّا قَلِيلًا ١٦
📖 Hiikkaa
Aayah 16
“Yoo du’a yookiin ajjeechaa irraa baqattan ta’e baqachuun isin hin fayyaduYeroo san xiqqoo malee hin qanansiifamtanu” jedhiin
قُلْ مَن ذَا الَّذِي يَعْصِمُكُم مِّنَ اللَّهِ إِنْ أَرَادَ بِكُمْ سُوءًا أَوْ أَرَادَ بِكُمْ رَحْمَةً ۚ وَلَا يَجِدُونَ لَهُم مِّن دُونِ اللَّهِ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا ١٧
📖 Hiikkaa
Aayah 17
Jedhi: “Yoo Inni hamtuu yaade yookiin rahmata isiniif fedhe, namni Rabbi irraa isin baraaru eenyu? Rabbiin ala jaalalleefi tumsaas hin argatanu
۞ قَدْ يَعْلَمُ اللَّهُ الْمُعَوِّقِينَ مِنكُمْ وَالْقَائِلِينَ لِإِخْوَانِهِمْ هَلُمَّ إِلَيْنَا ۖ وَلَا يَأْتُونَ الْبَأْسَ إِلَّا قَلِيلًا ١٨
📖 Hiikkaa
Aayah 18
Dhugumatti Rabbiin warra duubatti (namoota) deebasaniifi obboleeyyan isaaniitiin “gara keenya kottaa” jedhanii yeroo xiqqoo malee lola hin dhaqne ni beeka
أَشِحَّةً عَلَيْكُمْ ۖ فَإِذَا جَاءَ الْخَوْفُ رَأَيْتَهُمْ يَنظُرُونَ إِلَيْكَ تَدُورُ أَعْيُنُهُمْ كَالَّذِي يُغْشَىٰ عَلَيْهِ مِنَ الْمَوْتِ ۖ فَإِذَا ذَهَبَ الْخَوْفُ سَلَقُوكُم بِأَلْسِنَةٍ حِدَادٍ أَشِحَّةً عَلَى الْخَيْرِ ۚ أُولَٰئِكَ لَمْ يُؤْمِنُوا فَأَحْبَطَ اللَّهُ أَعْمَالَهُمْ ۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرًا ١٩
📖 Hiikkaa
Aayah 19
(Boojuu argachuu keessan) isin irratti doynoomoo ta’anii (malee lola hin dhufanu); yeroo sodaan isaanitti dhufe, akka isa du’aaf gaggabeetti kan ijji isaanii naannoftu ta’anii gara kee ilaalan isaan agartaYeroo sodaan deeme immoo qabeenya irratti bololoo ta’anii arraba qaraan isin waraanuJarri sun hin amanne; Rabbiinis dalagaalee isaanii jalaa balleesseerakunis Rabbi irratti laafaa ta’eera
يَحْسَبُونَ الْأَحْزَابَ لَمْ يَذْهَبُوا ۖ وَإِن يَأْتِ الْأَحْزَابُ يَوَدُّوا لَوْ أَنَّهُم بَادُونَ فِي الْأَعْرَابِ يَسْأَلُونَ عَنْ أَنبَائِكُمْ ۖ وَلَوْ كَانُوا فِيكُم مَّا قَاتَلُوا إِلَّا قَلِيلًا ٢٠
📖 Hiikkaa
Aayah 20
(Munaafiqoonni) Tuutni kaafiraa hin deemne jedhanii yaaduYoo gamtaan diinaa dhufe immoo, baadiyyaatti bahanii tikfattoota keessatti (ta’anii) oduu keessan irraa gaggaafachuu jaallatuOdoo isin keessa ta’aniillee xiqqoo malee hin lolan ture
لَّقَدْ كَانَ لَكُمْ فِي رَسُولِ اللَّهِ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِّمَن كَانَ يَرْجُو اللَّهَ وَالْيَوْمَ الْآخِرَ وَذَكَرَ اللَّهَ كَثِيرًا ٢١
📖 Hiikkaa
Aayah 21
Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf hidhannaa gaariitu jira
وَلَمَّا رَأَى الْمُؤْمِنُونَ الْأَحْزَابَ قَالُوا هَٰذَا مَا وَعَدَنَا اللَّهُ وَرَسُولُهُ وَصَدَقَ اللَّهُ وَرَسُولُهُ ۚ وَمَا زَادَهُمْ إِلَّا إِيمَانًا وَتَسْلِيمًا ٢٢
📖 Hiikkaa
Aayah 22
Mu’uminoonni yeroma gamtaa diinaa argan “kun waan Rabbiifi ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniRabbiifi ergamaan Isaas dhugaa dubbataniiru” jedhuIimaanaafi (Rabbitti) harka kennuu malee wanta biraa isaaniif hin daballe
مِّنَ الْمُؤْمِنِينَ رِجَالٌ صَدَقُوا مَا عَاهَدُوا اللَّهَ عَلَيْهِ ۖ فَمِنْهُم مَّن قَضَىٰ نَحْبَهُ وَمِنْهُم مَّن يَنتَظِرُ ۖ وَمَا بَدَّلُوا تَبْدِيلًا ٢٣
📖 Hiikkaa
Aayah 23
Mu’uminoota irraa namoota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraas nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jiraJijjiirraa kamillee hin jijjiirre
لِّيَجْزِيَ اللَّهُ الصَّادِقِينَ بِصِدْقِهِمْ وَيُعَذِّبَ الْمُنَافِقِينَ إِن شَاءَ أَوْ يَتُوبَ عَلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَّحِيمًا ٢٤
📖 Hiikkaa
Aayah 24
Akka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan)Dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
وَرَدَّ اللَّهُ الَّذِينَ كَفَرُوا بِغَيْظِهِمْ لَمْ يَنَالُوا خَيْرًا ۚ وَكَفَى اللَّهُ الْمُؤْمِنِينَ الْقِتَالَ ۚ وَكَانَ اللَّهُ قَوِيًّا عَزِيزًا ٢٥
📖 Hiikkaa
Aayah 25
Rabbiin isaan kafaran dallansuu isaaniitiin odoo toltuu tokkollee hin argatin isaan deebiseMu’uminootas Rabbiin lola (irraa) isaaniif ga’eeraAllaahn jabaa, injifataa ta’eera
وَأَنزَلَ الَّذِينَ ظَاهَرُوهُم مِّنْ أَهْلِ الْكِتَابِ مِن صَيَاصِيهِمْ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ الرُّعْبَ فَرِيقًا تَقْتُلُونَ وَتَأْسِرُونَ فَرِيقًا ٢٦
📖 Hiikkaa
Aayah 26
(Rabbiin) abbootii kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran mooraa isaanii irraa isaan buusee, onnee isaanii keessattis sodaa darbeGarii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu
وَأَوْرَثَكُمْ أَرْضَهُمْ وَدِيَارَهُمْ وَأَمْوَالَهُمْ وَأَرْضًا لَّمْ تَطَئُوهَا ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرًا ٢٧
📖 Hiikkaa
Aayah 27
Dachii isaanii, manneen isaanii, qabeenya isaaniitiifi dachii isin gubbaa hin ejjatiniis isin dhaalchiseRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُل لِّأَزْوَاجِكَ إِن كُنتُنَّ تُرِدْنَ الْحَيَاةَ الدُّنْيَا وَزِينَتَهَا فَتَعَالَيْنَ أُمَتِّعْكُنَّ وَأُسَرِّحْكُنَّ سَرَاحًا جَمِيلًا ٢٨
📖 Hiikkaa
Aayah 28
Yaa nabiyyichaa! Niitolii keetiin “jireenya addunyaatiifi bareeduma ishee kan feetan yoo taataniif, kottaa waan ittiin qananiitan isiniif kenneen, gadi dhiisuu bareedaa ta’e isin gadi dhiisa” jedhiin
وَإِن كُنتُنَّ تُرِدْنَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَالدَّارَ الْآخِرَةَ فَإِنَّ اللَّهَ أَعَدَّ لِلْمُحْسِنَاتِ مِنكُنَّ أَجْرًا عَظِيمًا ٢٩
📖 Hiikkaa
Aayah 29
Rabbiin, ergamaa Isaatiifi mana Aakhiraa kan filattan yoo taatan immoo, isin irraa warra toltuu hojjataniif Rabbiin mindaa guddaa qopheessee jira
يَا نِسَاءَ النَّبِيِّ مَن يَأْتِ مِنكُنَّ بِفَاحِشَةٍ مُّبَيِّنَةٍ يُضَاعَفْ لَهَا الْعَذَابُ ضِعْفَيْنِ ۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرًا ٣٠
📖 Hiikkaa
Aayah 30
Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin irraa namni badii ifa galtuu taateen dhufe (raawwate), adabbiin dachaa lama isheetti godhamaKunis Rabbi irratti laafaa ta’eera
۞ وَمَن يَقْنُتْ مِنكُنَّ لِلَّهِ وَرَسُولِهِ وَتَعْمَلْ صَالِحًا نُّؤْتِهَا أَجْرَهَا مَرَّتَيْنِ وَأَعْتَدْنَا لَهَا رِزْقًا كَرِيمًا ٣١
📖 Hiikkaa
Aayah 31
Isin irraa isheen Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamtee toltuus hojjatte, mindaa ishee yeroo lama isheef kenninee, soorata gaariis (jennatas) isheedhaaf qopheessine
يَا نِسَاءَ النَّبِيِّ لَسْتُنَّ كَأَحَدٍ مِّنَ النِّسَاءِ ۚ إِنِ اتَّقَيْتُنَّ فَلَا تَخْضَعْنَ بِالْقَوْلِ فَيَطْمَعَ الَّذِي فِي قَلْبِهِ مَرَضٌ وَقُلْنَ قَوْلًا مَّعْرُوفًا ٣٢
📖 Hiikkaa
Aayah 32
Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin akka tokkoo dubartoota biraatii mitiAkka inni onnee isaa keessa dhukkubni jiru hin kajeelleef, yoo Rabbiin sodaattan jecha keessan hin laaffisinaa; jecha bareedaas dubbadhaa
وَقَرْنَ فِي بُيُوتِكُنَّ وَلَا تَبَرَّجْنَ تَبَرُّجَ الْجَاهِلِيَّةِ الْأُولَىٰ ۖ وَأَقِمْنَ الصَّلَاةَ وَآتِينَ الزَّكَاةَ وَأَطِعْنَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ إِنَّمَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيُذْهِبَ عَنكُمُ الرِّجْسَ أَهْلَ الْبَيْتِ وَيُطَهِّرَكُمْ تَطْهِيرًا ٣٣
📖 Hiikkaa
Aayah 33
Manneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriittis miidhagina keessan hin mul’isinaa; salaatas sirnaan dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaaYaa maatii nabiyyichaa! Wanti Rabbiin fedhu xurii isin irraa deemsisee qulqulleessiinsa isin qulqulleessuu fedha
وَاذْكُرْنَ مَا يُتْلَىٰ فِي بُيُوتِكُنَّ مِنْ آيَاتِ اللَّهِ وَالْحِكْمَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ لَطِيفًا خَبِيرًا ٣٤
📖 Hiikkaa
Aayah 34
Keeyyattoota (Qur’aana) Rabbiifi hadiisa irraa waan manneen keessan keessatti dubbifamu hubadhaa (ittiin gorfamaa)Dhugumatti, Rabbiin keessa beekaa, hubataa ta’eera
إِنَّ الْمُسْلِمِينَ وَالْمُسْلِمَاتِ وَالْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ وَالْقَانِتِينَ وَالْقَانِتَاتِ وَالصَّادِقِينَ وَالصَّادِقَاتِ وَالصَّابِرِينَ وَالصَّابِرَاتِ وَالْخَاشِعِينَ وَالْخَاشِعَاتِ وَالْمُتَصَدِّقِينَ وَالْمُتَصَدِّقَاتِ وَالصَّائِمِينَ وَالصَّائِمَاتِ وَالْحَافِظِينَ فُرُوجَهُمْ وَالْحَافِظَاتِ وَالذَّاكِرِينَ اللَّهَ كَثِيرًا وَالذَّاكِرَاتِ أَعَدَّ اللَّهُ لَهُم مَّغْفِرَةً وَأَجْرًا عَظِيمًا ٣٥
📖 Hiikkaa
Aayah 35
Dhugumatti, dhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera
وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُّبِينًا ٣٦
📖 Hiikkaa
Aayah 36
Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taaneNamni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera
وَإِذْ تَقُولُ لِلَّذِي أَنْعَمَ اللَّهُ عَلَيْهِ وَأَنْعَمْتَ عَلَيْهِ أَمْسِكْ عَلَيْكَ زَوْجَكَ وَاتَّقِ اللَّهَ وَتُخْفِي فِي نَفْسِكَ مَا اللَّهُ مُبْدِيهِ وَتَخْشَى النَّاسَ وَاللَّهُ أَحَقُّ أَن تَخْشَاهُ ۖ فَلَمَّا قَضَىٰ زَيْدٌ مِّنْهَا وَطَرًا زَوَّجْنَاكَهَا لِكَيْ لَا يَكُونَ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ حَرَجٌ فِي أَزْوَاجِ أَدْعِيَائِهِمْ إِذَا قَضَوْا مِنْهُنَّ وَطَرًا ۚ وَكَانَ أَمْرُ اللَّهِ مَفْعُولًا ٣٧
📖 Hiikkaa
Aayah 37
Yeroo ati isa Rabbiin tola irratti oolee atis tola irratti oolteen “Niitii kee qabadhu, Rabbiinis sodaadhu” jatteen [yaadadhu]Ammas (yeroo) waan Rabbiin isa ifa baasuuf taa’u, ati of keessatti dhoksitesOdoo Rabbiin sodaachuun irra haqa ta’uu yeroo nama sodaattes [yaadadhu]Akka mu’uminoota irratti niitii ilmaan guddisaa (guddifachaa) isaanii yeroo isaan dhimma irraa fixatan (fuuchuu) keessatti rakkoon hin taaneef jecha, Yeroma Zeydiin ishee irraa dhimma fixate (ishee hiike), ishee sitti heerumsiifneAjajni Rabbii raawwatamaa ta’eera
مَّا كَانَ عَلَى النَّبِيِّ مِنْ حَرَجٍ فِيمَا فَرَضَ اللَّهُ لَهُ ۖ سُنَّةَ اللَّهِ فِي الَّذِينَ خَلَوْا مِن قَبْلُ ۚ وَكَانَ أَمْرُ اللَّهِ قَدَرًا مَّقْدُورًا ٣٨
📖 Hiikkaa
Aayah 38
Waan Rabbiin isaaf murteesse keessatti nabiyyicha irra badiin tokkoyyuu hin jiruSun karaa Rabbii kan warra dur dabran keessatti (raawwatamaa) tureedhaAjajni Rabbiis murtee murteeffamaa ta’eedha
الَّذِينَ يُبَلِّغُونَ رِسَالَاتِ اللَّهِ وَيَخْشَوْنَهُ وَلَا يَخْشَوْنَ أَحَدًا إِلَّا اللَّهَ ۗ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ حَسِيبًا ٣٩
📖 Hiikkaa
Aayah 39
(Isaan) warra ergaawwan Rabbii geessaniifi Isa malee waan tokkollee kan hin sodaanne Isa sodaataniidhaTiksaa ta’uuf Rabbiinuu ga’aadha
مَّا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَا أَحَدٍ مِّن رِّجَالِكُمْ وَلَٰكِن رَّسُولَ اللَّهِ وَخَاتَمَ النَّبِيِّينَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمًا ٤٠
📖 Hiikkaa
Aayah 40
Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taaneGaruu inni ergamaa Rabbiitiifi xumura nabiyyootaa ta’eeraRabbiinis waan hunda beekaa ta’eera
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اذْكُرُوا اللَّهَ ذِكْرًا كَثِيرًا ٤١
📖 Hiikkaa
Aayah 41
Yaa warra amantan! Faaruu baay’ee Allaah faarsaa
وَسَبِّحُوهُ بُكْرَةً وَأَصِيلًا ٤٢
📖 Hiikkaa
Aayah 42
Ganamaafi galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa
هُوَ الَّذِي يُصَلِّي عَلَيْكُمْ وَمَلَائِكَتُهُ لِيُخْرِجَكُم مِّنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۚ وَكَانَ بِالْمُؤْمِنِينَ رَحِيمًا ٤٣
📖 Hiikkaa
Aayah 43
Inni (Rabbiin) Isa rahmata isin irratti buusuudhaMaleykonni Isaas (akkasuma rahmata isiniif kadhatu); dukkana keessaa gara ifaatti isin baasuuf (isin mararfata); mu’uminootaafis akkaan rahmata godhaa ta’eera
تَحِيَّتُهُمْ يَوْمَ يَلْقَوْنَهُ سَلَامٌ ۚ وَأَعَدَّ لَهُمْ أَجْرًا كَرِيمًا ٤٤
📖 Hiikkaa
Aayah 44
Guyyaa Isa qunnaman wanti isaan ittiin wal kabajan ‘nagaan (isin irra haa jiraatuu)’dha(Allaahnis) mindaa gaarii ta’e isaaniif qopheesseera
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ شَاهِدًا وَمُبَشِّرًا وَنَذِيرًا ٤٥
📖 Hiikkaa
Aayah 45
Yaa nabiyyichaa! Nuti ragaa, gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee si erginee jirra
وَدَاعِيًا إِلَى اللَّهِ بِإِذْنِهِ وَسِرَاجًا مُّنِيرًا ٤٦
📖 Hiikkaa
Aayah 46
Hayyama Isaatiin gara Rabbiitti waamaafi ifaa (haqa) ibsaa ta’e goonee (si ergine)
وَبَشِّرِ الْمُؤْمِنِينَ بِأَنَّ لَهُم مِّنَ اللَّهِ فَضْلًا كَبِيرًا ٤٧
📖 Hiikkaa
Aayah 47
Rabbi irraa tolli guddaan isaaniif jiraachuun mu’uminoota gammachiisi
وَلَا تُطِعِ الْكَافِرِينَ وَالْمُنَافِقِينَ وَدَعْ أَذَاهُمْ وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا ٤٨
📖 Hiikkaa
Aayah 48
Ajaja kaafirootaafi munaafiqootaas tole hin jedhinRakkoo isaaniis (Rabbumatti) dhiisiRabbi irrattiis hirkadhuIrratti hirkachuuf Rabbumatu ga’a
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نَكَحْتُمُ الْمُؤْمِنَاتِ ثُمَّ طَلَّقْتُمُوهُنَّ مِن قَبْلِ أَن تَمَسُّوهُنَّ فَمَا لَكُمْ عَلَيْهِنَّ مِنْ عِدَّةٍ تَعْتَدُّونَهَا ۖ فَمَتِّعُوهُنَّ وَسَرِّحُوهُنَّ سَرَاحًا جَمِيلًا ٤٩
📖 Hiikkaa
Aayah 49
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’uminaa fuutanii, Sana booda odoo qunnamtii saalaa hin raawwatin isaan hiiktan, “Iddaan” isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiruIsaan qanansiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِنَّا أَحْلَلْنَا لَكَ أَزْوَاجَكَ اللَّاتِي آتَيْتَ أُجُورَهُنَّ وَمَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ مِمَّا أَفَاءَ اللَّهُ عَلَيْكَ وَبَنَاتِ عَمِّكَ وَبَنَاتِ عَمَّاتِكَ وَبَنَاتِ خَالِكَ وَبَنَاتِ خَالَاتِكَ اللَّاتِي هَاجَرْنَ مَعَكَ وَامْرَأَةً مُّؤْمِنَةً إِن وَهَبَتْ نَفْسَهَا لِلنَّبِيِّ إِنْ أَرَادَ النَّبِيُّ أَن يَسْتَنكِحَهَا خَالِصَةً لَّكَ مِن دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۗ قَدْ عَلِمْنَا مَا فَرَضْنَا عَلَيْهِمْ فِي أَزْوَاجِهِمْ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُمْ لِكَيْلَا يَكُونَ عَلَيْكَ حَرَجٌ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا ٥٠
📖 Hiikkaa
Aayah 50
Yaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetiifi shamarran haboo (obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf of kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’uminoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) halaal siif goonee jirraIsaan (mu’uminoota) irratti niitii isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirraAkka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
۞ تُرْجِي مَن تَشَاءُ مِنْهُنَّ وَتُؤْوِي إِلَيْكَ مَن تَشَاءُ ۖ وَمَنِ ابْتَغَيْتَ مِمَّنْ عَزَلْتَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكَ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَن تَقَرَّ أَعْيُنُهُنَّ وَلَا يَحْزَنَّ وَيَرْضَيْنَ بِمَا آتَيْتَهُنَّ كُلُّهُنَّ ۚ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مَا فِي قُلُوبِكُمْ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَلِيمًا ٥١
📖 Hiikkaa
Aayah 51
Isaan irraa nama feete dhiiftee, nama feete immoo gara keetti maxxanfattaIsaan yeroof dhiifte irraa nama feete (yoo fuutes), badiin sirra hin jiruIjji isaanii gammaduu, gadduu dhabuufi hundi isaanii waan ati isaaniif kennite jaallachutti kanatu dhihoodhaRabbiin waan onnee keessan keessa jiru ni beekaRabbiin beekaa, obsaa ta’eera
لَّا يَحِلُّ لَكَ النِّسَاءُ مِن بَعْدُ وَلَا أَن تَبَدَّلَ بِهِنَّ مِنْ أَزْوَاجٍ وَلَوْ أَعْجَبَكَ حُسْنُهُنَّ إِلَّا مَا مَلَكَتْ يَمِينُكَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ رَّقِيبًا ٥٢
📖 Hiikkaa
Aayah 52
Kana booda dubartoonni (biraa) siif halaal hin ta’anu; odoma bareedinni isaanii si dinqisiisellee bakka isaanii warra biraa jijjiiruunis, waan mirgi kee dhuunfatte malee (halaala siif hin ta’u)Rabbiinis waan hunda irratti too’ataa ta’eera
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَدْخُلُوا بُيُوتَ النَّبِيِّ إِلَّا أَن يُؤْذَنَ لَكُمْ إِلَىٰ طَعَامٍ غَيْرَ نَاظِرِينَ إِنَاهُ وَلَٰكِنْ إِذَا دُعِيتُمْ فَادْخُلُوا فَإِذَا طَعِمْتُمْ فَانتَشِرُوا وَلَا مُسْتَأْنِسِينَ لِحَدِيثٍ ۚ إِنَّ ذَٰلِكُمْ كَانَ يُؤْذِي النَّبِيَّ فَيَسْتَحْيِي مِنكُمْ ۖ وَاللَّهُ لَا يَسْتَحْيِي مِنَ الْحَقِّ ۚ وَإِذَا سَأَلْتُمُوهُنَّ مَتَاعًا فَاسْأَلُوهُنَّ مِن وَرَاءِ حِجَابٍ ۚ ذَٰلِكُمْ أَطْهَرُ لِقُلُوبِكُمْ وَقُلُوبِهِنَّ ۚ وَمَا كَانَ لَكُمْ أَن تُؤْذُوا رَسُولَ اللَّهِ وَلَا أَن تَنكِحُوا أَزْوَاجَهُ مِن بَعْدِهِ أَبَدًا ۚ إِنَّ ذَٰلِكُمْ كَانَ عِندَ اللَّهِ عَظِيمًا ٥٣
📖 Hiikkaa
Aayah 53
Yaa warra amantan! Haala bilchina isaa hin eegneen, yoo gara nyaataatti hayyamni isiniif godhame malee manneen nabiyyii hin seeninaaGaruu yeroo waamamtan seenaa; yeroo nyaattanii raawwattan haasa’atti mukuu bahuun (boharuun) maleetti bittinnaa’aaDhugumatti, (gochi) sun nabiyyii rakkisa; isin irraa ni saalfata ta’aRabbiin garuu dhugaa irraa hin saalfatuYeroo meeshaa isaan (niitolii nabiyyii) gaafattanis haguuggii (girdoo) duubaan isaan gaafadhaaAkkas gochuu keessantu onnee keessaniifi onnee isaaniitiifis irra qulqulluudhaErgamaa Rabbii rakkisuufi niitiwwan isaaniis booda (du’a) isaatii gonkumaa fuuchuun isiniif hin maluDhugumatti, (gochi) sun Rabbiin biratti (badii) guddaa ta’eera
إِن تُبْدُوا شَيْئًا أَوْ تُخْفُوهُ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمًا ٥٤
📖 Hiikkaa
Aayah 54
Waan tokko yoo ifa gootan, yookiin yoo isa dhoksitanis dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera
لَّا جُنَاحَ عَلَيْهِنَّ فِي آبَائِهِنَّ وَلَا أَبْنَائِهِنَّ وَلَا إِخْوَانِهِنَّ وَلَا أَبْنَاءِ إِخْوَانِهِنَّ وَلَا أَبْنَاءِ أَخَوَاتِهِنَّ وَلَا نِسَائِهِنَّ وَلَا مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُنَّ ۗ وَاتَّقِينَ اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدًا ٥٥
📖 Hiikkaa
Aayah 55
Isaan (dubartoota nabiyyii SAW) irratti abboota isaanii, ilmaan isaanii, obboleeyyan isaanii, ilmaan obboleeyyan isaanii, ilmaan obbleettiwwan isaanii, dubartoota isaaniitii (Muslimtootaatii)fi waan mirgi isaanii horatte (gabroota isaanii) biratti (miidhaagina isaanii mul’isuu) keessatti badiin isaan irra hin jiruAllaahs sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti ragaa ta’eera
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا ٥٦
📖 Hiikkaa
Aayah 56
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti rahmata buusuYaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa
إِنَّ الَّذِينَ يُؤْذُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ لَعَنَهُمُ اللَّهُ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَأَعَدَّ لَهُمْ عَذَابًا مُّهِينًا ٥٧
📖 Hiikkaa
Aayah 57
Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamaa Isaa rakkisan, Rabbiin addunyaafi Aakhiraa keessattis isaan abaareeraadabbii xiqqeessaa ta’es isaaniif qopheesseera
وَالَّذِينَ يُؤْذُونَ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ بِغَيْرِ مَا اكْتَسَبُوا فَقَدِ احْتَمَلُوا بُهْتَانًا وَإِثْمًا مُّبِينًا ٥٨
📖 Hiikkaa
Aayah 58
Isaan mu’uminoota dhiiraafi mu’uminoota dubartiis waan isaan hin hojjatatiniin rakkisan, dhugumatti isaan cubbuufi badii ifa ba’aa baadhataniiru
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُل لِّأَزْوَاجِكَ وَبَنَاتِكَ وَنِسَاءِ الْمُؤْمِنِينَ يُدْنِينَ عَلَيْهِنَّ مِن جَلَابِيبِهِنَّ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَن يُعْرَفْنَ فَلَا يُؤْذَيْنَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا ٥٩
📖 Hiikkaa
Aayah 59
Yaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiinAkka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodhaRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
۞ لَّئِن لَّمْ يَنتَهِ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ وَالْمُرْجِفُونَ فِي الْمَدِينَةِ لَنُغْرِيَنَّكَ بِهِمْ ثُمَّ لَا يُجَاوِرُونَكَ فِيهَا إِلَّا قَلِيلًا ٦٠
📖 Hiikkaa
Aayah 60
Munaafiqoonni warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi isaan Madiina keessatti shororkeessitoota ta’aniis yoo hin dhorgamin, Nuti dhugumatti isaan irratti si moosifna; sana booda yeroo gabaabaaf malee ishee (Madiina) keessa sitti olloomanii hin jiraatan
مَّلْعُونِينَ ۖ أَيْنَمَا ثُقِفُوا أُخِذُوا وَقُتِّلُوا تَقْتِيلًا ٦١
📖 Hiikkaa
Aayah 61
Abaaramtoota ta’anii malee (Madiinaa keessatti sitti hin ollooman); Iddoma argamanitti qabamanii ajjeefamiinsa (hamaa) ajjeefaman
سُنَّةَ اللَّهِ فِي الَّذِينَ خَلَوْا مِن قَبْلُ ۖ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّةِ اللَّهِ تَبْدِيلًا ٦٢
📖 Hiikkaa
Aayah 62
Karaa Rabbii kan warra duraan dabran keessatti (Inni karaa godhe)Karaa Rabbiitiifis jijjiirama hin argitu
يَسْأَلُكَ النَّاسُ عَنِ السَّاعَةِ ۖ قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِندَ اللَّهِ ۚ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّ السَّاعَةَ تَكُونُ قَرِيبًا ٦٣
📖 Hiikkaa
Aayah 63
Namoonni Qiyaamaa irraa si gaafatu“Dhugumatti, beekumsi ishee Rabbuma bira jira” jedhiinMaaltu si beeksise? Tasa Qiyaamaan dhihoo ta’uun ni kajeelama
إِنَّ اللَّهَ لَعَنَ الْكَافِرِينَ وَأَعَدَّ لَهُمْ سَعِيرًا ٦٤
📖 Hiikkaa
Aayah 64
Dhugumatti, Rabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aas isaaniif qopheessee jira
خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۖ لَّا يَجِدُونَ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا ٦٥
📖 Hiikkaa
Aayah 65
Yeroo hundas ishee keessa kan jiraatan ta’anii, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan
يَوْمَ تُقَلَّبُ وُجُوهُهُمْ فِي النَّارِ يَقُولُونَ يَا لَيْتَنَا أَطَعْنَا اللَّهَ وَأَطَعْنَا الرَّسُولَا ٦٦
📖 Hiikkaa
Aayah 66
Guyyaa fuulli isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan
وَقَالُوا رَبَّنَا إِنَّا أَطَعْنَا سَادَتَنَا وَكُبَرَاءَنَا فَأَضَلُّونَا السَّبِيلَا ٦٧
📖 Hiikkaa
Aayah 67
“Yaa Gooftaa keenya! Nuti ajaja matootii keenyaafi gurguddoota keenyaa fudhanneeti isaanis karaa nu jallisan” jedhan
رَبَّنَا آتِهِمْ ضِعْفَيْنِ مِنَ الْعَذَابِ وَالْعَنْهُمْ لَعْنًا كَبِيرًا ٦٨
📖 Hiikkaa
Aayah 68
“Yaa Gooftaa keenya! adabbii irraa dachaa lama isaaniif kennii abaarsa guddaa ta’es isaan abaari.”
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ آذَوْا مُوسَىٰ فَبَرَّأَهُ اللَّهُ مِمَّا قَالُوا ۚ وَكَانَ عِندَ اللَّهِ وَجِيهًا ٦٩
📖 Hiikkaa
Aayah 69
Yaa warra amantan! Akka warra Muusaa rakkifnaan Rabbiinis waan isaan jedhan irraa isa (Muusaa) qulqulleessee san hin ta’inaaInnis Rabbiin biratti kabajamaa ta’eera
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَقُولُوا قَوْلًا سَدِيدًا ٧٠
📖 Hiikkaa
Aayah 70
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa
يُصْلِحْ لَكُمْ أَعْمَالَكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ ۗ وَمَن يُطِعِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ فَازَ فَوْزًا عَظِيمًا ٧١
📖 Hiikkaa
Aayah 71
Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araaramaNamni ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhate dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera
إِنَّا عَرَضْنَا الْأَمَانَةَ عَلَى السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَالْجِبَالِ فَأَبَيْنَ أَن يَحْمِلْنَهَا وَأَشْفَقْنَ مِنْهَا وَحَمَلَهَا الْإِنسَانُ ۖ إِنَّهُ كَانَ ظَلُومًا جَهُولًا ٧٢
📖 Hiikkaa
Aayah 72
Nuti amaanaa samii, dachiifi gaarreen irra (bifa filannootiin) fidnaan ishee baadhachuu didanii; ishee irraas sodaatanNamni immoo ishee baadhateDugumatti, inni akkaan of miidhaa, wallaalaa ta’ee jira
لِّيُعَذِّبَ اللَّهُ الْمُنَافِقِينَ وَالْمُنَافِقَاتِ وَالْمُشْرِكِينَ وَالْمُشْرِكَاتِ وَيَتُوبَ اللَّهُ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا ٧٣
📖 Hiikkaa
Aayah 73
Rabbiin munaafiqoota dhiiraafi dubartii, mushrikoota dhiiraafi dubartiis adabuufi akkasumas Rabbiin mu’uminoota dhiiraafi dubartii irraa tawbaa qeebaluuf jecha (kana godhe)Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera
Dubbisi Suuratu Al-Ahzab Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers

