La sourate An-Naba en Oromo
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu |
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu] |
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi] |
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru |
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru |
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee |
Gaarreenis shikaala [hin goonee] |
Cimdiis goonee isin uumne |
Hirriba keessan boqonnaa goone |
Halkan uffata goone |
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone |
Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre |
Ifaa bobaaas uumne |
Duumessa irraas bishaan dhangalaaa baayee buufne |
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne] |
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes |
Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa tae |
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha |
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha |
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate |
Dhugumatti jahannam waldaa taateetti |
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti |
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu |
Ishee keessatti qabbanas taee dhugaatii hin dhandhamanu |
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu] |
جَزَاءً وِفَاقًا(26) Mindaa wal madaalu [mindeeffaman] |
Isaan qormaata hin sodaatanu turan |
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan |
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne |
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama] |
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira |
Ashaakiltiifi inabatu [jira] |
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa taantu [jiru] |
Geeba (xoofoo) guutamtuu |
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhagaanu |
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman] |
رَّبِّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا الرَّحْمَٰنِ ۖ لَا يَمْلِكُونَ مِنْهُ خِطَابًا(37) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan tae [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin dandaanu |
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu |
ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الْحَقُّ ۖ فَمَن شَاءَ اتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِ مَآبًا(39) Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata |
Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate An-Naba : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate An-Naba complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide