Nebe (amme) suresi çevirisi Oromo

  1. Suresi mp3
  2. Başka bir sure
  3. Oromo
Kuranı Kerim türkçe meali | Kur'an çevirileri | Oromo dili | Nebe (amme) Suresi | النبأ - Ayet sayısı 40 - Moshaf'taki surenin numarası: 78 - surenin ingilizce anlamı: The Great News.

عَمَّ يَتَسَاءَلُونَ(1)

 [Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu

عَنِ النَّبَإِ الْعَظِيمِ(2)

 Oduu guddaa irraa [wal gaafatu]

الَّذِي هُمْ فِيهِ مُخْتَلِفُونَ(3)

 Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi]

كَلَّا سَيَعْلَمُونَ(4)

 Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru

ثُمَّ كَلَّا سَيَعْلَمُونَ(5)

 Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru

أَلَمْ نَجْعَلِ الْأَرْضَ مِهَادًا(6)

 Sila Nuti dachii firaasha hin goonee

وَالْجِبَالَ أَوْتَادًا(7)

 Gaarreenis shikaala [hin goonee]

وَخَلَقْنَاكُمْ أَزْوَاجًا(8)

 Cimdiis goonee isin uumne

وَجَعَلْنَا نَوْمَكُمْ سُبَاتًا(9)

 Hirriba keessan boqonnaa goone

وَجَعَلْنَا اللَّيْلَ لِبَاسًا(10)

 Halkan uffata goone

وَجَعَلْنَا النَّهَارَ مَعَاشًا(11)

 Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone

وَبَنَيْنَا فَوْقَكُمْ سَبْعًا شِدَادًا(12)

 Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre

وَجَعَلْنَا سِرَاجًا وَهَّاجًا(13)

 Ifaa bobaaas uumne

وَأَنزَلْنَا مِنَ الْمُعْصِرَاتِ مَاءً ثَجَّاجًا(14)

 Duumessa irraas bishaan dhangalaaa baayee buufne

لِّنُخْرِجَ بِهِ حَبًّا وَنَبَاتًا(15)

 Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]

وَجَنَّاتٍ أَلْفَافًا(16)

 Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes

إِنَّ يَوْمَ الْفَصْلِ كَانَ مِيقَاتًا(17)

 Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa tae

يَوْمَ يُنفَخُ فِي الصُّورِ فَتَأْتُونَ أَفْوَاجًا(18)

 [Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha

وَفُتِحَتِ السَّمَاءُ فَكَانَتْ أَبْوَابًا(19)

 [Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha

وَسُيِّرَتِ الْجِبَالُ فَكَانَتْ سَرَابًا(20)

 Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate

إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتْ مِرْصَادًا(21)

 Dhugumatti jahannam waldaa taateetti

لِّلطَّاغِينَ مَآبًا(22)

 Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti

لَّابِثِينَ فِيهَا أَحْقَابًا(23)

 Yeroo dheeraaf ishee keessa turu

لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرْدًا وَلَا شَرَابًا(24)

 Ishee keessatti qabbanas taee dhugaatii hin dhandhamanu

إِلَّا حَمِيمًا وَغَسَّاقًا(25)

 Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]

جَزَاءً وِفَاقًا(26)

 Mindaa wal madaalu [mindeeffaman]

إِنَّهُمْ كَانُوا لَا يَرْجُونَ حِسَابًا(27)

 Isaan qormaata hin sodaatanu turan

وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا كِذَّابًا(28)

 Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan

وَكُلَّ شَيْءٍ أَحْصَيْنَاهُ كِتَابًا(29)

 Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne

فَذُوقُوا فَلَن نَّزِيدَكُمْ إِلَّا عَذَابًا(30)

 “Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama]

إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ مَفَازًا(31)

 Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira

حَدَائِقَ وَأَعْنَابًا(32)

 Ashaakiltiifi inabatu [jira]

وَكَوَاعِبَ أَتْرَابًا(33)

 Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa taantu [jiru]

وَكَأْسًا دِهَاقًا(34)

 Geeba (xoofoo) guutamtuu

لَّا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا وَلَا كِذَّابًا(35)

 Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhagaanu

جَزَاءً مِّن رَّبِّكَ عَطَاءً حِسَابًا(36)

 Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman]

رَّبِّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا الرَّحْمَٰنِ ۖ لَا يَمْلِكُونَ مِنْهُ خِطَابًا(37)

 Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan tae [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin dandaanu

يَوْمَ يَقُومُ الرُّوحُ وَالْمَلَائِكَةُ صَفًّا ۖ لَّا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنْ أَذِنَ لَهُ الرَّحْمَٰنُ وَقَالَ صَوَابًا(38)

 Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu

ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الْحَقُّ ۖ فَمَن شَاءَ اتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِ مَآبًا(39)

 Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata

إِنَّا أَنذَرْنَاكُمْ عَذَابًا قَرِيبًا يَوْمَ يَنظُرُ الْمَرْءُ مَا قَدَّمَتْ يَدَاهُ وَيَقُولُ الْكَافِرُ يَا لَيْتَنِي كُنتُ تُرَابًا(40)

 Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra


Oromo diğer sureler:

Bakara suresi Âl-i İmrân Nisâ suresi
Mâide suresi Yûsuf suresi İbrâhîm suresi
Hicr suresi Kehf suresi Meryem suresi
Hac suresi Kasas suresi Ankebût suresi
As-Sajdah Yâsîn suresi Duhân suresi
fetih suresi Hucurât suresi Kâf suresi
Necm suresi Rahmân suresi vakıa suresi
Haşr suresi Mülk suresi Hâkka suresi
İnşikâk suresi Alâ suresi Gâşiye suresi

En ünlü okuyucuların sesiyle Nebe (amme) Suresi indirin:

Surah An-Naba mp3: yüksek kalitede dinlemek ve indirmek için okuyucuyu seçerek
Nebe (amme) Suresi Ahmed El Agamy
Ahmed El Agamy
Nebe (amme) Suresi Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
Nebe (amme) Suresi Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
Nebe (amme) Suresi Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
Nebe (amme) Suresi Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
Nebe (amme) Suresi Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
Nebe (amme) Suresi Ali Al Hudhaifi
Ali Al Hudhaifi
Nebe (amme) Suresi Fares Abbad
Fares Abbad
Nebe (amme) Suresi Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
Nebe (amme) Suresi Muhammad Jibril
Muhammad Jibril
Nebe (amme) Suresi Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
Nebe (amme) Suresi Al Hosary
Al Hosary
Nebe (amme) Suresi Al-afasi
Mishari Al-afasi
Nebe (amme) Suresi Nasser Al Qatami
Nasser Al Qatami
Nebe (amme) Suresi Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Tuesday, February 11, 2025

Bizim için dua et, teşekkürler