🔥 0 day streak
📖 Long surah — split into smaller parts to help you focus (54 Aayah)
0/54
34:1
🔁 0/5
ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُ فِي ٱلۡأٓخِرَةِۚ وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡخَبِيرُ ١
Alhamdu lillaahil lazee lahoo maa fis samaawaati wa maa fil ardi wa lahul hamdu fil aakhirah; wa Huwal Hakeemul Khabeer
Faaruun hundi kan Rabbii Isa wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi kan Isaa ta’eetiAakhirattis faaruun hundi kanuma IsaatiInni ogeessa, beekaadha
🎤 Your recording:
34:2
🔁 0/5
يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۚ وَهُوَ ٱلرَّحِيمُ ٱلۡغَفُورُ ٢
Ya`lamu maa yaliju fil ardi wa maa yakhruju minhaa wa maa yanzilu minas samaaa`i wa maa ya`ruju feehaa; wa Huwar Raheemul Ghafoor
Inni waan dachii keessa seenu, waan ishee irraa bahu, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beekaInni mararfataa, araaramaadha
🎤 Your recording:
34:3
🔁 0/5
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَا تَأۡتِينَا ٱلسَّاعَةُۖ قُلۡ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتَأۡتِيَنَّكُمۡ عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِۖ لَا يَعۡزُبُ عَنۡهُ مِثۡقَالُ ذَرَّةٍ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَآ أَصۡغَرُ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكۡبَرُ إِلَّا فِي كِتَٰبٍ مُّبِينٍ ٣
Wa qaalal lazeena kafaroo laa taateenas Saa`ah; qul balaa wa Rabbee lataatiyannakum `Aalimul Ghaib; laa ya`zubu `anhu misqaalu zarratin fis samaawaati wa laa fil ardi wa laaa asgharu min zaalika wa laaa akbaru illaa fee kitaabim mubeen
Warri kafaran “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan“Akka isin jettanii mitiRabbii kiyya beekaa waan fagootiin kakadhee! Isheen dhugumatti, isinitti dhufti” jedhiinWanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaafi kan sana irra guddaas samii keessaafi dachii keessattis, isa irraa kan hin fagaanne ta’ee, kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee (hin hafu)
🎤 Your recording:
34:4
🔁 0/5
لِّيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُم مَّغۡفِرَةٌ وَرِزۡقٌ كَرِيمٌ ٤
Liyajziyal lazeena aamanoo wa `amilus saalihaat; ulaaa`ika lahum maghfiratunw wa rizqun kareem
Isaan amananii toltuu hojjatan mindeessuuf jecha (Qiyaamaan dhufti)Warri sun araaramaafi soorata gaarii ta’etu isaaniif jira
🎤 Your recording:
34:5
🔁 0/5
وَٱلَّذِينَ سَعَوۡ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٌ مِّن رِّجۡزٍ أَلِيمٌ ٥
Wallazeena sa`aw feee aayaatinaa mu`aajizeena ulaaa `ika lahum `azaabum mir irjzin aleem
Isaan keeyyattoota keenya dadhabsiisoo ta’anii socho’an immoo, adabbii (gosa) adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira
🎤 Your recording:
34:6
🔁 0/5
وَيَرَى ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ ٱلَّذِيٓ أُنزِلَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَ هُوَ ٱلۡحَقَّ وَيَهۡدِيٓ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَمِيدِ ٦
Wa yaral lazeena utul `Ilmal lazeee unzila ilaika mir Rabbika huwal haqqa wa yahdeee ilaaa siraatil `Azeezil Hameed
Isaan beekumsi kennameef, inni Rabbii kee irraa gara keetti buufame inni dhugaa ta’uufi gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’eetti kan qajeelchu ta’uu ni beeku
🎤 Your recording:
34:7
🔁 0/5
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ هَلۡ نَدُلُّكُمۡ عَلَىٰ رَجُلٍ يُنَبِّئُكُمۡ إِذَا مُزِّقۡتُمۡ كُلَّ مُمَزَّقٍ إِنَّكُمۡ لَفِي خَلۡقٍ جَدِيدٍ ٧
Wa qaalal lazeena kafaroo hal nadullukum `alaa rajuliny yanabbi `ukum izaa muzziqtum kulla mumazzaqin innakum lafee khalqin jadeed
Isaan kafaranis “(duutanii) cicciramiinsa guutuu yeroo cicciramtan isin uumaa haarawa keessatti taatu jedhee namicha isinitti odeessutti isin qajeelchinuu?” jedhan
🎤 Your recording:
34:8
🔁 0/5
أَفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَم بِهِۦ جِنَّةُۢۗ بَلِ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ فِي ٱلۡعَذَابِ وَٱلضَّلَٰلِ ٱلۡبَعِيدِ ٨
Aftaraa `alal laahi kaziban am bihee jinnah; balil lazeena laa yu`minoona bil Aakhirati fil`azaabi waddad laalil ba`eed
“Rabbi irratti soba oddeessa moo maraatummaatu isatti jira?” (jedhu)Akkasii mitii; isaan Aakhiratti hin amanne (Aakhiraatti) adabaafi (addunyaatti) jallina fagoo ta’e keessa jiru
🎤 Your recording:
34:9
🔁 0/5
أَفَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَىٰ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِن نَّشَأۡ نَخۡسِفۡ بِهِمُ ٱلۡأَرۡضَ أَوۡ نُسۡقِطۡ عَلَيۡهِمۡ كِسَفًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةً لِّكُلِّ عَبۡدٍ مُّنِيبٍ ٩
Afalam yaraw ilaa maa baina aydeehim wa maa khalfahum minas samaaa`i wal ard; in nashad nakhsif bihimul arda aw nusqit `alaihim kisafam minas samaaa`; inna fee zaalika la Aayatal likulli `abdim muneeb
Sila isaan samiifi dachii irraa gara waan dura isaaniifi waan duuba isaanii jiru hin ilaallee? Yoo feenes dachii isaaniin kunna; yookiin cittuu samii irraa taate isaan irratti kuffifnaDhugumatti, sana keessa gabricha gara Rabbiitti tawbaa deebi’u hundaaf mallattootu jira
🎤 Your recording:
34:10
🔁 0/5
۞ وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ مِنَّا فَضۡلًاۖ يَٰجِبَالُ أَوِّبِي مَعَهُۥ وَٱلطَّيۡرَۖ وَأَلَنَّا لَهُ ٱلۡحَدِيدَ ١٠
Wa laqad aatainaa Daawooda minnaa fadlany yaa jibaalu awwibee ma`ahoo wattaira wa alannaa lahul hadeed
Dhugumatti, Nuti Daawudiif tola Nu biraa ta’e kennineerra“Yaa gaarreenii! sinbira wajjin ta’uun isa (Daawudii) wajjin (Rabbiin) faarsaa” (jenne)Sibiilas isaaf laaffifnee jirra
🎤 Your recording:
34:11
🔁 0/5
أَنِ ٱعۡمَلۡ سَٰبِغَٰتٍ وَقَدِّرۡ فِي ٱلسَّرۡدِۖ وَٱعۡمَلُواْ صَٰلِحًاۖ إِنِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ ١١
Ani`mal saabighaatinw wa qaddir fis sardi wa`maloo saalihan innee bimaa ta`maloona Baseer
“Qoloo (uffata lolaa) babal’aas hojjadhu; dhawaa isaa keessattis hanga shallagiToltuuwwanis dalagaa; ani wanta isin hojjattan hunda argaadha
🎤 Your recording:
34:12
🔁 0/5
وَلِسُلَيۡمَٰنَ ٱلرِّيحَ غُدُوُّهَا شَهۡرٌ وَرَوَاحُهَا شَهۡرٌۖ وَأَسَلۡنَا لَهُۥ عَيۡنَ ٱلۡقِطۡرِۖ وَمِنَ ٱلۡجِنِّ مَن يَعۡمَلُ بَيۡنَ يَدَيۡهِ بِإِذۡنِ رَبِّهِۦۖ وَمَن يَزِغۡ مِنۡهُمۡ عَنۡ أَمۡرِنَا نُذِقۡهُ مِنۡ عَذَابِ ٱلسَّعِيرِ ١٢
Wa li-Sulaimaanar reeha ghuduwwuhaa shahrunw wa ra-waahuhaa shahrunw wa asalnaa lahoo `ainal qitr; wa minal jinni mai ya`malu baina yadaihi bi izni Rabbih; wa mai yazigh minhum `an amrinaa nuziqhu min `azaabis sa`eer
Suleeymaaniifis waaree dura (karaa) ji’a tokkoo kan deemtuufi waaree boodas (karaa) ji’a tokkoo kan balaliituu taatee bubbee (isaaf laaffifne)Madda sibiilaas (nahaasaas) isaaf yaafnee jirraJinnoota irraas warra hayyama Gooftaa Isaaniitiin fuuldura isaatti hojjatantu jiraIsaan irraa kan ajaja keenya irraa dabe, adabbii ibidda boba’aa irraa ta’e isa dhandhamsiifna
🎤 Your recording:
34:13
🔁 0/5
يَعۡمَلُونَ لَهُۥ مَا يَشَآءُ مِن مَّحَٰرِيبَ وَتَمَٰثِيلَ وَجِفَانٍ كَٱلۡجَوَابِ وَقُدُورٍ رَّاسِيَٰتٍۚ ٱعۡمَلُوٓاْ ءَالَ دَاوُۥدَ شُكۡرًاۚ وَقَلِيلٌ مِّنۡ عِبَادِيَ ٱلشَّكُورُ ١٣
Ya`maloona lahoo ma yashaaa`u mim mahaareeba wa tamaaseela wa jifaanin kaljawaabi wa qudoorir raasiyaat; i`maloo aala Daawooda shukraa; wa qaleelum min `ibaadiyash shakoor
Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan guddinni isaa akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa wanta inni barbaade isaaf hojjatu“Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaaGabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen)
🎤 Your recording:
34:14
🔁 0/5
فَلَمَّا قَضَيۡنَا عَلَيۡهِ ٱلۡمَوۡتَ مَا دَلَّهُمۡ عَلَىٰ مَوۡتِهِۦٓ إِلَّا دَآبَّةُ ٱلۡأَرۡضِ تَأۡكُلُ مِنسَأَتَهُۥۖ فَلَمَّا خَرَّ تَبَيَّنَتِ ٱلۡجِنُّ أَن لَّوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ ٱلۡغَيۡبَ مَا لَبِثُواْ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلۡمُهِينِ ١٤
Falammaa qadainaa `alaihil mawta ma dallahum `alaa mawtiheee illaa daaabbatul ardi taakulu minsa atahoo falammaa kharra tabaiyanatil jinnu al law kaanoo ya`lamoonal ghaiba maa labisoo fil `azaabil muheen
Yeroma Nuti du’a isa (Suleeymaan) irratti murteessine, rirma dachii kan ulee isaa nyaattu tokko malee wanti du’uu isaa irratti isaan qajelche hin jiruYeroma inni kufu, jinnoonni odoo iccitii (ghaybii) kan beekan ta’anii, silaa adabbii salphisaa ta’e keessa hin turru jechuu hubatan
🎤 Your recording:
34:15
🔁 0/5
لَقَدۡ كَانَ لِسَبَإٍ فِي مَسۡكَنِهِمۡ ءَايَةٌۖ جَنَّتَانِ عَن يَمِينٍ وَشِمَالٍۖ كُلُواْ مِن رِّزۡقِ رَبِّكُمۡ وَٱشۡكُرُواْ لَهُۥۚ بَلۡدَةٌ طَيِّبَةٌ وَرَبٌّ غَفُورٌ ١٥
Laqad kaana li Saba-in fee maskanihim Aayatun jannataani `ai yameeninw wa shimaalin kuloo mir rizq Rabbikum washkuroolah; baldatun taiyibatunw wa Rabbun Ghafoor
Dhugumatti, (warra) ‘Saba’iif’ iddoo jireenya isaanii keessatti mallattoon ta’eera(Isheenis) oyruu lama gama mirgaafi bitaatiin kan taateedha“Soorata Gooftaa keessanii irraa nyaadhaa; galatas Isaaf galchaa.” (Biyyattiin keessanis) biyya gaariidha(Rabbiin keessanis) Gooftaa araaramaadha” (isaaniin jedhame)
🎤 Your recording:
34:16
🔁 0/5
فَأَعۡرَضُواْ فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ سَيۡلَ ٱلۡعَرِمِ وَبَدَّلۡنَٰهُم بِجَنَّتَيۡهِمۡ جَنَّتَيۡنِ ذَوَاتَيۡ أُكُلٍ خَمۡطٍ وَأَثۡلٍ وَشَيۡءٍ مِّن سِدۡرٍ قَلِيلٍ ١٦
Fa-a``radoo fa-arsalnaa `alaihim Sailal `Arimi wa baddalnaahum bijannataihim jannataini azwaatai ukulin khamtinw wa aslinw wa shai`im min sidrin qaleel
(Ajaja Rabbii irraas) gara galaniiti lolaa hidhaa irraa isaanitti ergineAshaakiltii isaan lamaaniis oyruu lama kan abbaa dhandhama hadhaa’aa, birbirsaafi qurquraa irraas waan xiqqoo (kan qabdutti) isaaniif jijjiirre
🎤 Your recording:
34:17
🔁 0/5
ذَٰلِكَ جَزَيۡنَٰهُم بِمَا كَفَرُواْۖ وَهَلۡ نُجَٰزِيٓ إِلَّا ٱلۡكَفُورَ ١٧
Zaalika jazainaahum bimaa kafaroo wa hal nujaazeee illal kafoor
Waan isaan kafaraniif sana mindaa isaaniif kennine(Adaba akka kanaa) akkaan kafaraa malee ni mindeessinaa
🎤 Your recording:
34:18
🔁 0/5
وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُمۡ وَبَيۡنَ ٱلۡقُرَى ٱلَّتِي بَٰرَكۡنَا فِيهَا قُرًى ظَٰهِرَةً وَقَدَّرۡنَا فِيهَا ٱلسَّيۡرَۖ سِيرُواْ فِيهَا لَيَالِيَ وَأَيَّامًا ءَامِنِينَ ١٨
Wa ja`alnaa bainahum wa bainal qural latee baaraknaa feehaa quran zaahiratanw wa qaddamaa feehas sayr; seeroo feehaa la yaalirya wa aiyaaman aamineen
Gidduu isaaniitiifi gidduu gandattii barakaa ishee keessatti gooneetti gandoota walitti dhaabbatan goonee hanga adeemsaas ishee keessatti ni safarre“Isaan keessas halkan hedduufi guyyootas nagayaan deemaa.”
🎤 Your recording:
34:19
🔁 0/5
فَقَالُواْ رَبَّنَا بَٰعِدۡ بَيۡنَ أَسۡفَارِنَا وَظَلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَحَادِيثَ وَمَزَّقۡنَٰهُمۡ كُلَّ مُمَزَّقٍۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ ١٩
Faqaaloo Rabbanaa baa`id baina asfaarinaa wa zalamooo anfusahum faja`alnaahum ahaadeesa wa mazzaq naahum kulla mumazzaq; inna fee zaalika la Aayaatil likulli sabbaarin shakoor
Isaanis “Yaa gooftaa keenya! Gidduu deemsa (karaa) keenyaa addaan fageessi” jedhanLubbuu isaaniis miidhanii, oduuwwan isaan taasifnee, bittinneessuu guutuu isaan bittinneessineDhugumatti, sana keessa namoota akkaan obsaniifi akkaan Rabbiin galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira
🎤 Your recording:
34:20
🔁 0/5
وَلَقَدۡ صَدَّقَ عَلَيۡهِمۡ إِبۡلِيسُ ظَنَّهُۥ فَٱتَّبَعُوهُ إِلَّا فَرِيقًا مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٢٠
Wa laqad saddaq `alaihim Ibleesu zannnabhoo fattaba`oohu illaa fareeqam minal mu`mineen
Dhugumatti, Ibliis yaada isaa isaan irratti dhugoomseeraGaree xiqqaa mu’uminoota irraa ta’e malee isas hordofaniiru
🎤 Your recording:
34:21
🔁 0/5
وَمَا كَانَ لَهُۥ عَلَيۡهِم مِّن سُلۡطَٰنٍ إِلَّا لِنَعۡلَمَ مَن يُؤۡمِنُ بِٱلۡأٓخِرَةِ مِمَّنۡ هُوَ مِنۡهَا فِي شَكٍّۗ وَرَبُّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ حَفِيظٌ ٢١
Wa maa kaana lahoo `alaihim min sultaanin illaa lina`lama mai yu minu bil Aakhirati mimman huwa minhaa fee shakk; wa Rabbuka `alaa kulli shai`in Hafeez
Isa Aakhiraa dhugoomsu, isa ishee irraa shakkii keessa jiru irraa akka adda beeknuuf malee isaaf taaytaan tokkollee isaan irratti hin taaneRabbiin keetis wantoota hunda irratti tiksaadha
🎤 Your recording:
34:22
🔁 0/5
قُلِ ٱدۡعُواْ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ لَا يَمۡلِكُونَ مِثۡقَالَ ذَرَّةٍ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا لَهُمۡ فِيهِمَا مِن شِرۡكٍ وَمَا لَهُۥ مِنۡهُم مِّن ظَهِيرٍ ٢٢
Qulid `ul lazeena za`amtum min doonil laahi laa yamlikoona misqaala zarratin fissamaawaati wa laa fil ardi wa maa lahum feehimaa min shirkinw wa maa lahoo minhum min zaheer
(Yaa Muhammad!) “mee isaan Rabbiin ala (gooftoleedha) jettan sana waammadhaaSamiifi dachii keessatti waan hanga atomiillee hin qabanIsaan lamaan (samiifi dachii) keessattis qoodni isaaniif hin jiruIsaaf (Rabbiif) gargaaraan isaan irraa ta’e tokkollee hin jiru
🎤 Your recording:
34:23
🔁 0/5
وَلَا تَنفَعُ ٱلشَّفَٰعَةُ عِندَهُۥٓ إِلَّا لِمَنۡ أَذِنَ لَهُۥۚ حَتَّىٰٓ إِذَا فُزِّعَ عَن قُلُوبِهِمۡ قَالُواْ مَاذَا قَالَ رَبُّكُمۡۖ قَالُواْ ٱلۡحَقَّۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡكَبِيرُ ٢٣
Wa laa tanfa`ush shafaa`atu `indahooo illaa liman azina lah; hattaaa izaa fuzzi`a `an quloobihim qaaloo maazaa qaala Rabbukum; qaalul haqq, wa Huwal `Aliyul Kabeer
Manguddummaan Isa (Rabbiin) biratti nama Inni isaaf hayyame malee hin fayyadduYeroo onnee isaanii (manguddootaa) irraa sodaan deeme “Rabbiin keessan maal jedhe?” jedhanii gaafatu“Dhugaa (jedhe); Innis ol ta’aa, guddaadha” jedhu
🎤 Your recording:
34:24
🔁 0/5
۞ قُلۡ مَن يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ قُلِ ٱللَّهُۖ وَإِنَّآ أَوۡ إِيَّاكُمۡ لَعَلَىٰ هُدًى أَوۡ فِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٢٤
Qul mai yarzuqukum minas samaawaati wal ardi qulil laahu wa innaaa aw iyyaakum la`alaa hudan aw fee dalaalim mubeen
(Yaa Muhammad!) “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora?” jedhi“Rabbuma” jedhiinDhugumatti nuti yookiin isin qajeeluma irra yookiin jallina ifa ta’e keessa jirra” jedhiin
🎤 Your recording:
34:25
🔁 0/5
قُل لَّا تُسۡـَٔلُونَ عَمَّآ أَجۡرَمۡنَا وَلَا نُسۡـَٔلُ عَمَّا تَعۡمَلُونَ ٢٥
Qul laa tus`aloona `ammaaa ajramnaa wa laa nus`alu `ammaa ta`maloon
“Isin badii nuti hojjanne irraa hin gaafatamtanu; nutis waan isin hojjattan irraa hin gaafatamnu” jedhiin
🎤 Your recording:
34:26
🔁 0/5
قُلۡ يَجۡمَعُ بَيۡنَنَا رَبُّنَا ثُمَّ يَفۡتَحُ بَيۡنَنَا بِٱلۡحَقِّ وَهُوَ ٱلۡفَتَّاحُ ٱلۡعَلِيمُ ٢٦
Qul yajma`u bainanaa Rabbunaa summa yaftahu bainanaa bilhaqq; wa Huwal Fattaahul `Aleem
“Gooftaan keenya walitti nu qaba; ergasiis dhugaadhaan gidduu keenyatti murteessaInni haqaan murteessaa, beekaadha” jedhiin
🎤 Your recording:
34:27
🔁 0/5
قُلۡ أَرُونِيَ ٱلَّذِينَ أَلۡحَقۡتُم بِهِۦ شُرَكَآءَۖ كـَلَّاۚ بَلۡ هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ ٢٧
Qul arooniyal lazeena alhaqtum bihee shurakaaa`a kallaa; bal Huwal Laahul `Azeezul Hakeem
(Yaa Muhammad! Warra mushrikaatiin) “Warra shariikota gootanii Isatti dhaqqabsiiftan san mee natti argisiisaa? Dhorgamaa! (Inni shariika hin qabu)Dhugumatti, Inni Allaah injifataa, ogeessa” jedhiin
🎤 Your recording:
34:28
🔁 0/5
وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا كَآفَّةً لِّلنَّاسِ بَشِيرًا وَنَذِيرًا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٢٨
Wa maaa arsalnaaka illaa kaaffatal linnaasi basheeranw wa nazeeranw wa laakinna aksaran naasi laa ya`lamoon
Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergineGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu
🎤 Your recording:
34:29
🔁 0/5
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٢٩
Wa yaqooloona mataa haazal wa`du in kuntum saadiqeen
“Yoo kan dhugaa dubbattan taatan waadaan (Qiyaamaan) kun yoomi?” jedhu
🎤 Your recording:
34:30
🔁 0/5
قُل لَّكُم مِّيعَادُ يَوۡمٍ لَّا تَسۡتَـٔۡخِرُونَ عَنۡهُ سَاعَةً وَلَا تَسۡتَقۡدِمُونَ ٣٠
Qul lakum mee`aadu Yawmil laa tastaakhiroona `anhu saa`atanw wa la tastaqdimoon
“Beellama guyyaa tokkoo kan isin ishee irraa duubatti hin hafneefi duras hin darbinetu isiniif jira” jedhiin
🎤 Your recording:
34:31
🔁 0/5
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَن نُّؤۡمِنَ بِهَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ وَلَا بِٱلَّذِي بَيۡنَ يَدَيۡهِۗ وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلظَّٰلِمُونَ مَوۡقُوفُونَ عِندَ رَبِّهِمۡ يَرۡجِعُ بَعۡضُهُمۡ إِلَىٰ بَعۡضٍ ٱلۡقَوۡلَ يَقُولُ ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ لَوۡلَآ أَنتُمۡ لَكُنَّا مُؤۡمِنِينَ ٣١
Wa qaalal lazeena kafaroo lan nu`mina bihaazal Quraani wa laa billazee baina yadayh; wa law taraaa iziz zaalimoona mawqoofoona `inda Rabbihim yarji`u ba`duhum ilaa ba`dinil qawla yaqoolul lazeenas tud`ifoo lillazeenas takbaroo law laaa antum lakunnaa mu`mineen
Isaan kafaran “Qur’aana kanaafi (kitaaba) isa dura bu’ettis hin amannu” jedhanMiidhaa raawwattoonni yeroo isaan Gooftaa isaanii bira dhaabbatanii jecha gariin isaanii garii irratti deebisu odoo argitee! (Silaa wanta cimaa agarta turte)Isaan dadhaboo turan isaan boonaa turaniin “odoo isin jiraachuu baattanii silaa nuti ni amanna turre” jedhu
🎤 Your recording:
34:32
🔁 0/5
قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُوٓاْ أَنَحۡنُ صَدَدۡنَٰكُمۡ عَنِ ٱلۡهُدَىٰ بَعۡدَ إِذۡ جَآءَكُمۖ بَلۡ كُنتُم مُّجۡرِمِينَ ٣٢
Qaalal lazeenas takbaroo lillazeenas tud`ifooo anahnu sadadnaakum `anil hudaa ba`da iz jaaa`akum bal kuntum mujrimeen
Isaan boonaa turanis isaan dadhaboo turaniin “sila nutu karaa qajeelaa irraa erga inni isinitti dhufee booda isin deebisee? Lakkisaa! Isinumatu yakkamtoota taatan” jedhuun
🎤 Your recording:
34:33
🔁 0/5
وَقَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ بَلۡ مَكۡرُ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ إِذۡ تَأۡمُرُونَنَآ أَن نَّكۡفُرَ بِٱللَّهِ وَنَجۡعَلَ لَهُۥٓ أَندَادًاۚ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّدَامَةَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۚ وَجَعَلۡنَا ٱلۡأَغۡلَٰلَ فِيٓ أَعۡنَاقِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۖ هَلۡ يُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٣٣
Wa qaalal lazeenastud`ifoo lillazeenas takbaroo bal makrul laili wannahaari iz taamuroonanaaa an nakfura billaahi wa naj`ala lahooo andaadaa; wa asarrun nadaamata lammaa ra awul `azaab; wa ja`alnal aghlaala feee a`naaqil lazeena kafaroo; hal yujzawna illaa maa kanoo ya`maloon
Isaan dadhaboo turanis isaan boonaa turaniin “Lakkisaa; mala keessan kan halkaniifi guyyaatu; yeroo akka Rabbitti kafarruufi hiriyootaas akka Isaaf taasifnu nu ajajjan santu (badii keessa nu buuse).” jedhanHundi isaaniituu yeroo adabicha argan gaabbii (sheenaa) isaanii ni dhokfatanMorma warra kafaranii keessa dirii (sansalata) goonaSila waan dalagaa turan malee ni mindeeffamuu
🎤 Your recording:
34:34
🔁 0/5
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا فِي قَرۡيَةٍ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتۡرَفُوهَآ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ ٣٤
Wa maaa arsalnaa` fee qaryatim min nazeerin illaa qaala mutrafooaa innaa bimaaa ursiltum bihee kaafiroon
Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamatan kanatti kafaroodha” jedhan malee hin hafanu
🎤 Your recording:
34:35
🔁 0/5
وَقَالُواْ نَحۡنُ أَكۡثَرُ أَمۡوَٰلًا وَأَوۡلَٰدًا وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ ٣٥
Wa qaaloo nahnu aksaru amwaalanw wa awlaadanw wa maa nahnu bimu `azzabeen
“Nuti qabeenyaafi ilmaanis isin caalaa baay’ee qabnaNutis kan adabamnu hin taane” jedhan
🎤 Your recording:
34:36
🔁 0/5
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٣٦
Qul inna Rabbee yabsutur rizqa limai yashaaa`u wa yaqdiru wa laakinna aksaran naasi laa ya`lamoon
“Dhugumatti, Gooftaan kiyya soorata nama fedheef bal’isa; (kan fedhe irratti immoo) ni dhiphisaGaruu irra hedduun namaa (kana) hin beekanu” jedhiin
🎤 Your recording:
34:37
🔁 0/5
وَمَآ أَمۡوَٰلُكُمۡ وَلَآ أَوۡلَٰدُكُم بِٱلَّتِي تُقَرِّبُكُمۡ عِندَنَا زُلۡفَىٰٓ إِلَّا مَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ جَزَآءُ ٱلضِّعۡفِ بِمَا عَمِلُواْ وَهُمۡ فِي ٱلۡغُرُفَٰتِ ءَامِنُونَ ٣٧
Wa maaa amwaalukum wa laaa awlaadukum billatee tuqarribukum `indanaa zulfaaa illaa man aamana wa `amila saalihan fa ulaaa`ika lahum jazaaa`ud di`fi bimaa `amiloo wa hum fil ghurufaati aaminoon
Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan kan dhiheenya gara keenyatti isin dhiheessu hin taaneHaa ta’u malee namoonni amananii, gaggaarii dalagan isaan sun sababa waan isaan dalaganiitiin mindaa dachaa ta’etu isaaniif jiraIsaanis gamoowwan ol fuudhamoo keessa nageenyaan jiraatu
🎤 Your recording:
34:38
🔁 0/5
وَٱلَّذِينَ يَسۡعَوۡنَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ٱلۡعَذَابِ مُحۡضَرُونَ ٣٨
Wallazeena yas`awna feee Aayaatinaa mu`aajizeena ulaaa`ika fil`azaabi muhdaroon
Warri dadhabsiisoo ta’anii keeyyattoota keenya keessatti sochii godhan, jarri sun adabbii (ibiddaa) keessa fidamoodha
🎤 Your recording:
34:39
🔁 0/5
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُ لَهُۥۚ وَمَآ أَنفَقۡتُم مِّن شَيۡءٍ فَهُوَ يُخۡلِفُهُۥۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ ٣٩
Qul inna Rabbee yabsutur rizqa limai yashaaa`u min `ibaadihee wa yaqdiru lah; wa maaa anfaqtum min shai`in fahuwa yukhlifuhoo wa Huwa khairur raaziqeen
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhes) isatti dhiphisa.Wanta kam irraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusaInnis irra caalaa warra soorata kennaniiti
🎤 Your recording:
34:40
🔁 0/5
وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ جَمِيعًا ثُمَّ يَقُولُ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ أَهَٰٓؤُلَآءِ إِيَّاكُمۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٤٠
Wa yawma yahshuruhum jamee`an summa yaqoolu lilmalaaa`ikati a-haaa`ulaaa`i iyyaakum kaanoo ya`budoon
(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu]
🎤 Your recording:
34:41
🔁 0/5
قَالُواْ سُبۡحَٰنَكَ أَنتَ وَلِيُّنَا مِن دُونِهِمۖ بَلۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٱلۡجِنَّۖ أَكۡثَرُهُم بِهِم مُّؤۡمِنُونَ ٤١
Qaaloo Subhaanaka Anta waliyyunaa min doonihim bal kaanoo ya`budoonal jinna aksaruhum bihim mu`minoon
(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) qulqullina siif malu (si qulqulleessinee); isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa(Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turanIrra hedduun isaaniis isaanitti amanoodha” jedhan
🎤 Your recording:
34:42
🔁 0/5
فَٱلۡيَوۡمَ لَا يَمۡلِكُ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ نَّفۡعًا وَلَا ضَرًّا وَنَقُولُ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ ٤٢
Fal Yawma laa yamliku ba`dukum liba`din naf`anw wa laa darraa; wa naqoolu lilzeena zalamoo zooqoo `azaaban Naaril latee kuntum bihaa tukazziboon
Har’a (Guyyaa Qiyaamaa), gariin keessan garii fayyaduus ta’ee miidhuu hin danda’uIsaan lubbuu ofii miidhaniinis “adaba Ibiddaa ishee sobsiisaa turtan san dhandhamaa” jenna
🎤 Your recording:
34:43
🔁 0/5
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ قَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّا رَجُلٌ يُرِيدُ أَن يَصُدَّكُمۡ عَمَّا كَانَ يَعۡبُدُ ءَابَآؤُكُمۡ وَقَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّآ إِفۡكٌ مُّفۡتَرًىۚ وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٌ مُّبِينٌ ٤٣
Wa izaa tutlaa `alaihim Aayaatunaa baiyinaatin qaaloo maa haazaa illaa rajuluny yureedu ai-yasuddakum `ammaa kaana ya`budu aabaaa`ukum wa qaaloo maa haazaaa illaaa ifkum muftaraa; wa qaalal lazeena kafaroo lilhaqqi lammaa jaaa`ahum in haazaaa illaa sihrum mubeen
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa taatee isaan irratti dubbifamtus “kun namicha waan abbootiin keessan gabbaraa turan irraa isin dhorguu fedhu malee waan biraatii miti” jedhu“Kun soba uumamaadha malee waan biraa hin taane” jedhuIsaan kafaran yeroma dhugaan isaanitti dhufe “kuni sihrii ifa bahaa malee waan biraa hin taane” jedhan
🎤 Your recording:
34:44
🔁 0/5
وَمَآ ءَاتَيۡنَٰهُم مِّن كُتُبٍ يَدۡرُسُونَهَاۖ وَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهِمۡ قَبۡلَكَ مِن نَّذِيرٍ ٤٤
Wa maaa aatainaahum min Kutubiny yadrusoonahaa wa maaa arsalnaaa ilaihim qablaka min nazeer
Kitaabota isaan baratan tokkollee isaaniif hin kennineSiin durattis akeekkachiisaa (ergamaa) tokkollee gara isaaniitti hin ergine
🎤 Your recording:
34:45
🔁 0/5
وَكَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ وَمَا بَلَغُواْ مِعۡشَارَ مَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ فَكَذَّبُواْ رُسُلِيۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ ٤٥
Wa kazzabal lazeena min qablihim wa maa balaghoo mi`shaara maaa aatainaahum fakazzaboo Rusulee; fakaifa kaana nakeer
Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiruIsaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenyeErgamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine)adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali)
🎤 Your recording:
34:46
🔁 0/5
۞ قُلۡ إِنَّمَآ أَعِظُكُم بِوَٰحِدَةٍۖ أَن تَقُومُواْ لِلَّهِ مَثۡنَىٰ وَفُرَٰدَىٰ ثُمَّ تَتَفَكَّرُواْۚ مَا بِصَاحِبِكُم مِّن جِنَّةٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا نَذِيرٌ لَّكُم بَيۡنَ يَدَيۡ عَذَابٍ شَدِيدٍ ٤٦
Qul innamaaa a`izukum biwaahidatin an taqoomoo lillaahi masnaa wa furaadaa summa tatafakkaroo; maa bisaahibikum min jinnah; in huwa illaa nazeerul lakum baina yadai `azaabin shadeed
(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofattiInnis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessan (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniifiInni akeekkachiisaa adabbii cimaa dura isiniif (ergame) malee waan biraa hin taane
🎤 Your recording:
34:47
🔁 0/5
قُلۡ مَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٍ فَهُوَ لَكُمۡۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ شَهِيدٌ ٤٧
Qul maa sa-altukum min ajrin fahuwa lakum in ajriya illaa `alal laahi wa Huwa `alaa kullin shai-in Shaheed
Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafiMindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taaneInnis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.”
🎤 Your recording:
34:48
🔁 0/5
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَقۡذِفُ بِٱلۡحَقِّ عَلَّٰمُ ٱلۡغُيُوبِ ٤٨
Qul inna Rabbee yaqzifu bilhaqq `Allaamul Ghuyoob
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa(Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin
🎤 Your recording:
34:49
🔁 0/5
قُلۡ جَآءَ ٱلۡحَقُّ وَمَا يُبۡدِئُ ٱلۡبَٰطِلُ وَمَا يُعِيدُ ٤٩
Qul jaaa`al haqqu wa maa yubdi`ul baatilu wa maa yu`eed
“Dhugaan dhufe; sobni (taaytaa isaa) hin jalqabu; hin deebi’us” jedhiin
🎤 Your recording:
34:50
🔁 0/5
قُلۡ إِن ضَلَلۡتُ فَإِنَّمَآ أَضِلُّ عَلَىٰ نَفۡسِيۖ وَإِنِ ٱهۡتَدَيۡتُ فَبِمَا يُوحِيٓ إِلَيَّ رَبِّيٓۚ إِنَّهُۥ سَمِيعٌ قَرِيبٌ ٥٠
Qul in dalaltu fainnamaaa adillu `alaa nafsee wa inih-tadaitu fabimaa yoohee ilaiya Rabbee; innahoo Samee`un Qareeb
“Yoon jalladhes, kan ani jalladhu lubbuu kiyya irrattiYoon karaa qajeelaa qabadhes, waan Rabbiin kiyya gara kiyyatti erguuniInni dhugumatti dhagayaa, dhihaataadha” jedhi
🎤 Your recording:
34:51
🔁 0/5
وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذۡ فَزِعُواْ فَلَا فَوۡتَ وَأُخِذُواْ مِن مَّكَانٍ قَرِيبٍ ٥١
Wa law taraaa iz fazi`oo falaa fawta wa ukhizoo mim makaanin qareeb
(Yaa Mohammad SAW!) odoo yeroo isaan (ibidda arganii) rifatan agartee, (silaa waan guddaa agarta)Iddoon itti bahanis (isaaniif) hin jiruIddoo dhihoo irraa qabamanii jiru
🎤 Your recording:
34:52
🔁 0/5
وَقَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِهِۦ وَأَنَّىٰ لَهُمُ ٱلتَّنَاوُشُ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٍ ٥٢
Wa qaloo aamannaa bihee wa annaa lahumut tanaawushu mim makaanim ba`eed
(Guyyaa Qiyaamaa) “Isatti amannee jirra” jedhuIddoo fagoo (biyya addunyaa) irraa (iimaana) fudhachuun akkamitti isaaniif mijjata
🎤 Your recording:
34:53
🔁 0/5
وَقَدۡ كَفَرُواْ بِهِۦ مِن قَبۡلُۖ وَيَقۡذِفُونَ بِٱلۡغَيۡبِ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٍ ٥٣
Wa qad kafaroo bihee min qablu wa yaqzifoona bilghaibi mim makaanim ba`eed
Dhugumatti, kana dura isatti kafaranii turanIddoo fagoo ta’e irraa (tilmaamaan) haasawa darbatu
🎤 Your recording:
34:54
🔁 0/5
وَحِيلَ بَيۡنَهُمۡ وَبَيۡنَ مَا يَشۡتَهُونَ كَمَا فُعِلَ بِأَشۡيَاعِهِم مِّن قَبۡلُۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ فِي شَكٍّ مُّرِيبِۭ ٥٤
Wa heela bainahum wa baina maa yashtahoona kamaa fu`ila bi-ashyaa`ihim min qabl; innahum kaanoo fee shakkim mureeb
Gidduu isaaniitiifi gidduu waan isaan fedhaniitti akkuma san dura fakkaattota isaanii irratti godhametti haguuggiin godhamee jira; Dhugumatti, isaan shakkii cimaa keessatti ta’anii jiru
🎤 Your recording:
💡 Tap any hidden word to reveal it temporarily — your progress is saved automatically in this browser.
العربيةEnglishBahasa IndonesiaTürkçeРусскийفارسیFrançaisاردوবাংলাDeutschEspañol中文हिन्दीPortuguêsItalianoภาษาไทยPolskiNederlandsShqipKiswahiliO'zbekதமிழ்MelayuBosanskiSoomaaliAzərbaycanکوردی한국어日本語SvenskaDanskNorskپښتوമലയാളംසිංහලTamazightHausaአማርኛБългарскиТоҷикӣҚазақшаFilipinoسنڌيYorùbáFulfuldeТатарчаئۇيغۇرچەКыргызчаਪੰਜਾਬੀJawaతెలుగుမြန်မာગુજરાતીOromoमराठीTiếng ViệtMalagasyНохчийнWolofދިވެހިಕನ್ನಡУкраїнськаΕλληνικάქართულიខ្មែរدریQafar afMaranaoनेपाली
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







