Suuratu Saba pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Saba pdf Oromo — Buufi Suuratu Saba Hiikkaa. Suuratu Saba (Meccan) 54 Aayah.
Related
- Suuratu Saba HiikkaaOromo
- Suuratu Saba mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Saba

ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
34:1
Faaruun hundi kan Rabbii Isa wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi kan Isaa ta’eetiAakhirattis faaruun hundi kanuma IsaatiInni ogeessa, beekaadha
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
34:2
Inni waan dachii keessa seenu, waan ishee irraa bahu, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beekaInni mararfataa, araaramaadha
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
34:3
Warri kafaran “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan“Akka isin jettanii mitiRabbii kiyya beekaa waan fagootiin kakadhee! Isheen dhugumatti, isinitti dhufti” jedhiinWanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaafi kan sana irra guddaas samii keessaafi dachii keessattis, isa irraa kan hin fagaanne ta’ee, kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee (hin hafu)
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
34:4
Isaan amananii toltuu hojjatan mindeessuuf jecha (Qiyaamaan dhufti)Warri sun araaramaafi soorata gaarii ta’etu isaaniif jira
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
34:5
Isaan keeyyattoota keenya dadhabsiisoo ta’anii socho’an immoo, adabbii (gosa) adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
34:6
Isaan beekumsi kennameef, inni Rabbii kee irraa gara keetti buufame inni dhugaa ta’uufi gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’eetti kan qajeelchu ta’uu ni beeku
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
34:7
Isaan kafaranis “(duutanii) cicciramiinsa guutuu yeroo cicciramtan isin uumaa haarawa keessatti taatu jedhee namicha isinitti odeessutti isin qajeelchinuu?” jedhan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
34:8
“Rabbi irratti soba oddeessa moo maraatummaatu isatti jira?” (jedhu)Akkasii mitii; isaan Aakhiratti hin amanne (Aakhiraatti) adabaafi (addunyaatti) jallina fagoo ta’e keessa jiru
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
34:9
Sila isaan samiifi dachii irraa gara waan dura isaaniifi waan duuba isaanii jiru hin ilaallee? Yoo feenes dachii isaaniin kunna; yookiin cittuu samii irraa taate isaan irratti kuffifnaDhugumatti, sana keessa gabricha gara Rabbiitti tawbaa deebi’u hundaaf mallattootu jira
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
34:10
Dhugumatti, Nuti Daawudiif tola Nu biraa ta’e kennineerra“Yaa gaarreenii! sinbira wajjin ta’uun isa (Daawudii) wajjin (Rabbiin) faarsaa” (jenne)Sibiilas isaaf laaffifnee jirra
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
34:11
“Qoloo (uffata lolaa) babal’aas hojjadhu; dhawaa isaa keessattis hanga shallagiToltuuwwanis dalagaa; ani wanta isin hojjattan hunda argaadha
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
34:12
Suleeymaaniifis waaree dura (karaa) ji’a tokkoo kan deemtuufi waaree boodas (karaa) ji’a tokkoo kan balaliituu taatee bubbee (isaaf laaffifne)Madda sibiilaas (nahaasaas) isaaf yaafnee jirraJinnoota irraas warra hayyama Gooftaa Isaaniitiin fuuldura isaatti hojjatantu jiraIsaan irraa kan ajaja keenya irraa dabe, adabbii ibidda boba’aa irraa ta’e isa dhandhamsiifna
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
34:13
Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan guddinni isaa akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa wanta inni barbaade isaaf hojjatu“Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaaGabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen)
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔ
34:14
Yeroma Nuti du’a isa (Suleeymaan) irratti murteessine, rirma dachii kan ulee isaa nyaattu tokko malee wanti du’uu isaa irratti isaan qajelche hin jiruYeroma inni kufu, jinnoonni odoo iccitii (ghaybii) kan beekan ta’anii, silaa adabbii salphisaa ta’e keessa hin turru jechuu hubatan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
34:15
Dhugumatti, (warra) ‘Saba’iif’ iddoo jireenya isaanii keessatti mallattoon ta’eera(Isheenis) oyruu lama gama mirgaafi bitaatiin kan taateedha“Soorata Gooftaa keessanii irraa nyaadhaa; galatas Isaaf galchaa.” (Biyyattiin keessanis) biyya gaariidha(Rabbiin keessanis) Gooftaa araaramaadha” (isaaniin jedhame)
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
34:16
(Ajaja Rabbii irraas) gara galaniiti lolaa hidhaa irraa isaanitti ergineAshaakiltii isaan lamaaniis oyruu lama kan abbaa dhandhama hadhaa’aa, birbirsaafi qurquraa irraas waan xiqqoo (kan qabdutti) isaaniif jijjiirre
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
34:17
Waan isaan kafaraniif sana mindaa isaaniif kennine(Adaba akka kanaa) akkaan kafaraa malee ni mindeessinaa
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
34:18
Gidduu isaaniitiifi gidduu gandattii barakaa ishee keessatti gooneetti gandoota walitti dhaabbatan goonee hanga adeemsaas ishee keessatti ni safarre“Isaan keessas halkan hedduufi guyyootas nagayaan deemaa.”
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
34:19
Isaanis “Yaa gooftaa keenya! Gidduu deemsa (karaa) keenyaa addaan fageessi” jedhanLubbuu isaaniis miidhanii, oduuwwan isaan taasifnee, bittinneessuu guutuu isaan bittinneessineDhugumatti, sana keessa namoota akkaan obsaniifi akkaan Rabbiin galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
34:20
Dhugumatti, Ibliis yaada isaa isaan irratti dhugoomseeraGaree xiqqaa mu’uminoota irraa ta’e malee isas hordofaniiru
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
34:21
Isa Aakhiraa dhugoomsu, isa ishee irraa shakkii keessa jiru irraa akka adda beeknuuf malee isaaf taaytaan tokkollee isaan irratti hin taaneRabbiin keetis wantoota hunda irratti tiksaadha
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
34:22
(Yaa Muhammad!) “mee isaan Rabbiin ala (gooftoleedha) jettan sana waammadhaaSamiifi dachii keessatti waan hanga atomiillee hin qabanIsaan lamaan (samiifi dachii) keessattis qoodni isaaniif hin jiruIsaaf (Rabbiif) gargaaraan isaan irraa ta’e tokkollee hin jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
34:23
Manguddummaan Isa (Rabbiin) biratti nama Inni isaaf hayyame malee hin fayyadduYeroo onnee isaanii (manguddootaa) irraa sodaan deeme “Rabbiin keessan maal jedhe?” jedhanii gaafatu“Dhugaa (jedhe); Innis ol ta’aa, guddaadha” jedhu
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
34:24
(Yaa Muhammad!) “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora?” jedhi“Rabbuma” jedhiinDhugumatti nuti yookiin isin qajeeluma irra yookiin jallina ifa ta’e keessa jirra” jedhiin
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
34:25
“Isin badii nuti hojjanne irraa hin gaafatamtanu; nutis waan isin hojjattan irraa hin gaafatamnu” jedhiin
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
34:26
“Gooftaan keenya walitti nu qaba; ergasiis dhugaadhaan gidduu keenyatti murteessaInni haqaan murteessaa, beekaadha” jedhiin
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
34:27
(Yaa Muhammad! Warra mushrikaatiin) “Warra shariikota gootanii Isatti dhaqqabsiiftan san mee natti argisiisaa? Dhorgamaa! (Inni shariika hin qabu)Dhugumatti, Inni Allaah injifataa, ogeessa” jedhiin
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
34:28
Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergineGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
34:29
“Yoo kan dhugaa dubbattan taatan waadaan (Qiyaamaan) kun yoomi?” jedhu
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
34:30
“Beellama guyyaa tokkoo kan isin ishee irraa duubatti hin hafneefi duras hin darbinetu isiniif jira” jedhiin
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
34:31
Isaan kafaran “Qur’aana kanaafi (kitaaba) isa dura bu’ettis hin amannu” jedhanMiidhaa raawwattoonni yeroo isaan Gooftaa isaanii bira dhaabbatanii jecha gariin isaanii garii irratti deebisu odoo argitee! (Silaa wanta cimaa agarta turte)Isaan dadhaboo turan isaan boonaa turaniin “odoo isin jiraachuu baattanii silaa nuti ni amanna turre” jedhu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
34:32
Isaan boonaa turanis isaan dadhaboo turaniin “sila nutu karaa qajeelaa irraa erga inni isinitti dhufee booda isin deebisee? Lakkisaa! Isinumatu yakkamtoota taatan” jedhuun
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
34:33
Isaan dadhaboo turanis isaan boonaa turaniin “Lakkisaa; mala keessan kan halkaniifi guyyaatu; yeroo akka Rabbitti kafarruufi hiriyootaas akka Isaaf taasifnu nu ajajjan santu (badii keessa nu buuse).” jedhanHundi isaaniituu yeroo adabicha argan gaabbii (sheenaa) isaanii ni dhokfatanMorma warra kafaranii keessa dirii (sansalata) goonaSila waan dalagaa turan malee ni mindeeffamuu
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
34:34
Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamatan kanatti kafaroodha” jedhan malee hin hafanu
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
34:35
“Nuti qabeenyaafi ilmaanis isin caalaa baay’ee qabnaNutis kan adabamnu hin taane” jedhan
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
34:36
“Dhugumatti, Gooftaan kiyya soorata nama fedheef bal’isa; (kan fedhe irratti immoo) ni dhiphisaGaruu irra hedduun namaa (kana) hin beekanu” jedhiin
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
34:37
Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan kan dhiheenya gara keenyatti isin dhiheessu hin taaneHaa ta’u malee namoonni amananii, gaggaarii dalagan isaan sun sababa waan isaan dalaganiitiin mindaa dachaa ta’etu isaaniif jiraIsaanis gamoowwan ol fuudhamoo keessa nageenyaan jiraatu
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
34:38
Warri dadhabsiisoo ta’anii keeyyattoota keenya keessatti sochii godhan, jarri sun adabbii (ibiddaa) keessa fidamoodha
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
34:39
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhes) isatti dhiphisa.Wanta kam irraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusaInnis irra caalaa warra soorata kennaniiti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
34:40
(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu]
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
34:41
(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) qulqullina siif malu (si qulqulleessinee); isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa(Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turanIrra hedduun isaaniis isaanitti amanoodha” jedhan
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
34:42
Har’a (Guyyaa Qiyaamaa), gariin keessan garii fayyaduus ta’ee miidhuu hin danda’uIsaan lubbuu ofii miidhaniinis “adaba Ibiddaa ishee sobsiisaa turtan san dhandhamaa” jenna
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
34:43
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa taatee isaan irratti dubbifamtus “kun namicha waan abbootiin keessan gabbaraa turan irraa isin dhorguu fedhu malee waan biraatii miti” jedhu“Kun soba uumamaadha malee waan biraa hin taane” jedhuIsaan kafaran yeroma dhugaan isaanitti dhufe “kuni sihrii ifa bahaa malee waan biraa hin taane” jedhan
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
34:44
Kitaabota isaan baratan tokkollee isaaniif hin kennineSiin durattis akeekkachiisaa (ergamaa) tokkollee gara isaaniitti hin ergine
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
34:45
Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiruIsaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenyeErgamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine)adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali)
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
34:46
(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofattiInnis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessan (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniifiInni akeekkachiisaa adabbii cimaa dura isiniif (ergame) malee waan biraa hin taane
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
34:47
Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafiMindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taaneInnis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.”
ﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙ
34:48
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa(Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
34:49
“Dhugaan dhufe; sobni (taaytaa isaa) hin jalqabu; hin deebi’us” jedhiin
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
34:50
“Yoon jalladhes, kan ani jalladhu lubbuu kiyya irrattiYoon karaa qajeelaa qabadhes, waan Rabbiin kiyya gara kiyyatti erguuniInni dhugumatti dhagayaa, dhihaataadha” jedhi
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
34:51
(Yaa Mohammad SAW!) odoo yeroo isaan (ibidda arganii) rifatan agartee, (silaa waan guddaa agarta)Iddoon itti bahanis (isaaniif) hin jiruIddoo dhihoo irraa qabamanii jiru
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
34:52
(Guyyaa Qiyaamaa) “Isatti amannee jirra” jedhuIddoo fagoo (biyya addunyaa) irraa (iimaana) fudhachuun akkamitti isaaniif mijjata
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
34:53
Dhugumatti, kana dura isatti kafaranii turanIddoo fagoo ta’e irraa (tilmaamaan) haasawa darbatu
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
34:54
Gidduu isaaniitiifi gidduu waan isaan fedhaniitti akkuma san dura fakkaattota isaanii irratti godhametti haguuggiin godhamee jira; Dhugumatti, isaan shakkii cimaa keessatti ta’anii jiru
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







