Suuratu Al-Mumtahanah Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Mumtahanah hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (13 Aayah — مدنية). Al-Mumtahanah Caqasi, Al-Mumtahanah Hiikkaa, Al-Mumtahanah mp3, Al-Mumtahanah pdf.

Suuratu Al-Mumtahanah Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا عَدُوِّي وَعَدُوَّكُمْ أَوْلِيَاءَ تُلْقُونَ إِلَيْهِم بِالْمَوَدَّةِ وَقَدْ كَفَرُوا بِمَا جَاءَكُم مِّنَ الْحَقِّ يُخْرِجُونَ الرَّسُولَ وَإِيَّاكُمْ ۙ أَن تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ رَبِّكُمْ إِن كُنتُمْ خَرَجْتُمْ جِهَادًا فِي سَبِيلِي وَابْتِغَاءَ مَرْضَاتِي ۚ تُسِرُّونَ إِلَيْهِم بِالْمَوَدَّةِ وَأَنَا أَعْلَمُ بِمَا أَخْفَيْتُمْ وَمَا أَعْلَنتُمْ ۚ وَمَن يَفْعَلْهُ مِنكُمْ فَقَدْ ضَلَّ سَوَاءَ السَّبِيلِ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Yaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalallee hin godhatinaaOdoo isaan dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii, sababa isin Rabbii Gooftaa keessan taetti amantaniif qofa Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftuYoo karaa Kiyya keessatti qabsaauufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa)Odoo ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan beekuu gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftuIsin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera
إِن يَثْقَفُوكُمْ يَكُونُوا لَكُمْ أَعْدَاءً وَيَبْسُطُوا إِلَيْكُمْ أَيْدِيَهُمْ وَأَلْسِنَتَهُم بِالسُّوءِ وَوَدُّوا لَوْ تَكْفُرُونَ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Yoo isin arganiif diinota isiniif tauHarkaafi arraba isaaniis hamtuun gara keessanitti diriirsuKafaruu keessanis ni jaalatu
لَن تَنفَعَكُمْ أَرْحَامُكُمْ وَلَا أَوْلَادُكُمْ ۚ يَوْمَ الْقِيَامَةِ يَفْصِلُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Firoonni keessaniifi ilmaan keessanis homaa isin hin fayyadanu; Guyyaa Qiyaamaa (Rabbiin) addaan isin baasaRabbiinis waan isin hojjattan argaadha
قَدْ كَانَتْ لَكُمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ فِي إِبْرَاهِيمَ وَالَّذِينَ مَعَهُ إِذْ قَالُوا لِقَوْمِهِمْ إِنَّا بُرَآءُ مِنكُمْ وَمِمَّا تَعْبُدُونَ مِن دُونِ اللَّهِ كَفَرْنَا بِكُمْ وَبَدَا بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ الْعَدَاوَةُ وَالْبَغْضَاءُ أَبَدًا حَتَّىٰ تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَحْدَهُ إِلَّا قَوْلَ إِبْرَاهِيمَ لِأَبِيهِ لَأَسْتَغْفِرَنَّ لَكَ وَمَا أَمْلِكُ لَكَ مِنَ اللَّهِ مِن شَيْءٍ ۖ رَّبَّنَا عَلَيْكَ تَوَكَّلْنَا وَإِلَيْكَ أَنَبْنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif taeeraYeroo (isaan) ummata isaaniitiin "nuti isiniifi waan isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha; isinitti kafarre; hanga Rabbii tokkichatti amantanutti gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa baeera" jedhan (hidhannoon gaariin isiniif jira)Garuu jechi Ibraahiim abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo waan tokko siif hin fayyadu" jedhe qoftii odoo hafuu"Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keettis deebine; deebiinis garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa)
رَبَّنَا لَا تَجْعَلْنَا فِتْنَةً لِّلَّذِينَ كَفَرُوا وَاغْفِرْ لَنَا رَبَّنَا ۖ إِنَّكَ أَنتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Gooftaa keenya! warra kafaraniif mokkoroo nu hin godhinGooftaa keenya! Nuuf araarami; Ati injifataa ogeessa
لَقَدْ كَانَ لَكُمْ فِيهِمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِّمَن كَانَ يَرْجُو اللَّهَ وَالْيَوْمَ الْآخِرَ ۚ وَمَن يَتَوَلَّ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Dhugumatti, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa kajeeluuf isaan keessa hidhannoo gaariitu isiniif jiraNamni (kanarraa) garagale (ofuma miidha)Dhugumatti Rabbiinis dureessa faarfamaadha
۞ عَسَى اللَّهُ أَن يَجْعَلَ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَ الَّذِينَ عَادَيْتُم مِّنْهُم مَّوَدَّةً ۚ وَاللَّهُ قَدِيرٌ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Rabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelamaRabbiinis DandaaadhaAmmas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha
لَّا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ لَمْ يُقَاتِلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَلَمْ يُخْرِجُوكُم مِّن دِيَارِكُمْ أَن تَبَرُّوهُمْ وَتُقْسِطُوا إِلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Rabbiin isaan sababaa amantiitiin isin hin waraaniniifi manneen keessan irraa isin hin baasiniif tola ooluufi haqaan waliin jiraachuu isin hin dhorguDhugumatti, Rabbiin warra haqa dalagan ni jaalata
إِنَّمَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ قَاتَلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَأَخْرَجُوكُم مِّن دِيَارِكُمْ وَظَاهَرُوا عَلَىٰ إِخْرَاجِكُمْ أَن تَوَلَّوْهُمْ ۚ وَمَن يَتَوَلَّهُمْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Kan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran jaalalloo godhachuudhaNamni isaan jaalalloo godhate, isaan warra of miidhoodha
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا جَاءَكُمُ الْمُؤْمِنَاتُ مُهَاجِرَاتٍ فَامْتَحِنُوهُنَّ ۖ اللَّهُ أَعْلَمُ بِإِيمَانِهِنَّ ۖ فَإِنْ عَلِمْتُمُوهُنَّ مُؤْمِنَاتٍ فَلَا تَرْجِعُوهُنَّ إِلَى الْكُفَّارِ ۖ لَا هُنَّ حِلٌّ لَّهُمْ وَلَا هُمْ يَحِلُّونَ لَهُنَّ ۖ وَآتُوهُم مَّا أَنفَقُوا ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ أَن تَنكِحُوهُنَّ إِذَا آتَيْتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ ۚ وَلَا تُمْسِكُوا بِعِصَمِ الْكَوَافِرِ وَاسْأَلُوا مَا أَنفَقْتُمْ وَلْيَسْأَلُوا مَا أَنفَقُوا ۚ ذَٰلِكُمْ حُكْمُ اللَّهِ ۖ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu taanii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaaIimaana isaanii Rabbitu akkaan beekaYoo mu’uminoota tauu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaaIsaan (dubartoonni) isaaniif eeyyamamoo miti; isaanis (dhiironni) isaaniif eeyyamamoo mitiIsaaniifis (dhirsota isaanii kan kaafiraatiifis) waan isaan baasan kennaaYeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiruWaadaa fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera)Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatanKun murtii Rabbiiti(Isatu) gidduu keessanitti murteessaRabbiin beekaa ogeessa
وَإِن فَاتَكُمْ شَيْءٌ مِّنْ أَزْوَاجِكُمْ إِلَى الْكُفَّارِ فَعَاقَبْتُمْ فَآتُوا الَّذِينَ ذَهَبَتْ أَزْوَاجُهُم مِّثْلَ مَا أَنفَقُوا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي أَنتُم بِهِ مُؤْمِنُونَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Yoo tokkoon niitolee keessan irraa taate gara kaafirootaa isin jalaa baatee ergasii loltanii boojitan isaan niitoleen isaanii deemaniif fakkaataa waan isaan baasanii kennaafiiRabbii isa itti amantanis sodaadhaa
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِذَا جَاءَكَ الْمُؤْمِنَاتُ يُبَايِعْنَكَ عَلَىٰ أَن لَّا يُشْرِكْنَ بِاللَّهِ شَيْئًا وَلَا يَسْرِقْنَ وَلَا يَزْنِينَ وَلَا يَقْتُلْنَ أَوْلَادَهُنَّ وَلَا يَأْتِينَ بِبُهْتَانٍ يَفْتَرِينَهُ بَيْنَ أَيْدِيهِنَّ وَأَرْجُلِهِنَّ وَلَا يَعْصِينَكَ فِي مَعْرُوفٍ ۙ فَبَايِعْهُنَّ وَاسْتَغْفِرْ لَهُنَّ اللَّهَ ۖ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoonni mu’uminaa Rabbitti homaa qindeessuu dhiisuu, hatuu dhiisuu, Zinaa godhuu dhabuu, ijoollee isaaniis ajjeesuu dhiisuu, cubbuu harka isaaniitiifi miila isaanii gidduutti uumanii odeessuu dhabuufi akka waan gaarii keessatti ajaja kee hin faallessine waadaa sii galuuf gara kee dhufan, waadaa isaan irraa fuudhiRabbiinis araarama isaaniif kadhuDhugumatti, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَوَلَّوْا قَوْمًا غَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ قَدْ يَئِسُوا مِنَ الْآخِرَةِ كَمَا يَئِسَ الْكُفَّارُ مِنْ أَصْحَابِ الْقُبُورِ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Yaa warra amantan! Ummata Rabbiin irratti dallane jaalallee hin godhatinaaAkkuma kaafiroonni warra qabrii irraa abdii muratan isaanis Aakhiraa irraa dhugumatti abdii murataniiru
← 59 Al-Mumtahanah (60/114) 61 →
Dubbisi Suuratu Al-Mumtahanah Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

60الممتحنة Al-Mumtahanah 📚 13 Aayah مدنية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Mumtahanah — 13 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers