Al-Mumtahanah · 9/13
Hiikkaa Sagaleeffama — Al-Mumtahanah
إِنَّمَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ قَاتَلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَأَخْرَجُوكُم مِّن دِيَارِكُمْ وَظَاهَرُوا عَلَىٰ إِخْرَاجِكُمْ أَن تَوَلَّوْهُمْ ۚ وَمَن يَتَوَلَّهُمْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ ۝٩
Innamaa yanhaakumul laahu `anil lazeena qaatalookum fid deeni wa akhrajookum min diyaarikum wa zaaharoo `alaa ikhraajikum an tawallawhum; wa many yatawallahum faulaaa`ika humuz zaalimoon
📖 Afaan Oromoon
Kan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran jaalalloo godhachuudhaNamni isaan jaalalloo godhate, isaan warra of miidhoodha
🎧 Caqasi

📜 Aayah 7-11 — Al-Mumtahanah

7۞ عَسَى اللَّهُ أَن يَجْعَلَ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَ الَّذِينَ عَادَيْتُم مِّنْهُم مَّوَدَّةً ۚ وَاللَّهُ قَدِيرٌ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Rabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelamaRabbiinis DandaaadhaAmmas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha
8لَّا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ لَمْ يُقَاتِلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَلَمْ يُخْرِجُوكُم مِّن دِيَارِكُمْ أَن تَبَرُّوهُمْ وَتُقْسِطُوا إِلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ
Rabbiin isaan sababaa amantiitiin isin hin waraaniniifi manneen keessan irraa isin hin baasiniif tola ooluufi haqaan waliin jiraachuu isin hin dhorguDhugumatti, Rabbiin warra haqa dalagan ni jaalata
9إِنَّمَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ قَاتَلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَأَخْرَجُوكُم مِّن دِيَارِكُمْ وَظَاهَرُوا عَلَىٰ إِخْرَاجِكُمْ أَن تَوَلَّوْهُمْ ۚ وَمَن يَتَوَلَّهُمْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ
Kan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran jaalalloo godhachuudhaNamni isaan jaalalloo godhate, isaan warra of miidhoodha
10يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا جَاءَكُمُ الْمُؤْمِنَاتُ مُهَاجِرَاتٍ فَامْتَحِنُوهُنَّ ۖ اللَّهُ أَعْلَمُ بِإِيمَانِهِنَّ ۖ فَإِنْ عَلِمْتُمُوهُنَّ مُؤْمِنَاتٍ فَلَا تَرْجِعُوهُنَّ إِلَى الْكُفَّارِ ۖ لَا هُنَّ حِلٌّ لَّهُمْ وَلَا هُمْ يَحِلُّونَ لَهُنَّ ۖ وَآتُوهُم مَّا أَنفَقُوا ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ أَن تَنكِحُوهُنَّ إِذَا آتَيْتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ ۚ وَلَا تُمْسِكُوا بِعِصَمِ الْكَوَافِرِ وَاسْأَلُوا مَا أَنفَقْتُمْ وَلْيَسْأَلُوا مَا أَنفَقُوا ۚ ذَٰلِكُمْ حُكْمُ اللَّهِ ۖ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu taanii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaaIimaana isaanii Rabbitu akkaan beekaYoo mu’uminoota tauu isaanii bartan gara warra kafaraniitti isaan hin deebisnaaIsaan (dubartoonni) isaaniif eeyyamamoo miti; isaanis (dhiironni) isaaniif eeyyamamoo mitiIsaaniifis (dhirsota isaanii kan kaafiraatiifis) waan isaan baasan kennaaYeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiruWaadaa fuudhaa kan niitiwwan keessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera)Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatanKun murtii Rabbiiti(Isatu) gidduu keessanitti murteessaRabbiin beekaa ogeessa
11وَإِن فَاتَكُمْ شَيْءٌ مِّنْ أَزْوَاجِكُمْ إِلَى الْكُفَّارِ فَعَاقَبْتُمْ فَآتُوا الَّذِينَ ذَهَبَتْ أَزْوَاجُهُم مِّثْلَ مَا أَنفَقُوا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي أَنتُم بِهِ مُؤْمِنُونَ
Yoo tokkoon niitolee keessan irraa taate gara kaafirootaa isin jalaa baatee ergasii loltanii boojitan isaan niitoleen isaanii deemaniif fakkaataa waan isaan baasanii kennaafiiRabbii isa itti amantanis sodaadhaa
Al-MumtahanahTarreeffama Qur'ana
13Aayah
MedinanRevelation
9Aayah

Hiikkaa — Al-Mumtahanah 9

Suuratu Al-Mumtahanah Aayah 9 - Dubbisi, Caqasi, Hiikkaa, Oromo : Kan Rabbiin isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen…

Suuratu Aayah 9/13 — Al-Mumtahanah الممتحنة (Medinan). Dubbisi Caqasi Hiikkaa (Oromo). Caqasi: Al-Mumtahanah Caqasi, Al-Mumtahanah Hiikkaa, Al-Mumtahanah mp3, Al-Mumtahanah pdf. Aayah 7–11. Afaan Oromoon: العربية.




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers