Suuratu Ibrahim Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Ibrahim hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (52 Aayah — مكية). Ibrahim Caqasi, Ibrahim Hiikkaa, Ibrahim mp3, Ibrahim pdf.

Suuratu Ibrahim Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
الر ۚ كِتَابٌ أَنزَلْنَاهُ إِلَيْكَ لِتُخْرِجَ النَّاسَ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ بِإِذْنِ رَبِّهِمْ إِلَىٰ صِرَاطِ الْعَزِيزِ الْحَمِيدِ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Alif Laam Raa(Inni) kitaaba akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf gara keetti buufneedha
اللَّهِ الَّذِي لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَوَيْلٌ لِّلْكَافِرِينَ مِنْ عَذَابٍ شَدِيدٍ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Rabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedhaBadiin adabbii cimaa irraa ta’e kaafirootaaf qophaa’eera
الَّذِينَ يَسْتَحِبُّونَ الْحَيَاةَ الدُّنْيَا عَلَى الْآخِرَةِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ وَيَبْغُونَهَا عِوَجًا ۚ أُولَٰئِكَ فِي ضَلَالٍ بَعِيدٍ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Isaan warra jireenya addunyaa kanaa isa Aakhiraa irra jaalatanii, karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi jallina ta’uu ishee barbaadaniidhaIsaan sun jallina fagoo keessa jiru
وَمَا أَرْسَلْنَا مِن رَّسُولٍ إِلَّا بِلِسَانِ قَوْمِهِ لِيُبَيِّنَ لَهُمْ ۖ فَيُضِلُّ اللَّهُ مَن يَشَاءُ وَيَهْدِي مَن يَشَاءُ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Nuti ergamaa irraa tokkos akka inni (ergaa keenya) isaaniif addeessuf jecha afaan ummata isaatiin malee hin ergineRabbiin nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaInnis injifataa, ogeessa
وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِآيَاتِنَا أَنْ أَخْرِجْ قَوْمَكَ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ وَذَكِّرْهُم بِأَيَّامِ اللَّهِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Nuti dhugumatti Muusaa raajiwwan keenyaan “Ummata kee dukkana irraa gara ifaatti baasi, Guyyoota Rabbiitiin isaan yaadachiisi” jechuun erginee jirraDhugumatti, kana keessa warra akkaan obsanii, cimsanii galateeffatan hundaaf mallattooleetu jira
وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ اذْكُرُوا نِعْمَةَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ أَنجَاكُم مِّنْ آلِ فِرْعَوْنَ يَسُومُونَكُمْ سُوءَ الْعَذَابِ وَيُذَبِّحُونَ أَبْنَاءَكُمْ وَيَسْتَحْيُونَ نِسَاءَكُمْ ۚ وَفِي ذَٰلِكُم بَلَاءٌ مِّن رَّبِّكُمْ عَظِيمٌ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Ni’imaa Rabbii kan yeroo adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan lubbuun akka jiraatan kan dhiisan ta’anii ummata Fir’awni irraa isin baraarse of irratti yaadadhaaKana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira
وَإِذْ تَأَذَّنَ رَبُّكُمْ لَئِن شَكَرْتُمْ لَأَزِيدَنَّكُمْ ۖ وَلَئِن كَفَرْتُمْ إِنَّ عَذَابِي لَشَدِيدٌ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabalayoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa)
وَقَالَ مُوسَىٰ إِن تَكْفُرُوا أَنتُمْ وَمَن فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا فَإِنَّ اللَّهَ لَغَنِيٌّ حَمِيدٌ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Muusaanis “Yoo isiniifi namoonni dachii irra jiran walumaa galatti kafartan (Rabbiin homaa hin miitan)” jedhedhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha
أَلَمْ يَأْتِكُمْ نَبَأُ الَّذِينَ مِن قَبْلِكُمْ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ ۛ وَالَّذِينَ مِن بَعْدِهِمْ ۛ لَا يَعْلَمُهُمْ إِلَّا اللَّهُ ۚ جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَرَدُّوا أَيْدِيَهُمْ فِي أَفْوَاهِهِمْ وَقَالُوا إِنَّا كَفَرْنَا بِمَا أُرْسِلْتُم بِهِ وَإِنَّا لَفِي شَكٍّ مِّمَّا تَدْعُونَنَا إِلَيْهِ مُرِيبٍ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Sila oduun warra isin dura turanii isin hin geenyee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hin geenyee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harka isaanii afaan isaanii keessatti deebisani“Dhugumatti, nuti isa isin ittiin ergamtanitti kafarree jirraAmmas nuti isa isin itti nu waamtan irraa mamii dhamaasaa keessa jirra” jedhan
۞ قَالَتْ رُسُلُهُمْ أَفِي اللَّهِ شَكٌّ فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يَدْعُوكُمْ لِيَغْفِرَ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمْ وَيُؤَخِّرَكُمْ إِلَىٰ أَجَلٍ مُّسَمًّى ۚ قَالُوا إِنْ أَنتُمْ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا تُرِيدُونَ أَن تَصُدُّونَا عَمَّا كَانَ يَعْبُدُ آبَاؤُنَا فَأْتُونَا بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Ergamoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?” [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa kan waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadu malee homaa hin taane; mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan
قَالَتْ لَهُمْ رُسُلُهُمْ إِن نَّحْنُ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يَمُنُّ عَلَىٰ مَن يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ ۖ وَمَا كَانَ لَنَا أَن نَّأْتِيَكُم بِسُلْطَانٍ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Ergamoonni isaanii isaanin ni jedhan: “Nuti nama akka keessanii malee homaa hin taaneGaruu Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti tola oolaNuti hayyama Rabbiitiin ala taaytaa (ragaa) tokkoonis isinitti dhufuun nuuf hin taaneMu’uminoonni Rabbi irratti (qofa) haa hirkatanu
وَمَا لَنَا أَلَّا نَتَوَكَّلَ عَلَى اللَّهِ وَقَدْ هَدَانَا سُبُلَنَا ۚ وَلَنَصْبِرَنَّ عَلَىٰ مَا آذَيْتُمُونَا ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُتَوَكِّلُونَ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Sila dhugumatti odoo Inni karaa keenya nu qajeelchee jiruu maaltu nuuf jiraayyi Rabbi irratti hin hirkanne! Dhugumatti rakkoo isin nurrraan geessan irratti ni obsinaHirkattoonni Rabbi irratti haa hirkatu.”
وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِرُسُلِهِمْ لَنُخْرِجَنَّكُم مِّنْ أَرْضِنَا أَوْ لَتَعُودُنَّ فِي مِلَّتِنَا ۖ فَأَوْحَىٰ إِلَيْهِمْ رَبُّهُمْ لَنُهْلِكَنَّ الظَّالِمِينَ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Warri kafaran ergamtoota isaaniitiin “dhugumatti, nuti dachii keenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhanRabbiin isaaniis “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe
وَلَنُسْكِنَنَّكُمُ الْأَرْضَ مِن بَعْدِهِمْ ۚ ذَٰلِكَ لِمَنْ خَافَ مَقَامِي وَخَافَ وَعِيدِ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifnaKun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.”
وَاسْتَفْتَحُوا وَخَابَ كُلُّ جَبَّارٍ عَنِيدٍ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
(Ergamoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadanOf tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e
مِّن وَرَائِهِ جَهَنَّمُ وَيُسْقَىٰ مِن مَّاءٍ صَدِيدٍ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Fuuldura isaas jahannamtu jiraBishaan malaa irraas obaafama
يَتَجَرَّعُهُ وَلَا يَكَادُ يُسِيغُهُ وَيَأْتِيهِ الْمَوْتُ مِن كُلِّ مَكَانٍ وَمَا هُوَ بِمَيِّتٍ ۖ وَمِن وَرَائِهِ عَذَابٌ غَلِيظٌ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Fedha isaatiin ala liqimsuutti dirqama; gadi isa liqimsuuttis hin dhiyaatu (hin danda’u)Duuti kallattii hunda irraa isatti dhufaInnis kan du’uu mitiFuuldura isaas adabbii guddaa ta’etu jira
مَّثَلُ الَّذِينَ كَفَرُوا بِرَبِّهِمْ ۖ أَعْمَالُهُمْ كَرَمَادٍ اشْتَدَّتْ بِهِ الرِّيحُ فِي يَوْمٍ عَاصِفٍ ۖ لَّا يَقْدِرُونَ مِمَّا كَسَبُوا عَلَىٰ شَيْءٍ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الضَّلَالُ الْبَعِيدُ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Fakkeenyi warra Rabbii isaaniitti kafaranii, dalagaaleen isaanii akka daaraa guyyaa bubbee cimaa qilleensi itti hammaatteetiWaan hojjatan irraa homaattuu (fayyadamuu) hin danda’anKun isatu jallina fagoodha
أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِالْحَقِّ ۚ إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Sila dhugumatti Rabbiin samiifi dachii dhugaan uumuu hin argituu? (Rabbiin) yoo fedhe isin adeemsiseetiin uumama haaraa fida
وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ بِعَزِيزٍ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Kunis Rabbi irratti jabaa hin taane
وَبَرَزُوا لِلَّهِ جَمِيعًا فَقَالَ الضُّعَفَاءُ لِلَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُنَّا لَكُمْ تَبَعًا فَهَلْ أَنتُم مُّغْنُونَ عَنَّا مِنْ عَذَابِ اللَّهِ مِن شَيْءٍ ۚ قَالُوا لَوْ هَدَانَا اللَّهُ لَهَدَيْنَاكُمْ ۖ سَوَاءٌ عَلَيْنَا أَجَزِعْنَا أَمْ صَبَرْنَا مَا لَنَا مِن مَّحِيصٍ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Hunda ta’anii Rabbiif mul’atandadhaboonnis isaan boonaniin “dhugumatti, nuti hordoftoota keessan turree, sila isin adabbii Rabbii irraa homa tokko nurraa deebisoo dhaa?” jedhan(Isaan boonanis) “Odoo Rabbiin nu qajeelchee, silaa nutis isin qajeelchina turre(Har’a) obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixaIddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru” jedhu
وَقَالَ الشَّيْطَانُ لَمَّا قُضِيَ الْأَمْرُ إِنَّ اللَّهَ وَعَدَكُمْ وَعْدَ الْحَقِّ وَوَعَدتُّكُمْ فَأَخْلَفْتُكُمْ ۖ وَمَا كَانَ لِيَ عَلَيْكُم مِّن سُلْطَانٍ إِلَّا أَن دَعَوْتُكُمْ فَاسْتَجَبْتُمْ لِي ۖ فَلَا تَلُومُونِي وَلُومُوا أَنفُسَكُم ۖ مَّا أَنَا بِمُصْرِخِكُمْ وَمَا أَنتُم بِمُصْرِخِيَّ ۖ إِنِّي كَفَرْتُ بِمَا أَشْرَكْتُمُونِ مِن قَبْلُ ۗ إِنَّ الظَّالِمِينَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
yeroma dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedhe: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif galeera; anis waadaa isiniif galeen isin ganeIsin waamnaanuma naaf owwaattan malee anaaf isin irratti aangoon tokkollee hin taaneofuma komadhaa malee ana hin komatinaaAni isiniif birmataa miti; isiniis naaf birmatoo mitiAni waan isin duraan (Rabbitti) na qindeessitan mormeera.” Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira
وَأُدْخِلَ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا بِإِذْنِ رَبِّهِمْ ۖ تَحِيَّتُهُمْ فِيهَا سَلَامٌ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Isaan amananii gaggaarii hojjatanis hayyama Gooftaa isaaniitiin ishee keessatti kan hafan ta’anii jannata laggeen ishee keessa yaatu seensifamanWal kabajaan isaanii ishee keessatti ‘salaam’ (jechuu dha)
أَلَمْ تَرَ كَيْفَ ضَرَبَ اللَّهُ مَثَلًا كَلِمَةً طَيِّبَةً كَشَجَرَةٍ طَيِّبَةٍ أَصْلُهَا ثَابِتٌ وَفَرْعُهَا فِي السَّمَاءِ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Sila akka Rabbiin jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee dameen ishees samii keessatti ta’eetti fakkeenya godhe hin arginee
تُؤْتِي أُكُلَهَا كُلَّ حِينٍ بِإِذْنِ رَبِّهَا ۗ وَيَضْرِبُ اللَّهُ الْأَمْثَالَ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Yeroo hundas hayyama Gooftaa isheetiin firii ishee ni kennitiAkka gorfamanuuf jecha Rabbiin fakkeenya namootaaf godha
وَمَثَلُ كَلِمَةٍ خَبِيثَةٍ كَشَجَرَةٍ خَبِيثَةٍ اجْتُثَّتْ مِن فَوْقِ الْأَرْضِ مَا لَهَا مِن قَرَارٍ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Fakkeenyi jecha fokkataa akka muka fokkataa gubbaa dachii irraa buqqifamtee isheedhaaf gadi dhaabannaan hin taaneeti
يُثَبِّتُ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا بِالْقَوْلِ الثَّابِتِ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَفِي الْآخِرَةِ ۖ وَيُضِلُّ اللَّهُ الظَّالِمِينَ ۚ وَيَفْعَلُ اللَّهُ مَا يَشَاءُ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Warra amanan jireenya addunyaafi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaabaRabbiin miidhaa hojjattoota ni jallisaRabbiin waan fedhe hojjata
۞ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ بَدَّلُوا نِعْمَتَ اللَّهِ كُفْرًا وَأَحَلُّوا قَوْمَهُمْ دَارَ الْبَوَارِ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Sila gara isaan ni’imaa Rabbii kufriin jijjiiranii, ummata isaanii ganda badii qubsiisanii hin ilaallee
جَهَنَّمَ يَصْلَوْنَهَا ۖ وَبِئْسَ الْقَرَارُ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Ishee kan seenan ta’anii Jahannamiin (seensisfaman)Iddoon qubannaa waa fokkate
وَجَعَلُوا لِلَّهِ أَندَادًا لِّيُضِلُّوا عَن سَبِيلِهِ ۗ قُلْ تَمَتَّعُوا فَإِنَّ مَصِيرَكُمْ إِلَى النَّارِ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif hiriyoota godhan“Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaatii (yeroo xiqqoof) qanani’aa!” jedhiin
قُل لِّعِبَادِيَ الَّذِينَ آمَنُوا يُقِيمُوا الصَّلَاةَ وَيُنفِقُوا مِمَّا رَزَقْنَاهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِيَ يَوْمٌ لَّا بَيْعٌ فِيهِ وَلَا خِلَالٌ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin “odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura salaata ni dhaaban, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii ni arjoomu (sagadaa, arjoomaa)” jedhiin
اللَّهُ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَأَنزَلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَخْرَجَ بِهِ مِنَ الثَّمَرَاتِ رِزْقًا لَّكُمْ ۖ وَسَخَّرَ لَكُمُ الْفُلْكَ لِتَجْرِيَ فِي الْبَحْرِ بِأَمْرِهِ ۖ وَسَخَّرَ لَكُمُ الْأَنْهَارَ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Rabbiin Isa samiifi dachii uumee samii irraas bishaan (rooba) buusee ittiin fuduraa irraa soorata isiniif baaseedhaDooniis akka ajaja Isaatiin galaana keessa deemtu isiniif laaffise; laggeenis isiniif laaffise
وَسَخَّرَ لَكُمُ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ دَائِبَيْنِ ۖ وَسَخَّرَ لَكُمُ اللَّيْلَ وَالنَّهَارَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Aduufi ji’as walitti fufuun kan deeman ta’anii isiniif laaffisee halkaniifi guyyaas isiniif laaffise
وَآتَاكُم مِّن كُلِّ مَا سَأَلْتُمُوهُ ۚ وَإِن تَعُدُّوا نِعْمَتَ اللَّهِ لَا تُحْصُوهَا ۗ إِنَّ الْإِنسَانَ لَظَلُومٌ كَفَّارٌ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Waan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenneTola Rabbii odoo lakkooftaniis ishee fixuu hin dandeessanuDhugumatti, namoonni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha
وَإِذْ قَالَ إِبْرَاهِيمُ رَبِّ اجْعَلْ هَٰذَا الْبَلَدَ آمِنًا وَاجْنُبْنِي وَبَنِيَّ أَن نَّعْبُدَ الْأَصْنَامَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Yeroo Ibraahiim jedhu [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) tasgabbaa’aa taasisiAnaafi ilmaan kiyyaas taabota gabbaruu irraa nu fageessi
رَبِّ إِنَّهُنَّ أَضْلَلْنَ كَثِيرًا مِّنَ النَّاسِ ۖ فَمَن تَبِعَنِي فَإِنَّهُ مِنِّي ۖ وَمَنْ عَصَانِي فَإِنَّكَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan hedduu nama irraa ta’e jallisanii jiru; Namni na hordofe, inni anarraayyiNama na dide immoo dhugumatti Ati araaramaa, rahmata godhaadha
رَّبَّنَا إِنِّي أَسْكَنتُ مِن ذُرِّيَّتِي بِوَادٍ غَيْرِ ذِي زَرْعٍ عِندَ بَيْتِكَ الْمُحَرَّمِ رَبَّنَا لِيُقِيمُوا الصَّلَاةَ فَاجْعَلْ أَفْئِدَةً مِّنَ النَّاسِ تَهْوِي إِلَيْهِمْ وَارْزُقْهُم مِّنَ الثَّمَرَاتِ لَعَلَّهُمْ يَشْكُرُونَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Gooftaa keenya! Ani garii maatii kiyya irraa ta’e bowwaa (laga) qonna hin qabne, mana kee kabajamaa biratti dhiiseen jiraGooftaa keenya! Akka salaata gadi dhaabaniif jecha nama irraas onnee (isaanii) kan gara isaanii hawwitu taasisi; Akka isaan Si galateeffataniif fuduraalee irraas isaan soori
رَبَّنَا إِنَّكَ تَعْلَمُ مَا نُخْفِي وَمَا نُعْلِنُ ۗ وَمَا يَخْفَىٰ عَلَى اللَّهِ مِن شَيْءٍ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي السَّمَاءِ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Gooftaa keenya! Ati waan nuti dhoksinuufi waan nuti ifa goonu ni beektaRabbi irratti dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu hin dhokatu
الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي وَهَبَ لِي عَلَى الْكِبَرِ إِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ ۚ إِنَّ رَبِّي لَسَمِيعُ الدُّعَاءِ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Faaruun (hundi) kan Rabbii manguddummaa irratti Ismaa’iiliifi Isihaaqiin naaf kenneetiDhugumatti, Gooftaan kiyya kadhaa dhaga’aadha
رَبِّ اجْعَلْنِي مُقِيمَ الصَّلَاةِ وَمِن ذُرِّيَّتِي ۚ رَبَّنَا وَتَقَبَّلْ دُعَاءِ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhiIlmaan kiyya irraas (akkasuma)Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali
رَبَّنَا اغْفِرْ لِي وَلِوَالِدَيَّ وَلِلْمُؤْمِنِينَ يَوْمَ يَقُومُ الْحِسَابُ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Gooftaa keenya! Anaaf, haadhaafi abbaa kiyyaafi mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu san araarami.”
وَلَا تَحْسَبَنَّ اللَّهَ غَافِلًا عَمَّا يَعْمَلُ الظَّالِمُونَ ۚ إِنَّمَا يُؤَخِّرُهُمْ لِيَوْمٍ تَشْخَصُ فِيهِ الْأَبْصَارُ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Rabbiin Waan miidhaa hojjattoonni raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadinKan Rabbiin isaan tursiisuuf guyyaa isa keessa ijji banamtuufi ol fuudhamtuufi
مُهْطِعِينَ مُقْنِعِي رُءُوسِهِمْ لَا يَرْتَدُّ إِلَيْهِمْ طَرْفُهُمْ ۖ وَأَفْئِدَتُهُمْ هَوَاءٌ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
(Gara waamichaatti) mataa isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati)Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebituQalbiin (sammuun) isaaniis duwwaadha
وَأَنذِرِ النَّاسَ يَوْمَ يَأْتِيهِمُ الْعَذَابُ فَيَقُولُ الَّذِينَ ظَلَمُوا رَبَّنَا أَخِّرْنَا إِلَىٰ أَجَلٍ قَرِيبٍ نُّجِبْ دَعْوَتَكَ وَنَتَّبِعِ الرُّسُلَ ۗ أَوَلَمْ تَكُونُوا أَقْسَمْتُم مِّن قَبْلُ مَا لَكُم مِّن زَوَالٍ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan: “Gooftaa keenya! hanga beellama muraasaatti nu tursiisi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna” jedhan sana namoota akeekkachiisi“Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi nuuf hin jiru jechuun kakachaa hin turree
وَسَكَنتُمْ فِي مَسَاكِنِ الَّذِينَ ظَلَمُوا أَنفُسَهُمْ وَتَبَيَّنَ لَكُمْ كَيْفَ فَعَلْنَا بِهِمْ وَضَرَبْنَا لَكُمُ الْأَمْثَالَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Manneen warra lubbuu ofii miidhanii keessas hin jiraannee? Akkam akka isaanitti hojjannes ifa isiniif ta’eeraFakkeenya hedduus isiniif gooneerra” (jedhamaan)
وَقَدْ مَكَرُوا مَكْرَهُمْ وَعِندَ اللَّهِ مَكْرُهُمْ وَإِن كَانَ مَكْرُهُمْ لِتَزُولَ مِنْهُ الْجِبَالُ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiruMalli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jiraTooftaan isaaniis kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti
فَلَا تَحْسَبَنَّ اللَّهَ مُخْلِفَ وَعْدِهِ رُسُلَهُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ ذُو انتِقَامٍ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadinDhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati
يَوْمَ تُبَدَّلُ الْأَرْضُ غَيْرَ الْأَرْضِ وَالسَّمَاوَاتُ ۖ وَبَرَزُوا لِلَّهِ الْوَاحِدِ الْقَهَّارِ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiinis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu]
وَتَرَى الْمُجْرِمِينَ يَوْمَئِذٍ مُّقَرَّنِينَ فِي الْأَصْفَادِ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Guyyaa san badii hojjattoota takaallaa keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita
سَرَابِيلُهُم مِّن قَطِرَانٍ وَتَغْشَىٰ وُجُوهَهُمُ النَّارُ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyiIbiddis fuula isaanii ni haguugdi
لِيَجْزِيَ اللَّهُ كُلَّ نَفْسٍ مَّا كَسَبَتْ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha
هَٰذَا بَلَاغٌ لِّلنَّاسِ وَلِيُنذَرُوا بِهِ وَلِيَعْلَمُوا أَنَّمَا هُوَ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ وَلِيَذَّكَّرَ أُولُو الْأَلْبَابِ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
(Qur’aanni) kun akka ittiin akeekkachiifamanu, Inni (Rabbiin) gabbaramaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif namaaf qaqqabsiifamaadha (gahaa dha)
← 13 Ibrahim (14/114) 15 →
Dubbisi Suuratu Ibrahim Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

14إبراهيم Ibrahim 📚 52 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Ibrahim — 52 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers