Suuratu At-Tahrim Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu At-Tahrim hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (12 Aayah — مدنية). At-Tahrim Caqasi, At-Tahrim Hiikkaa, At-Tahrim mp3, At-Tahrim pdf.

Suuratu At-Tahrim Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ لِمَ تُحَرِّمُ مَا أَحَلَّ اللَّهُ لَكَ ۖ تَبْتَغِي مَرْضَاتَ أَزْوَاجِكَ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Yaa Nabiyyichaa! Maaliif haadholee manaa kee jaalachiisuu barbaaddee waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
قَدْ فَرَضَ اللَّهُ لَكُمْ تَحِلَّةَ أَيْمَانِكُمْ ۚ وَاللَّهُ مَوْلَاكُمْ ۖ وَهُوَ الْعَلِيمُ الْحَكِيمُ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuu keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseeraRabbiin gargaaraa keessaniInni beekaa ogeessa
وَإِذْ أَسَرَّ النَّبِيُّ إِلَىٰ بَعْضِ أَزْوَاجِهِ حَدِيثًا فَلَمَّا نَبَّأَتْ بِهِ وَأَظْهَرَهُ اللَّهُ عَلَيْهِ عَرَّفَ بَعْضَهُ وَأَعْرَضَ عَن بَعْضٍ ۖ فَلَمَّا نَبَّأَهَا بِهِ قَالَتْ مَنْ أَنبَأَكَ هَٰذَا ۖ قَالَ نَبَّأَنِيَ الْعَلِيمُ الْخَبِيرُ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara galeYeroo inni isheetti himus “eenyutu kana sitti hime” jette"Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen
إِن تَتُوبَا إِلَى اللَّهِ فَقَدْ صَغَتْ قُلُوبُكُمَا ۖ وَإِن تَظَاهَرَا عَلَيْهِ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ مَوْلَاهُ وَجِبْرِيلُ وَصَالِحُ الْمُؤْمِنِينَ ۖ وَالْمَلَائِكَةُ بَعْدَ ذَٰلِكَ ظَهِيرٌ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama)Onneen lamaan keessanii dhugumaan dabdeettiYoo isa irratti wal gargaartanis Rabbiin isatu gargaaraa isaatiJibriiliifi gaggaariin Muuminaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati
عَسَىٰ رَبُّهُ إِن طَلَّقَكُنَّ أَن يُبْدِلَهُ أَزْوَاجًا خَيْرًا مِّنكُنَّ مُسْلِمَاتٍ مُّؤْمِنَاتٍ قَانِتَاتٍ تَائِبَاتٍ عَابِدَاتٍ سَائِحَاتٍ ثَيِّبَاتٍ وَأَبْكَارًا ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa haadholee manaa kan isin irra caalan, Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, kan soomanu, kan gursummeeyyiifi durba taan bakka isaaf buusuun ni kajeelama
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا قُوا أَنفُسَكُمْ وَأَهْلِيكُمْ نَارًا وَقُودُهَا النَّاسُ وَالْحِجَارَةُ عَلَيْهَا مَلَائِكَةٌ غِلَاظٌ شِدَادٌ لَّا يَعْصُونَ اللَّهَ مَا أَمَرَهُمْ وَيَفْعَلُونَ مَا يُؤْمَرُونَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Yaa warra amantan! Lubbuu keessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isii namootaafi dhagaa heddu tae, irraa eegaaIsheerra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo taantu jiruWaan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu; waan ajajamanis ni hojjatu
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ كَفَرُوا لَا تَعْتَذِرُوا الْيَوْمَ ۖ إِنَّمَا تُجْزَوْنَ مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin mindeeffamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu)
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا تُوبُوا إِلَى اللَّهِ تَوْبَةً نَّصُوحًا عَسَىٰ رَبُّكُمْ أَن يُكَفِّرَ عَنكُمْ سَيِّئَاتِكُمْ وَيُدْخِلَكُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ يَوْمَ لَا يُخْزِي اللَّهُ النَّبِيَّ وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ ۖ نُورُهُمْ يَسْعَىٰ بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَبِأَيْمَانِهِمْ يَقُولُونَ رَبَّنَا أَتْمِمْ لَنَا نُورَنَا وَاغْفِرْ لَنَا ۖ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti deebiaaGuyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelamaHaala isaan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti dandaaa dha" jedhanuun ifti isaanii fuuldura isaaniitiifi mirga isaanii deema
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ جَاهِدِ الْكُفَّارَ وَالْمُنَافِقِينَ وَاغْلُظْ عَلَيْهِمْ ۚ وَمَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaaii isaan irrattis cimiTeessoon isaaniis ibidda JahannamiDeebichi akkaan fokkate
ضَرَبَ اللَّهُ مَثَلًا لِّلَّذِينَ كَفَرُوا امْرَأَتَ نُوحٍ وَامْرَأَتَ لُوطٍ ۖ كَانَتَا تَحْتَ عَبْدَيْنِ مِنْ عِبَادِنَا صَالِحَيْنِ فَخَانَتَاهُمَا فَلَمْ يُغْنِيَا عَنْهُمَا مِنَ اللَّهِ شَيْئًا وَقِيلَ ادْخُلَا النَّارَ مَعَ الدَّاخِلِينَ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godheGabroota keenya gaggaarii gidduu gabroota lama jala turanii isaan gananIsaan lamaanis (Nuuhifi Luux) adabbii Rabbii irraa isaan hin duroomsine"Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen
وَضَرَبَ اللَّهُ مَثَلًا لِّلَّذِينَ آمَنُوا امْرَأَتَ فِرْعَوْنَ إِذْ قَالَتْ رَبِّ ابْنِ لِي عِندَكَ بَيْتًا فِي الْجَنَّةِ وَنَجِّنِي مِن فِرْعَوْنَ وَعَمَلِهِ وَنَجِّنِي مِنَ الْقَوْمِ الظَّالِمِينَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Ammas Rabbiin isaan amananiif niitii Firawni fakkeenya godheYeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Firawniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette
وَمَرْيَمَ ابْنَتَ عِمْرَانَ الَّتِي أَحْصَنَتْ فَرْجَهَا فَنَفَخْنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتْ بِكَلِمَاتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِ وَكَانَتْ مِنَ الْقَانِتِينَ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera)Ruuhii (uumaa) keenya irraa taes isa keessatti afuufneJechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsiteWarra Rabbiif ajajamu irraas taate
← 65 At-Tahrim (66/114) 67 →
Dubbisi Suuratu At-Tahrim Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

66التحريم At-Tahrim 📚 12 Aayah مدنية

Aayah amma aayah – Suuratu At-Tahrim — 12 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers