PDF —
12 Aayah Medinan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu At-Tahrim pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu At-Tahrim pdf Oromo — Buufi Suuratu At-Tahrim Hiikkaa. Suuratu At-Tahrim (Medinan) 12 Aayah.

← At-TalaqSuuratu At-Tahrim Al-Mulk →


12 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
66:1 Yaa Nabiyyichaa! Maaliif haadholee manaa kee jaalachiisuu barbaaddee waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
66:2 Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuu keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseeraRabbiin gargaaraa keessaniInni beekaa ogeessa
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
66:3 Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara galeYeroo inni isheetti himus “eenyutu kana sitti hime” jette"Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
66:4 Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama)Onneen lamaan keessanii dhugumaan dabdeettiYoo isa irratti wal gargaartanis Rabbiin isatu gargaaraa isaatiJibriiliifi gaggaariin Muuminaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
66:5 Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa haadholee manaa kan isin irra caalan, Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, kan soomanu, kan gursummeeyyiifi durba taan bakka isaaf buusuun ni kajeelama
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
66:6 Yaa warra amantan! Lubbuu keessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isii namootaafi dhagaa heddu tae, irraa eegaaIsheerra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo taantu jiruWaan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu; waan ajajamanis ni hojjatu
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
66:7 Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin mindeeffamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
66:8 Yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti deebiaaGuyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelamaHaala isaan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti dandaaa dha" jedhanuun ifti isaanii fuuldura isaaniitiifi mirga isaanii deema
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
66:9 Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaaii isaan irrattis cimiTeessoon isaaniis ibidda JahannamiDeebichi akkaan fokkate
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
66:10 Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godheGabroota keenya gaggaarii gidduu gabroota lama jala turanii isaan gananIsaan lamaanis (Nuuhifi Luux) adabbii Rabbii irraa isaan hin duroomsine"Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
66:11 Ammas Rabbiin isaan amananiif niitii Firawni fakkeenya godheYeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Firawniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
66:12 Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera)Ruuhii (uumaa) keenya irraa taes isa keessatti afuufneJechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsiteWarra Rabbiif ajajamu irraas taate

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers